Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 161

Fedhii Waaqaa nan Raawwadha

Fedhii Waaqaa nan Raawwadha

(Faarfannaa 40:8)

  1. 1. Ilmi Waaqayyoo ni cuuphame

    Hojii Waaqaatiif muudame,

    Raawwachuudhaaf dhufe fedhiisaa

    Kaayyoosaa fiixaan baasa.

    Qorumsaaf harka hin kennine.

    Maqaa Waaqaaf dhaabbate.

    Fedhii Abbaatiif dursa kenne,

    Anis isan fakkaadha.

    (BUUSAA)

    Fedhii Waaqaa nan raawwadha.

    Maqaasaatiif nan dhaabbadha.

    Garaa guutuu, lubbuu guutuu.

    Waaqa koon tajaajila.

    Fedhii Waaqaa nan raawwadha.

    Abdiin koo amansiisaadha.

    Jaalallisaa, gaarummaansaa,

    Baayʼee na gammachiisa.

    Nan ililcha.

  2. 2. Yaa Yihowaa an si beekuun koo,

    Dabaleera gammachuu koo.

    Waa’ee kee namootan beeksisa,

    Dhugaa maaliifan dhoksa.

    Obboloota faanan hojjedha,

    Dhugicha nan dubbadha.

    Maqaa keen waamamuun ulfina.

    Lubbuu koo siif nan kenna.

    (BUUSAA)

    Fedhii Waaqaa nan raawwadha.

    Maqaasaatiif nan dhaabbadha.

    Garaa guutuu, lubbuu guutuu,

    Waaqa koon tajaajila.

    Fedhii Waaqaa nan raawwadha.

    Abdiin koo amansiisaadha.

    Jaalallisaa, gaarummaansaa,

    Baayʼee na gammachiisa.

    Nan ililcha.

    Fedhiisaan raawwadha.

(Dabalataanis Fr. 40:3, 10 ilaali.)