KUTAA 5
Qaallummaa, Moraafi Budaa Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?
1. Qaallummaan, morriifi gochi budaa hangam babalʼateera?
KITAABNI Afriikaan Traadiishinaal Riliijin jedhamu, “Afriikaa keessatti budaan jiramoo hin jiru jedhanii gaafachuun akka gowwummaatti ilaalama” erga jedhee booda itti dabaluudhaan, “Yaanni budaa jedhu namoota Afriikaa keessa jiraataniif haaraa miti” jechuudhaan ibseera. Namoonni hin barannes taʼan namoonni barumsa guddaa qaban qaallummaatti, moraafi gocha budaatti ni amanu. Geggeessitoonni amantii Islaamaafi amantii Kiristiyaanaallee wantoota kanatti ni amanu.
2. Akka namoonni hedduun itti amananitti humnoonni iccitii taʼan eessaa dhufan?
2 Karaa dhoksaa taʼeen Waaqayyoo wajjin ykn humna hafuuraa wajjin wal arguun akka dandaʼamu Afriikaa keessatti balʼinaan amanama. Humna kana kan toʼatummoo Waaqayyodha. Hafuuronni ykn abbootiin durii humna kanatti fayyadamuu dandaʼu. Namoonni tokko tokkos, humna kana akkamitti akka argataniifi wanta gaariidhaaf ykn wanta gadheedhaaf akkamitti akka itti fayyadaman beeku.
3. Morri maalidha? Namoonni gochi kun maal geessisa jedhanii amanu?
3 Morri, gocha diina ofii miidhuuf raawwatamudha. Namoonni gocha akkasii raawwatan, nama miidhuuf simbira halkanii, simbirroota, titiisotaafi bineensota kan biraa erguu akka dandaʼan amanama. Morri namoonni akka wal lolan, akka maseenan, akka dhukkubsataniifi akka duʼan godha jedhamee amanama.
4. Namoonni hedduun waaʼee budaa maal jedhanii amanu? Namoonni budaa turan tokko tokko wanta raawwachaa turan maal jechuudhaan ibsaniiru?
4 Gochi budaa, mora wajjin walitti dhufeenya guddaa qaba. Biyyoota Afriikaa tokko tokkotti, namoonni budaa taʼan, budoota kaanii wajjin wal arguuf ykn warra ijasaaniitiin nyaatanii ajjeesan foonsaanii nyaachuuf halkan qaamasaanii dhiisanii balaliʼu jedhamee amanama. Warri budaan kana kan godhan qaamnisaanii utuma rafee jiruu akka taʼe kan dubbatamu siʼa taʼu, yaada sobaa kanaaf akka ragaa guddaatti kan dhihaatu wanta namoonni kanaan dura budaa turan dubbatanidha. Fakkeenyaaf barruun Afriikaa tokko namoonni budaa turan (yeroo baayʼee durboota umrii waggoota kurnanii keessatti argamanidha) akkas jedhanii of saaxiluusaanii ibseera: “Namoonni 150 taʼan balaa konkolaataatiin akka duʼan godheera.” “Ijoollee shan guutummaatti dhiigasaanii xuuxee ajjeeseera.” “Jaalalleewwan dhiiraa sadii waan na gananiif ajjeeseera.”
5. Qaallummaan wanta hamaarraa nama eeguuf raawwatamu maalidha? Gochi kun kan raawwatamuhoo akkamitti?
5 Qaallummaan wanta hamaarraa nama eeguuf raawwatamus jira. Namoonni qaallummaa akkasii raawwatan, qubeelaafi amartii qorichi itti hojjetame godhatu. Qoricha balaarraa nama eega jedhamu ni dhugu ykn ni dibatu; akkasumas manasaanii keessa ykn lafa keessa dhoksu. Kudhaama barreeffama Qurʼaanarraa ykn Macaafa Qulqulluurraa fudhatame qabutti ni amanamu.
Sobaafi Gowwoomsaa
6. Seexanniifi hafuuronni hamoon kanaan dura maal godhaniiru? Humnasaaniitiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
6 Seexanniifi hafuuronni hamoon diinota ilmaan namootaa humna qaban akka taʼan beekamaadha. Sammuufi jireenya namootaarratti dhiibbaa geessisuuf humna qabu; bara duriitti namootaafi bineensota keessa galanii jiraatu turan. (Maatewos 12:43-45) Humna isaan qaban akka laayyootti ilaaluu kan hin qabne taʼuyyuu, arbeessinees ilaaluu hin qabnu.
7. Seexanni maal akka amannu barbaada? Kun fakkeenya kamiin ibsameera?
7 Seexanni gowwoomsituu isa guddaadha. Humni inni qabu garmalee guddaa akka taʼe akka yaadan gochuudhaan namoota gowwoomsa. Kana fakkeenyaan ibsuuf: Dhiheenya kana waraana biyya Afriikaa tokkotti godhamerratti, loltoonni garee tokkoo diinotasaanii sodaachisuuf meeshaa sagalee guddisutti fayyadaman. Loltoonni kun, diinota haleeluusaanii dura sagalee meeshaa waraanaa gurguddaafi sagalee qawwee meeshaa sagaleetiin waraabame dhageessisan. Kaayyoonsaanii diinonnisaanii meeshaa waraanaa gurguddaadhaan isaan haleelaa akka jiran akka yaadan gochuu ture. Haaluma wal fakkaatuun Seexannis namoonni, inni humna daangaa hin qabne akka qabu akka yaadan gochuu barbaada. Kaayyoonsaa, namoonni fedha Yihowaa raawwachuu mannaa sodaatanii fedhasaa akka raawwatan gochuudha. Mee amma soba Seexanni namoonni akka amanan barbaadu sadii haa ilaallu.
8. Sobni Seexanni babalʼisu inni tokko maalidha?
8 Sobni Seexanni babalʼisu inni tokko, wanti hamaan akkasumaan namarra hin gaʼu, kanaa mannaa wanti gadheen namni tokko kallattiidhaan namarratti hin raawwanne, humna hafuuraa iccitii taʼeen namarra gaʼa kan jedhudha. Fakkeenyaaf, mucaan tokko dhukkuba busaatiin duʼe haa jennu. Haatisaa dhukkubni busaa bookee busaarraa akka namatti dhufu beekti taʼa. Haataʼu malee, namni tokko moraan bookeen busaa dhaqxee mucaashee akka hidditu akka erges ni amanti taʼa.
9. Macaafni Qulqulluun rakkina hunda kan geessisu Seexana akka hin taane kan ibsu akkamitti?
9 Seexanni rakkoowwan tokko tokko geessisuuf humna akka qabu beekamaa taʼus, rakkoowwan hunda geessisuuf humna akka qabu amanuun dogoggoradha. Macaafni Qulqulluun, “Isa fiiganii nama dura darbuu dadhaban, lolanii moʼuu dadhaban, ogeessa taʼanii buddeena dhaban, afchaala taʼanii sooromuu dadhaban, waa hojjechuu utuma beekanii jajamuu dadhabanii dha; isaan kana hundumaattis yeroon tokkichii fi wanti tokkichi [‘yerooniifi walitti dhufuun,’ hiika bara 1899] in dhufa” jedha. (Lallaba 9:11) Namni dorgommii fiigichaarra jiru tokko warra kaan caalaa saffisaan fiigus, utuu hin moʼin hafuu dandaʼa. ‘Yerooniifi walitti dhufuun’ akka hin moone isa gochuu dandaʼa. Tarii namni kun gufatee kufuu, dhukkubsachuu ykn meelachuu dandaʼa. Wantoonni kun eenyurrayyuu kan gaʼanidha. Dirqama Seexanaan ykn moraan kan namarra gaʼan utuu hin taʼin, akkasumaan gaʼuu kan dandaʼanidha.
10. Waaʼee budaa maal jedhama? Kun soba taʼuusaa akkamitti beekna?
10 Sobni Seexanni babalʼisu inni lammaffaan,
namoonni budaa jedhaman namoota akkasaanii budaa taʼanii wajjin wal arguuf, akkasumas dhiiga nama ijasaaniitiin nyaatan sanaa xuuxuuf ykn foonsaa nyaachuuf halkan jooraa bulu jedhanii akka amanan gochuudha. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Namoonni budaa jedhaman akkas gochuu dandaʼu taanaan, qaamasaanii dhiisee kan deemu maalsaaniiti?’ Akkuma kanaan dura ilaalletti, lubbuun namichuma malee wanta isa keessaa baʼu miti. Hafuurrimmoo humna jireenyaa qaama namaatiif humna kennudha malee, wanta qaamarraa adda baʼee ofiisaatiin waa gochuu dandaʼu miti.11. Namoonni budaa jedhaman qaamasaanii dhiisanii deemuu akka hin dandeenye akkamitti beekna? Atoo kanatti ni amantaa?
11 Lubbuunis taʼe hafuurri wanta gaarii ykn wanta gadhee gochuuf qaama keessaa baʼanii deemuu hin dandaʼan. Kanaaf, namoonni budaa jedhaman qaamasaanii dhiisanii deemuu hin dandaʼan. Wanta ni goona jedhanis taʼe gooneerra jedhanii yaadan gochuu hin dandaʼan.
12. Seexanni, namoonni wanta hin goone gooneerra jedhanii akka amanan kan godhu akkamitti?
12 Namoonni tokko tokko wanta tokko akka argan, akka dhagaʼan ykn akka raawwatan kan isaanitti dhagaʼamu maaliifi? Seexanni namoonni wanti hin raawwatamne raawwatameera jedhanii akka amanan gochuu dandaʼa. Mulʼatatti fayyadamee namoonni wanta tokko kan argan, kan dhagaʼan ykn kan godhan akka isaanitti fakkaatu gochuu dandaʼa. Akka kanaan, Seexanni namoota Yihowaarraa jalʼisuufi Macaafni Qulqulluun sobadha jedhanii akka amanan gochuu akka dandaʼu yaada.
13. (a) Qaallummaan gaarii taʼe jiraa? (b) Qaallummaa ilaalchisee Caaffanni Qulqullaaʼoon maal jedhu?
13 Sobni inni sadaffaanimmoo, qaallummaan mora ofirraa ittisuuf godhamu gaariidha kan jedhudha. Macaafni Qulqulluun qaallummaan gaarii jedhamuufi gadhee jedhamu akka jiru hin dubbatu. Gocha akkasii hundas ni balaaleffata. Gocha qaallummaa ilaalchisee seera Yihowaan saba Israaʼeliif kenne ilaali:
-
“Duumessa ilaaltaniis ayyaana hin hedinaa!”—Lewwoota 19:26.
-
“Namni ekeraa dubbisu yookiis ekeraa waamu, dhiirris dubartiinis haa ajjeefaman!”—Lewwoota 20:27.
-
“Namni duumessa ilaalee ayyaana hedu, Keessa Deebii 18:10-14.
beekaan, namni qoricha namatti godhus tokko illee si keessatti hin argamin! Namni nama dawweessu, namni ekeraa dubbisu, qaalluun . . . si keessatti hin argamin!”—
14. Yihowaan qaallummaa ilaalchisee seera kan baase maaliifi?
14 Seerawwan kun, Waaqayyo sabnisaa gochawwan qaallummaa akka raawwatan kan hin barbaanne taʼuusaa ifa godhu. Yihowaan seerawwan kana sabasaatiif kan kenne waan isaan jaallatuuf, akkasumas sodaafi amantii gadheedhaaf garboota akka hin taane waan barbaaduufidha. Hafuuronni hamoon akka isaan cunqursan hin barbaadu.
15. Macaafni Qulqulluun, Yihowaan Seexana caalaa humna guddaa akka qabu kan ibsu akkamitti?
15 Macaafni Qulqulluun wanta hafuuronni hamoon gochuu dandaʼaniifi gochuu hin dandeenye ilaalchisee yaada balʼaa hin kennu. Haataʼu malee, humni Yihowaa humna Seexanniifi hafuuronni hamoon qabanirra baayʼee akka caalu nutti hima. Yihowaan samiirraa Seexana ariʼeera. (Mulʼata 12:9) Seexanni Iyoobiin qoruuf Waaqayyoon heyyama akka gaafateefi akeekkachiisa Iyoobiin akka hin ajjeesne isaaf kennameef akka abboomames hubadhu.—Iyoob 2:4-6.
16. Eegumsa argachuuf eenyuun kadhachuu qabna?
16 Fakkeenyi 18:10, “Maqaan Waaqayyoo gimbii jabaa dha, namni qajeelaan gara isaatti baqatee in oola” jedha. Kanaafuu, eegumsa argachuuf Yihowaa kadhachuu qabna. Tajaajiltoonni Waaqayyoo, kudhaamni ykn qorichi gocha hamaa Seexanni ykn hafuuronni hamoon geessisanirraa nu eega jedhanii hin amanan; warra nama dawweessanis taʼe mora hojjetan hin sodaatan. Tajaajiltoonni Waaqayyoo yaada Macaafa Qulqulluu, “Waaqayyo guutummaa biyya lafaa in ilaala, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan in gargaara” jedhutti ni amanu.—2 Seenaa 16:9.
17. Yaaqoob 4:7 maal nuu mirkaneessa? Taʼus maal gochuu qabna?
17 Atis Yihowaa kan tajaajiltu yoo taʼe amanannaa akkasii qabaachuu dandeessa. Yaaqoob 4:7, “Harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata” jedha. Waaqa dhugaa kan waaqeffattuufi isaaf kan bitamtu yoo taʼe, Yihowaan eegumsa akka sii godhu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.