FAARFANNAA 141
Jireenyi Ajaaʼiba
-
1. Mucaan dhalate, coccobni roobaa,
Ifti aduu fi sanyiin midhaan gubbaa,
Kennaa Waaqaa ti; Waaʼeesaa ibsa.
Dinqiin inni raawwatu nu jiraachisa.
(BUUSAA 1)
Kennaa addaa kanaaf, maal gochuu qabna?
Waaqa jaallanna, kennaasaa dinqisiifanna.
Maaliyyuu yoo goone, kan argannu miti;
Jireenyʼ ajaaʼiba, kennaa Yihowaa ti.
-
2. Namoonni abdii kutatu taʼa,
‘Waaqa arrabsii duʼi’ jedhu taʼa.
Nu akkas miti; Waaqa jajanna,
Yeroo jiraannu hundaaf galateeffanna.
(BUUSAA 2)
Kennaa addaa kanaaf, maal gochuu qabna?
Namoota jaallanna, akka yaannuuf mulʼisna.
Maaliyyuu yoo goone, kan argannu miti.
Jireeny’ ajaaʼiba, kennaa Yihowaa ti.
(Dabalataan, Iyo. 2:9; Far. 34:12; Lal. 8:15; Mat. 22:37-40; Rom. 6:23 ilaali.)