Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Faarfannaa 23

Yihowaan Jabina Keenya

Yihowaan Jabina Keenya

(Isaayaas 12:⁠2)

1. Waaqni keenya, jabaafi gaachanaa,

Fayyisaa keenya sitti gammannaa.

Nuti sabnikee dhugaa lallabnaa,

Namootaaf looguurraa ni fagaannaa.

(WALLEE)

Yihowaa keenyaa, kattaa ‘sa guddaa,

Maqaakee himnaa yeeroo hundaa.

Ati waan hundumaa ni dandeessaa

Uumaa keenya situ nuuf gaaddisa.

2. Barumsakeetti hedduu gammannaa;

Dhugaa keetiin jiraachuu barbaannaa.

Dubbi keetiin abboommiikee barree;

Mootummaakee jalatti hiriirree.

(WALLEE)

Yihowaa keenyaa, kattaa ‘sa guddaa,

Maqaakee himnaa yeeroo hundaa.

Ati waan hundumaa ni dandeessaa

Uumaa keenya situ nuuf gaaddisa.

3. Gammachuudhaan fedhakee raawwannaa.

Humnakeetiin Seexana ni moonaa.

Yoo nu ajjeesellee yeroo xinnoof

Ni dhaabanna ol’aantummaa keetiif.

(WALLEE)

Yihowaa keenyaa, kattaa ‘sa guddaa,

Maqaakee himnaa yeeroo hundaa.

Ati waan hundumaa ni dandeessaa

Uumaa keenya situ nuuf gaaddisa.