Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

Dhaabbata Aadaa Dhugaa Kitaaba Qulqulluu Barsiisu

Dhaabbata Aadaa Dhugaa Kitaaba Qulqulluu Barsiisu

 Barattoonni Kitaaba Qulqulluu idil adunyaa yeroo booda Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamanii waamaman namoota Meeksikoo keessummaa simachuu jaallataniif haala gurmaaʼeen lallabuuf carraaqqii gochuu kan jalqaban bara 1917​tti ture. Waggoota hedduu booda namoonni garaa qajeelaa qaban baayʼeen Yihowaa waaqeffachuu jalqaban. Haa taʼu malee, yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti mootummaan Meeksikoo bakka itti lallabnuu fi gamoowwan walgaʼiiwwan keenya itti godhannu ilaalchisee rakkina uume.

 Yeroo sanatti, seerri Meeksikoo waaqeffannaan kamiyyuu gamoo mootummaa keessatti godhamuu akka qabu ajaja ture. Haalli kun baayʼee rakkisaa ture. Sababiin isaas walgaʼiiwwan naannoo galma namoonni itti walitti qabamanitti, walgaʼiiwwan torbee immoo mana Dhugaa Baatota Yihowaatti godhama, akkasumas karaa irrattii fi manaa gara manaatti lallabama turre.

 Seerichaaf ajajamuuf bara 1943​tti dhaabbata siviilii fi aadaa buʼaadhaaf hin hundoofnee fi barumsa namoonni jireenya isaanii akka fooyyessan gargaaru kennutti galmeeffamne. Akka dhaabbata amantiitti utuu hin taʼin akka dhaabbata aadaatti galmaaʼuun mirga keenya nuuf eegeera. Kanaan kan kaʼes walgaʼii fi lallabni keenya gamoowwan qabeenya mootummaa taʼanitti daangeffamuun ni hafe.

 Sochiin keenya sagantaa aadaa fi barumsaa kan dabalatudha. Kanaan kan kaʼes, ulaagaa seerri mootummaa dhaabbata siviilii fi aadaa irraa eeguuf ajajamuu dandeenyeerra. (Roomaa 13:1) Dhugaadha, kaayyoon keenya ammayyuu dhugaa Kitaaba Qulqulluu namoota barsiisuudha. (Isaayaas 48:17, 18) Utuu hin turin Yihowaan qophii haaraa kana akka eebbise argine. Haalli kun namoonni hedduun gara dhugaatti akka dhufan buʼuura kaaʼeera.

Akkaataa Itti Lallabnu Irratti Jijjiirama Gochuu

 Meeksikootti hojiin keenya inni guddaan yeroo hunda misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuudha. Haa taʼu malee, akkuma Phaawulos ergamaa nutis haalicha wajjin walsimuun tajaajila irratti akkaataa dhiheenyaa keenya ni jijijjiirra. (1 Qorontos 9:20-23) Fakkeenyaaf, Phaawulos Ariyosfaagositti namoota Ateenaatti yeroo dubbate Kitaaba Qulqulluu irraa hin caqasne. (Hojii Ergamootaa 17:22-31) Haaluma wal fakkaatuun, yeroo lallabnutti Kitaaba Qulqulluu hin qabannu ykn namootaa wajjin yeroo mariʼannu irraa hin caqasnu.

Bara 1945 Dhugaa Baatonni Kitaaba Qulqulluu utuu hin qabatin hojii lallabaarratti yeroo hirmaatan

 Isaabeel akkana jetteetti: “Bakka buutota dhaabbata aadaa fi barumsaa akka taane of beeksisna turre. Yeroo baayʼee mata dureewwan Dammaqaa! kallattiidhaan Kitaaba Qulqulluu hin caqasne irrattan xiyyeeffadha.” Namni sun waaʼee Waaqayyoo caalaatti barachuuf fedhii yoo qabaate hoo? Yeroo sanatti dhugaa Kitaaba Qulqulluu isaanitti himna. Awurooraan akkana jetteetti: “Kitaaba Qulqulluu qabannee waan hin deemneef caqasoota hedduu yaadatti qabachuu qabna ture.” Namoonni haasofsiisnu Kitaaba Qulqulluu isaaniitti yeroo fayyadamnu baayʼee jaallatu.

Lallaba Manaa Gara Manaa Keenyaaf Falmuu

 Namni kamiyyuu yoo nu gaafate hojiin keenya seeraan beekamaa akka taʼe deebii kennuuf qophaaʼoo turre. (Filiphisiyus 1:7) Waraqaa mootummaa biratti fudhatama akka qabnu argisiisu qabaachuun keenya nu gargaareera. a Maariyaan, “Waraqaa eenyummaa Barreessaan Dhimma Alaa itti mallatteesse qabannee deemna” jetteetti. Saamuʼel immoo akkana jedheera: Abbootiin taayitaa nu dhaabanii wanta nuti hojjennu yoo nu gaafatan kaardii keenya itti argisiisna.”

 Waraqaan eenyummaa keenya mormiin yeroo nu mudatu nu gargaareera. Fakkeenyaaf Hesuus inni Bulchiinsa Haliskoo keessatti tajaajilaa ture akkana jedheera: “Bara 1974ti hojii keenya dhaabsisuuf jecha jeequmsa luba tokkoon qindeeffameen hiriyoota gaaʼelaa Dhugaa Baatuu taʼan tokkoo fi ana qabanii abbootii taayitaa naannichaatti nu geessan. Waraqaa eenyummaa keenya abbootii taayitaa sanatti kan argisiisne yeroo taʼu, kun hundisaanii akka tasgabbaaʼan godhe. Gargaarsa seeraa argachuun keenya namoota naannichaa fedhii qaban gargaaruu keenya itti fufuuf nu dandeessiseera. Yeroo harʼaa magaalicha keessa gumii baayʼeetu jira.”

Qayyabannaa Kitaaba Qulqulluu fi Barumsa Buʼuuraa

 Dhaabbata siviilii barumsa jajjabeessu waan taaneef kaffaltii malee namoota dubbisuu barsiisuuf afeerre. b Ariʼeel akkana jedheera: “Qophiin kun yeroo barbaachisaa taʼetti dhufe. Yeroo sanatti namoonni hedduun mana barumsaa galanii kan hin baranne taʼus Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf fedhii guddaa qabu turan. Dubbisuu fi barreessuu namoota kan barsiisnu yeroo taʼu utuu hin turinis baayʼeen isaanii nu wajjin Kitaaba Qulqulluu qayyabachuu jalqabu.”

 Ruut akkana jetteetti; “Qubee dubbisuu erga jalqabanii booda Kitaaba Qulqulluu qayyabachuu achumaan itti fufu.” Dubbisuu fi barreessuu dandaʼuun isaanii gammachuu isaaniif argamsiiseera. Gama hafuuraatiin guddina isaan argisiisan arguu dandeenyeerra.”

 Dhugaa Baatonni Yihowaa akka dhaabbata siviilii fi aadaatti kan galmeeffaman turan bara 1943-1993​ttidha. Baroota kana gidduutti namoota 127,000 ol dubbisuu fi barreessuu akka dandaʼan, namoota 37,000 ol taʼan immoo dubbisuu fi barreessuu akka fooyyeffatan gargaarreerra. Abbootiin taayitaa gumaacha namoonni dubbisuu fi barreessuu akka dandaʼan gooneef galateeffataniiru. (Roomaa 13:3) Fakkeenyaaf bara 2010 tti “waggoota baayʼeedhaaf dubbisuu fi barreessuu barsiisuudhaan bulchiinsa Meeksikoo fi guutummaa biyya Meeksikootti lammiileen kuma hedduutti lakkaaʼaman jireenya isaanii akka fooyyeffatan waan gargaarreef” mootummaan beekamtii addaa nuu kenneera.

Walitti Qabamuu

 Akkaataa beekkamtii seeraa itti arganneen kan ka‵e bakkitti walitti qabamnu kutaa mana barumsaa kan fakkaatu yeroo taʼu Galma Qoʼannaa Aadaa jedhamee waamama. Walgaʼiiwwan keenya akkasumas kutaa dubbisuu fi barreessuu achitti geggeessina.

 Aanjel akkana jetteetti: “Galmawwan kun yeroo baayʼee mana obbolootaa yommuu taʼu maatiiwwan kun hedduun isaanii harka qalleeyyii kan taʼanidha. Yeroo hundan isaan dinqisiifadha. Mana isaaniitti walgaʼiin akka godhamu heyyamuudhaan ofii isaanii garuu kutaa xinnoo tokko keessa baayʼatanii jiraatu.”

 Aarsaawwan akkanaa gochuun baayʼee barbaachisaa ture. Aanjel walgaʼiiwwan gumii ilaalchisee akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko namoonni hedduun waan argamaniif baayʼeen keenya ala dhaabbanna. Yaada kennuufimmoo karaa foddaa ilaaluu qabna. Haa taʼu malee walgaʼiiwwan keenya yeroo hunda kan nu gammachiisu ture.”

 Rakkinni akka hin uumamneef jecha walgaʼiiwwan keenya irratti hin faarfannu ykn sagalee ol kaasnee hin kadhannu. Eedimundoon akkana jedheera: “Yeroo Haasaan Aadaa, isa yeroo harʼaa haasaa sabaa jedhamee waamamu dhihaatutti, obboloonni haasaa kennan gorsa Kitaaba Qulqulluu aadaa isaanii fooyyeffachuu fi jireenya fooyyaʼaa jiraachuuf isaan gargaaru addeessu.” Yeroo booda maqaa kitaabota Kitaaba Qulqulluu illee waamuu ni dhiisne. Caqasa Kitaaba Qulqulluu kan dubbatan akkamitti? Maanuween fakkeenya tokko nutti hima: “Mulʼata boqonnaa 21, lakkoofsa 3 fi 4 jechuu mannaa, ‘Kitaaba 66, 21, 3 fi 4 jenna ture.’” Itti dabaluudhaanis Mooisees inni Dhugaa Baatuu kan biraan akkana jedheera: “Kana jechuun caqasicha argachuuf lakkoofsota kitaabota Kitaaba Qulqulluu kamii wajjin akka deeman beekuu qabna jechuudha.”

Seenaa Keenya Isa Meeksikoo Irraa Barumsa Argannu

 Walumaa galatti, jaarmiyaan keenya akkuma biyyoota gara garaa keessatti godhu Meeksikoo keessattis hojjeta ture. Waaqeffannaan keenya kan daangeffame taʼus Yihowaan hojii keenya eebbiseera. Bara 1943​tti maqaa dhaabbata siviiliitiin Meeksikoo keessatti yeroo galmeeffamne babalʼistoota 1,565 turan. Bara 1993​tti akka dhaabbata amantiitti beekamtii seeraa arganne. Wagguma sana lakkoofsi babalʼistootaa 366,177 taʼe. Hojiin babalʼistoonni kun raawwatan guddina baayʼee argamsiiseera. Bara 2021​tti Meeksikootti lakkoofsi babalʼistootaa 864,633 gaʼe. Seenaa gabaabaa kana irraa barumsa akkamii arganna?

 Rakkinni yeroo uumamu sirreeffama gochuu. Haala kanaan deddeebiʼuun Meeksikootti hojiin keenya waggaa 50f beekamtii seeraa akka argatu godheera. Maariyoon akkana jedheera: “Yeroo tokko tokko, haaluma biyyoota kaan keessatti ittiin geggeeffamuun Yihowaa waaqeffachuu kan nuti hin dandeenye maaliif akka taʼe gaaffii natti uuma ture. Haata‵u malee namni tokko illee qajeelfama jaarmiyicha biraa kennamu irratti shakkii kaasee dhagaʼee hin beeku. Yihowaan saba isaa akka geggeessu yeroo hunda ni amanna. Kanaafuu baayʼee ajajamna ture.”

 Hojii Yihowaa irratti xiyyeeffachuu. Guwaadaaluppeen akkana jetteetti: “Hojii barattoota gochuutti baayʼee qabamnee waan turreef waan kan biraatiif hin dhiphannu ture. Yihowaa tajaajiluudhaan qofa gammachuu arganneerra. Nuuf wanti hunda caalaa barbaachisaan isa tajaajiluudha.”

 Obbolootaa wajjin walitti dhihaachuu. Aniittaan akkana jetteetti: “Wanta Galma Walgaʼii Aadaa keessatti hin goone, kan akka faarfannaa Mootummichaa mana keenyatti ni faarfanna. Sochiiwwan gara garaa irratti yeroo hunda waliin hirmaachuudhaan tokkummaa keenya eegnee jiraanneerra. Yommuu walitti qabamnu yeroo hunda wantoota hafuuraatiif xiyyeeffannaa kennina.”

 Filoorentiinoon yeroo sana ilaalchisee akkana jedheera: “Duubatti deebiʼee yeroon yaadu, wanti taʼe hundi kaayyoodhaaf kan taʼee fi waan guddaa kan nu barsiise akka turen amana. Yeroo sana hundatti hojii keenya irratti mormiin jiraatus Yihowaan nu geggeessaa akka ture anaaf ifadha.”

a Kaardiin akkanaa waraqaa eenyummaatiif qofa gaafatama ture. Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni dhugaa Kitaaba Qulqulluu namootatti himuuf heyyama seeraa akka baafatan hin deggeru. Yeroo ammaatti tokkoon tokkoon Dhugaa Baatota Yihowaa haala kanaan galmeeffamuuf yaaluun hin barbaachisu.

b Baroota 1940 fi 1950mnitti harki walakkaan uummata Meeksikoo dubbisuu fi barreessuu akka hin dandeenye hayyoonni ni tilmaamu.

Maatiiwwan Dhugaa Baatota taʼanii fi Chiwaawaa, Meeksikoo keessa jiraatan bakka walgaʼii Kiristiyaanaatiif walitti qabaman dura dhaabatanii jiran. Mallattichi afaan Ispaanishiitiin akkana jedha: “Galma Qayyabannaa Aadaa,” 1952

Gareen Dhugaa Baatotaa tokko waajjira damee Meeksikoo Siitii jiru keessatti; mallattichi afaan Ispaanishiin: “Dhaabbata Siviilii Masaraa Eegumsaa,” 1947

Dhugaa Baatonni lama Masaraa Eegumsaa afaan Ispaanishii baadiyyaa Hiidaalgoo, Meeksikootti yeroo raabsan, 1959

Dhugaa Baatonni waraqaa eenyummaa akka barbaachisummaa isaatti yeroo lallaban itti fayyadaman mootummaa biraa fudhatan

Bara 2010, Barreessaan Barnoota Uummataa Meeksikoo namoota dubbisuu fi barreessuu barsiisuudhaaf carraaqqii isaan godhaniif Dhugaa Baatota Yihowaatiif badhaasa ulfinaa kenne

Dhugaa Baatonni akka jaarmiyaa aadaatti seeraan beekamuun walgaʼiiwwan guguddaa kan akka Walgaʼii idil adunyaa isa bara 1969 godhame godhachuuf isaan dandeessiseera