DAMMAQINAAN EEGAA!
Namoonni Baayʼeen Namoota Siyaasaarratti Amantii Dhabaa Jiru—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Yeroo kamiyyuu caalaa bara 2024tti biyyoota hedduutti filannoon ni geggeeffama. Haa taʼu malee, namoonni baayʼeen namoota siyaasaarratti amantii dhabaa jiru.
Ameerikaa keessatti namoota gaaffiin dhihaateef keessaa baayʼeensaanii, “namoonni siyaasaa hedduun” siyaasa keessa kan galan uummata tajaajiluu barbaadanii utuu hin taʼin, “ofittummaadhaan kakaʼanii” akka taʼe dubbataniiru. a—Pew Research Center, Fulbaana 19, 2023.
Dargaggoonni hedduunis namoota siyaasaarratti amantii dhabaa jiru.
“Dargaggoonni umurii waggoota kurnanii keessa jiran yeroo baayʼee waaʼee dhimmoota barbaachisoo taʼanii kan yaaddaʼan taʼus, qorannoo geggeeffamerratti akka ibsanitti namoonni siyaasaa furmaata kennuu akka hin dandeenye dubbataniiru.”—The New York Times, Amajjii 29, 2024.
“Odeeffannoon tokko akka ibsetti, dargaggoonni hedduun namoota siyaasaa caalaa Yuutibaroota amanu.”—The Korea Times, Amajjii 22, 2024.
Namoonni siyaasaa haala amma jiru akka fooyyessan amanuu ni dandeenyaa? Eenyuun amanuu dandeenya?
Nama amantu of eeggannoodhaan filadhu
Namoonni nama amanan yeroo filatanitti of eeggannoo gochuunsaanii sirriidha. Kitaabni Qulqulluun, “Namni gowwaan wanta dubbatamu hundumaa amana, namni abshaalli garuu tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala” jedha.—Fakkeenya 14:15.
Yaada odeeffannoo si gaʼu akkamitti gamaaggamuu akka dandeessu ibsu argachuuf mata duree, “Odeeffannoo Dogoggoraa Irraa Of Eegi” jedhu dubbisi.
Kana malees, namoonni siyaasaa amanamoo taʼanii fi kakaʼumsa gaarii qabanillee wanti gochuu dandaʼan kan daangeffamedha. Kitaabni Qulqulluun akeekkachiisa akkana jedhu kan kennu kanaafi:
“Bulchitootatti, ilmaan namootaa warra fayyina argamsiisuu hin dandeenyettis hin amanaminaa.”—Faarfannaa 146:3.
Bulchaa amanuu dandeessu
Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo geggeessaa guutummaatti gaʼumsa qabuu fi amanamaa taʼe akka nuuf muude dubbata; innis Yesuus Kiristoosi. (Luqaas 1:32, 33) Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyooti; Mootummaan kun samiirraa bulcha.—Maatewos 6:10.
Yesuus irrattis taʼe wanta inni rakkoowwan keenya furuuf godhurratti amantii qabaachuu kan dandeessu maaliif akka taʼe baradhu. Mata duree, “Mootiin Mootummaa Waaqayyoo Eenyu Dha?” jedhuu fi “Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?” jedhu dubbisi.
a Pew Research Center, “Americans’ Dismal Views of the Nation’s Politics,” Fulbaana 2023.