Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ibsa Dabalataa

Ibsa Dabalataa

1 YIHOWAA

Maqaan Waaqayyoo Yihowaa dha; hiikni isaas “Akka Taʼu Godha” jechuu dha. Yihowaan Waaqa hundumaa dandaʼuu fi wantoota hunda uume dha. Wanta murteesse kam iyyuu raawwachuuf humna qaba.

Afaan Ibrootaatiin maqaan Waaqayyoo qubee afuriin kan barreeffamaa ture siʼa taʼu, qubeewwan kunneen qubee YHWH ykn JHVH jedhaniin bakka buufamu. Maqaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaa isa jalqabaa keessatti gara siʼa 7,000 argama. Namoonni addunyaa mara irra jiran maqaa Yihowaa akkaataa adda addaa, afaan isaaniitiin balʼinaan beekamuun waamu.

Boq. 1, key. 15

2 KITAABNI QULQULLUUN ‘GEGGEESSAA HAFUURA WAAQAYYOOTIIN BARREEFFAME’

Abbaan barroo Kitaaba Qulqulluu Waaqayyo taʼus, akka barreessaniif namootatti fayyadameera. Kun hogganaa barreessituun isaa xalayaa akka barreessituuf ishiitti himuu wajjin wal fakkaata. Waaqayyo barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu yaada isaa akka galmeessan isaan geggeessuuf hafuura qulqulluutti fayyadameera. Hafuurri Waaqayyoo karaa adda addaatiin isaan geggeesseera; fakkeenyaaf, wanta mulʼata ykn abjuudhaan argan akka barreessan godheera.

Boq. 2, key. 5

3 DHUGAAWWAN BUʼUURAA

Barsiisawwan Kitaaba Qulqulluu dhugaa buʼuuraa ibsani dha. Fakkeenyaaf, dhugaan buʼuuraa “hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa” jedhu, hiriyoonni keenya karaa gaariidhaanis taʼe karaa gadhee taʼeen dhiibbaa akka nu irratti godhan nu barsiisa. (1 Qorontos 15:33) Akkasumas dhugaan buʼuuraa “namni waanuma facaase sana haammata” jedhu, miidhaa gochi keenya nu irraan geessisu jalaa miliquu akka hin dandeenye nu barsiisa.Galaatiyaa 6:7.

Boq. 2, key. 12

4 RAAJII

Ergaa Waaqayyo biraa dhufu dha. Ergaa fedha Waaqayyoo ibsu, barumsa naamusaa, ajaja ykn murtoo Waaqayyoo taʼuu dandaʼa. Kana malees ergaa wanta gara fuulduraatti taʼu ibsu taʼuu dandaʼa. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiran hedduun isaanii raawwatamaniiru.

Boq. 2, key. 13

5 RAAJIIWWAN MASIIHICHA ILAALCHISEE DUBBATAMAN

Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu Masiihicha ilaalchisee dubbataman hedduun kan raawwataman Yesuus irratti dha. Saanduqa “ Raajiiwwan Masiihicha Ilaalchisee Dubbataman” jedhu ilaali.

Boq. 2, key. 17, miiljalee.

6 KAAYYOO YIHOWAAN LAFAAF QABU

Yihowaan, lafti jannata namoonni isa jaallatan keessa jiraatan akka taatuuf uume. Kaayyoon isaa kun amma iyyuu hin jijjiiramne. Dhiheenyatti, Waaqayyo hammeenya balleessee namoonni isa jaallatan bara baraaf akka jiraatan godha.

Boq. 3, key. 1

7 SEEXANAA FI DIYAABILOS

Seexanni, maleekaa Waaqayyo irratti jalqaba fincila kaase dha. Yihowaa waan mormeef Seexana jedhameera; hiikni isaas “Mormituu” jechuu dha. Diyaabilos jedhamees kan waamame siʼa taʼu, hiikni isaa “maqaa balleessituu” jechuu dha. Maqaan kun kan isaaf kenname waaʼee Waaqayyoo soba waan dubbatuu fi namoota waan gowwoomsuufi dha.

Boq. 3, key. 4

8 MALEEKOTA

Yihowaan maleekota kan uume lafa uumuu isaa yeroo dheeraa dura dha. Isaan samii irra akka jiraataniif uumaman. Maleekota miliyoona dhibbaa ol taʼantu jira. (Daaniʼel 7:10) Maqaa fi eenyummaa adda addaa qabu; maleekonni amanamoon gad of qaban namootaan waaqeffatamuu didaniiru. Sadarkaa adda addaa fi hojii gara garaa qabu. Hojiin kun teessoo Yihowaa dura tajaajiluu, ergaa isaa dabarsuu, tajaajiltoota isaa lafa irra jiran eeguu fi geggeessuu, murtoo isaa raawwachiisuu fi hojii lallabaa deggeruu dabalata. (Faarfannaa 34:7; Mulʼata 14:6; 22:8, 9) Gara fuulduraatti immoo, Yesuusii wajjin waraana Armaagedoon irratti hirmaatu.Mulʼata 16:14, 16; 19:14, 15.

Boq. 3, key. 5; Boq. 10, key. 1

9 CUBBUU

Miirri, yaadnii fi gochi Yihowaa fi fedha isaa wajjin wal faallessu kam iyyuu cubbuu dha. Cubbuun hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu waan nu jalaa mancaasuuf, Waaqayyo seeraa fi dhugaawwan buʼuuraa taʼe jennee cubbuu hojjechuu irraa akka of qusannu nu gargaaran nuu kenneera. Jalqaba ­irratti, Yihowaan wanta hunda mudaa kan hin qabne godhee kan uume taʼus, Addaamii fi Hewwaan Yihowaadhaaf ajajamuu yommuu didanitti, cubbuu hojjetan, akkasumas mudaa kan qaban taʼan. Achiis dulloomanii duʼan; nutis Addaam irraa cubbuu waan dhaalleef dulloomnee duuna.

Boq. 3, key. 7; Boq. 5, key. 3

10 ARMAAGEDOON

Waraana, Waaqayyo addunyaa Seexanaa fi hammeenya hunda ittiin balleessu dha.

Boq. 3, key. 13; Boq. 8, key. 18

11 MOOTUMMAA WAAQAYYOO

Mootummaan Waaqayyoo, bulchiinsa Yihowaan samii irratti hundeesse dha. Yesuus Kiristoos Mootii Mootummaa kanaa taʼee bulchaa jira. Gara fuulduraatti Yihowaan hammeenya hunda balleessuuf Mootummaa kanatti fayyadama. Achiis Mootummaan Waaqayyoo lafa kana bulcha.

Boq. 3, key. 14

12 YESUUS KIRISTOOS

Waaqayyo wantoota hunda dura Yesuusiin uume. Yihowaan Yesuusiin gara lafaatti erguudhaan ilmaan namootaa hundaaf akka duʼu godheera. Yesuus erga ajjeefamee booda Yihowaan duʼaa isa kaaseera. Yeroo ammaatti Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee samii irratti bulchaa jira.

Boq. 4, key. 2

13 RAAJII WAGGAA TORBA SIʼA 70 ILAALCHISEE DUBBATAME

Kitaabni Qulqulluun yeroo Masiihichi itti mulʼatu ilaalchisee raajii dubbateera. Kun kan taʼu dhuma waggaa torba siʼa 69tti siʼa taʼu, kunis Dh.K.D. bara 455tti jalqabee Dh.K.B. bara 29tti xumurame.

Yeroon kun Dh.K.B. bara 29tti akka xumurame akkamitti beekuu dandeenya? Raajichi waaʼee waggaa torba siʼa torbaa fi waggaa torba siʼa 62 dubbata. Akka walii galaatti waggaa 7 siʼa 69 jechuu dha; kun immoo waggaa 483 fida. Yeroon kun Dh.K.D. bara 455 yommuu Nahimiyaan gara Yerusaalem dhaqee magaalattii deebisee ijaaruu eegaletti jalqabe. (Daaniʼel 9:25; Nahimiyaa 2:1, 5-8) Dh.K.D. bara 455 kaasnee waggoota 483 yommuu lakkoofnu Dh.K.B. bara 29 bira geenya. Barri kun immoo bara Yesuus cuuphamee Masiihicha itti taʼe dha!Luqaas 3:1, 2, 21, 22.

Raajiidhumti kun waaʼee waggoota kan biraa torbaa ni dubbata. Yeroo kana keessatti, jechuunis Dh.K.B. bara 33tti Masiihichi ni ajjeefama; Dh.K.B. bara 36 jalqabee immoo misiraachoon Mootummaa Waaqayyoo Yihudootaaf qofa utuu hin taʼin, guutummaa saboota lafa irraatiif ni lallabama.Daaniʼel 9:24-27.

Boq. 4, key. 7

14 SILLAASEE—BARUMSA SOBAA

Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan Uumaa akka taʼee fi wantoota kaan hunda dura Yesuusiin akka uume barsiisa. (Qolosaayis 1:15, 16) Yesuus Waaqa Hundumaa Dandaʼu miti. Inni Waaqayyoo wajjin qixxee akka taʼes matumaa dubbatee hin beeku. Kana irra darbees, ‘Abbaan ana irra ni caala’ jedheera. (Yohaannis 14:28; 1 Qorontos 15:28) Dhaabbileen amantii tokko tokko garuu Abbaa, Ilmaa fi hafuurri qulqulluu sadan isaanii waaqa tokkicha, jechuunis Sillaasee akka taʼan barsiisu. Haa taʼu malee, jechi “Sillaasee” jedhu Kitaaba Qulqulluu keessatti hin argamu. Kun barumsa sobaa ti.

Hafuurri qulqulluun humna Waaqayyoo hojii irra jiruu fi ijaan hin mulʼanne, kan inni fedhii isaa raawwachuuf itti fayyadamu dha. Qaama mataa isaa kan qabu miti. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, ‘hafuura qulqulluudhaan guutamanii’ turan; Yihowaanis, “Ani hafuura koo foon kan uffate hunda irratti nan dhangalaasa” jedhee ture.Hojii Ergamootaa 2:1-4, 17.

Boq. 4, key. 12; Boq. 15, key. 17

15 FANNOO

Kiristiyaanonni dhugaan Waaqayyoon waaqeffachuuf ­fannootti hin fayyadaman. Maaliif?

  1.  Fannoon amantii sobaa keessatti waggoota dheeraadhaaf faayidaa irra oolaa tureera. Bara duriitti uumama waaqeffachuu fi duudhaawwan wal hormaataa namoonni Waaqayyoon hin beekne raawwatan keessatti faayidaa irra oolaa tureera. Yesuus duʼee waggoottan 300 jalqaba turan keessatti, Kiristiyaanonni waaqeffannaa isaanii irratti fannootti hin fayyadaman turan. Yeroo booda, Qosxanxinoos inni Mootii Moototaa warra Roomaa taʼe fannoon mallattoo Kiristiyaanummaa akka taʼu godhe. Mallattoon kun yaalii Kiristiyaanummaa babalʼisuuf godhame irratti faayidaa irra oole. Haa taʼu malee fannoon, Yesuus Kiristoosii wajjin walitti dhufeenya tokko iyyuu hin qabu. Kitaabni Ingiliffaa New Catholic Encyclopedia jedhamu, “Fannoon utuu Kiristiyaanummaan hin hundeeffamin dura, akkasumas aadaawwan Kiristiyaanummaan ala taʼan keessa kan ture dha” jedheera.

  2.  Yesuus kan duʼe fannoo irratti miti. Jechi afaan Giriikii “fannoo” jedhamee hiikame, “muka solooloo,” “falaxaa” ykn “muka” jechuu dha. Kitaabni Qulqulluu Ingiliffaa The Companion Bible jedhamu, “[Kakuu Haaraa] afaan Giriikiitiin barreeffame keessatti wanti mukoonni lama faayidaa irra akka oolan argisiisu hin jiru” jedheera. Yesuus kan duʼe muka solooloo irratti dha.

  3. Yihowaan waaqeffannaa keenya irratti fakkii ykn mallattootti akka fayyadamnu hin barbaadu.Baʼuu 20:4, 5; 1 Qorontos 10:14.

Boq. 5, key. 12

16 AYYAANA YAADANNOO

Yesuus barattoonni isaa Ayyaana Yaadannoo duʼa isaa akka kabajan ajajeera. Kana kan godhan waggaa waggaadhaan Niisaan 14, jechuunis guyyaa Israaʼeloonni Ayyaana Faasikaa itti kabajaa turanitti dha. Maxinoo fi wayiniin foon Yesuusii fi dhiiga isaa bakka buʼu, namoota Ayyaana Yaadannoo irratti argaman duratti naanneffama. Namoonni Yesuusii wajjin samii irratti bulchan maxinicha ni nyaatu, wayinichas ni dhugu. Namoonni abdii bara baraaf lafa irra jiraachuu qaban immoo, Ayyaana Yaadannoo irratti kabajaan kan argaman taʼus maxinicha hin nyaatan, wayinichas hin dhugan.

Boq. 5, key. 21

17 LUBBUU

Jechi afaan Ibrootaa fi Giriikii “lubbuu” jedhamee hiikame (1) nama, (2)  bineensa ykn (3) jireenya namaa ykn bineensaa argisiisuuf hojii irra ooleera. Mee fakkeenya tokko tokko ilaali:

  • Nama. “Bara Noh . . . namoonni muraasni, jechuunis lubbuun saddeet bishaan irraa [oolaniiru].” (1 Pheexiros 3:20) As irratti jechi “lubbuu” jedhu namoota, jechuunis Nohii fi haadha manaa isaa, ilmaan isaanii sadanii fi haadhotii manaa isaanii argisiisa.

  • Bineensa. ‘Namni tolaan lubbuu horii isaatiif ni ooʼa.’Fakkeenya 12:10, hiika bara 1899.

  • Jireenya namaa ykn bineensaa. Yihowaan Museedhaan, “Warri lubbuu kee balleessuu barbaadaa turan hundinuu amma duʼaniiru” jedhee ture. (Baʼuu 4:19) Yesuus yommuu lafa irra turetti, “Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna” jedhee ture.Yohaannis 10:11.

    Kana malees, namni tokko ‘lubbuu guutuudhaan’ wanta tokko raawwate jechuun, wanta sana fedhii fi dandeettii isaa hundumaan raawwate jechuu dha. (Maatewos 22:37; Keessa Deebii 6:5, hiika bara 1899) Jechi lubbuu jedhu nama duʼaa jiru ykn duʼe argisiisuufis hojii irra ooleera.Iyoob 33:22.

Boq. 6, key. 5; Boq. 15, key. 17

18 HAFUURA

Jechoonni afaan Ibrootaa fi afaan Giriikii “hafuura” jedhamanii hiikaman hiika adda addaa qabaachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, yeroo hunda wantoota ija namootaatiin hin mulʼanne, kanneen akka qilleensaa ykn hafuura namoonnii fi bineensonni baafatanii argisiisuuf itti hojjetama. Kana malees jechoonni kun qaamota hafuuraa fi hafuura qulqulluu isa humna Waaqayyoo hojii irra jiru taʼe argisiisuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun, namni tokko erga duʼee booda kutaan qaama isaa jiraachuu ishii itti fuftu jirti jedhee hin barsiisu.Baʼuu 35:21; Faarfannaa 104:29; Maatewos 12:43; Luqaas 11:13.

Boq. 6, key. 5; Boq. 15, key. 17

19 GAHAANNAM

Gahaannam maqaa sulula Yerusaalemitti dhihoo kosiin itti gubamaa fi balleeffamaa tureef kenname dha. Bara Yesuusitti bineensonni ykn namoonni utuma lubbuudhaan jiranii sulula kana keessatti dhiphifamaa ykn gubamaa akka turan ragaan ibsu hin jiru. Kanaaf, Gahaannam bakka ijaan hin mulʼannee fi namoonni duʼan itti dhiphifaman ykn bara baraaf itti gubatan kan argisiisu miti. Yesuus waaʼee namoota Gahaannam keessatti darbatamanii yommuu dubbatu, guutummaatti akka balleeffaman dubbachuu isaa ture.Maatewos 5:22; 10:28.

Boq. 7, key. 20

20 KADHANNAA GOOFTAA

Kun kadhannaa Yesuus bartoonni isaa akkamitti akka kadhatan yommuu barsiisetti isaanitti hime dha. Kadhannaa Yaa Abbaa Keenyaa ykn kadhannaa fakkeenyaa jedhamees ni beekama. Fakkeenyaaf, Yesuus akkana jennee akka kadhannu nu barsiiseera:

  • “Maqaan kee haa qulqullaaʼu”

    Yihowaan maqaa isaa soba hundumaa irraa akka qulqulleessu kadhanna.Kunis kan samii irra jiraatanis taʼan kan lafa irra jiraatan hundi maqaa isaatiif ulfina akka kennanii fi akka kabajaniifi dha.

  • “Mootummaan kee haa dhufu”

    Bulchiinsi Waaqayyoo addunyaa Seexanaa isa hamaa taʼe balleessee, lafa kana akka bulchuu fi jannata akka godhu kadhanna.

  • ‘Fedhiin kee lafa irratti haa taʼu’

    Kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabu akka raawwatamu, jechuunis akkuma Yihowaan namoonni yeroo uumamanitti yaadee ture, namoonni ajajamoon mudaa hin qabne Jannata keessa bara baraaf jiraachuu akka dandaʼan kadhanna.

Boq. 8, key. 2

21 FURII

Yihowaan cubbuu fi duʼa jalaa ilmaan namootaa bilisa baasuuf furii qopheesseera. Furiin gatii jireenya mudaa hin qabnee fi Addaam dhabe deebisanii bituuf, akkasumas hariiroo namootaa fi Yihowaa isa mancaʼe suphuuf barbaachisu dha. Waaqayyo namoota cubbuu dhaalan hundaaf akka duʼuuf Yesuusiin gara lafaatti erge. Yesuus duʼuun isaa ilmaan namootaa hundi mudaa kan hin qabne akka taʼanii fi jireenya bara baraa akka qabaatan carraa isaaniif baneera.

Boq. 8, key. 21; Boq. 9, key. 13

22 BARRI 1914 IDDOO GUDDAA QABA KAN JENNU MAALIIFI?

Raajiin Daaniʼel boqonnaa 4 irra jiru, Waaqayyo bara 1914tti Mootummaa isaa akka hundeesse nu barsiisa.

Raajii: Yihowaan Nebukadnezaar Mootichi waaʼee muka guddaa murame tokkoo abjuu raajii of keessaa qabu akka argu godhe. Abjuu sana keessatti, gufuun mukichaa akka hin latneef hidhaa sibiilaa fi sibiila diimaatiin ‘bara torbaaf’ hidhame. Sana booda mukichi deebiʼee guddata.Daaniʼel 4:1, 10-16.

Hiika raajiin kun nuuf qabu: Mukichi bulchiinsa Waaqayyoo bakka buʼa. Yihowaan waggoota hedduudhaaf saba Israaʼel bulchuuf Mootota Yerusaalem keessa jiranitti fayyadamaa tureera. (1 Seenaa 29:23) Haa taʼu malee mootonni kun amanamoo utuu hin taʼin waan hafaniif, bulchiinsi isaanii akka dhaabatu godhame. Yerusaalem Dh.K.D. bara 607tti balleeffamte. “Barri torba” kan jalqabe yeroo kanatti ture. (2 Mootota 25:1, 8-10; Hisqiʼel 21:25-27) Yesuus, “Hanga barri sabootaaf murteeffame sun raawwatamuttis Yerusaalem sabootaan ni dhidhiitamti” yommuu jedhe, waaʼee ‘bara torbaa’ sanaa dubbachuu isaa ture. (Luqaas 21:24) Kanaaf, “barri torba” yommuu Yesuus lafa irra turettis hin xumuramne ture. Yihowaan, “barri torba” yommuu xumuramutti Mootii tokko akka muudu waadaa galee ture. Bulchiinsi Mootii haaraa kanaa, jechuunis bulchiinsi Yesuus saba Yihowaa lafa irra jiraataniif bara baraaf eebba guddaa argamsiisa.Luqaas 1:30-33.

Dheerina ‘bara torbaa’: “Barri torba” waggoota 2,520f ture. Dh.K.D. bara 607 irraa eegallee waggoota 2,520 yoo lakkoofne, bara 1914 bira geenya. Yeroon kun yeroo Yihowaan Yesuusiin, jechuunis Masiihicha, samii irratti Mootii Mootummaa Waaqayyoo godhee itti muude dha.

Waggoota 2,520 akkamitti arganna? Kitaabni Qulqulluun barri sadii fi walakkaan, guyyaa 1,260 wajjin qixxee akka taʼe dubbata. (Mulʼata 12:6, 14) Kanaaf, “barri torba” dachaa lakkoofsa kanaa ykn guyyoota 2,520 taʼa. Akkaataa yeroo baayʼee guyyoonni raajii Kitaaba Qulqulluu keessatti itti lakkaaʼaman, jechuunis yaada “guyyaan tokko akka waggaa tokkootti” jedhu irratti hundaaʼuudhaan, guyyoonni 2,520 waggoota 2,520 wajjin qixxee taʼu.Lakkoobsa 14:34; Hisqiʼel 4:6.

Boq. 8, key. 23

23 MIKAAʼEL—HOGGANAA MALEEKOTAA

Kitaabni Qulqulluun waaʼee hogganaa maleekotaa tokkoo qofa kan dubbatu siʼa taʼu, maqaan isaas Mikaaʼel jedhama.Daaniʼel 12:1; Yihudaa 9.

Mikaaʼel Geggeessaa maleekota Waaqayyoo amanamoo taʼanii ti. Mulʼanni 12:7, ‘Mikaaʼelii fi maleekonni isaa jawwee sanaa fi maleekota isaa irratti waraana akka banan’ dubbata. Kitaabni Mulʼataa, Yesuus Geggeessaa raayyaa Waaqayyoo akka taʼe waan ibsuuf, Mikaaʼel maqaa Yesuus ittiin waamamu kan biraa ti.Mulʼata 19:14-16.

Boq. 9, key. 4

24 GUYYOOTA DHUMAA

Jechi kun Mootummaan Waaqayyoo addunyaa Seexanaa balleessuu isaa dura, yeroo itti taʼeewwan guguddaan lafa irratti raawwataman argisiisa. Jechoonni kanaa wajjin wal fakkaatan, kanneen akka “dhuma sirna kanaa” fi ‘argama Ilma namaa’ jedhan raajii Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo kana argisiisuuf hojii irra oolaniiru. (Maatewos 24:3, 27, 37) ‘Guyyoonni dhumaa,’ bara 1914 yommuu Mootummaan Waaqayyoo samii irratti bulchuu jalqabe kan eegale siʼa taʼu, kan xumuramu immoo yeroo addunyaan Seexanaa waraana Armaagedooniin balleeffamutti dha.2 Ximotewos 3:1; 2 Pheexiros 3:3.

Boq. 9, key. 5

25 DUʼAA KAʼUU

Waaqayyo nama duʼe tokko yeroo gara jireenyaatti deebisu haalli kun duʼaa kaʼuu jedhama. Kitaaba Qulqulluu keessatti seenaan duʼaa kaʼuu sagal galmeeffameera. Eliyaas, Elsaaʼi, Yesuus, Pheexirosii fi Phaawulos namoota duʼaa kaasaniiru. Dinqiiwwan kunneen raawwatamuu kan dandaʼan humna Waaqayyootiin qofa dha. Yihowaan lafa kana irratti, ‘qajeelotas taʼe jalʼoota’ duʼaa kaasuuf waadaa galeera. (Hojii Ergamootaa 24:15) Kitaabni Qulqulluun namoonni jireenya samiitiif duʼaa kaafamanis akka jiran ni dubbata. Kun kan raawwatamu warri Waaqayyo isaan filate ykn dibe duʼaa kaʼanii Yesuusii wajjin samii irra jiraachuu yommuu jalqabanitti dha.Yohaannis 5:28, 29; 11:25; Filiphisiyus 3:11; Mulʼata 20:5, 6.

Boq. 9, key. 13

26 GOCHA HAFUUROTA HAMOO IRRATTI HIRMAACHUU

Gocha hafuurota hamoo irratti hirmaachuun, gocha gadhee kallattiidhaan ykn karaa namootaa, fakkeenyaaf karaa namoota warra jinniiwwaniin qabaman fayyisna jedhanii, karaa eker dubbistuu ykn warra hooda dubbatanii hafuurota hamoo qunnamuuf yaaluu dha. Namoonni gocha hafuurota hamoo irratti kan hirmaatan, barumsa sobaa hafuurri nama duʼee duʼa booda jiraachuu isaa itti fufa, akkasumas hafuura humna guddaa qabu taʼa jedhu waan amananiifi dha. Kana malees jinniiwwan namoonni Waaqayyoof akka hin ajajamneef dhibbaa isaan irratti gochuuf yaalu. Gochawwan hafuurota hamoo irratti hirmaachuun, urjii lakkaaʼuu, hooda dubbachuu, gargaarsa jinniitiin wantoota tokko tokko hojjechuu, qoricha namatti gochuu fi dawweessuu dabalata. Kitaabonni, barruuleen, wantoonni urjii lakkaaʼuuf gargaaran, fiilmiiwwanii fi sirboonni hedduun jinniiwwan, gochi hafuurota hamoo, akkasumas wantoonni humna addaa qaban miidhaa kan hin qabnee fi gammachiisaa akka fakkaatan godhu. Duudhaawwan sirna awwaalchaa, kanneen akka warra duʼaniif aarsaa dhiheessuu, awwaalcha booda afeerraa qopheessuu, taskaara baasuu, sirna haati manaa ykn abbaan manaa yeroo duʼanitti raawwatamuu fi sirna reeffa eegaa buluunis jinniiwwanii wajjin walitti dhufeenya qaba. Namoonni yeroo baayʼee humna jinniiwwaniitti gargaaramuuf yommuu yaalan qoricha sammuu namaa hadoochu fudhatu.Galaatiyaa 5:20; Mulʼata 21:8.

Boq. 10, key. 10; Boq. 16, key. 4

27 OL AANTUMMAA YIHOWAA

Yihowaan, Waaqa Hundumaa Dandaʼuu fi uumama cufa uume dha. (Mulʼata 15:3) Wantoonni hundi kan isaa ti, akkasumas uumama isaa hunda bulchuuf ol aantummaa fi aangoo guutuu qaba kan jennu kanaafi dha. (Faarfannaa 24:1; Isaayaas 40:21-23; Mulʼata 4:11) Yihowaan wantoota uume hundaaf seera baaseera. Warri kaan bulchitoota akka taʼan muuduufis aangoo qaba. Nutis yommuu isa jaallannuu fi isaaf ajajamnu ol aantummaa isaa deggerra.1 Seenaa 29:11.

Boq. 11, key. 10

28 ULFA BAASUU

Ulfa baasuun taʼe jedhanii mucaa gadameessa keessa jiru ajjeesuu jechuu dha. Wanta balaadhaan ykn uumamaan qaama namaa keessatti taʼu miti. Yeroo garaatti hafee kaasee, mucichi kutaa qaama haadhaa utuu hin taʼin, qaama mataa isaa dandaʼe dha.

Boq. 13, key. 5

29 DHIIGA FUDHACHUU

Kun mala yaalii fayyaa dhiigni guutuun ykn kutaaleen dhiigaa guguddaa arfan nama kan biraa irraa ykn kuusaa keessaa fuudhamee isa kaaniif itti kennamu dha. Kutaaleen dhiigaa guguddaa arfan pilaazmaa, seelii dhiiga diimaa, seelii dhiiga adii fi pilaatileetii dha.

Boq. 13, key. 13

30 ADABA

Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “adaba” jedhu adaba qofa kan argisiisu miti. Yommuu adabamnu qajeelfama, barumsaa fi sirreeffama arganna. Yihowaan yeroo adabu dubbii namoota miidhu dubbatee ykn gocha gara jabinaa isaan irratti raawwatee hin beeku. (Fakkeenya 4:1, 2, hiika bara 1899) Yihowaan warraaf fakkeenya gaarii taʼa. Adabni inni kennu buʼa qabeessa waan taʼeef, namni sun adaba akka jaallatu gochuu dandaʼa. (Fakkeenya 12:1, hiika bara 1899) Yihowaan saba isaa ni jaallata; isaan ni leenjisas. Qajeelfama ilaalcha dogoggoraa qaban sirreessuuf, akkasumas karaa isa gammachiisuun yaaduu fi jiraachuu akka baratan isaan gargaaru isaaniif kenna. Warri ijoollee isaanii yeroo adaban sababii itti ajajamuu qaban akka hubatan isaan gargaarus qabu. Kana malees, Yihowaa akka jaallatan, Dubbii isaa akka jaallatanii fi dhugaa buʼuuraa achi keessa jiru akka hubatan isaan barsiisuu jechuu dha.

Boq. 14, key. 13

31 JINNIIWWAN

Qaamota ijaan hin mulʼannee fi uumamawwan hafuuraa hamoo humna namootaa ol taʼe qabani dha. Jinniiwwan maleekota hamoo taʼani dha. Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan diinota isaa yommuu of godhanitti hamoota taʼan. (Uumama 6:2; Yihudaa 6) Maleekonni kun fincila Seexanni Yihowaa irratti kaase deggeran.Keessa Deebii 32:17; Luqaas 8:30; Hojii Ergamootaa 16:16; Yaaqoob 2:19.

Boq. 16, key. 4