FAARFANNAA 24
Gara Tulluu Yihowaatti Ol Kottaa
-
1. Ija keessan kaasaa
Tulluu Yihowaa ʼlaalaa.
Addaan baʼee mulʼata
Tulloota kaan caala.
Naannoowwan fagoorraa,
Namoonni dhufaa jiru;
‘Kottaa Waaqayyoof bulaa,’
Jechuun wal affeeru.
Amma dha yeroonsaa,
Sabni xinnoon hedduu taʼuunsaa.
Guddinni mulʼatu
Eebba Yihowaa argisiisa.
Hedduun dhufaniiru,
Isa deggeraa jiru.
Amanamoo taʼuuf
Waadaa ʼsaaf galaniiru.
-
2. Dhugaa baʼaa jedhee
Kiristoos ajajeera.
Misiraachichi nama
Hunda gaʼaa jira.
Yesuus bulchaa jira,
‘Gara koo kottaa’ jedha.
Garraamii kan taʼan
Dubbichi ni gargaara.
Nama gammachiisa,
Tuutni uummataa guddachuunsaa.
Lallabuuf carraaqnaan,
Gammachuu kanarraa hirmaanna.
Sagalee ol kaasnee,
Nama hunda haa waamnu,
‘Tulluu bara baraatti
Ol kottaa’ haa jennu.
(Dabalataan, Far. 43:3; 99:9; Isa. 60:22; HoE. 16:5 ilaali.)