AMAJJII 2, 2020
FILIPPIINSI
Obomboleettiin Faanfoon jedhamu Filippiinsiin rukute
Obomboleettiin Faanfoon jedhamu Filippiinisitti Ursuulaa jedhames kan beekamu siʼa taʼu, odola koonyaa baha Saamaar keessatti argamu Muddee 24, 2019tti rukutee ture. Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa balaa kanaan kan duʼes taʼe kan miidhame tokko illee hin jiru. Taʼus, manneen Dhugaa Baatotaa, 464 fi Galma Walgaʼii 6 irra miidhaan gaʼee ture. Obboloota odolawwan hedduu keessatti argamanii fi balaa kanaan miidhamaniif karaa hafuuraa fi karaa foonii wanta barbaachisu akka dhiheessaniif Waajjirri Damee Filippiinsi Koree Gargaarsaa shan hundeessee ture.
Obomboleettiiwwan bara 2019tti Filippiinsiin rukutan keessaa Faanfoon isa 21ffaa dha. Dabalataanis dhiheenya kana kirkirawwan lafaa kutaa kibbaa biyyattii rukutaniiru. Kanaan kan kaʼes, yeroo ammaa walumaa galatti Koreewwan Gargaarsaa 18 hojjechaa jiru.
Obboloonni keenya Filippiinsi keessa jiran Waaqa keenya Yihowaa isa ‘jaalala guddaa qabuu fi gara laafessa’ taʼetti amanamuudhaan jabaatanii dhaabachuu isaaniitti ni galateeffanna.—Yaaqoob 5:11.