Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 22

‘Ogummaa Ol Gubbaadhaa Dhufuun’ Jiraachaa Jirtaa?

‘Ogummaa Ol Gubbaadhaa Dhufuun’ Jiraachaa Jirtaa?

1-3. (a) Solomoon, falmii dubartoota lama gidduutti uumame hiikuudhaan ogummaa guddaa akka qabu kan argisiise akkamitti? (b) Yihowaan maal nuu kennuuf waadaa galeera? Gaaffiiwwan akkamiitu kaʼa?

 DHIMMICHI baayʼee ulfaataa ture; dubartoonni lama daaʼima tokko irratti wal falmaa turan. Dubartoonni kun mana tokko keessa jiraatu turan; garaa garummaa guyyoota muraasa gidduutti lamaanuu ilma godhatan. Mucaan inni tokko yeroo duʼu, dubartoonni lamaanuu mucaan lubbuudhaan jiru kan isaanii akka taʼe dubbachuu jalqaban. a Dhimma kana ilaalchisee namni ragaa baʼuu dandaʼu hin jiru ture. Dhimmi kun mana murtii gadaanaatti ilaalamee taʼuu dandaʼus, furmaata hin arganne. Dhuma irratti, falmiin kun mootii Israaʼel Solomoon duratti dhihaate. Inni hoo dhimma kanaaf furmaata kennuu dandaʼaa laata?

2 Solomoon dubartoonni kun yommuu wal falman yeroo muraasaaf erga dhaggeeffatee booda goraadee akka isaaf fidan ajaje. Achiis mucichi bakka lamatti muramee walakkaa walakkaa lamaan isaaniitiif akka kennamu ajaje. Yeroo kanatti haati mucichaa ishiin dhugaan, mucichi dubartii ishii kaaniif akka kennamu mooticha kadhatte. Dubartiin ishiin kaan garuu, mucichi bakka lamatti akka muramu gaafachuu ishii itti fufte. Yeroo kanatti Solomoon dhugaa isaa hubate. Haati tokko daaʼima ishii isa gadameessa ishii keessaa baʼeef akka garaa laaftu waan beekuuf, beekumsa kanatti fayyadamee dhimma kanaaf furmaata kenneera. Solomoon, “Ishiin haadha isaa” akka taate dubbachuudhaan mucicha haadha isaatiif yeroo kennuu hammam akka gammadde yaadi.—1 Mootota 3:16-27.

3 Kun ogummaa guddaa mitii? Namoonni, Solomoon rakkina sanaaf furmaata kennuu isaa yommuu dhagaʼan, “Waaqayyo ogummaa akka isaaf kenne waan arganiif” baayʼee dinqisiifatan. Eeyyee, ogummaan Solomoon Waaqayyo biraa kan argame ture. Yihowaan, “garaa ogeessaa fi hubataa” isaaf kenneera. (1 Mootota 3:12, 28) Nuti hoo ogummaa Waaqayyoo argachuu dandeenyaa? Solomoon hafuura qulqulluutiin geggeeffamee, “Yihowaan ogummaa ni kenna” jedhee waan barreesseef argachuu ni dandeenya. (Fakkeenya 2:6) Yihowaan namoota garaa qulqulluudhaan barbaadaniif, ogummaa, jechuunis dandeettii beekumsaa fi hubannaa hojii irra oolchuuf gargaaru akka isaaniif kennu waadaa galeera. Ogummaa ol gubbaadhaa dhufu argachuu kan dandeenyu akkamitti? Jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

‘Ogummaa Argachuu’ Kan Dandeenyu Akkamitti?

4-7. Ulaagaawwan ogummaa argachuuf nu barbaachisan arfan maalfaʼi?

4 Ogummaa Waaqayyoo argachuuf dandeettii ykn barumsa guddaa qabaachuu qabnaa? Lakki. Yihowaan akkaataan guddinaa fi sadarkaan barumsa keenyaa maal iyyuu yoo taʼe ogummaa nuu kennuuf fedha qaba. (1 Qorontos 1:26-29) Taʼus, Kitaabni Qulqulluun ‘ogummaa akka argannu’ waan nu jajjabeessuuf, dursa fudhachuu kan qabu nu dha. (Fakkeenya 4:7) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Tokkoffaa, Waaqayyoon sodaachuu qabna. Fakkeenyi 9:10, “Yihowaa sodaachuun, jalqaba ogummaa ti” jedha. Waaqayyoon sodaachuun buʼuura ogummaa dhugaa ti. Akkas kan jennu maaliifi? Ogummaan karaa buʼa qabeessa taʼeen beekumsatti fayyadamuu kan dabalatu taʼuu isaa yaadadhu. Waaqayyoon sodaachuu jechuun, isa duratti romʼuu utuu hin taʼin dinqisiifannaa, kabajaa fi amanannaadhaan isaaf ajajamuu jechuu dha. Sodaan akkasii hojiidhaaf waan nu kakaasuuf nuuf gaarii dha. Kana malees, fedha Waaqayyoo fi daandii isaa ilaalchisee wanta beeknuu wajjin haala walsimuun jiraachuuf nu kakaasa. Namoonni ulaagaawwan Yihowaa hordofan yeroo hunda faayidaa guddaa waan argataniif, akkas gochuun keenya tarkaanfii hunda irra caalu dha.

6 Lammaffaa, gad of qabuu fi humna keenya beekuu qabna. Yoo gad of qabnee fi humna keenya beekne malee, ogummaa Waaqayyoo argachuu hin dandeenyu. (Fakkeenya 11:2) Akkas kan jennu maaliifi? Kan gad of qabnu yoo taʼe, wanta hunda akka hin beekne, ilaalchi keenya yeroo hunda sirrii taʼuu akka hin dandeenyee fi ilaalcha Yihowaan wantoota tokko tokko irratti qabu beekuun akka nu barbaachisu amannee fudhanna. Yihowaan “warra of tuulan ni morma” warra gad of qabaniif garuu ogummaa ni kenna.—Yaaqoob 4:6.

7 Sadaffaa, Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu qabna. Ogummaan Yihowaa Dubbii isaa keessatti ibsameera. Ogummaa kana argachuu yoo barbaanne, dubbii isaa kana qoʼachuuf carraaquu qabna. (Fakkeenya 2:1-5) Ulaagaa arfaffaan immoo kadhannaa dha. Waaqayyo ogummaa akka nuu kennu garaadhaa yoo isa kadhanne, arjummaadhaan nuu kenna. (Yaaqoob 1:5) Kadhannaan hafuura isaa argachuuf dhiheessinu deebii utuu hin argatin hin hafu. Hafuurri isaa immoo beekumsa Dubbii isaa keessatti argamu, isa rakkina hiikuuf, balaa irraa fagaachuu fi murtoo sirrii gochuuf nu dandeessisu akka argannu nu gargaara.—Luqaas 11:13.

Ogummaa Waaqayyoo argachuuf carraaqqii cimaa gochuu qabna

8. Dhugumaan ogummaa Waaqayyoo qabaachuun keenya maaliin beekama?

8 Akkuma Boqonnaa 17 irratti ilaalle, ogummaan Yihowaa yeroo hundumaa buʼaa gaarii nuuf argamsiisa. Kanaaf, dhugumaan ogummaa Waaqayyoo yoo qabaanne jireenya keenya irratti ni mulʼata. Yaaqoob, “Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu garuu, hundumaa dura qulqulluu dha, achiis naga qabeessa, yaada ofiitti kan hin cichine, ajajamuuf kan qophaaʼe, gara laafinaa fi firii gaariidhaan kan guutame, kan hin loognee fi kan hin fakkeessine dha” jedhee barreessuudhaan firiiwwan ogummaa Waaqayyoo ibseera. (Yaaqoob 3:17) Ogummaa Waaqayyo kana tokko tokkoon yommuu qorannu, ‘Ogummaan ol gubbaadhaa dhufu jireenya koo keessatti hojjechaa jiraa?’ jennee of gaafachuu dandeenya.

“Qulqulluu Dha, Achiis Naga Qabeessa”

9. Qulqulluu taʼuu jechuun maali jechuu dha? Qulqullummaan amaloota ogummaa keessaa jalqaba irratti ibsamuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi?

9 “Hundumaa dura qulqulluu dha.” Qulqulluu taʼuu jechuun, alaan qofa utuu hin taʼin, keessi nama tokkoos kan hin xuroofne taʼuu jechuu dha. Kitaabni Qulqulluun ogummaa fi garaa wal qabsiisee ibsa; taʼus ogummaan ol gubbaadhaa dhufu garaa yaada, fedhii fi kakaʼumsa gadheedhaan guutame keessa seenuu hin dandaʼu. (Fakkeenya 2:10; Maatewos 15:19, 20) Haa taʼu malee, garaan keenya hamma namoota cubbamoo taʼan irraa eegamuun qulqulluu yoo taʼe, ‘wanta hamaa irraa ni gorra, wanta gaarii taʼes ni raawwanna.’ (Faarfannaa 37:27; Fakkeenya 3:7) Maarree qulqullummaan amalawwan ogummaa keessaa jalqaba irratti caqasamuun isaa sirrii mitii? Kana malees, gama naamusaa fi hafuuraatiin qulqulluu yoo taʼuu baanne, amalawwan ogummaa ol gubbaadhaa dhufan kaan akkamitti argisiisuu dandeenya?

10, 11. (a) Naga qabeeyyii taʼuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Obboleessa ykn obboleettii kee tokko akka mufachiifte yoo sitti dhagaʼame nagaa buusuu kan dandeessu akkamitti?

10 “Achiis naga qabeessa.” Ogummaan ol gubbaadhaa dhufu nagaa isa kutaa firii hafuura Waaqayyoo taʼe akka hordofnu nu kakaasa. (Galaatiyaa 5:22) “Hidhaa nagaa” isa saba Yihowaa tokko godhu booressuu irraa fagaachuuf ni carraaqna. (Efesoon 4:3) Yommuu nagaan booraʼus nagaa buusuuf hamma dandeenye carraaqna. Kana gochuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Kitaabni Qulqulluun, “Nagaadhaan jiraachuu keessan itti fufaa; Waaqni jaalalaa fi nagaa isinii wajjin taʼa” jedha. (2 Qorontos 13:11) Kanaaf, nagaadhaan jiraachuu keenya yoo itti fufne Waaqni nagaa nuu wajjin taʼa. Akkaataan obboloota keenya itti qabnu, waaqeffannaa Yihowaaf dhiheessinuu wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya qaba. Maarree nagaa buusuu kan dandeenyu akkamitti? Mee fakkeenya tokko ilaali.

11 Obboleessa ykn obboleettii kee tokko akka mufachiifte yoo hubatte maal gochuu qabda? Yesuus akkas jedheera: “Kennaa kee gara iddoo aarsaatti fiddee, utuma achi jirtuu obboleessi kee sitti gadduu isaa yoo yaadatte, kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii deemi. Jalqaba obboleessa kee wajjin araarami; sana booda deebiʼiitii kennaa kee dhiheessi.” (Maatewos 5:23, 24) Dursa fudhattee gara obboleessa kee dhaquudhaan gorsa kana hojii irra oolchuu dandeessa. Yommuu kana gootu kaayyoon kee maal taʼuu qaba? Isatti ‘araaramuu’ taʼuu qaba. b Kana galmaan gaʼuuf, akkas isatti dhagaʼamuu akka hin qabne itti himuu mannaa, miira isaa akka miite amanuu qabda. Isatti araaramuuf yaaduudhaan yoo itti dhihaatte, wal dhabdeen uumame furamuu dandaʼa; akkasumas dhiifama wal gaafachuu fi dhiifama walii gochuu dandeessu. Dursa fudhattee araara buusuuf carraaquudhaan, ogummaa Waaqayyootiin akka geggeeffamtu argisiista.

“Yaada Ofiitti Kan hin Cichine, Ajajamuuf Kan Qophaaʼe”

12, 13. (a) Jechi Yaaqoob 3:17 irratti “yaada ofiitti kan hin cichine” jedhame hiikame hiikni isaa maali dha? (b) Yaada keenyatti akka hin cichine argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

12 “Yaada ofiitti kan hin cichine.” Yaada ofiitti kan cichine jechuun maal jechuu dha? Hayyoonni akka jedhanitti jecha afaan Giriikii isa jalqabaa Yaaqoob 3:17 irratti “yaada ofiitti kan cichine” jedhamee hiikame hiikuun rakkisaa dha. Kanaan kan kaʼes, hiiktonni jecha kana, “garraamii” “obsa” akkasumas “gaarummaa” jedhanii hiikaniiru. Amalli ogummaa ol gubbaadhaa dhufu keessaa tokko taʼe kun jireenya keenya keessatti hojjechaa akka jiru akkamitti argisiisuu dandeenya?

13 Filiphisiiyus 4:5, “Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu” jedha. Hiikni kan biraan immoo, “Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuudhaan kan beekamtan taʼaa” jedha. (Za Niiwu Teestaamanti iin Moodarni Ingilish, Jee. Bii. Fiiliipsiin kan qophaaʼe) Gaaffiin inni guddaan, nuti ofiif ilaalcha akkamii qabna? kan jedhu utuu hin taʼin, warri kaan ilaalcha akkamii nuuf qabu ykn isaan biratti maqaa akkamii qabna? kan jedhu akka taʼe qalbeeffadhu. Namni yaada ofiitti hin cichine yeroo hundumaa wantuma seerri jedhu taʼuu qaba jedhee hin yaadu ykn yeroo hunda wanti tokko karaa inni jaallatuun qofa akka raawwatamu hin barbaadu. Kanaa mannaa, warra kaan dhaggeeffachuu fi barbaachisaa yoo taʼe immoo wanta isaan jedhan tole jechuuf fedhii qaba. Warra kaan gaarummaadhaan qaba malee, gara jabeessa ykn hamaa miti. Amalli kun Kiristiyaanota hundaaf barbaachisaa taʼus, keessumaa jaarsolii gumiitiif baayʼee barbaachisaa dha. Garraamummaan waan nama hawwatuuf, jaarsoliin kan itti dhihaataman akka taʼan godha. (1 Tasalonqee 2:7, 8) Kanaaf hundi keenya, ‘Ani warra kaaniif yaaduu, tole jechuu fi garraamii taʼuudhaanan beekamaa?’ jennee of gaafachuu qabna.

14. ‘Ajajamuuf qophaaʼoo’ taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

14 “Ajajamuuf kan qophaaʼe.” Jechi afaan Giriikii “ajajamuuf kan qophaaʼe” jedhamee hiikame, Kitaaba Qulqulluu afaan Giriikii keessaa bakka kan biraatti hin argamu. Hayyuun tokko jechi kun, “loltoota ajaja fudhachuuf qophaaʼan argisiisa” jedhaniiru. Kana malees, “amansiisuun kan hin ulfaanne” akkasumas “salphaatti kan bitamu” yaada jedhu dabarsa. Namni ogummaa ol gubbaadhaa dhufuun geggeeffamu wanta Kitaabni Qulqulluun jedhuuf ajajamuuf qophaaʼaa dha. Namni akkasii erga murtoo godhee booda, ragaan murtoo isaa sana faallessu yoo dhihaateef nama fudhachuu didu miti. Kanaa mannaa, dogoggora akka raawwate ykn murtoo sirrii hin taane akka godhe Kitaaba Qulqulluu irraa yommuu ragaan dhihaatuuf dafee jijjiirama godha. Atoo warra kaan biratti amala akkasiitiin beekamtaa?

“Gara Laafinaa fi Firii Gaariidhaan Kan Guutame”

15. Gara laafina jechuun maal jechuu dha? Yaaqoob 3:17 irratti ‘gara laafinnii’ fi ‘firii gaariin’ waliin caqasamuun isaanii sirrii kan taʼe maaliifi?

15 “Gara Laafinaa fi Firii Gaariidhaan Kan Guutame.” c Ogummaan ol gubbaadhaa dhufu ‘gara laafinaan kan guutame’ waan jedhameef gara laafinni, firii ogummaa ol gubbaadhaa dhufu keessaa isa barbaachisaa taʼe dha. ‘Gara Laafinnii’ fi ‘firii gaariin’ waliin akka caqasaman qalbeeffadhu. Kitaaba Qulqulluu keessatti gara laafinni yeroo baayʼee, warra kaaniif yaaduu fi gaarummaadhaan kakaʼanii wanta gaarii isaaniif gochuu waan argisiisuuf, firii gaarii wajjin caqasamuun isaa sirrii dha. Barreeffamni tokko gara laafina jechuun, “haala gadhee namni tokko keessatti argamu ilaalanii gadduu fi nama sana gargaaruuf yaalii gochuu” akka taʼe ibseera. Kanaaf, ogummaan Waaqayyoo gogaa, jaalala kan hin qabne ykn beekumsa qofa irratti kan hundaaʼe miti. Kanaa mannaa, namootaaf kan yaaduu fi gaarummaa kan argisiisu dha. Maarree, gara laafinaan akka guutamne argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

16, 17. (a) Jaalala Waaqayyoof qabnu malees, hojii lallabaa irratti akka hirmaannu kan nu kakaasu maali dha? Maaliifi? (b) Gara laafinaan kan guutamne taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

16 Karaan gara laafina itti argisiisnu inni guddaan, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo warra kaanitti himuu akka taʼe beekamaa dha. Hojii kana akka hojjennu kan nu kakaasu maali dha? Hundumaa dura jaalala Waaqayyoof qabnu dha. Gara laafinni warra kaaniif qabnus hojii kanaaf nu kakaasa. (Maatewos 22:37-39) Yeroo ammaatti namoonni hedduun, “akka hoolota tiksee hin qabneetti cunqurfamanii fi dagatamanii” jiru. (Maatewos 9:36) Tiksitoonni amantii sobaa, namoota kana karaa hafuuraa gataniiru, akkasumas jaamsaniiru. Kanaan kan kaʼes, namoonni kun qajeelfama gaarii Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu ykn eebbawwan Mootummichi dhiheenyatti lafa irratti fidu hin beekan. Kanaaf, wanta karaa hafuuraa namoota naannoo keenyatti argamaniif barbaachisu yaaduun keenya, gara laafinaan kaayyoo Yihowaa isa jaalala irratti hundaaʼe isaanitti himuuf wanta dandeenye akka goonu nu kakaasa.

Yommuu warra kaanitti gara laafina argisiisnu, ‘ogummaa ol gubbaadhaa dhufu’ calaqqisna

17 Karaawwan gara laafinaan akka guutamne argisiisuu itti dandeenyu kan biroon maalfaʼi? Fakkeenya Yesuus waaʼee namicha Samaariyaa nama saamamee fi reebame tokko arge ilaalchisee dubbate yaadadhu. Namni Samaariyaa sun baayʼee waan isaaf gaddeef madaa namichaatti qoricha godhee isaaf hidhuu fi isa kunuunsuudhaan ‘gara laafina isatti argisiiseera.’ (Luqaas 10:29-37) Fakkeenyi kun, gara laafinni namoota rakkatan gargaaruuf wanta gaarii gochuu akka dabalatu hin argisiisuu? Kitaabni Qulqulluun, ‘keessumaa warra amantiidhaan nutti firoomaniif wanta gaarii akka goonu’ nu gorsa. (Galaatiyaa 6:10) Wantoota gochuu dandeenyu tokko tokko ilaali. Maanguddoon tokko, gara walgaʼii dhaquu fi deebiʼuuf geejjibni isaan barbaachisa taʼa. Obboleettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko immoo manni ishii suphamuu qaba taʼa. (Yaaqoob 1:27) Namni abdii kutate tokko, “dubbii gaarii” isa jajjabeessu dhagaʼuun isa barbaachisuu dandaʼa. (Fakkeenya 12:25) Karaawwan kanaan yommuu gara laafina argisiisnu, ogummaa ol gubbaadhaa dhufuun jiraachaa akka jirru argisiisna.

“Kan Hin Loognee fi Kan Hin Fakkeessine”

18. Ogummaa ol gubbaadhaa dhufuun kan geggeeffamnu yoo taʼe, ilaalcha akkamii garaa keenya keessaa baasuuf carraaqna? Maaliifi?

18 “Kan hin loogne.” Ogummaan Waaqayyoo, jibba sanyii fi sabboonummaa irraa akka fagaannu nu gargaara. Ogummaa akkasiitiin kan geggeeffamnu yoo taane, fedhii akka loognu nu godhu garaa keenya keessaa baasuuf carraaqna. (Yaaqoob 2:9) Sadarkaa barumsaa isaanii, haala dinagdee isaanii ykn itti gaafatamummaa gumii keessatti qaban irratti hundoofnee namootaaf wanta adda taʼe hin goonu ykn sadarkaan jireenyaa obboloota keenyaa hammam iyyuu gad aanaa yoo taʼe isaan hin tuffannu. Yihowaan namoota kana erga jaallatee, nutis isaan jaallachuu akka qabnu beekamaa dha.

19, 20. (a) Afaan Giriikiitiin jechi “fakkeessituu” jedhamee hiikame maal argisiisa? (b) “Jaalala obbolummaa fakkeessaa hin qabne” argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuun barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?

19 “Kan hin fakkeessine.” Jechi afaan Giriikii “fakkeessituu” jedhamee hiikame, “nama waltajjii irratti taatuu taʼee taphatu” argisiisa. Bara duriitti, taatonni Giriikii fi Roomaa yeroo diraamaa hojjetan haguuggii fuulaa uffatu turan. Kanaaf, jechi afaan Giriikii “fakkeessituu” jedhamee hiikame, nama wanta hin taane taʼuuf yaalu ykn nama warra kaan dogoggorsuuf yaalu argisiisuu jalqabe. Amalli ogummaa Waaqayyoo keessaa tokko taʼe kun, obboloota keenya akkamitti akka qabnu qofa utuu hin taʼin, ilaalcha isaaniif qabnu irrattis dhiibbaa geessisuu qaba.

20 Pheexiros ergamaan, ‘dhugaadhaaf kan ajajamnu’ “jaalala obbolummaa fakkeessaa hin qabneen” taʼuu akka qabu ibseera. (1 Pheexiros 1:22) Eeyyee, jaalalli obboloota keenyaaf qabnu fakkeessuudhumaaf kan godhamu taʼuu hin qabu. Warra kaan gowwoomsuuf fuula keenya hin haguuggannu ykn nama kan biraa fakkaannee hin mulʼannu. Jaalalli keenya kan dhugaa taʼuu qaba. Yoo akkas taʼe, obboloonni keenya eenyummaa keenya isa dhugaa waan hubataniif nu amanu. Jaalalli dhugaan akkasii immoo, Kiristiyaanota gidduutti iftoominnii fi wal amantaan akka jiraatu godha.

“Ogummaa . . . Eeggadhu”

21, 22. (a) Solomoon ogummaa utuu hin eegin kan hafe akkamitti? (b) Ogummaa eeguu kan dandeenyu akkamitti? Kun hoo faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

21 Ogummaan Waaqayyoo, kennaa Yihowaa biraa argamuu fi eeguu qabnu dha. Solomoon, “Yaa ilma koo . . . ogummaa fi dandeettii yaaduu eeggadhu” jedheera. (Fakkeenya 3:21) Kan nama gaddisiisu, Solomoon iyyuu gorsa kana utuu hojii irra hin oolchin hafeera. Ogeessa taʼee kan jiraate, yeroo garaa ajajamaa qabutti qofa ture. Dhuma irratti garuu, haadhotiin manaa isaa warri biyya ormaatii fuudhe waaqeffannaa Yihowaa isa qulqulluu irraa garaa isaa jalʼisan. (1 Mootota 11:1-8) Wanti Solomoon irra gaʼe, wanta beeknu karaa sirrii taʼeen hojii irra hin oolchinu taanaan, beekumsi faayidaa akka hin qabne nu hubachiisa.

22 Ogummaa eeguu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota “garbichi amanamaanii fi ogeessi” qopheessu dubbisuu qofa utuu hin taʼin, wanta baranne hojii irra oolchuuf carraaquu qabna. (Maatewos 24:45) Ogummaa Waaqayyoo hojii irra oolchuun keenya faayidaa guddaa nuuf argamsiisa. Yeroo ammaatti jireenya gaarii jiraachuuf nu gargaara. Akkasumas, ‘jireenya isa dhugaa jabeessinee qabachuuf,’ jechuunis addunyaa haaraa keessa jiraachuuf nu gargaara. (1 Ximotewos 6:19) Hunda caalaa garuu ogummaa ol gubbaadhaa dhufu qabaachuun keenya Yihowaa isa madda ogummaa hundaa taʼetti caalaatti nu dhiheessa.

a Akka 1 Mootota 3:16 jedhutti dubartoonni kun lamaanuu sagaagaltoota dha. Kitaabni Insight on the Scriptures jedhuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe akkas jedha: “Dubartoonni kun sagaagaltoota kan jedhaman maallaqa argachuuf hojii kana irratti akka bobbaʼan argisiisuuf utuu hin taʼin, ejja akka raawwatan argisiisuuf taʼuu dandaʼa; Yihudoota ykn irra caalaa immoo dubartoota biyya ormaa taʼuu dandaʼu.”

b Jechi afaan Giriikii “araarami” jedhamee hiikame, “diinummaa irraa gara michummaatti jijjiiramuu; rakkoo furuu; hariiroo duraan ture deebisuu” jedhamee ibsameera. Kanaaf kaayyoon kee haala isaa jijjiiruu, dandaʼamnaan immoo madaa garaa nama mufate sana keessa jiru fayyisuu taʼuu qaba.—Roomaa 12:18.

c Hiikni kan biraan, jechoota kana, “gara laafinaa fi hojii gaariidhaan kan guutame” jedhee hiikeera.—Ee Tiraansileeshin iin za Laanguweej oov za Piippil, Chaarlas Bii. Wiiliyaamsiin kan qophaaʼe.