Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Harka Keen Jira

Harka Keen Jira

Buufadhu:

  1. 1. Cubbuu koo hunda atoo beektaa

    Wanta hundumaa ni argita.

    Yaalii koo hundumaa naa ʼlaali.

    Dubbii afaan kootiin yoon si yakke

    Gocha kootiinis yoon balleesse,

    Sin kadha, ‘adaraa nan gatin’

    (CEESISA)

    Maaloo abbaa nan dhiisin.

    Anʼ supheedha; ati na tolchi,

    (BUUSAA)

    Na boci akka haaraatti,

    Akkan si jajadhutti,

    Na godhadhu madda gammachuu.

    Jaalalaan na geggeessi.

    Ofitti na dhiheessi.

    Sitti of kenneera!

    Harka keen jira.

    Harka keen jira.

  2. 2. Yeroo nan ramada sirraa baruuf

    Wantan dhagaʼes taaʼee qoruuf.

    Nan fedha, maaloo na qulleessi!

    Qajeelfama kee nan jaalladha

    Gadi of qabuudhaan nan baradha.

    Sin kadha adaraa nan gatin.

    (CEESISA)

    Maaloo Abbaa nan dhiisin.

    Anʼ supheedha; ati na tolchi,

    (BUUSAA)

    Na boci akka haaraatti,

    Akkan si jajadhutti,

    Na godhadhu madda gammachuu.

    Jaalalaan na geggeessi.

    Ofitti na dhiheessi.

    Sitti of kenneera!

    Harka keen jira.

    Harka keen jira.

    (XUMURA)

    Anʼ siif nan bocama.

    Sii wajjin nan deema.

    Sitti of kenneera.

    Harka keen jira.

    Harka keen jira.