KUTAA 12
Ogummaa Waaqayyoo Isa Jireenya Argamsiisu
Macaafa Fakkeenyaa harka caalaasaa kan barreesse Solomoon si’a ta’u, macaafichi, gorsawwan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman hedduu kan qabateefi qajeelfama jireenyaaf ta’u kan kennudha
YIHOWAAN Bulchaa ogeessa ta’edhaa? Gaaffii kanaaf deebii kennuuf karaan inni guddaan, gorsa inni kennu qorachuudha. Gorsisaa bu’a qabeessadhaa? Gorsasaa hojiirra oolchuun keenya, jireenya gaariifi kaayyoo qabu jiraachuuf nu gargaaraa? Mootii ogeessa kan ta’e Solomoon, fakkeenyawwan dhibbaan lakkaa’aman barreesseera. Fakkeenyawwan kunimmoo jireenya keenya hunda kan ilaallatanidha jechuun ni danda’ama. Fakkeenyawwan tokko tokko ilaali.
Waaqayyotti amanamuu. Yihowaatti amanamuun, isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf baay’ee barbaachisaadha. Solomoon, “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha” jechuudhaan barreesseera. (Fakkeenya 3:5, 6) Qajeelfamasaa barbaaduufi isaaf abboomamuudhaan Waaqayyotti amanamuun, jireenyi keenya kaayyoo akka qabaatu godha. Ilmaan namootaa kana gochuunsaanii garaa Waaqayyoo akka ciibsan, Yihowaanimmoo gaaffii diinnisaa Seexanni isarratti kaaseef deebii akka kennu godha.—Fakkeenya 27:11.
Warra kaanii wajjin ogummaadhaan jiraachuu. Gorsi Waaqayyo abbootii manaa, haadhotii manaafi ijoolleedhaaf kenne, yoomiyyuu caalaa yeroo ammaatti barbaachisaadha. Waaqayyo abbaa manaatiin, “Haadha manaa qeerrummaa keetii wajjin gammadi!” jechuudhaan, haadha manaasaatiif amanamaa akka ta’u gorsa. (Fakkeenya 5:18-20) Dubartoonni heeruman, macaafa Fakkeenyaarratti, haadha manaa manashee qabuu dandeessu, akkasumas abbaan manaasheefi ijoolleenshee ishee dinqisiifatan ilaalchisee ibsa gaarii argatu. (Fakkeenya boqonnaa 31) Ijoolleen, warrasaaniitiif akka abboomaman macaafa Fakkeenyaarraa barumsa argatu. (Fakkeenya 6:20) Macaafni kun warra kaanirraa adda of baasuun ofittoo waan nama godhuuf, hiriyoota qabaachuun barbaachisaa ta’uusaa ibsa. (Fakkeenya 18:1) Hiriyoonni, dhiibbaa gaarii ykn gadhee nurraan ga’uu waan danda’aniif, ogummaadhaan filachuun nu barbaachisa.—Fakkeenya 13:20; 17:17.
Ofiif yaaduu. Macaafni Fakkeenyaa, garmalee alkoolii dhuguurraa akka fagaannu, amalawwan nageenya nuuf argamsiisan akka horannuufi warra nu miidhanirraammoo akka fagaannu, akkasumas jabaannee akka hojjennu gorsa gaggaarii nuu kenna. (Fakkeenya 6:6; 14:30; 20:1) Hubannaan namoonni gorsa Waaqayyoo malee deemuudhaan kennan, balaa akka geessisu nu akeekkachiisa. (Fakkeenya 14:12) “Wanti jireenyaaf barbaachisu yaada garaa keessaa waan ba’uuf,” keessa keenya, jechuunis yaada garaa keenyaa dhiibbaawwan gadheerraa akka eegnu nu gorsa.—Fakkeenya 4:23.
Namoonni addunyaa maratti argamaniifi miliyoonaan lakkaa’aman, gorsa kana hojiirra oolchuun jireenya gaarii akka namaa argamsiisu hubataniiru. Kanaafuu, Yihowaa akka Bulchaasaaniitti fudhachuuf sababii ga’aa qabu.
—Macaafa Fakkeenyaa irratti kan hundaa’e.