FAARFANNAA 121
Of Toʼachuun Nu Barbaachisa
-
1. Beekna Yihowaa akka jaallannu;
Taʼus cubbamoo dha of haa toʼannu.
Fedhiin foonii rakkina fida;
Hafuuraan jiraachuun nagaa dha.
-
2. Yeroo hunda Seexanni nu qora,
Cubbuun nu keessaas nu maqsa karaarraa.
Humni dhugaa cubbuurra caala.
Ni moona Waaqni nu gargaara.
-
3. Dubbii fi gochi maqaasaa tuqa,
Komiirraa walaba haa taanu egaa.
Galmi keenya kan yeroo hundaa,
Of toʼachuu dha karaa hunda.
(Dabalataan, 1 Qor. 9:25; Gal. 5:23; 2 Phe. 1:6 ilaali.)