CAAMSAA 4, 2022
YUUKREEN
Gocha Jaalalaan Rawwatame
“Imala Isaa Isa Dhumaa Ture”
Waraanni Naannoo Doonetiski Yuukreenitti godhamaa ture yeroo ittuma caalaa deemetti, obboleessi keenya Miikool Bozihedoomoov hamma dandaʼame obboloota naannoo waraanaatii baqachuu barbaadan hedduu gargaaruuf siʼa baayʼee Kiraamaatoriskitti deddeebiʼeera.
Haa taʼu malee, Ebla 8, 2022 yeroo buufanni baaburaa Kiraamaatoriski, Naannoo Doonetiski jiru yeroo boombiidhaan rukutametti ajjeefameera.
Miikool isa umuriin isaa 58 taʼe dabalatee, namoota ajjeefaman 50 ol keessaaa ishiin tokko obboleettii keenya turte. Kana malees, namoota madaaʼan 100 ol taʼan keessaa tokko obboleessa keenya dha. Dhugaa Baatonni miidhaa kana irraa oolan kaan dhoʼisawwan baayʼee guguddaa taʼe lama akka turee fi ciccitaan sibilaa qilleensa keessa akka bittinaaʼe dubbataniiru.
Niinaa ishiin haadha manaa Miikool taaatee fi umuriin ishii 32 taʼe akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo yeroo hundumaa fedhii warra kaaniitiif dursa kenna ture. Keessumaa babalʼistoota maanguddoo taʼanii fi dhukkubsatan gargaaruuf fedhii guddaa qaba ture. Yeroo Kiraamaatoriskitti deebiʼu hundatti haalli isaa caalaatti hammaachaa deema ture. Imala isaa isa dhumaa ture.”
Lamaanuu bara 1997tti waliin cuuphaman. Miikool jaarsa gumii amanamaa taʼee waggoota hedduudhaaf tajaajileera. Obboloonnii fi obboleettonni Niinaatti jaalalaa fi deggersa guddaa argisiisaa jiru. Niinaan, “Jechoonni nama jajjabeessanii fi yeroo baayʼee rakkisaa taʼe kanatti naaf kennan na jajjabeessaa jiru” jetteetti.
Kana malees, Niinaan caqasoota Kitaaba Qulqulluutiin, keessumaa immoo Isaayyaas 40:28-31n akka jajjabaatte dubbatteetti. Akkana jetteetti: “Yihowaan humna koo akkan haareffadhu na gargaaraa jira. Karaa baayʼee guddaa taʼeen jaalala Yihowaa argachaan jira. Kanaan dura, waaʼee jaalala akkasii barreeffama irraa qofan dubbisa ture, amma garuu ofuma kootii arguu dandaʼeera.”
Niinaa fi obboloota sababii waraanaatiin namoota jaallatan duʼaan dhaban hundaaf ni kadhanna. Yihowaan isaan deggeruu isaa akka itti fufu beekna.—Faarfannaa 20:2.