GURAANDHALA 19, 2021
TURKIMEENISTAAN
Obboleessi Umurii digdamaa Azaamaatjaan Naarkuuliiyeev Gadhiifamee Waggaa Tokko Booda Mana Hidhaatti Deebi‵e
Murtii
Amajjii 18, 2021 manni murtii Turkimeen dhimma Obboleessa Azaamaatjaan Naarkuuliiyeev irratti murtii kenne beeksiseera. Sababa qalbii isaatiin mana hidhaa bakka namoota irraa fagaatee argamutti waggaa lamaaf akka hidhamu itti murtaa’e. Loltuu ta‵uu diduu isaatiin yeroo hidhamu kun isa lammaffaadha.
Ibsa Gabaabaa
Azaamaatjaan Naarkuuliiyeev
Bara Dhalootaa: 2000
Seenaa Jireenyaa: Bara 2018 cuuphame. Nama gad of qabu, humna isaa beekuu fi hinaaffaa qabu ta’uudhaan maqaa gaarii qaba. Haatii fi obboleettonni isaa lamas Dhugaa Baatota Yihowaa dha.
Himata
Azaamaatjaan inni umuriin isaa waggaa 20 ta‵e, sababa qalbii isaatiin hidhaa jalqaba itti murtaa‵e kan xumurate Amajjii 7, 2020 ture. Turkimeenstaanitti namoonni sababa qalbiitiin loltuu ta‵uu didan lammata himatamuu waan danda‵aniif, ji‵a shan booda hoggantoonni loltootaa isa waaman. Loltoota meeshaa hidhatanis ta‵e meeshaa hin hidhannee keessatti akka hin hojjenne yaadni inni barreffamaan dhiheesse fudhatama hin arganne.
Muddee 20, 2020 abbaan alangaa naannoo sanaa himata yakkaa isa irratti bane. Dabalataanis hoggantoonni kun paaspoortii isaa irraa fudhatan.
Murtoon isaan amanamoo ta‵uuf godhan guddaa akka isaan kiisu waan beeknuuf, Azaamaatjaanii fi maatii isaatiif ni kadhanna. Kitaabni Qulqulluun, “Nama amanamaa ta‵eef, amanamaa [Yihowaan] ni taata” jechuudhaan nuuf mirkaneessa.—Faarfannaa 18:25.