DAMMAQINAAN EEGAA!
Bara 2024tti Abdii Qabaachuu—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Namoonni hedduun rakkoowwan bara 2024 addunyaa mudatuuf furmaanni hin argamu jedhanii yaadu. Taʼus, yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii qabaachuu dandeenya. Garuu eessaa?
Kitaabni Qulqulluun abdii kenna
Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyoo rakkoowwan yeroo ammaatti jireenyi keenya abdii kan hin qabne fakkeessaniif furmaata akka kennu waadaa akka gale dubbata. Dhiheenyatti Waaqayyo, “imimmaan hundumaa ija [keenya] irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.”—Mulʼata 21:4.
Abdii Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee gale caalaatti beekuuf, mata duree “Abdii Amansiisaa Gara Fuulduraatti Raawwatamu” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.
Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaatti si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii ilaalcha dogoggoraa akka dandamattuu fi caalaatti ilaalcha gaarii akka qabaattu si gargaaru siif kenna. (Roomaa 15:13) Gorsi gaariin Kitaabni Qulqulluun kennus, rakkoowwan yeroo ammaatti si mudachuu dandaʼan, kanneen akka hiyyummaa, jalʼina haqaa fi dhukkubaa jiran dandamachuuf si gargaara.
Abdiin Kitaabni Qulqulluun kennu, nama hiyyummaadhaan guddate tokkoof nagaa fi gammachuu argachuuf kan isa gargaare akkamitti akka taʼe hubadhu. Viidiyoo Huwaan Paabloo Sermeeniyoo: Yihowaan Jireenya Kaayyoo Qabu Akkan Jiraadhu Na Gargaareera jedhu akka daawwattu si jajjabeessina.
Kitaabni Qulqulluun ceephoo, gadda, dhiphinaa fi miira nama jaallattu yeroo duʼaan dhabdutti sitti dhagaʼamu dandamachuuf akkamitti akka si gargaaru hubadhu. Mata duree “Kitaaba Qulqulluu Keessaa Yaada Na Jajjabeessu Argachuu Nan Dandaʼaa?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.
Dubartiin kanaan dura loltuu turte tokko ‘gammachuu fi dantaa kan hin qabne’ akka taatetti of ibsite Kitaaba Qulqulluu barachuu ishiitiin abdii kan qabaatte akkamitti akka taʼe ilaali. Viidiyoo Qawwee Koon Gate jedhu akka daawwattu si jajjabeessina.
Barri 2024 siifis taʼe maatii keetiif gaarii akka taʼu godhi. Gama kanaan Kitaabni Qulqulluun akkamitti akka si gargaaru caalaatti baradhu. Barumsa Kitaaba Qulqulluu mareedhaan tola kenninu baradhu. Waaqayyo yeroo ammaatti “nagaa,” gara fuulduraattimmoo “egeree gaarii fi abdii” akkamitti akka sii kennu baradhu.—Ermiyaas 29:11.