Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Faarfannaa 149

Furichaaf Galateeffachuu

Furichaaf Galateeffachuu

(Luqaas 22:20)

  1. Yihowaa, sii dura

    dhaabachuu dandeenye,

    Jaalala kee guddaan

    mirga kana arganne.

    Haa jiraannuuf lubbuu Ilma

    kee nuu laatte.

    Yoomiyyuu caalaa aarsaa

    guddaa nuu kaffalte.

    (WALLEE)

    Lubbuu isaa nuu kenneera.

    Dhiiga ’saatiin furamneerra.

    Garaa guutuun

    si galateeffanna bara baraaf.

  2. Yesuus fedha ’saatiin

    aarsaa nuu taʼeera.

    Jaalalaan lubbuu ’saa

    qulqulluu nuu kenneera.

    Abdii’n qabnu turre,

    utuu dhufuu baatee;

    Dhufuu ’saatiin duʼa ’rratti

    aangoo nuu laate.

    (WALLEE)

    Lubbuu isaa nuu kenneera.

    Dhiiga ’saatiin furamneerra.

    Garaa guutuun

    si galateeffanna bara baraaf.

(Dabalataan, Ibr. 9:13, 14; 1 Phe. 1:18, 19 ilaali.)