BARUMSA 10
Waaqeffannaa Dhugaa Beekuu Kan Dandeessu Akkamitti?
1. Amantii dhugaan tokko qofadhaa?
Yesus, amantii dhugaan tokko qofa akka taʼe duuka buutotasaa barsiiseera. Amantiin kun daandii gara jireenya barabaraatti geessuu wajjin wal fakkeeffameera. Yesus, “Namoonni isa argatan muraasa” jechuudhaan waaʼee karaa kanaa dubbateera. (Maatewos 7:14) Waaqayyo, waaqeffannaa Dubbiisaa isa dhugaarratti hundaaʼe qofa fudhata. Namoonni waaqeffannaa dhugaa hordofan hundi amantiidhaan tokko taʼaniiru.—Yohannis 4:23, 24; 14:6; Efesoon 4:5 dubbisi.
Viidiyoo, Waaqayyo Waaqeffannaa Gosa Hundaa ni Fudhataa? jedhu ilaali.
2. Yesus waaʼee Kiristiyaanota sobaa maal dubbateera?
Yesus raajonni sobduun Kiristiyaanummaa akka mancaasan akeekkachiiseera. Isaan bakkeedhaan yommuu ilaalaman waaqeffattoota dhugaa fakkaachuu dandaʼu. Sabni Kiristiyaanaas, Kiristiyaanota akka taʼan dubbatu. Haataʼu malee, namoonni kun dhugumaan namoota akkamii akka taʼan hubachuu ni dandeessa. Akkamitti? Amalaafi hojii gaarii namoonni kaan arguu dandaʼan kan argisiisan waaqeffattoota dhugaa qofadha.—Maatewos 7:13-23 dubbisi.
3. Waaqeffattoota dhugaa beekuu kan dandeessu akkamitti?
Mee mallattoowwan kana itti beekuu dandeessu shan ilaali:
-
Waaqeffattoonni dhugaa, Macaafa Qulqulluu akka Dubbii Waaqayyootti fudhatu. Seerawwan buʼuuraa achi keessatti argaman eeguuf carraaqu. Kanaaf amantii dhugaan, amantii isa yaada namootaarratti hundaaʼerraa addadha. (Maatewos 15:7-9) Waaqeffattoonni dhugaan wanta lallaban hojiirra olchu.—Yohannis 17:17; 2 Ximotewos 3:16, 17 dubbisi.
-
maqaan Waaqayyoo akka beekamu gochuudhaan Waaqayyoof ulfina kenneera. Namoonni Waaqayyoon akka beekan gargaareera; maqaan Waaqayyoo qulqulluu taʼee akka eegamuuf akka kadhatanis isaan barsiiseera. (Maatewos 6:9) Naannoo ati jiraattutti, dhaabbanni amantii maqaan Waaqayyoo akka beekamu gochaa jiru isa kamidha?—Yohannis 17:26; Roomaa 10:13, 14 dubbisi.
Duuka buutonni Yesus warri dhugaan, maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamuuf ulfina kennu. Yesus -
Kiristiyaanonni dhugaan, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ni lallabu. Waaqayyo, waaʼee Mootummichaa akka lallabuuf Yesusiin ergeera. Abdiin ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo qofadha. Yesus hanga guyyaa duʼasaatti waaʼee Mootummaa kanaa dubbachuusaa itti fufeera. (Luqaas 4:43; 8:1; 23:42, 43) Duuka buutonnisaas waaʼee Mootummichaa akka lallaban dubbateera. Namni tokko waaʼee Mootummaa Waaqayyoo yoo sitti hime, namni kun amantii isa kam hordofa jettee yaadda?—Maatewos 24:14 dubbisi.
-
Duuka buutonni Yesus, kan biyya lafaa isa hamaa taʼe kanaa miti. Dhimmawwan siyaasaa ykn walitti buʼiinsa hawaasaarratti waan hin hirmaanneef, adda baastee isaan beekuu dandeessa. (Yohannis 17:16; 18:36) Akkasumas, gochaafi ilaalcha biyya lafaa isa hamaa taʼe kanaa hin hordofan.—Yaaqoob 4:4 dubbisi.
-
Kiristiyaanonni dhugaan jaalala guddaa waliif qabu. Namoota sanyii garaagaraa qaban kabajuu akka qaban Macaafa Qulqulluurraa barataniiru. Amantiiwwan sobaa yeroo baayʼee waraana saboota gidduutti godhamu kan deggeran siʼa taʼu, waaqeffattoonni dhugaa garuu akkas gochuurraa of qusatu. (Miikiyaas 4:1-3) Kanaa mannaa, Kiristiyaanonni dhugaan haala ofittummaarraa walaba taʼeen, yeroofi qabeenyasaanii namoota gargaaruufi jajjabeessuuf itti fayyadamu.—Yohannis 13:34, 35; 1 Yohannis 4:20 dubbisi.
4. Amantiin dhugaa isa kam akka taʼe beekuu dandeesseettaa?
Dhaabbanni amantii, barumsisaa hundi Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe, maqaa Waaqayyootiif ulfina kennuufi abdiin ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe lallabu isa kami? Gareen amantii jaalala argisiisuufi waraana hin deggerrehoo isa kamidha? Atoo waaʼee dhimma kanaa maaltu sitti dhagaʼama?—1 Yohannis 3:10-12 dubbisi.