HAGAYYA 5, 2021
RAASHIYAA
ODUU HAAAREFFAME | Obboleessi Dimitirii Terebiloov Al Shanaffaaf Hidhamuuf Jedha, Sababa Amantii Isaafimmoo Yeroo Jalqabaaf
Fulbaana 22, 2022 Manni Murtii Ol Iyyannoo Waliigalaa Lammaffaan ol iyyannoo obboleessi keenya Dimitirii Terebiloov yeroo lammaffaadhaaf dhiheesse fudhachuu dideera. Dimitiriin ammas mana hidhaa jira.
Amajjii 12, 2022 Manni Murtii Naannoo Kostiroomaa ol iyyannoo Dimitirii fudhachuu dideera.
Chaartii Yeroo
Fulbaana 6, 2021,
Manni Murtii Koonyaa Siviridilaaviskii inni magaalaa Kostiroomaatti argamu Dimitiriitti hidhaa waggaa sadii murteesse. Murtiin kun erga itti murtaaʼe utuma baayʼee hin turin ni hidhame.
Fulbaana 8, 2020
Himanni yakkaa Dimitirii irratti dhihaate ilaalamuu eegale
Caamsaa 25, 2020
Dimitiriin yakkaan himatamee akka hin imalle dhorkaan irratti godhame
Fulbaana 19, 2019
Herregni baankii Dimitirii ni dhorkame
Waxabajjii 13, 2019
Dimitiriin barreeffamoota dhorkaman waan raabsee fi walgaʼii jaarmiyaan dhorkame godhu irratti waan hirmaateef himanni yakkaa irratti dhihaate
Adoolessa 25, 2018
Dimitirii fi haati manaa isaa walgaʼii naannoo Moldoovaatti godhame hirmaatanii utuu deebiʼaa jiranii manni isaanii ni sakattaʼame. Akkuma isaan mana gaʼaniin poolisoonni isaan hidhanii qorannoo isaan irratti godhan
Ibsa Gabaabaa
Dimitiriin ‘Maqaa Kiristoosiif jedhee arrabsamuu’ isaa itti fufee yommuu jiru kanatti ‘hafuurri ulfinaa, eeyyee, hafuurri Waaqayyoo akka isa irra buufatu’ amanannaa guutuu qabna.—1 Pheexiros 4:14.