AMAJJII 27, 2022
KOORIYAA KIBBAA
Kooriyaatti, Koomiishiniin Mirga Namummaa Biyyoolessaa, Tajaajila Bakka Tajaajila Loltummaa Buʼee Kennamu Irratti Sirreeffamni Akka Godhamu Gaafate
Itti gaafatamaan mirgoota namummaa Kooriyaa Kibbaa, tajaajilli bakka tajaajila loltummaa buʼee kennamu qajeelfama mirgoota namummaa biyyoolessaa wajjin akka hin deemne ibsaniiru.
Muddee 2, 2021tti, itti gaafatamaa haaraa, Koomiishinii Mirgoota Namummaa Kooriyaa (NHRCK), a kan taʼan Dura Taaʼaa Sangi Doo-hiwaan, weebsaayitii isaanii irratti ulaagaan tajaajila bakka tajaajila loltummaa buʼee kennamu irratti argamu jijjiiramuu akka qabu ibsaniiru. Kooriyaan Kibbaa, tajaajila bakka tajaajila loltummaa kennamu kana hojiirra oolchuu kan jalqabde Onkoloolessa 26, 2020tti dha.
Yaadni isaan dubbatan walakkaan isaa akkana jedha: “Tajaajilli bakka tajaajila loltummaa kennamu kun hojiirra ooluu kan jalqabe, Koreen Raawwachiistuu Seera Mootummaa bara 2018tti murtoo erga dabarsee booda taʼus, yaada seerri kun seera Mirga Namummaa Biyyoolessaa wajjin akka wal simuuf sirreeffamuu qaba jedhu irratti guutummaa guutuutti waliin gala . . .”
Obbo Saangi yaada kana kan dubbatan, bakka buutota waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Kooriyaa Kibbaa fi Waldaa Dhugaa Baatota Yihowaa Eeshiyaa Paasfiikii wajjin Sadaasa 23, 2021tti erga wal arganii booda ture. Obboloonni keenya, Obbo Saangiif Gabaasa Waldaa Dhugaa Baatota Yihowaa Eeshiyaa Paasfiikiitiin qophaaʼee fi mata dureen isaa “Hojii Iddoo Tajaajila Bakka Tajaajila Loltummaa Kennamuu Buʼuu Dandaʼu—2021” jedhu dhiheessanii turan.
Gabaasni dhihaate, Kooriyaa Kibbaa keessatti tajaajilli bakka tajaajila loltummaa kennamu seera biyyoolessaa kan cabsu akka taʼe ibsa. Tajaajilli kennamu jiʼoota 36f kan turu yeroo taʼu, kun immoo tajaajila loltummaatti dachaa lama taʼa. Sagantaan tajaajila bakka tajaajila loltummaa akka buʼuuf baʼe kun, namoonni akka hidhamtootaatti akka jiraatan kan godhu dha. Yeroo ammaatti, namoonni sababa amantii isaaniitiin loltuu taʼanii tajaajiluu didan mana hidhaa keessa akka hojjetan taasifamu. Haataʼu malee, hojii kana jalqabanii hanga jiʼa tokkootti mooraa mana hidhaa keessaa baʼuun isaaniif hin heyyamamu. Jiʼa tokko boodas, baʼuu kan dandaʼan heyyama yoo argatan qofa yeroo taʼu, galgala saʼaatii 3:30 tti deebiʼuu qabu.
Koomiishiniin Mirgoota Namummaa Kooriyaa, tajaajila kana irratti sirreeffamni akka taasifamuuf ol iyyannoo namoonni tajaajila bakka tajaajila loltummmaa kennamu kana irratti hirmaatan dhiheeffatan ilaalaa jira. Koomiishiniin Mirgoota Namummaa Kooriyaa, seera baʼe jijjiiruuf mirga kan hin qabne taʼus, qaama seera tumuuf yaada dhiheessuu ni dandaʼa.
Obboloonni keenya Kooriyaa Kibbaa keessa jiran, amantii guddaa fi ejjennoo cimaa akka qaban argisiisaa jiraachuun isaanii baayʼee kan nama jajjabeessu dha. Yihowaan akka isaan gargaarus beekna.—Faarfannaa 55:22.
a NHRCKn dhaabbata mirga namummaatiif deggersa gochuuf bara 2001tti hundeeffame dha.