FAARFANNAA 4
“Yihowaan Tiksee Koo Ti”
(Faarfannaa 23, NW)
-
1. Yihowaan anaaf tiksee dha;
Nan buʼa isa duukaa.
Waan dhugumaan na barbaachisu,
Fedhii koo hunda beeka.
Na geessa kaloo gaariitti;
Bakka tasgabbaaʼaatti.
Iddoo nagaaf boqonnaan jirutti,
Jaalalaan na qajeelcha.
Iddoo nagaa fi boqonnaatti,
Jaalalaan na qajeelcha.
-
2. Daandiin kee hundi qajeelaa,
Kan nama haaromsu dha.
Maqaa keef jedhii na gargaari,
Qajeelaa taʼuun fedha.
Yoon deeme dukkana keessa,
Uleen kee na geggeessa;
Miidhaan bara baraa narraʼn gaʼu,
Waaqa kiyya waan taateef.
Miidhaa dhaabbataan narraʼn gaʼu,
Waaqa kiyya waan taateef.
-
3. Yaa Yihowaa tiksee kiyya,
Karaa keerra nan deema.
Na cimsita, na boqochiista;
Naa laatta waan hundumaa.
Ati Waaqa jiraataa dha,
Garaadhaan si abdadha.
Jaalalli kee inni amanamaan
Ana duukaa haa buʼu.
Jaalalli kee inn’ amanamaan
Ana duukaa haa buʼu.
(Dabalataan, Far. 28:9; 80:1 ilaali.)