Iyyi Namoonni Haqa Argachuuf Dhageessisan Deebii ni Argata Laata?
Hawaasni jalʼinni haqaa isa irratti hin raawwatamne hin jiru. Mee namoota jalʼina haqaatiin mana hidhaa galanii wajjin haala wal qabateen fakkeenya lama qofa haa ilaallu:
Amajjii 2018, dubartiin Yuunaayitid Isteetis keessatti abbaa murtii taate takka namni gara waggoota 38f hidhame tokko akka gadhiifamu murteessite. Namni kun yakka ittiin himatame akka hin raawwanne DNAdhaan mirkaneessuun dandaʼameera.
Fulbaana 1994, dargaggoonni biyya Afriikaa tokko keessa jiraatan sadii qalbiin isaanii tajaajila loltummaa kennuu waan isaaniif hin heyyamneef hidhamanii turan. Fulbaana 2020 erga hidhamanii waggoota 26 taʼa; waggaa hamma kana kan hidhaman garuu karaa seera isaa eegeen himanni utuu isaan irratti hin dhihaatin ykn mana murtiitti utuu hin dhihaatini dha.
Atis jalʼinni haqaa si irra gaʼee beeka taanaan, akkuma Iyyoob isa bara duriitti jiraatee fi “Gargaarsa argachuuf nan iyya, garuu haqni hin jiru” jedhee sitti dhagaʼama taʼa. (Iyyoob 19:7) Haqa dhugaa argachuun matumaa kan hin dandaʼamne fakkaatus, Kitaabni Qulqulluun garuu yeroon iyyi namoonni haqa argachuuf dhageessisan deebii itti argatu akka dhufu waadaa galeera. Kana malees, gorsi ogummaa irratti hundaaʼee fi Kitaaba Qulqulluu keessa jiru yeroo ammaatti illee jalʼina haqaa si irra gaʼu akka dandamattu si gargaaruu dandaʼa.
Wanti jalʼinni haqaa akka raawwatamuuf sababa taʼe maali dha?
Namoonni jalʼina haqaa raawwatan namoota qajeelfama Waaqayyootiif dantaa hin qabne dha. Kitaabni Qulqulluun haqni dhugaan Waaqayyo biraa akka argamu dubbata. (Isaayyaas 51:4) Kitaaba Qulqulluu keessatti akkaataa jechi “haqa” jedhuu fi jechi “qajeelʼina” jedhu itti hiikamu kan wal qabate dha. (Faarfannaa 33:5) Akka ulaagaalee Waaqayyootti qajeelina, jechuunis wantoota sirrii taʼan raawwachuun haqa qabeeyyii taʼuuf nama gargaara. Faallaa kanaan immoo, ulaagaalee Waaqayyo qajeelinaaf baasee hordofuu dhiisuun, jechuunis cubbuu hojjechuun jalʼina haqaa raawwachuutti nama geessa. Mee fakkeenyawwan armaan gadii haa ilaallu:
Ofittummaa. Fedhiin ofittummaa irratti hundaaʼee fi cubbuun kan wal qabate dha. (Yaaqoob 1:14, 15) Namoonni hedduun wanta barbaadan tokko argachuuf namoota kaan irratti jalʼina haqaa raawwachuudhaan isaanitti fayyadamu. Faallaa kanaatiin garuu, Waaqayyo faayidaa namoota kaaniif dursa akka kenninu barbaada.—1 Qorontos 10:24.
Beekumsa dhabuu. Namoonni tokko tokko namoota kaanitti kan hammaatan utuu isaanitti hin beekamin taʼuu dandaʼa, kunis garuu Waaqayyo duratti cubbuu dha. (Roomaa 10:3) Jalʼinawwan haqaa seenaa ilmaan namootaa keessatti raawwataman keessaa inni hunda irra caalu, jechuunis Yesuus Kiristoos akka ajjeefamu sababii kan taʼe beekumsa dhabuu dha.—Hojii Ergamootaa 3:15, 17.
Sirna namootaa buʼa qabeessa hin taane. Akka yaadaatti sirnoonni siyaasaa, daldalaa fi amantaa haawaasa keessatti haqni akka jiraatu gochuutu isaan irraa eegama. Dhugaan isaa garuu, jalʼina haqaa gara malaanmaltummaa, loogii, sassata, akkaataan jireenyaa garaagarummaa guddaa qabu jiraachuun isaa fi wal dandaʼuu dhabuu namootaatiif adda durummaadhaan kan itti gaafatamu sirnoota kana dha. Namoonni tokko tokko sirnoota kanneen kan deeggaran yaada gaariidhaan kakaʼanii ti. Taʼus, oolee bulee carraaqqiin isaan qajeelfama Waaqayyoo dhiisuudhaan godhan kam iyyuu milkaaʼina qabaachuu hin dandaʼu.—Lallaba 8:9; Ermiyaas 10:23.
Jalʼinni haqaa namoota irra gaʼaa jiru Waaqayyoon ni yaaddessaa?
Eeyyee, Waaqayyo jalʼina haqaas taʼe yaada fi gocha jalʼina haqaatiif sababii taʼe hunda ni jibba. (Fakkeenya 6:16-18) Isaayyaas raajichi geggeessaa hafuuraatiin, “Ani Yihowaan a haqa nan jaalladha; saamichaa fi jalʼina nan jibba” jedhee akka barreessu isa kakaaseera.—Isaayyaas 61:8.
Seerri Waaqayyo saba Israaʼel duriitiif kenne, sabni isaa haqa akka raawwatan kan barbaadu taʼuu isaa argisiisa. Abbootiin murtii mattaʼaa akka hin fudhannee fi wantoota haqa akka jalʼisan isaan taasisan kan biroo akka hin raawwanne isaan ajajeera. (Keessa Deebii 16:18-20) Israaʼeloota namoota hiyyeeyyii fi harka qalleeyyii taʼan irratti hammina raawwachuudhaan utuu isaan hin ajajamin hafan balaaleffateera; dhuma irrattis ulaagaalee isaa hordofuu waan dhiisaniif guutummaatti isaan dhiiseera.—Isaayyaas 10:1-3.
Waaqayyo jalʼina haqaa ni dhabamsiisaa?
Eeyyee. Waaqayyo Yesuus Kiristoositti fayyadamee cubbuu isa jalʼina haqaatiif sababa taʼe ni dhabamsiisa, akkasumas akkuma jalqaba Waaqayyo yaadee ture deebisee ilmaan namootaa mudaa kan hin qabne akka taʼan godha. (Yohaannis 1:29; Roomaa 6:23) Kana malees, Mootummaa addunyaa qajeelummaan keessa buufate fiduu fi namni hundi haqa akka argatu taasisu hundeesseera. (Isaayyaas 32:1; 2 Pheexiros 3:13) Waaʼee Mootummaa samii kanaa odeeffannoo dabalataa argachuuf, viidiyoo Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha? jedhamu ilaali.
Addunyaan qajeelummaan keessa buufate keessatti namoonni jireenya akkamii jiraatu?
Yeroo guutummaa lafaa irra haqni jiraatutti namni hundi nagaa fi tasgabbiidhaan jiraata. (Isaayyaas 32:16-18) Waaqayyo lubbuu ilmaan namootaa hundaa qixxeetti waan ilaaluuf, namni jalʼina haqaa isa irratti raawwatu hin jiraatu. Gaddi, iyyii fi dhiphinni jalʼina haqaa wajjin wal qabatee dhufu bara baraaf ni dhabamsiifama, yaadannoon jalʼinawwan haqaa nu irraan geessisan illee suutuma suuta sammuu keenya keessaa guutummaatti ni badu. (Isaayyaas 65:17; Mulʼata 21:3, 4) Kana ilaalchisee odeeffannoo dabalata argachuuf, mata duree “Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?” jedhu ilaali.
Waadaa Waaqayyo addunyaa jalʼina haqaa irraa walaba taʼe akka fidu gale dhugumaan amanuun ni dandaʼamaa?
Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun kitaaba raajii amanamuu dandaʼu qabate, seenaa fi saayinsii wajjin wal bira qabamee yommuu ilaalamu sirrii kan taʼee fi kutaawwan isaa hundi kan walsimu dha; kunis abdiiwwan Kitaabaa Qulqulluu keessatti kennaman amanuun akka dandaʼamu kan argisiisu dha. Kana ilaalchisee mata dureewwan armaan gadii ibsa dabalataa kennu:
Yeroo ammaatti jalʼina haqaatiif qabsaaʼuu ilaalchisee maal jechuutu dandaʼama?
Namoonni gaariin bara duriitti jiraatan jalʼinni haqaa akka isan irratti hin raawwatamne gochuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhaniiru. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan himanni sobaa duʼaan isa adabsiisuu dandaʼu isa irratti dhihaatee ture. Phaawulos jalʼina haqaa kana akkasumaan fudhachuu mannaa, mirga seeraa qabutti fayyadamee Qeesaaritti ol iyyateera.—Hojii Ergamootaa 25:8-12.
Taʼus, carraaqqiin ilmaan namootaa jalʼina haqaa addunyaa mara irratti argamu guutummaa guutuutti dhabamsiisuuf taasisan isaaniif milkaaʼuu hin dandaʼu. (Lallaba 1:15) Haa taʼu malee, namoonni hedduun waadaa Waaqayyo addunyaan qajeelummaan keessa buufate fiduuf gale irratti amanannaa qabaachuun isaanii, jalʼinni haqaa yommuu isaan irratti raawwatamu akka tasgabbaaʼanii fi nagaa sammuu akka qabaatan isaan gargaareera.
a Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyoo ti.—Faarfannaa 83:18.