Faarfannaa 150
Of Dhiheessuu
-
Gammachuu fi milkaaʼinni
Karaa ’rgamu beeka Waaqni.
Carraa hedduu baneera nuuf
Tajaajilaaf, sochii kaaniif.
(WALLEE)
Gargaarsa ni goona,
Waaqaaf kennina.
Iddoo barbaachisu
Ni deemna; fedhaan gargaarra.
-
Biyya hunda hojiin jira.
Barbaachisnaan ni gargaarra.
Kana gochuu ni barbaadna.
Jaalala ni argisiisna.
(WALLEE)
Gargaarsa ni goona,
Waaqaaf kennina.
Iddoo barbaachisu
Ni deemna; fedhaan gargaarra.
-
As dhihoottis ni ijaarra,
Hojii haaraa barree yaalla.
Afaan haaraa ni baranna
Misiraachoo hundat’ himna.
(WALLEE)
Gargaarsa ni goona,
Waaqaaf kennina.
Iddoo barbaachisu
Ni deemna; fedhaan gargaarra.
(Dabalataan, Yoh. 4:35; HoE. 2:8; Rom. 10:14 ilaali.)