Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 28

“Ati Qofti Amanamaa” Dha

“Ati Qofti Amanamaa” Dha

1, 2. Gantummaan, Daawit Mootichaaf haaraa hin turre jedhamuu kan dandaʼu maaliifi?

 DAAWIT MOOTICHAAF gantummaan haaraa hin turre. Fakkeenyaaf yeroo tokko sabni isaa Israaʼel isa ganuudhaan mootummaa isaa fonqolchuuf yaalanii turan. Kana malees, michoonni isaa baayʼee isatti dhihaatan tokko tokko isa gananiiru. Mee haadha manaa isaa ishii jalqabaa Miikaaliin akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Jalqaba irratti ‘Daawitiin jaallattee kan turte’ yeroo taʼu, mootii akka taʼus isa deggertee akka turte hin shakkisiisu. Booda garuu, ‘garaa ishiitti isa tuffatte,’ akkasumas ‘akka nama gowwaatti’ isa ilaaluu jalqabde.—1 Saamuʼel 18:20; 2 Saamuʼel 6:16, 20.

2 Namni Ahitoofel jedhamuu fi gorsaa Daawit taʼe tokkos jira. Gorsi isaa akkuma waan Yihowaa biraa dhufeetti waan ilaalamuuf bakka guddaa qaba. (2 Saamuʼel 16:23) Haa taʼu malee, namni amanamaa ture kun gantuu taʼuudhaan namoota Daawit irratti fincilan deggeruu jalqabe. Fincila kan jalqabsiise garuu eenyu? Ilmuma Daawit kan taʼe Abishaalom ture! Namni haxxeen kun mooticha morkachuudhaan, “garaa namoota Israaʼel gara ofii isaatti jalʼise.” Fincilli Abishaalom kaase kun ittuma cimaa waan deemeef, Daawit Mootichi lubbuu isaa oolfachuuf jecha baqachuuf illee dirqamee ture.—2 Saamuʼel 15:1-6, 12-17.

3. Daawit amanannaa akkamii qaba ture?

3 Yeroo kanatti eenyu iyyuu Daawitiif amanamaa hin turre jechuudhaa? Daawit yeroo rakkinni isa irra gaʼu hundatti qaamni tokko isaa wajjin akka jiru beeka ture. Qaamni kun eenyu dha? Yihowaadhaan alatti eenyu iyyuu taʼuu hin dandaʼu. Daawit Yihowaadhaan, “Nama amanamaa taʼeef amanamaa ni taata” jedheera. (2 Saamuʼel 22:26) Amanamummaan maalidha? Yihowaan amala kana argisiisuudhaan fakkeenya hunda irra caalu kan nuu taʼe akkamitti?

Amanamummaan Maalidha?

4, 5. (a) “Amanamummaan” maalidha? (b) Amanamummaan lubbu dhabeeyyiin argisiisan, amanamummaa namoonni argisiisan irraa adda kan taʼe akkamitti?

4 Akka Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaa keessatti ibsametti, “amanamummaan,” nama nama jaallatu tokkotti of maxxansu, akkasumas isa gargaaruu fi deggeruu isaa itti fufu argisiisa. Amanamummaan itti gaafatamummaa baʼuu caalaa wanta dabalatu qaba. Namni tokko dirqamni waan isa irra jiruuf qofa amanamaa taʼuu ni dandaʼa. Faallaa kanaatiin amanamummaan as irratti ibsame jaalala irratti hundaaʼa. a Kana malees, jechi “amanamummaa” jedhu wantoota lubbuu hin qabne kan akka addeessaafis itti hojjetameera. Fakkeenyaaf faarfatichi, addeessi yeroo hunda galgala galgala waan mulʼattuuf, “samii keessatti ragaa baatuu amanamtuu” akka taate ibseera. (Faarfannaa 89:37) Haa taʼu malee amanamummaan addeessaa, amanamummaa namni argisiisuu wajjin tokko taʼuu hin dandaʼu. Maaliifi? Sababiin isaas gosti amanamummaa mata duree kana irratti ibsamaa jiru jaalala irratti kan hundaaʼe yeroo taʼu, wantoonni lubbu dhabeeyyii taʼan immoo jaalala argisiisuu hin dandaʼan.

Addeessi ragaa baatuu amanamtuu kan jedhamte taʼus, amanamummaa Yihowaa sirriitti calaqqisuu kan dandaʼan uumamawwan yaaduu dandaʼan qofadha

5 Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsametti, amanamummaan miira hoʼaa qabaachuu dabalata. Namoonni waliif amanamoo taʼuun isaanii isaan gidduu michummaa cimaan akka jiru argisiisa. Amanamummaan akkasii akka dambalii galaanaa, haala qilleensaa irratti hundaaʼee kan jijjiiramu miti. Kanaa mannaa amanamummaan ykn jaalalli amanamaan kan hin jijjiiramnee fi jabaa waan taʼeef, rakkoowwan guguddaa illee moʼuu ni dandaʼa.

6. (a) Amanamummaan hammam badaa dhufeera? Kitaabni Qulqulluun kana kan ibsu hoo akkamitti? (b) Karaan inni guddaan amanamummaan maalfaa akka dabalatu beekuuf nu gargaaru maalidha? Akkas kan jennu maaliifi?

6 Yeroo ammaatti amanamummaan akkasii badaa jira. Yeroo baayʼee hiriyoonni “wal balleessuuf qophaaʼan jiru.” Oduun hiriyoonni gaaʼelaa akka wal dhiisanii deeman ibsu baayʼinaan dhagaʼama. (Fakkeenya 18:24; Miilkiyaas 2:14-16) Gochawwan gowwoomsaa babalʼachaa waan dhufaniif yaada Miikiyaas raajichi, “Namni amanamaan lafa irraa badeera” jedhee dubbate irratti walii galla. (Miikiyaas 7:2) Ilmaan namootaa yeroo baayʼee amanamoo taʼuu baatanis, Yihowaan amala kana argisiisuudhaan fakkeenya gaarii taʼa. Amanamummaan maalfaa akka dabaltu beekuuf, Yihowaan amala jaalala isaa ibsu kana akkamitti akka argisiisu akka gaariitti qoruu qabna.

Amanamummaa Yihowaa Isa Gita Hin Qabne

7, 8. Yihowaa qofatu amanamaadha jedhamuu kan dandaʼu maaliifi?

7 Kitaabni Qulqulluun Yihowaa ilaalchisee, “ati qofti amanamaa” dha jedha. (Mulʼata 15:4) Akkas kan jedhame maaliifi? Ilmaan namootaas taʼan maleekonni yeroo itti amanamummaa guddaa argisiisan hin qabanii? (Iyyoob 1:1; Mulʼata 4:8) Yesuus Kiristoos hoo? Inni hunda caalaa Waaqayyoof “amanamaa” mitii? (Faarfannaa 16:10) Yihowaa qofti amanamaadha jedhamuu kan dandaʼu akkamitti ree?

8 Amanamummaan amalawwan jaalalli itti argisiifamu keessaa isa tokko akka taʼe yaadadhu. “Waaqayyo jaalala” waan taʼeef, qaamni isa caalaa amanamummaa argisiisuu dandaʼu hin jiru! (1 Yohaannis 4:8) Maleekonnis taʼan namoonni amalawwan Waaqayyoo calaqqisuu kan dandaʼan taʼus, karaa hunda irra caaluun amanamummaa kan argisiisu Yihowaa qofa dha. Yihowaan isa “Bara Dheeraa Jiraate” waan taʼeef, uumama lafa irras taʼe samii irra jiraatu kam iyyuu caalaa yeroo dheeraaf amanamummaa argisiisaa tureera. (Daaniʼel 7:9) Kanaaf, Yihowaan amanamummaa argisiisuudhaan fakkeenya hunda irra caaludha. Amala kana argisiisuudhaan uumamni kam iyyuu isaan qixxaachuu hin dandaʼu. Mee fakkeenyota tokko tokko ilaali.

9. Yihowaan ‘wanta raawwatu hundumaatiin amanamaa’ kan taʼe akkamitti?

9 Yihowaan, ‘wanta raawwatu hundumaatiin amanamaa dha.’ (Faarfannaa 145:17) Akkamitti? Faarfannaan 136 gaaffii kanaaf deebii kenna. Achi irratti, akkaataa Israaʼelonni dinqiidhaan Galaana Diimaa itti ceʼan dabalatee, gochawwan Yihowaan saba isaa oolchuuf raawwate hedduun ibsamaniiru. Lakkoofsa hunda irratti yaanni, “Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” jedhu kan argamu taʼuun isaa immoo kan nama dinqisiisudha. Faarfannaan kun, saanduqa “ Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran” jedhuu fi fuula 347 irratti argamu keessatti caqasameera. Caqasawwan kana yommuu dubbistu, karaawwan hedduu Yihowaan saba isaatti jaalala amanamaa itti argisiise akka dinqisiifattu hin shakkisiisu. Eeyyee, Yihowaan tajaajiltoonni isaa amanamoo taʼan gargaarsa argachuuf yommuu isatti iyyatan dhagaʼuu fi yeroo inni jedhetti tarkaanfii fudhachuudhaan isaaniif amanamaa taʼuu isaa ni argisiisa. (Faarfannaa 34:6) Yihowaan, yeroo tajaajiltoonni isaa isaaf amanamoo taʼan hundatti innis jaalala amanamaa isaanitti ni argisiisa.

10. Yihowaan ulaagaawwan isaa wajjin haala wal qabateen amanamaa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

10 Yihowaan ulaagaawwan baase eeguudhaanis tajaajiltoota isaatiif amanamaa taʼuu isaa ni argisiisa. Namoota amalli isaanii jijijjiiramuu fi miiraan oofaman irraa haala adda taʼen, ilaalchi Yihowaan wanta sirrii fi dogoggora taʼeef qabu hin jijjiiramu. Waggoota kuma hedduudhaan lakkaaʼamaniif, ilaalchi inni gocha hafuurota xuraaʼoof, waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuu fi ajjeechaaf qabu hin jijjiiramne. Yihowaan karaa Miilkiyaas raajii isaa, “Hamma dulloomtanitti ani isuma sana” jedheera. (Isaayyaas 46:4) Kanaaf, qajeelfama inni naamusaaf baasee fi Dubbii Waaqayyoo keessatti ifatti kaaʼame hordofuudhaan, faayidaa akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Isaayyaas 48:17-19.

11. Fakkeenyota Yihowaan abdii kenne akka raawwatu argisiisan tokko tokko dubbadhu.

11 Yihowaan abdii kenne raawwachuudhaanis amanamaa taʼuu isaa ni argisiisa. Raajiin inni dubbate hundi ni raawwatama. Kanaan kan kaʼes Yihowaan akkas jedheera: “Dubbiin afaan koo keessaa baʼu . . . dhugumaan wantan itti gammadu ni raawwata, wantan itti isa erges fiixaan ni baasa malee akkanumaan gara kootti hin deebiʼu.” (Isaayyaas 55:11) Yihowaan wanta dubbate raawwachuudhaan saba isaatiif amanamaa taʼuu isaa ni argisiisa. Sabni isaa wanta inni raawwachuu hin yaanne tokko hawwiidhaan akka eeggatan hin godhu. Gama kanaan Yihowaan maqaa gaarii waan qabuuf tajaajilaa isaa kan ture Iyyaasuun, “Waadaawwan gaggaarii Yihowaan mana Israaʼeliif gale hundumaa keessaa waadaan tokko illee utuu hin raawwatamin hin hafne; hundi isaanii iyyuu raawwatamaniiru” jechuu dandaʼeera. (Iyyaasuu 21:45) Kanaaf, Yihowaan abdii kenne raawwachuu hin dandaʼu jennee sodaachuudhaan, sababii abdii itti kutannu hin qabnu jechuudha.—Isaayyaas 49:23; Roomaa 5:5.

12, 13. Jaalalli amanamaan Yihowaa bara baraaf jabaatee kan dhaabatu karaawwan kamiini?

12 Akkuma olitti ibsame, Kitaabni Qulqulluun jaalalli amanamaan Yihowaa “bara baraaf jabaatee dhaabbata” jedha. (Faarfannaa 136:1) Garuu kun kan taʼu akkamitti? Tokkoffaa, Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama kan godhu bara baraaf waan taʼeefidha. Akkuma Boqonnaa 26​ffaa irratti ibsame, Yihowaan nama tokkoof cubbuu isaa erga dhiisee booda cubbuu sanaaf deebiʼee isa hin adabu. Namoonni ‘hundi cubbuu waan hojjetanii fi ulfina Waaqayyoo calaqqisiisuu waan hin dandeenyeef’ hundi keenya jaalalli amanamaan Yihowaa bara baraaf jabaatee kan dhaabatu taʼuu isaatti guddaa isa galateeffachuu qabna.—Roomaa 3:23.

13 Haa taʼu malee, jaalalli amanamaan Yihowaa karaa itti bara baraaf jabaatee dhaabatu kan biraas qaba. Kitaabni Qulqulluun, namni qajeelaan, “akka muka bishaan yaaʼu biratti dhaabamee, akka muka waqtii isaatti firii godhatuu, baalli isaas hin coollignee ni taʼa. Wanti inni godhu hundis isaaf ni milkaaʼa” jedha. (Faarfannaa 1:3) Mee waaʼee muka guddaa baalli isaa hin coolligne tokkoo yaadi! Nutis Dubbii Waaqayyootti garaadhaa kan gammannu yoo taʼe, jireenyi keenya dheeraa, akkasumas nagaa fi milkaaʼina kan qabu taʼa. Eebbi Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif kennu bara baraaf itti fufa. Dhuguma iyyuu, addunyaa haaraa Yihowaan fiduu fi qajeelummaan keessa guutu keessatti, ilmaan namootaa ajajamoo taʼan gaarummaa isaa bara baraaf ni argu.—Mulʼata 21:3, 4.

Yihowaan, ‘Warra Isaaf Amanamoo Taʼan Hin Gatu’

14. Yihowaan amanamummaa tajaajiltoota isaa akka dinqisiifatu kan argisiisu akkamitti?

14 Yihowaan amanamaa taʼuu isaa yeroo baayʼee argisiiseera. Inni waan hin jijjiiramneef, amanamummaan inni tajaajiltoota isaa warra amanamoo taʼaniif qabu matumaa hin hirʼatu. Faarfatichi akkas jedhee barreesseera: “Ani dargaggeessan ture, amma garuu dulloomeera, taʼus namni qajeelaan kam iyyuu yommuu gatamu, ijoolleen isaas yommuu nyaata kadhatan hin argine. Sababiin isaas, Yihowaan haqa ni jaallata, warra isaaf amanamoo taʼanis hin gatu.” (Faarfannaa 37:25, 28) Yihowaan Uumaa waan taʼeef waaqeffannaan isaaf mala. (Mulʼata 4:11) Taʼu iyyuu, amanamaa waan taʼeef, amanamummaa nuti argisiisnu akka laayyootti hin ilaalu.—Miilkiyaas 3:16, 17.

15. Akkaataan Yihowaan Israaʼelota itti gargaare amanamummaa isaa kan argisiisu akkamitti akka taʼe ibsi.

15 Yihowaan jaalala amanamaa isaatiin kakaʼee, yommuu sabni isaa rakkina keessa galan irra deddeebiʼee isaan gargaara. Faarfatichi, “Inni lubbuu warra isaaf amanamoo taʼanii ni eega; harka hamootaa jalaas isaan ni oolcha” jedheera. (Faarfannaa 97:10) Mee Yihowaan saba Israaʼel akkamitti akka gargaare ilaali. Israaʼelonni dinqiidhaan Galaana Diimaa erga ceʼanii booda, “Jaalala kee isa amanamaadhaan saba isa furte ni geggeessite” jechuudhaan Yihowaa faarfataniiru. (Baʼuu 15:13) Eeyyee, gochi Yihowaan Galaana Diimaa biratti Israaʼelota oolchuuf raawwate jaalala amanamaa isaa kan argisiisu ture. Kanaan kan kaʼes, Museen Israaʼelotaan akkas jedheera: “Yihowaan kan isin jaallatee fi kan isin filate isin saboota hundumaa irra hedduu waan turtaniif miti; saboota hundumaa irra lakkoofsi keessan xinnoo ture. Kanaa mannaa, Yihowaan mana garbummaa fi humna Faraʼoon mootii Gibxii jalaa isin furuuf harka jabaadhaan kan isin baase, Yihowaan waan isin jaallateef, kakuu abbootii keessaniif kakates waan eegeef ture.”—Keessa Deebii 7:7, 8.

16, 17. (a) Israaʼelonni dinqisiifannaa akka hin qabne kan argisiisan akkamitti? Taʼus Yihowaan gara laafina kan isaanitti argisiise akkamitti? (b) Israaʼelonni hedduun “hamma fayyinni isaaniif dhabamutti” kan gaʼan akkamitti? Kun hoo akeekkachiisa akkamii nuu taʼa?

16 Israaʼelonni Galaana Diimaa erga ceʼanii booda jaalala amanamaa Yihowaa utuu hin dinqisiifatin hafaniiru; sababiin isaas erga oolanii booda “Isa Hundaa Olii irratti finciluudhaan, [Yihowaa] irratti cubbuu hojjechuu isaanii itti fufan.” (Faarfannaa 78:17) Waggoota dhibbaan lakkaaʼamaniif, Yihowaa dhiisanii waaqolii sobaa waaqeffachuu fi gochawwan gadhee isaan mancaasan raawwachuudhaan irra deddeebiʼanii isa irratti fincilaniiru. Taʼus yeroo kanatti illee Yihowaan kakuu isaa hin cabsine. Kanaa mannaa karaa Ermiyaas raajichaa, “Yaa Israaʼel ishii gantuu taate nana, deebiʼi . . . Ani amanamaa waanan taʼeef, aariidhaan gad si hin ilaalu” jedhee saba isaa kadhateera. (Ermiyaas 3:12) Haa taʼu malee, akkuma Boqonnaa 25 irratti ibsame, Israaʼelonni hedduun jijjiirama gochuuf hin kakaane. Kanaa mannaa, “ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu, dubbii isaa ni tuffatu, raajota isaattis ni qoosu turan.” Kun hoo maal geessise? Dhuma irratti, ‘hamma fayyinni isaaniif dhabamutti, dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti ni dhufe.’—2 Seenaa Baraa 36:15, 16.

17 Kana irraa maal baranna? Yihowaan miiraan oofamuudhaan ykn gowwoomfamuudhaan amanamummaa hin argisiisu. Yihowaan ‘jaalalli amanamaan isaa baayʼee dha,’ akkasumas yeroo sababa gaʼaa qabaatutti araara argisiisuun isa gammachiisa. Taʼus, namni cubbuu hojjete tokko hammina isaatiin yoo itti fufe maaltu irra gaʼa? Yeroo akkasiitti Yihowaan, ulaagaa qajeelummaaf baase eeguudhaan, nama kana irratti murtii cimaa dabarsa. Akkuma Museen jedhe, Yihowaan ‘isa balleessaa qabu matumaa utuu hin adabin hin hafu.’—Baʼuu 34:6, 7.

18, 19. (a) Yihowaan hamoota adabuun isaa amanamummaa isaa kan argisiisu akkamitti? (b) Yihowaan namoota amanamoo ariʼatama isaan irra gaʼeen lubbuu isaanii dhabaniif amanamummaa isaa kan argisiisu akkamitti?

18 Waaqayyo hamoota adabuun isaa iyyuu amanamummaa isaa kan argisiisudha. Akkamitti? Deebiin gaaffii kanaa inni tokko, kitaaba Mulʼataa isa ajaja Yihowaan maleekota torbaaf kenne qabate keessatti ibsameera. Ajajni kun, “Dhaqaa, dheekkamsa Waaqayyoo saaniiwwan torban sana keessa jiru lafa irratti dhangalaasaa” jedha. Maleekaan inni sadaffaan yommuu saanii golboo isaa keessaa dheekkamsa Waaqayyoo ‘lageenii fi burqaawwan bishaanii irratti dhangalaasu’ dhiiga taʼan. Achiis maleekaan kun Yihowaadhaan akkas jedhe: “Ati inni jirtuu fi inni turte, inni amanamaa taate, murtiiwwan kana waan dabarsiteef ati qajeelaa dha; isaan dhiiga qulqullootaa fi raajotaa waan dhangalaasaniif, atis akka dhuganiif dhiiga isaaniif kennite; kunis kan isaaniif malu dha!”—Mulʼata 16:1-6.

19 Maleekaan kun, ergaa murtii dabarsaa ture gidduutti, Yihowaan “amanamaa” taʼuu isaa akka caqase qalbeeffadhu. Akkas kan jedhe maaliifi? Yihowaan hamoota balleessuun isaa tajaajiltoota isaatiif amanamaa taʼuu isaa waan argisiisuufidha. Tajaajiltoota isaa kana keessaa hedduun isaanii ariʼatama isaan irra gaʼeen lubbuu isaanii dhabaniiru. Yihowaan amanamaa waan taʼeef, namoota kana akkuma waan lubbuudhaan jiraniitti ilaala. Namoota amanamoo kana deebiʼee arguuf kan hawwu yeroo taʼu, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan duʼaa kaasuudhaan isaan kiisuu akka barbaadu nuu mirkaneessa. (Iyyoob 14:14, 15) Yihowaan tajaajiltoonni isaa amanamoo taʼan lubbuudhaan waan hin jirreef qofa isaan hin irraanfatu. Kanaa mannaa, “hundi isaanii isaaf jiraatoo” dha. (Luqaas 20:37, 38) Yihowaan namoota yaadatu kana gara jireenyaatti deebisuuf kaayyoo qabaachuun isaa, ragaa guddaa amanamummaa isaa argisiisudha.

Yihowaan namoota hamma duʼaatti illee amanamoo taʼan yaadachuu fi duʼaa kaasuudhaan amanamaa taʼuu isaa ni argisiisa

Beernaardi Luuyimisii (gubbaa) fi Woolfigaangi Kusaroow (gidduu) warra Naaziitiin ajjeefamaniiru

Moosas Niyaamusuwaan garee siyaasaa tokkoon eeboodhaan waraanamee ajjeefameera

Amanamummaan Yihowaa Fayyinaaf Karaa Bana

20. Namoonni “qodaawwan gara laafinaa” taʼan eenyufaʼi? Yihowaan namoota kanaaf amanamaa taʼuu isaa kan argisiise hoo akkamitti?

20 Yihowaan namoota amanamoo taʼanitti amanamummaa guddaa argisiisaa tureera. Waggoota kuma hedduudhaan lakkaaʼamaniif, ‘qodaawwan dheekkamsaa badiisni isaaniif malutti obsa guddaa argisiiseera.’ Maaliifi? ‘Kana kan godhe qodaawwan gara laafinaa warra dursee ulfina isaatiif qopheesse irratti ulfina isaa isa guddaa mulʼisuuf.’ (Roomaa 9:22-24) Namoonni “qodaawwan gara laafinaa” taʼan kun, namoota garaa qajeelaa qabanii fi Mootummaa Kiristoos irratti isaa wajjin bulchuuf hafuura qulqulluudhaan dibamanidha. (Maatewos 19:28) Yihowaan, namoota qodaa gara laafinaa taʼaniif daandii fayyinaa banuudhaan waadaa Abraamiif, “Ati sagalee koo waan dhageesseef, saboonni lafa irraa hundi sanyii keetiin ofii isaaniitiif eebba ni argatu” jechuudhaan galeef amanamaa taʼuu isaa argisiiseera.—Uumama 22:18.

Yihowaan amanamaa waan taʼeef, tajaajiltoonni isaa amanamoon hundi abdii amansiisaa qabu

21. (a) Yihowaan, ‘tuuta uummataa guddaa’ “rakkina guddaa” keessaa baʼuuf abdii qabanitti amanamummaa kan argisiisu akkamitti? (b) Yihowaan amanamaa taʼuun isaa maal akka gootu si kakaasa?

21 Yihowaan, ‘tuuta uummataa guddaa’ “rakkina guddaa” keessaa baʼuu fi lafa jannata taatu irra bara baraan jiraachuuf abdii qabanittis amanamummaa akkasii ni argisiisa. (Mulʼata 7:9, 10, 14) Tajaajiltoonni isaa mudaa kan qaban taʼus, Yihowaan amanamaa waan taʼeef bara baraan lafa jannata taatu irra akka jiraatan carraa isaanii kenna. Kana kan godhu akkamitti? Furii Ilma isaa isa hunda caalaa amanamummaa isaa argisiisutti fayyadameeti. (Yohaannis 3:16; Roomaa 5:8) Amanamummaan Yihowaa, namoota garaan isaanii qajeelummaa beelaʼe ni hawwata. (Ermiyaas 31:3) Amanamummaa guddaan Yihowaan argisiisaa jiruu fi gara fuulduraatti argisiisu, gara isaatti akka dhihaattu si hin kakaasuu? Hawwiin keenya Waaqayyotti dhihaachuu waan taʼeef, murtoo amanamummaadhaan isa tajaajiluuf goone cimsachuudhaan, jaalala inni nutti argisiise akka dinqisiifannu haa argisiisnu.

a Kan nama dinqisiisu 2 Saamuʼel 22:26 irratti jechi “amanamummaa” jedhamee hiikame iddoo biraatti “jaalala amanamaa” jedhamee hiikameera.