Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Faarfannaa 53

Tokkummaadhaan Waliin Hojjedhaa

Tokkummaadhaan Waliin Hojjedhaa

(Efesoon 4:⁠3)

1. Walitti nu qabe Waaqni.

Nuu kennameera abdiinii.

Tokkummaafi nagaa qabnaa,

Kanaan ni gammannaa.

Ni feena tokkummaa;

Walta’uun dammaa.

Waaqni hojii nuu kenneeraa.

Ilmasaatiin nu gargaaraa.

Tajaajilla tokko taanee,

Hojjenna dhimminee.

2. Ni kadhanna tokko ta’uuf

Gaarummaa argisiisuudhaaf,

Jaalalli hundaaf ba’eessaa,

Nagaa argamsiisaa.

Nagaan nu haaromsaa,

Nu gammachiisaa.

Jaalala dhugaa qabaannaan,

Nagaa nuu buusa Yihowaan.

Ni jiraanna tokkummaadhaan,

Eeyyee barabaraan.

(Dabalataan Mik. 2:12; Sef. 3:9; 1 Qor. 1:10 ilaali.)