BITOOTESSA 31, 2021
RAASHIYAA
Obboleessi Oleegi Daaniiloov Dhimmi Isaa Hatattamaan Erga Ilaalamee Booda Waggaa Sadii Itti Murtaaʼe
ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Obboleessi Keenya Ooleegi Daaniiloov Dhiheesse Fudhachuu Dide
Caamsaa 25, 2021 Manni Murtii Naannoo Kiraasnadaar ol iyyannoo dhimma obboleessa keenya Ooleegi Daaniiloov ilaalchisee dhihaate fudhachuu dideera. Hidhaan waggaa sadii isatti murtaaʼee ture hojii irra ni oola.
Guyyaa Murtiin Itti Kenname
Manni Murtii Koonyaa Abiiniskii inni Naannoo Kiraasnadaar jiru Bitootessa 30, 2021 dhimma Obboleessa Oleegi Daaniiloov irratti murtii kenne. Waggaa sadii akka hidhamu itti murtaaʼeera. Manni murtii erga itti murteessee booda yeruma sana mana hidhaa galfameera.
Ibsa Gabaabaa
Oleegi Daaniiloov
Bara Dhalootaa: 1974 (Usoolyii Siibiirsikooyii, Saayibeeriyaa)
Seenaa Jireenyaa: Warri abbaa fi haadha isaa Dhugaa Baatota Yihowaa gara Saayibeeriyaatti geeffaman irraa bara 1958titti dhugaa dhagaʼan. Abbaa fi haadha Kiristiyaana taʼaniin guddate. Bara 1991tti cuuphame
Haadha manaa isaa Naataaliyaa wajjin bara 1995 gaaʼela godhatan. Ilmaan lama qabu. Maatichi bakka adda addaa deemuu fi yeroo waliin dabarsuu jaallatu
Himata
Manni Obboleessa Oleegi jalqaba kan sakattaʼame Ebla 29, 2020 ture. Poolisoonni yeroo kanatti barreeffamoota dhorkaman kan hin arganne taʼus, moobaayilootaa fi miʼoota dhuunfaa maatichaa fudhatan. Oleegi balleessaa akka raawwate ragaan argisiisu jiraachuu baatus, Sadaasa 2020 qorannoon yakkaa isa irratti geggeeffamuu eegale. Yakki inni ittiin shakkame, barumsa amantii barsiisuu, haasaa kennuu fi maree Kitaaba Qulqulluu irratti hirmaachuu dha.
Muddee 2, 2020 ganama keessaa saʼaatii 12tti poolisoonni yeroo lammataaf mana Oleegi weeraruudhaan guutummaatti sakattaʼan. Sana booda buufata poolisiitti geeffamee qoratame.
Manni murtii Oleegi yeroo jalqabaatiif Bitootessa 23, 2021 murtiitti akka dhihaatu beellama qabachuudhaan dhimma isaa hatattamaan ilaaleera. Namni qorannoo yakkaa isa irratti geggeesse Koomisaroov kan jedhamu yoo taʼu, obboleessa Aleeksaandar Ivishiin isa umuriin isaa waggaa 63 taʼe irrattis qorannaa yakkaa kan godhe qorataa kana dha. Guraandhala 2021 dhimmi isaa hatattamaan erga ilaalamee booda obboleessa Aleeksaandaritti hidhaan waggaan torbaa fi walakkaa itti murtaaʼe.
Taʼeen kun Oleegii fi maatii isaa irratti dhiphina kan geessisu taʼus, Waaqni keenya Yihowaan hojii fi jaalala isaan maqaa isaatiif argisiisan matumaa akka hin irraanfanne beekna.—Ibroota 6:10.