Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Thai Liang Lim/E+ via Getty Images

DAMAQINAAN EEGAA!

Weebsaayitiin Hawaasaa Ijoollee Keessan Miidhaa Jiraa?—⁠Kitaabni Qulqulluun Warra Gargaaruu Kan Danda’u Akkamitti?

Weebsaayitiin Hawaasaa Ijoollee Keessan Miidhaa Jiraa?—⁠Kitaabni Qulqulluun Warra Gargaaruu Kan Danda’u Akkamitti?

 Doktarri Viiveek Murtii jedhamanii fi Yuunaayitid Isteetisitti yaalii baqaqsanii wal’aanuu waliigalaarratti hojjetan, “Dhibee sammuu cimaa yeroo ammaatti dargaggootarratti mul’achaa jiruuf sababni inni guddaan weebsaayitii hawaasaatti” jedhaniiru. New York Times, Waxabajjii 17, 2024.

 Warri ijoolleesaanii balaa weebsaayitiin hawaasaa geessisurraa eeguu kan danda’an akkamitti? Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii kenna.

Wanta warri gochuu danda’an

 Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu kanarratti yaadaa.

 “Namni abshaalli . . . tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala.”—Fakkeenya 14:15.

 Weebsaayitiin hawaasaa miidhaa cimaa waan geessisuuf ijoolleen keessan akka itti fayyadaman heyyamuufii akka qabdan isinitti dhagaʼamuu hin qabu. Mucaan keessan weebsaayitii hawaasaatti akka fayyadamu heyyamuu keessan dura yeroo isaaf murteessitan qofatti akka fayyadamu, hiriyoota gaarii akka qabatuu fi wantoota sirrii hin taane akka hin ilaalle mirkaneeffadhaa.

 “Yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.”—Efesoon 5:16.

 Mucaan keessan weebsaayitii hawaasaa akka fayyadamu ykn fayyadamtu yoo heyyamtan akkaataa itti fayyadamu ilaalchisee seera baasaafii, akkasumas faayidaa seerichi qabu ibsaafii. Haataʼu malee, jijjiirama amalaa mucaa keessanirratti mulʼatu dammaqinaan hordofaa; akkas gochuun keessan yeroo weebsaayitii hawaasaatti fayyadamu daangessuuf isin gargaara.

Caalaatti Baradhu

 Kitaabni Qulqulluun “yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe” keessa akka jiraannu dubbata. (2 Ximotewos 3:1-5) Garuummoo akkamitti dandamachuu akka dandeenyu kan nu gargaaru gorsa yeroon itti hin darbine ni kenna. Matadureewwan Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan, 20 ol taʼanii fi warraa fi ijoollee gargaaruuf qophaaʼan, mataduree dhibee sammuu dargaggootaa jedhu kanarratti argamu.