FAARFANNAA 80
‘Gaarummaa Waaqayyoo Miʼeeffadhaa Ilaalaa’
-
1. Waaqaaf hojjechuu jaallanna;
Mirga lallabaa kabajna.
Namoota hedduudhaaf lallabuudhaan,
Waan caalu Waaqaaf kennina.
(BUUSAA)
‘Gaarummaa Waaqaa miʼeeffadhaa
ʼlaalaa’ jedha Dubbiinsaa;
Waaqayyoof buluun buʼaa qaba;
Ni raawwanna fedhasaa.
-
2. Tajaajiltoonnʼ yeroo guutuu,
Eebba guddaa ni argatu.
Waan barbaachisu Waaqni nuu kenna;
Waan qabnutti ni gammanna.
(BUUSAA)
‘Gaarummaa Waaqaa miʼeeffadhaa
ʼlaalaa’ jedha Dubbiinsaa;
Waaqayyoof buluun buʼaa qaba;
Ni raawwanna fedhasaa.
(Dabalataan, Mar. 14:8; Luq. 21:2; 1 Xim. 1:12; 6:6 ilaali.)