Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 10

Mootichi Karaa Hafuuraa Sabasaa Ni Qulleessa

Mootichi Karaa Hafuuraa Sabasaa Ni Qulleessa

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Yesus duuka buutotasaa karaa hafuuraa kan qulleesse akkamittiifi maaliif akka taʼe ilaalla

1-3. Yesus manni qulqullummaa akka mancaʼe yommuu argetti tarkaanfii akkamii fudhate?

 YESUS manni qulqullummaa Yerusaalem maal akka bakka buʼu waan beekuuf iddoo kanaaf ulfina guddaa kenna ture. Manni qulqullummaa kun bara dheeraadhaaf iddoo waaqeffannaa dhugaa lafarratti argamu taʼee tajaajilaa tureera. Haataʼu malee, karaa qulqulluu taʼeen Yihowaa waaqeffachuun barbaachisaadha. Dh.K.B. Niisaan 10, bara 33⁠tti Yesus gara mana qulqullummaa yommuu dhaqu gochawwan manicha xureessan utuu raawwatamanii yommuu argetti wanta itti dhagaʼame mee yaadaa! Bakka sanatti maaltu raawwatamaa ture?—Maatewos 21:12, 13 dubbisi.

2 Daldaltoonni sassatoo taʼaniifi namoonni qarshii callaa gegeddaran, oobdii mana qulqullummaa namoota Yihudii hin taanee keessatti warra Yihowaa waaqeffachuuf dhufan saamaa turan. a Yesus, “warra mana qulqullummaa keessatti bitanii fi warra gurguran hundumaa gad baase; gabatoota warra horii callaa gegeddaranii . . . gad garagalche.” (Nahimiyaa 13:7-9 waliin ilaali.) Namoonni ofittoo taʼan kun mana abbaasaa “holqa hattuu” waan godhaniif isaanitti dheekkamee ture. Yesus tarkaanfii kana fudhachuudhaan mana qulqullummaa sanaafis taʼe qaama manni sun bakka buʼuuf kabaja akka qabu argisiiseera. Waaqeffannaan Abbaasaatiif dhihaatu yoomiyyuu qulqulluu taʼuu qaba!

3 Yesus jaarraa hedduu booda, jechuunis erga Mootii taʼee booda, mana qulqullummaa garabiraa namoota yeroo harʼaa karaa fudhatama qabuun Yihowaa waaqeffachuu barbaadan of keessatti qabate qulleesseera. Yesus yeroo kanatti mana qulqullummaa isa kam qulleesse?

“Ilmaan Lewwii” Qulleessuu

4, 5. (a) Duuka buutonni Yesus dibamoo taʼan bara 1914 hanga jalqaba bara 1919⁠tti kan qulleeffaman akkamitti? (b) Tarkaanfiin saba Waaqayyoo qulleessuuf fudhatame kun isa xumuraa turee? Ibsi.

4 Akkuma boqonnaa 2⁠ffaarratti ilaalle, Yesus bara 1914⁠tti erga moosifamee booda mana qulqullummaa hafuuraa, jechuunis qophii waaqeffannaa dhugaatiif godhame sakattaʼuuf Abbaasaa wajjin dhufe. b Mootichi yeroo sakattaʼe kanatti “ilmaan Lewwii,” (NW) jechuunis Kiristiyaanonni dibamoon qulleeffamuu akka qaban hubate. (Mil. 3:1-3) Yihowaan bara 1914 hanga jalqaba bara 1919⁠tti, sabnisaa akka qulleeffaman gochuuf rakkinaafi qorumsa garaagaraa jala akka darban heyyame. Dibamtoonni sunis qorumsa akka ibiddaa isaanirra gaʼe jala qullaaʼanii kan darban siʼa taʼu, Mootummaa Masiihichaa akka deggeran argisiisuuf hawwii guddaa qabu turan!

5 Hojiin saba Waaqayyoo qulleessuuf raawwatamu kanumaan xumuramee? Lakki! Yihowaan sabnisaa guyyoota gara dhumaa kana keessatti qulqulluu taʼuudhaan mana qulqullummaasaa keessa jiraachuu akka dandaʼaniif karaa Masiihichaa isaan gargaaraa jira. Boqonnaawwan lamaan ittaanan keessatti Yihowaan karaa amalaas taʼe karaa jaarmiyaa akkamitti akka isaan qulleesse qorra. Jalqaba garuu karaa hafuuraa akkamitti akka isaan qulleesse haa ilaallu. Yesus duuka buutonnisaa karaa hafuuraa qulqulluu akka taʼaniif, karaa ifatti hubachuu dandeenyuunis taʼe karaa ifatti hubachuu hin dandeenyeen akkamitti akka isaan gargaare ilaaluun keenya amantii keenya nuuf cimsa.

“Of Qulleessaa”

6. Ajajni Yihowaan Yihudoota boojuu jala turaniif kenne karaa hafuuraa qulqulluu taʼuun maalfaa akka dabalatu beekuuf kan nu gargaaru akkamiitti?

6 Karaa hafuuraa qulqulluu taʼuu jechuun maal jechuudha? Gaaffii kanaaf deebii argachuuf, wanta Yihowaan yommuu Yihudoonni Dh.K.D. jaarraa jaʼaffaatti boojuu Baabilon jalaa baʼuuf qophaaʼanitti isaaniin jedhe haa qorru. (Isaayaas 52:11 dubbisi.) Sababiin boojiʼamtoonni kun gara Yerusaalemitti itti deebiʼan inni jalqabaa, mana qulqullummaa ijaaruufi waaqeffannaa dhugaa deebisanii dhaabuufidha. (Iz. 1:2-4) Yihowaan sabnisaa wantoota amantii Baabilonii wajjin wal qabatan kamiyyuu dhiisanii akka baʼan barbaadee ture. Ajaja Yihowaan, ‘Wanta xuraaʼaa harkaan hin qabinaa,’ “of qulleessaa,” akkasumas “ishee keessaa baʼaatii sokkaa!” jechuudhaan isaaniif kenne yaadadhaa! Waaqeffannaan Yihowaa inni qulqulluu taʼe, waaqeffannaa sobaatiin faalamuu hin qabu. Maarree kanarraa maal hubanna? Karaa hafuuraa qulqulluu taʼuun, barumsaafi barsiifata amantii sobaarraa guutummaatti fagaachuu kan dabalatudha.

7. Yesus duuka buutonnisaa karaa hafuuraa qulqulluu akka taʼaniif maalitti fayyadamee isaan gargaaraa ture?

7 Yesus Mootii taʼee utuu baayʼee hin turin, karaa ifatti hubachuu dandeenyuufi duuka buutotasaa karaa hafuuraa qulqulleessuuf itti fayyadamu hundeesse. Karaan kun hojjetaa amanamaaniifi ogeessa Kiristos bara 1919⁠tti muudedha. (Mat. 24:45) Bara 1919⁠tti Barattoonni Macaafa Qulqulluu barumsa amantii sobaa hedduurraa guutummaatti of qulqulleessaniiru. Taʼus, karaa hafuuraa caalaatti qullaaʼuu qabu turan. Kanaaf, Kiristos karaa hojjetaa amanamaafi ogeessa kanaa ayyaana addaddaafi barsiifata dhiisuu qaban akka hubatan godheera. (Fak. 4:18) Mee ayyaanaafi barsiifata kana keessaa tokko tokko haa qorru.

Kiristiyaanonni Ayyaana Qillee Ayyaaneffachuu Qabuu?

8. Barattoonni Macaafa Qulqulluu Ayyaana Qillee ilaalchisee yeroo dheeraa dura maal hubatanii turan? Taʼus wanti isaan sirriitti hin hubanne maalidha?

8 Barattoonni Macaafa Qulqulluu, Ayyaanni Qillee saba Waaqayyoon hin beeknerraa kan madde akka taʼeefi Yesus kan dhalate Muddee 25 akka hin taane yeroo dheeraa dura hubatanii turan. Barruun Zaayansi Waach Taawor Muddee 1881 akkas jedheera: “Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman saba Waaqayyoon hin beekne keessaa gara waldaa dhufan. Taʼus garri caalaansaa maqaadhumatu jijjiirame malee wantoonni duraan waaqeffatamaa turan hin jijjiiramne. Waaqeffannaa sobaa duraanii keessatti luboota kan turan waldaa haaraa keessattis luboota kiristiyaanaa taʼaniiru; ayyaanonni isaan ayyaaneffachaa turanimmoo maqaa kiristiyaanaatiin kan moggaafaman yommuu taʼu, isaan keessaa tokko Ayyaana Qilleeti.” Bara 1883⁠ttimmoo Zaayansi Waach Taawor mataduree, “Yesus Kan Dhalate Yoomi?” jedhu jalatti Yesus kan dhalate gara jalqaba jiʼa Onkoloolessaatti taʼuusaa ibsee ture. c Taʼus, Barattoonni Macaafa Qulqulluu yeroo sanatti Ayyaana Qillee ayyaaneffachuu dhiisuu akka qaban sirriitti hin hubanne turan. Miseensonni maatii Betʼel Biruukiliinillee ayyaana kana ayyaaneffachuusaanii itti fufanii turan. Bara 1926 booda garuu haalawwan turan jijjiiramuu jalqaban. Maaliif?

9. Barattoonni Macaafa Qulqulluu Ayyaana Qillee ilaalchisee maal hubatan?

9 Barattoonni Macaafa Qulqulluu dhimmicha gad fageenyaan erga qoratanii booda, maddi Ayyaana Qilleefi wantoonni ayyaanicharratti raawwataman Waaqayyoof ulfina kan hin fidne akka taʼan hubatan. Barruun Za Gooldan Eej Muddee 14, 1927 mataduree, “Madda Ayyaana Qillee” jedhu jalatti, Ayyaanni Qillee saba Waaqayyoon hin beeknerraa kan madde, gammachuu gara darberratti kan xiyyeeffatuufi waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuu kan dabalatu taʼuusaa ibseera. Matadureen kun, Kiristos Ayyaana Qillee akka ayyaaneffannu kan hin ajajne taʼuusaa erga ibsee booda ayyaanicha ilaalchisee akkas jedheera: “Ayyaanni kun akka jiraatuufi akka ayyaaneffatamu kan jajjabeessan biyya lafaa, foon keenyaafi Seexana yommuu taʼan, namoonni guutummaatti Yihowaadhaaf of murteessan garuu ayyaanicha ayyaaneffachuu akka hin qabne ifadha.” Jiʼa Muddee waggaa sanaatii kaasee, miseensonni maatii Betʼel Ayyaana Qillee ayyaaneffachuu dhiisuunsaanii kan nama ajaaʼibsiisu miti!

10. (a) Muddee 1928⁠tti Ayyaanni Qillee kan saaxilame akkamitti? (Saanduqa “ Ayyaana Qillee, Maddaafi Kaayyoosaa” jedhus ilaali.) (b) Sabni Waaqayyoo ayyaanota irraa fagaachuu qaban kaan hubachuu kan dandaʼan akkamitti? (Saanduqa “ Madda Ayyaanotaafi Sirnawwan Kaanii Saaxiluu” jedhu ilaali.)

10 Waggaa ittaanuttimmoo, Barattoonni Macaafa Qulqulluu barumsa Ayyaana Qillee caalaatti saaxilu argatan. Muddee 12, 1928⁠tti, miseensa waajjira muummee kan taʼe obboleessi keenya Riichaardi Baarbar haasaa Ayyaanni Qillee waaqeffannaa sobaarraa kan madde taʼuusaa saaxilu raadiyoodhaan dhiheesse. Sabni Waaqayyoo haasaa waajjira muummeerraa dhihaatee tureef deebii akkamii kennan? Obboleessi keenya Chaarlis Biraandiliin, inniifi maatiinsaa yeroo itti Ayyaana Qillee ayyaaneffachuu dhaaban ilaalchisee akkas jedheera: “Barsiifata saba Waaqayyoon hin beeknerraa dhufe dhiisuun nutti ulfaataa? Matumaa! . . . Kun uffata xuraaʼe ofirraa baasanii gatuu wajjin tokkodha.” Obboleessi keenya Henarii Kaantiweel inni yeroo booda daawwataa olaanaa taʼee tajaajiles, “Jaalala Yihowaadhaaf qabnu argisiisuuf wanta tokko dhiisuun keenya nu gammachiisee ture” jedheera. Duuka buutonni Kiristos amanamoo taʼan jijjiirama barbaachisu gochuufi ayyaana waaqeffannaa xuraaʼaarraa dhufe ayyaaneffachuu dhiisuuf fedhii akka qaban argisiisaniiru. dYoh. 15:19; 17:14.

11. Masiihii isa Mootii taʼe akka deggerru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Barattoonni Macaafa Qulqulluu amanamoo taʼan kun fakkeenya guddaa nuuf taʼu! Fakkeenya isaaniirratti xiinxaluudhaan akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Qajeelfama hojjetaa amanamaan nuuf kennu akkamittan ilaala? Qajeelfama kana fudhachuudhaan hojiirra nan oolchaa?’ Qajeelfama kennamuuf ajajamuun keenya, Masiihicha isa hojjetaa amanamaatti fayyadamee nyaata hafuuraa yeroosaatti nuu dhiheessaa jiru akka deggerru kan argisiisudha.—HoE. 16:4, 5.

Kiristiyaanonni Fannootti Fayyadamuu Qabuu?

Faajjii fannoofi gonfoo qabu (Keeyyata 12fi 13 ilaali)

12. Barattoonni Macaafa Qulqulluu waggaa hedduutiif fannoodhaaf ilaalcha akkamii qabu turan?

12 Barattoonni Macaafa Qulqulluu waggaa hedduudhaaf fannoon mallattoo Kiristiyaanonni itti fayyadamaniifi fudhatama qabu akka taʼetti yaadaa turan. Taʼus wanta tolfamaa waaqeffachuun sirrii akka hin taane waan beekaniif, fannoon waaqeffatamuu qaba yaada jedhu hin qaban turan. (1 Qor. 10:14; 1 Yoh. 5:21) Jalqaba bara 1883⁠tti, Masaraan Eegumsaa “waaqayyolii tolfamoon kamiyyuu Waaqayyo duratti ciiggaasisoo” akka taʼan ifatti dubbateera. Haataʼu malee jalqabarratti, Barattoonni Macaafa Qulqulluu karaa sirriidha jedhanii yaadaniin fannootti yoo fayyadaman dogoggora akka hin taane itti dhagaʼamee ture. Fakkeenyaaf, eenyummaasaanii beeksisuuf, faajjii fannoofi gonfoo qabu qomarratti rarraafatu turan. Mallattoo kana rarraafachuunsaanii hamma duʼaatti amanamoo yoo taʼan gonfoo jireenyaa akka argatan kan argisiisu akka taʼe isaanitti dhagaʼama ture. Bara 1891 kaasee faajjiin fannoofi gonfoo qabu qola Masaraa Eegumsaarratti ni baʼa ture.

13. Duuka buutonni Kiristos fannootti fayyadamuu ilaalchisee hubannoo akkamii argatan? (Saanduqa “ Fannoo Ilaalchisee Ifa Irraa Jalaan Ife” jedhus ilaali.)

13 Barattoonni Macaafa Qulqulluu faajjii fannoofi gonfoo qabu ni jaallatu turan. Haataʼu malee dhuma bara 1920⁠niitii kaasee, duuka buutonni Kiristos fannootti fayyadamuu ilaalchisee irraa jalaan hubannoo argachaa deeman. Walgaʼii guddaa bara 1928 Yuunaayitid Isteetis, Detirooyit, Michigaanitti godhame ilaalchisee obboleessi keenya Giraant Suutar inni yeroo booda miseensa Qaama Olaanaa taʼee tajaajile akkas jechuudhaan dubbateera: “Walgaʼii sanarratti faajjiin fannoofi gonfoo qabu barbaachisaa akka hin taane qofa utuu hin taʼin sirrii akka hin taanes ibsameera.” Waggoota muraasa ittaananittis barumsi dabalataa kennamee ture. Waaqeffannaa qulqulluu keessatti fannootti fayyadamuun barbaachisaa akka hin taane ifa taʼe.

14. Sabni Waaqayyoo fannootti fayyadamuu ilaalchisee hubannoo irraa jalaan argataniif deebii akkamii kennan?

14 Sabni Waaqayyoo fannoo wajjin haala wal qabateen hubannaa irraa jalaan argataniif deebii akkamii kennan? Faajjii fannoofi gonfoo qabu isa jaallatanitti fayyadamuu itti fufaniiruu? Obboleettiin yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilaa turteefi Liilaa Roobartis jedhamtu, “Mallattoon kun maal akka argisiisu yommuu hubannetti itti fayyadamuu dhiisuun nutti hin ulfaanne” jetteetti. Obboleettiin amanamtuun Yursuulaa Serenkoo jedhamtus akkas jetteetti: “Mallattoon yeroo taʼe tokkotti duʼa Gooftaa keenyaafi Kiristiyaana amanamoo taʼuu keenya akka argisiisutti ilaalaa turre, saba Waaqayyoon hin beeknerraa kan madde taʼuusaa hubanne. Fakkeenya 4:18 wajjin haala walsimuun, daandiin dhugaa yeroodhaa gara yerootti ifaa adeemuusaatiif baayʼee galateeffanna.” Duuka buutonni Kiristos amanamoo taʼan barsiifatawwan amantii sobaarraa maddanitti maxxananii jiraachuu matumaa hin barbaanne.

15, 16. Ejjennoo oobdiin mana qulqullummaa Yihowaa inni lafarraa qulqulluu taʼee akka eegamu gochuuf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Nutis ejjennoo Kiristiyaanonni kun qabanii wajjin wal fakkaatu qabna. Kiristos sabnisaa karaa hafuuraa qulqulluu akka taʼan gargaaruuf karaa ifatti hubachuu dandeenyutti, jechuunis hojjetaa amanamaafi ogeessatti fayyadamaa akka ture beekna. Kanaaf, ayyaana, barsiifata ykn aadaa amantii sobaa wajjin wal qabate ilaalchisee yaadachiisa karaa nyaata hafuuraa nuuf kennamu fudhannee yeruma sana hojiirra oolchina. Akkuma obboloota jalqaba argama Kiristositti turanii, nutis oobdiin mana qulqullummaa Yihowaa yoomiyyuu qulqulluu akka taʼu gochuuf kutanneerra.

16 Kiristos guyyoota gara dhumaa kanatti namoota gumii Kiristiyaanaa karaa hafuuraa mancaasuu dandaʼanirraa karaa nuti ijaan arguu hin dandeenyeen eegaa tureera. Mee kana kan godhe akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

‘Hamoota Qajeelotarraa’ Gargar Baasuu

17, 18. Fakkeenya waaʼee kiyyoo ittiin qurxummii qaban ibsurratti, (a) kiyyoo darbachuun, (b) ‘akaakuu qurxummii hundumaa walitti qabuun,’ (c) qurxummii isa gaggaarii qodaatti naquun, (d) qurxummii isa gaggadhee gatuun, maal argisiisa?

17 Yesus Kiristos Mootichi gumii saba Waaqayyoo addunyaa maratti argaman dammaqinaan hordofa. Kiristosiifi ergamoonni karaa nuti guutummaatti hubachuu hin dandeenyeen hojii gargar baasuu raawwachaa turaniiru. Yesus hojii kana fakkeenya waaʼee kiyyoo qurxummii dubbaterratti caqaseera. (Maatewos 13:47-50 dubbisi.) Fakkeenyi kun maal argisiisa?

Kiyyoon qurxummii, hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuu isa ilmaan namootaa galaanatti fakkeeffaman gidduutti raawwatamaa jiru kan argisiisudha (Keeyyata 18 ilaali)

18 ‘Kiyyoo galaanatti darbachuu.’ Kiyyoon qurxummii hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuu isa ilmaan namootaa galaanatti fakkeeffaman gidduutti raawwatamaa jiru kan argisiisudha. ‘Akaakuu qurxummii hundumaa walitti qabuu.’ Misiraachichi saboota hundumaa, jechuunis namoota tarkaanfii fudhachuudhaan Kiristiyaanota dhugaa taʼan, akkasumas namoota hedduu jalqabarratti misiraachichaaf fedhii argisiisuudhaan waaqeffannaa dhugaa cina dhaabachuuf tarkaanfii hin fudhanne kan walitti qabudha. e ‘Qurxummii isa gaggaarii qodaatti naquu.’ Namoonni garaa qajeelaa qaban gumii Kiristiyaanaa isa qodaatti fakkeeffametti kan walitti qabaman yommuu taʼu achitti Yihowaadhaaf waaqeffannaa qulqulluu dhiheessu. ‘Qurxummii isa gaggadhee’ gatuu. Kiristosiifi ergamoonni Waaqayyoo, guyyoota gara dhumaa kanatti, ‘hamoota qajeelotarraa gargar baasaa’ jiru. f Kanaaf, namoonni yaada garaa sirrii hin qabne, jechuunis namoonni amantii ykn barsiifata dogoggora taʼe dhiisuuf fedhii hin qabne gumii Kiristiyaanaa keessa jiraachuuf mirga hin argatan. g

19. Kiristos sabni Waaqayyoo qulqulluu akka taʼan gochuufi waaqeffannaan dhugaa akka hin mancaane eeguuf tarkaanfii fudhachuusaatiin maaltu isinitti dhagaʼama?

19 Dhugumayyuu, Yesus Kiristos inni Mootii keenya taʼe namoota isaaf bitaman kan eegu taʼuusaa beekuun baayʼee nama jajjabeessa. Yesus hinaaffaa Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti yommuu mana qulqullummaa qulleessetti argisiise, yeroo harʼaattis waaqeffannaa dhugaatiifi waaqeffattoota dhugaatiif akka argisiisu beekuunis kan nama jajjabeessudha. Kiristos sabni Waaqayyoo karaa hafuuraa qulqulluu akka taʼaniifi waaqeffannaan dhugaa qulqulluu taʼee akka eegamu gochuuf hojjechaa kan jiru taʼuusaatiif baayʼee galateeffanna. Nutis wantoota waaqeffannaa sobaa wajjin hariiroo qabaniirraa guutummaatti fagaachuudhaan Mootichaafi Mootummaasaa akka deggerru haa argisiisnu!

a Maallaqni, Yihudoonni biyya garabiraadhaa gara mana qulqullummaa dhaqan gibira waggaa kan mana qulqullummaatiif kaffalan biyyichatti kan hojjetame taʼuu qaba ture; kanaaf qarshiisaanii jijjiirrachuuf qarshii dabalataa kaffalu turan. Kana malees, aarsaa dhiheessuuf horii bituu qabu turan. Yesus daldaltoota sana “hattuu” jedhee kan waame, kaffaltii tajaajila kennanirra baayʼee caalu waan gaafataniif ture.

b Sabni Yihowaa oobdii mana qulqullummaa isa lafarraa keessatti isa waaqeffachaa jiru.

c Matadureen kun yaadni Yesus waqtii qorraatti akka dhalate ibsu, yaada “tiksoonni bakkeetti halkan hoolotasaanii eegaa akka turan dubbatuu wajjin kan walii hin simne” taʼuusaa addeesseera.—Luq. 2:8.

d Obboleessi keenya Fireediriik Wiiliyaam Firaanz xalayaa Sadaasa 14, 1927 barreesserratti akkas jedheera: “Waggaa kana Ayyaana Qillee hin ayyaaneffannu. Maatiin Betʼel kana booda Ayyaana Qillee ayyaaneffachuu akka hin qabne murteesseera.” Xalayaa jiʼa muraasa booda, jechuunis Guraandhala 6, 1928 barreesserrattimmoo, “Gooftaan soba Baabilonirraa suuta suuta akka qulqulloofnu gochaa jira” jedheera.

e Fakkeenyaaf, bara 2013⁠tti baayʼinni babalʼistootaa 7,965,954 yommuu taʼu, namoonni Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristosirratti argaman 19,241,252 turan.

f Qurxummii isa gaggaarii qurxummii isa gaggadheerraa gargar foʼuun, hoolota reʼootarraa gargar foʼuu wajjin tokko miti. (Mat. 25:31-46) Gargar foʼuun ykn murtoon xumuraa hoolotaafi reʼoota ilaalchisee kennamu yeroo rakkina guddaatti kan raawwatamudha. Hammasitti garuu namoonnii qurxummii gaggadheetti fakkeeffaman gara Yihowaatti deebiʼuufi gumii isa qodaatti fakkeeffame keessatti walitti qabamuu dandaʼu.—Mil. 3:7.

g Yeroo booda qurxummii gaggadheen gara boolla ibiddaatti kan darbataman taʼuunsaa, badiisa barabaraa isaanirra gaʼu kan argisiisudha.