BITOOTESSA 1, 2024
RAASHIYAA
Obboleessi Aleeksaandar Chagoon Hidhaan Waggaa Saddeetii Itti Murtaaʼe
Guraandhala 29, 2024 Manni Murtii Tooliyaatii Aanaa Seentiraalinii Naannoo Samaaratti argamu obboleessa keenya Aleeksaandar Chagoon waggaa saddeet akka hidhamu itti murteesse. Mana murtichaatii kallattiidhaan gara mana hidhaatti geeffameera.
Ibsa Gabaabaa
Obboleessa keenya Aleeksaandarii fi obboloota maqaa isaatiif hinaaffaa argisiisuu isaanii itti fufan hundarratti Yihowaan ‘fuula isaa akka ibsu’ kadhachuu keenya itti fufna.—Faarfannaa 119:135, 139.
Chaartii Yeroo
Bitootessa 4, 2022
Manni isaa ni sakattaʼame
Fulbaana 14, 2022
Himanni yakkaa isa irratti baname
Fulbaana 21, 2022
Manni isaa yeroo lammaffaatiif ni sakattaʼame
Fulbaana 22, 2022
Qorannaan irratti geggeeffamee halkanuma sana mana hidhaa gale
Fulbaana 23, 2022
Erga hiikamee booda, akka hin imalle dhorkame
Hagayya 23, 2023
Himanni yakkaa ishii irratti dhihaate ilaalamuu jalqabe
Guraandhala 29, 2024
Yakkamaa akka taate itti murteeffamee, waggaa saddeet akka hidhamu itti murteeffame
a Obboleessi Aleeksaandar yaada kana kan kenne mana hidhaa galuu isaa duradha.