Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 2

Yaada Garaa Si Hin Ceephaane Qabaachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Yaada Garaa Si Hin Ceephaane Qabaachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

“Yaadni garaa keessanii akka isin hin ceephaanetti jiraadhaa!”—1 PHEXROS 3:16.

1, 2. Sareen maatii balaarraa kan eegdu akkamitti? Kun dhageettii yaada garaa wajjin wal fakkaachuu kan danda’u akkamitti?

NAMNI tokko halkan hirriba cimaa keessa utuu jiruu, sareensaa sagalee adda ta’e waan dhageesseef dutuu jalqabde; haata’u malee inni sagalee dhageessisee ture sababa sareen dutteef bakka sana dhiisee baqate. Namichi sareen dutuushee dhaga’ee yommuu dammaqee gadi ba’u homtuu waan hin jirreef ni tasgabbaa’e. Utuu sareen isa dammaqsuu baattee saamichi, miidhaan ykn ajjeechaan isarra ga’uu danda’a ture.

2 Namoonni baay’een qe’eesaanii akka eegduuf saree guddisu. Sareen kun dammaqinaan kan eegdu yoo ta’e maatii sanarra balaan akka hin geenye gooti. Karaawwan tokko tokkoon eegumsi sareen qe’ee eeguuf gootu kennaa guddaa Waaqayyo nuu kenne, jechuunis dhageettii yaada garaa wajjin wal fakkaachuu danda’a. (Yaaqoob 1:17) Dhageettii yaada garaa utuu hin qabnu ta’ee badiisaatti adeemna turre. Sirriitti yoo itti gargaaramnemmoo, karaa sirrii akka argannuufi daandii jireenyaarra akka adeemnu nu gargaara. Kanaaf, yaanni garaa maal akka ta’eefi akkamitti akka hojjetu haa ilaallu. Achiis qabxiiwwan armaan gadiirratti, jechuunis: (1) Yaada garaa keenya leenjisuuf maal gochuu akka dandeenyu, (2) yaada garaa warra kaanii tilmaama keessa galchuu kan qabnu maaliif akka ta’eefi (3) faayidaa yaada garaa nama hin ceephaane qabaachuun argamsiisurratti mari’anna.

YAANNI GARAA MAAL AKKA TA’EEFI AKKAMITTI AKKA HOJJETU

3. Jechi afaan Giriikii “yaada garaa” jedhu kallattiidhaan yommuu hiikamu maal jechuudha? Kunoo dandeettii addaa ilmaa namoota qaban isa kam argisiisa?

3 Macaafa Qulqulluu keessatti jechi afaan Giriikii “yaada garaa” jedhu kallattiidhaan yommuu hiikamu “waliin beekuu ykn ofii wajjin wal baruu” jechuudha. Uumamawwan lafarratti argaman hundaa keessaa dandeettii of beekuu Waaqayyo biraa kan kenname namootaaf qofadha. Gochi keenya sirrii ta’uufi dhiisuusaa gamaaggamuu dandeenya. Yaanni garaa keenyaa dhugaa nuu ba’uudhaan ykn gocha ilaalchaafi filannoo keenya qoree nutti faraduu danda’a. Murtoo sirrii akka goonu ykn murtoo dogoggora ta’e akka hin goone nu akeekkachiisuu danda’a. Murtoo keenya boodammoo, filannoo gaarii akka goone nutti himuu ykn filannoo gadhee gochuu keenyaan nu ceepha’uudhaan nu adabuu danda’a.

4, 5. (a) Addaamiifi Hewwaan dhageettii yaada garaa qabaachuusaanii akkamitti beekuu dandeenya? Seera Waaqayyoo cabsuunsaanii maal isaanitti fide? (b) Namoonni amanamoon Kiristiyaanummaan utuu hin hundeeffamin dura turan dhageettii yaada garaa qabaachuusaanii fakkeenyawwan kamtu argisiisa?

4 Dandeettiin uumamaa kun dandeettii ilmaan namootaa yommuu uumamanii jalqabee kennameefidha. Addaamiifi Hewwaan dhageettii yaada garaa akka qaban argisiisaniiru. Kanas erga cubbuu hojjetanii booda qaanii isaanitti dhaga’amerraa hubachuu dandeenya. (Uumama 3:7, 8) Kan nama gaddisiisu garuu, yaanni garaasaanii inni isaan ceepha’e yeroo inni itti isaaniif faradu darbeera. Ta’e jedhanii seera Waaqayyoo cabsuufi isarratti ka’uudhaan mormitoota Yihowaa ta’uu filatan. Mudaa kan hin qabne waan ta’aniifis, wanta godhan, akkasumas gochisaanii gara Waaqayyootti akka isaan hin deebisne beeku turan.

5 Namoonni baay’een haala Addaamiifi Hewwaanirraa faallaa ta’een wanta yaanni garaasaanii isaanitti himu dhaga’aniiru. Fakkeenyaaf Iyoob inni amanamaan: “Ani qajeelummaatti nan jabaadha malee, gad hin dhiisu; bara jireenya koottis garaan koo ana hin ceepha’u” jechuu danda’ee ture. * (Iyoob 27:6) Dhugumayyuu, Iyoob nama wanta yaanni garaasaa isatti himu dhaga’u ture. Yaada garaasaa of eeggannoon dhaggeeffachuudhaan gochaafi murtoowwansaa akka isaaf qajeelchu barbaada ture. Yaanni garaasaa akka isa hin quuqneefi isa hin ceephaane waan beekuufis yeelloo tokko malee dubbachuu danda’eera. Garaagarummaa Iyoobiifi Daawit gidduu ture qalbeeffadhu. Daawit, Saa’ol mooticha isa Yihowaan muudeef ulfina utuu hin kennin yommuu hafe, ‘yaanni garaasaa isa tuqee’ ture. (1 Saamu’el 24:5) Sana booda ulfina argisiisuu akka qabu waan isa hubachiiseef, yaanni garaasaa isa quuquunsaa isa fayyadeera.

6. Dhageettiin yaada garaa kennaa ilmaan namootaa hundaaf kenname ta’uusaa maaltu argisiisa?

6 Dhageettiin yaada garaa kun tajaajiltoota Yihowaatiif qofa kennamee? Wanta Phaawulos geggeessaa hafuura qulqulluutiin dubbate haa ilaallu: “Yihudoota kan hin ta’in warri seericha hin qabne, uumama isaaniitiin waan seerichi isaan irraa barbaadu yeroo hojjetan, yoo seericha hin qaban ta’e iyyuu isaan ofuma isaanii keessaa seera qabu. Isaan, hojiin seerichi abboomu garaa isaanii keessatti akka caafamee jiru in argisiisu; dhageettiin garaa isaanii akkasumas yaadni garaa garaa takka takka isaan hadheessan, takka takka immoo isaaniif falman, waa’ee kanaaf dhugaa ba’uu isaanii ti.” (Roomaa 2:14, 15) Namoonni matumaa seera Yihowaa hin beeknellee, yeroo tokko tokko yaada garaasaaniitiin kaka’anii seera Waaqayyoo eegu.

7. Yeroo tokko tokko yaanni garaa keenya dogoggoruu kan danda’u maaliifi?

7 Haata’u malee yeroo tokko tokko yaanni garaa keenya nu dogoggorsiisuu danda’a. Maaliif? Sareen mana eegdu dammaqxuu ta’uu baannaan gatii hin qabdu. Abbaan manichaa dunna saree dhaga’ee tarkaanfii hin fudhatu taanaan balaan irra ga’uu danda’a. Haaluma wal fakkaatuun, yaanni garaa keenyaa fedhii ofittummaatiin garmalee kan qabamu yoo ta’e, nu dogoggorsuu danda’a. Kana malees, qajeelfama amansiisaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamuu wajjin haala walsimuun hojjechuu baannaan, garaagarummaa wantoota sirriifi dogoggora ta’an hedduu gidduu jiran akka hin hubanne nu gochuu danda’a. Dhugumayyuu, yaanni garaa keenya sirriitti akka hojjetu yoo barbaanne, gargaarsa hafuura Yihowaa nu barbaachisa. Phaawulos: “Yaadni garaa koos hafuura qulqulluudhaan dhugaa anaaf ba’a” jechuun barreesseera. (Roomaa 9:1) Yaanni garaa keenyaa hafuura Yihowaa wajjin akka walsimu mirkanaa’uu kan dandeenyu akkamitti? Kun leenjiirratti kan hundaa’edha.

YAADA GARAA KEENYA LEENJISUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

8. (a) Yeroo murtoo goonutti garaan keenya dhageettii yaada garaa keenyaarratti dhiibbaa geessisuu kan danda’u akkamitti? (b) Kiristiyaanni tokko yaanni garaasaa isa ceepha’uu dhiisuunsaa qofti ga’aa kan hin taane maaliifi? (Miiljalee ilaali.)

8 Yaada garaa keerratti hundooftee murtoo gochuu kan dandeessuu akkamitti? Namoonni tokko tokko wanta isaanitti dhaga’amu qoruudhaan maal gochuu akka qaban kan murteessan fakkaata. Boodas, “Yaanni garaakoo na hin ceepha’u” jedhu. Fedhiin garaa nama tokkoo baay’ee cimaa ta’uufi yaada garaasaarratti dhiibbaa geessisuu danda’a. Macaafni Qulqulluun: “Garaan namaa waan hundumaa irra jal’aa dha, namnis isa qajeelchuu hin danda’u; egaa eenyutu isa beekuu danda’a ree?” jedha. (Ermiyaas 17:9) Kanaaf, wanti bakki guddaan kennamuufii qabu wanta garaan keenya barbaadu ta’uu hin qabu. Kanaa mannaa, hunda caalaa wanti Yihowaa gammachiisu maalidha jennee yaaduu barbaanna. *

9. Waaqayyoon sodaachuu jechuun maal jechuudha? Waaqayyoon sodaachuun keenya yaada garaa keenyaarratti dhiibbaa geessisuu kan qabu akkamitti?

9 Murtoon tokko kan hundaa’e yaada garaa leenjifamerratti erga ta’ee, fedhii keenya utuu hin ta’in Waaqayyoon kan sodaannu ta’uu keenya kan argisiisu ta’a. Fakkeenya tokko haa ilaallu. Nahimiiyaan inni amanamaan bulchaa Yihudootaa ture jiraattota Yerusaalemirraa kaffaltiifi gibira fudhachuuf mirga qaba ture. Ta’us akkas hin goone. Maaliif? Saba Waaqayyoo hacuucuudhaan Waaqayyoon gaddisiisuu waan hin barbaanneefidha. “Ani garuu Waaqayyoon waanan sodaadhuuf, akkana hin goone” jedheera. (Nahimiyaa 5:15) Abbaa keenya isa samii akka hin gaddisiisneef garaa guutuudhaan isa sodaachuun barbaachisaadha. Sodaan ulfinarratti hundaa’e akkasii, wanti akka murtoo goonu nu dirqisiisu yeroo nu mudatu hundaatti qajeelfama Dubbii Waaqayyoorraa argamu barbaachuuf nu kakaasa.

10, 11. Dhugaatii alkoolii ilaalchisee seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu tokko tokko kamfa’i? Isaaniin hojiirra oolchuudhaan qajeelfama Waaqayyoo argachuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Fakkeenyaaf, waa’ee dhugaatii alkoolii haa ilaallu. Baay’een keenya yommuu afeeramnu, Dhugumoo dhiisu jennee of gaafannaa? Jalqaba of leenjisuu nu barbaachisa. Kana ilaalchisee seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra ooluu qabu kamfa’i? Macaafni Qulqulluun dhugaatii alkoolii seeraan dhuguu hin dhowwu. Yihowaan wayinii waan kenneef isa jaja. (Faarfannaa 104:14, 15) Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun garmalee dhuguufi albaadhummaa ni balaaleffata. (Luqaas 21:34; Roomaa 13:13) Kana malees, machiin cubbuuwwan gurguddaa akka halalummaafi ejjaa wajjin tokko akka ta’e ibsa. *1 Qorontos 6:9, 10.

11 Yaanni garaa Kiristiyaan tokkoo kan leenjifamuufi kan sirreeffamu seera bu’uuraa akkasiitiinidha. Kanaaf, bakka afeerriitti murtoon dhuguufi dhiisuu yommuu nu mudatu gaaffiiwwan armaan gadii of haa gaafannu: ‘Afeerriin qophaa’e kun kan akkamiiti? To’annaa ala ta’uufi garmalee dhuguuf carraa akkamiitu jira? Ilaalchikoo akkami? Dhugaatii alkoolii na kajeelsisaa? Dhiphinakoo dhugaatii alkooliitiin irraanfachuun yaalaa? Hammam akkan dhugu murteessuu nan danda’aa? Seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluufi gaaffiiwwan kanarratti hundaa’anii ka’an yommuu qorru, Yihowaan akka nu gargaaru kadhachuu qabna. (Faarfannaa 139:23, 24) Karaa kanaan Yihowaan hafuurasaatiin akka nu geggeessu goona. Kana malees, yaanni garaa keenya seera bu’uuraa Waaqayyootiin akka leenjifamu gochuu keenyadha. Dhimmi murtoo keenyarratti dhiibbaa geessisu garabiraanis jira.

YAADA GARAA WARRA KAANII TILMAAMA KEESSA GALCHUU KAN QABNU MAALIIFI?

Yaanni garaa Kitaaba Qulqulluudhaan leenji‵e, dhugaatii alkoolii dhuguu ykn dhiisuu ilaalchisee murtoo gochuuf si gargaaruu danda‵a

12, 13. Sababiiwwan yaanni garaa Kiristiyaanotaa addadda ta’uu itti danda’an tokko tokko maalfa’i? Kana akkamitti ilaaluu qabna?

12 Yeroo tokko tokko yaanni garaa Kiristiyaanotaa addadda ta’uunsaa si dinqisiisuu danda’a. Gochi ykn barsiifanni tokko isa tokkoof waan ta’uu hin qabne yommuu ta’u, isa kaaniifimmoo gocha ykn barsiifata sana balaaleffachuuf wanti bu’uura ta’u akka hin jirre itti dhaga’ama. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni tokko afeerriirratti namoota muraasaa wajjin bashannanaa dhuguunsaa kan isa gammachiisu si’a ta’u, isa kaanimmoo kan hin gammachiisne ta’uu danda’a. Garaagarummaan akkasii jiraachuu kan danda’e maaliifi? Kun murtoo keenyarratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti?

13 Namoonni sababii garagaraatiin ilaalcha addadda qabaachuu danda’u. Akkaataan guddina namootaa gargaridha. Fakkeenyaaf namoonni tokko tokko dadhabbiin kanaan dura qaban sammuusaanii keessaa ba’uu didee ta’a. (1 Mootota 8:38, 39) Namoonni akkasii dhugaatii alkoolii ilaalchisee yaada garaa dafee mufatu qabaachuu danda’u. Namni akkasii manakee yoo dhufe, dhugaatii alkoolii ati afeertuun dhuguuf yaanni garaasaa isa dhowwuu danda’a. Gochasaa kanatti ni mufattaa? Akka dhugu isa dirqisiistaa? Gonkumaa! Sababii kana itti godhe beektus beekuu baattus, sababii mataasaa qabaachuu waan danda’uuf jaalalli obbolummaa isa dirqisiisuurraa akka of qusattu si kakaasuu qaba.

14, 15. Gumii jaarraa tokkoffaa keessatti yaanni garaa Kiristiyaanotaa addadda kan ta’e dhimma akkamiirratti ture? Phaawulos gorsa akkamii kenne?

14 Phaawulos jaarraa tokkoffaatti yaada garaa ilaalchisee Kiristiyaanota gidduu garaagarummaa bal’aan akka jiru hubateera. Bara sanatti nyaanni waaqolii tolfamoof dhihaate Kiristiyaanota tokko tokkorratti rakkoo uumee ture. (1 Qorontos 10:25) Nyaanni waaqolii tolfamoof erga dhihaatanii booda lafa gabaatti gurguraman yaada garaa Phaawulos hin quuqne. Isaaf waaqolii tolfamoon homaa jechuu miti; durumayyuu, waaqolii tolfamoon matumaa wantoota Yihowaan uumeefi nyaatawwan kansaa ta’an kan keenyadha jechuu hin danda’an. Ta’us, Phaawulos namoonni kaan ilaalcha isaa wajjin wal fakkaatu akka hin qabne hubateera. Isaan keessaa tokko tokko Kiristiyaanota utuu hin ta’in dura waaqolii tolfamoo waaqeffachuurratti hirmaannaa guddaa kan qaban ta’uu danda’u. Wantoonni waaqolii tolfamoo wajjin walitti dhufeenya qaban hundi namoota akkasii ni mufachiisu. Phaawulos rakkoo kanaaf furmaata kan argamsiisu akkamitti?

15 Phaawulos akkas jedha: “Nuyi warri dubbii amantiitti jajjaboo taane, dadhabbii warra dadhabootaa baachuutu nuuf ta’a malee, ofii keenya gammachiisuudhaaf dhama’uu miti. Kristos immoo, . . . ofii isaa hin gammachiifne.” (Roomaa 15:1, 3) Phaawulos, akkuma Kiristos nutis fedhii mataa keenyaarra kan obboloota keenyaaf dursa kennuu akka qabnu dubbateera. Bakka garabiraattis gorsa kanaa wajjin wal fakkaatu kan kenne si’a ta’u, hoolaa jaallatamaa Kiristos lubbuusaa kenneef gufachiisuu mannaa matumaa foon nyaachuu dhiisuu akka isaaf wayyu dubbateera.—1 Qorontos 8:13; 10:23, 24, 31-33.

16. Namoonni yaanni garaasaanii wantoota tokko tokko gochuu isaan dhowwu, warri yaada garaa adda ta’e qaban ilaalchasaanii akka hordofan dhiibbaa gochuu kan hin qabne maaliifi?

16 Karaa kaaniinimmoo, namoonni yaanni garaasaanii wantoota tokko tokko gochuu isaan dhowwu,, warri kaan ilaalchasaanii akka hordofaniif dhiibbaa isaanirratti gochuu hin qaban. (Roomaa 14:10) Dhugumayyuu, yaanni garaa keenya nutti malee, warra kaanitti faraduuf sababii barbaaduu hin qabu. Jecha Yesus: “Waaqayyo akka isinitti hin farannetti isin namatti hin faradinaa!” jedhe yaadadhu. (Maatewos 7:1) Miseensonni gumii hundi, dhimmawwan dhuunfaa yaada garaarratti hundaa’anii godhaman waldhabiinsaaf sababii akka hin taane barbaadu. Karaa jaalalaafi tokkummaan itti argamu, karaa itti wal jajjabeessinu malee, karaa itti wal diignu hin barbaannu.—Roomaa 14:19.

FAAYIDAA YAADA GARAA NAMA HIN CEEPHAANE QABAACHUUN ARGAMSIISU

Yaanni garaa gaarii ta‵e, gammachuu fi nagaa sammuu nuuf argamsiisuudhaan adeemsa jireenyaa irratti nu geggeessa

17. Yaanni garaa namoota hedduu bara keenyatti argamanii maal ta’eera?

17 Phexros, “Yaadni garaa keessanii akka isin hin ceephaanetti jiraadhaa!” jechuun barreesseera. (1 Phexros 3:16) Yihowaa duratti yaada garaa nama hin ceephaane qabaachuun eebba guddaadha. Yaanni garaa akkasii yaada garaa namoota yeroo har’aatti jiraatan hedduurraa addadha. Phaawulos namoonni akkasii, “yaadni garaa isaanii diiminaan [akka] gubame” dubbateera. (1 Ximotewos 4:2) Diiminni gogaarra yommuu kaa’amu foonicha gubuudhaan bakka sanatti godaannisni homtuu itti hin dhaga’amne akka hafu godha. Namoonni hedduun yaada garaa homtuu itti hin dhaga’amne qabu; akka godaannisa hadoodaa waan ta’eefis, balleessaa akkamiiyyuu yoo raawwatan, akeekkachiisni, mormiin ykn qaaniin ykn balleessaa akka raawwatan isaanitti hin dhaga’amu. Yeroo har’aa namoonni hedduun balleessaa akka raawwatan waan isaanitti hin dhaga’amneef “Uffee nan obbaafadhe” waan jedhan fakkaata.

18, 19. (a) Balleessaa akka raawwanne ykn qaaniin nutti dhaga’amuunsaa bu’aa akkamii argamsiisuu danda’a? (b) Yaanni garaa keenya cubbuu kanaan dura raawwanneefi qalbii geddarachuudhaan irraa deebineen nu dhiphisuusaa yoo itti fufe maal gochuu dandeenya?

18 Dhugaa dubbachuuf, akka balleessaa raawwanne nutti dhaga’amuunsaa karaa yaanni garaa keenyaa itti dubbatu ta’uu danda’a. Kanaan kaka’ees namni cubbuu raawwate qalbii yoo geddarate cubbuu guddaan inni raawwatellee dhiifamuufii danda’a. Fakkeenyaaf, Daawit Mootichi cubbuu guddaa raawwatee kan ture yommuu ta’u, garaasaatii qalbii waan geddarateef dhiifamni godhameeraaf. Gochasaa isa hamaa waan jibbeefi sana booda seera Yihowaatiif ajajamuuf waan murteesseef, Yihowaan ‘gaarii akka ta’eefi jaalalasaatiin namaaf cubbuusaa akka dhiisu’ arguu danda’eera. (Faarfannaa 51:1-19; 86:5) Haata’u malee, qalbii geddarannee araara erga argannee booda balleessaafi qaaniin nutti dhaga’amuusaa yoo itti fufe maal gochuu dandeenya?

19 Yeroo tokko tokko yaanni garaa garmalee nama ceepha’uudhaan, yeroo itti bu’aa argamsiisurra darbee yeroo baay’ee nama dhiphisuu danda’a. Yeroo akkasiitti, Yihowaan wanta nutti dhaga’amu kamirrayyuu akka caalu yaada garaa keenya isa nu quuqu amansiisuu nu barbaachisa. Warri kaan akkas akka godhan akkuma jajjabeessinu, nutis jaalala Yihowaan nuuf qabutti amanuufi dhiifama argachuu nu barbaachisa. (1 Yohannis 3:19, 20) Karaa kaanimmoo, yaada garaa nama hin ceephaane qabaachuun nagaa, tasgabbiifi gammachuu biyya lafaarratti baay’inaan hin argamne argamsiisa. Namoonni hedduun kanaan dura cubbuu guddaa raawwatanii turan boqonnaa dinqisiisaa akkasii kan argatan yommuu ta’u, kunis yeroo har’aatti yaada garaa isaan hin ceephaaneen Yihowaa akka tajaajilan isaan dandeessiseera.—1 Qorontos 6:11.

20, 21. (a) Kitaabni kun maal akka gootu si gargaaruuf kan qophaa’edha? (b) Kiristiyaanota waan taaneef mirga addaa akkamii qabna? Haata’u malee, akkamitti itti gargaaramuu qabna?

20 Kitaabni kun guyyoota gara dhumaa sirna Seexanaa isa dhiphinaan guutame kana keessatti, yaada garaa nama hin ceephaane qabaattee gammachuu argachuukee akka itti fuftu si gargaaruuf yaadamee kan qophaa’edha. Seeraafi seera bu’uuraa jireenyakee guyyaa guyyaatti hojiirra oolchuufi irratti yaaduu qabdu hundaa tokko tokkoon hin ibsu. Kana malees, haala yaada garaa wajjin wal qabateen salphaadhumatti yaada akkas godhi, akkas hin godhin jedhu nan argadha jettee hin eegin. Kaayyoon kitaaba kanaa, Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaan akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessu qo’achuudhaan yaada garaakee leenjisuufi qaroomsuu akka dandeessu gargaaruudha. ‘Seerri Kiristos’ haala Seera Museerraa adda ta’een, bartoonnisaa seera barreeffamaniin utuu hin ta’in yaada garaasaaniifi seera bu’uuraatiin akka geggeeffaman afeera. (Galaatiyaa 6:2) Kanaaf, Yihowaan Kiristiyaanotaaf mirga hedduu kenneera. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun matumaa birmadummaa keenya kana ‘hamaa hojjechuuf’ akka itti hin fayyadamne nu akeekkachiisa. (1 Phexros 2:16) Kanaa mannaa, mirgi addaa akkasii kun jaalala Yihowaaf qabnu akka argisiisnu karaa nuu bana.

21 Akkaataa jireenyaakee seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluurratti hundooftee kadhannaan yeroo qortu, akkasumas kanarratti hundooftee murtookee yommuu hojiirra oolchitu daandii barbaachisaa yeroo jalqaba waa’ee Yihowaa barterra deddeebi’uukee ta’a. Akkasumas ‘sammuunkee hojiitti akka baru’ leenjisuu ta’a. (Ibroota 5:14) Yaanni garaakee inni Macaafa Qulqulluun leenjifame jireenyakee guyyaa guyyaatti eebba siif argamsiisa. Akkuma sareen halkan walakkaa duttee nu dammaqsuudhaan balaarraa nu baraarsitu, yaanni garaa keenyas murtoowwan Abbaa keenya isa samii gammachiisan gochuuf nu gargaara. Kun daandii amansiisaa jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf si gargaarudha.

^ key. 5 Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa keessatti jechi addaa kallattiidhaan “yaada garaa” argisiisu hin jiru. Ta’us dhageettiin yaada garaa beekamaa akka ture fakkeenyawwan kanarraa hubachuun ni danda’ama. Yeroo baay’ee jechi “garaa” jedhu keessa namummaa kan argisiisudha. Yeroo akkasiitti, keessa namummaa adda ta’e tokko, jechuunis yaada garaa argisiisa. Jechi “yaada garaa” jedhamee hiikame Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii keessatti al 30 kan ta’utu argama.

^ key. 8 Macaafni Qulqulluun yaanni garaa keenyaa kan nu hin ceephaane ta’uunsaa qofti ga’aa akka hin taane argisiisa. Fakkeenyaaf Phaawulos akkas jedheera: “Ani waan tokko iyyuu of irratti hin qeeqqadhu; garuu kanaan, ‘Yakka hin qabu jedhamee anaaf faradame’ jechuu koo miti, gooftaatu anatti farada jechuu koo ti malee.” (1 Qorontos 4:4) Akkuma Phaawulos gochaa ture, namoonni Kiristiyaanota ari’atanillee, gochisaanii Waaqayyo biratti waan fudhatama qabuufi yaada garaa gaarii waan qaban isaanitti fakkaachuu danda’a. Yaanni garaa keenyaa nuufis ta’e fuula Waaqayyoo duratti qulqulluu ta’uunsaa barbaachisaadha.—Hojii Ergamootaa 23:1; 2 Ximotewos 1:3.

^ key. 10 Doktooronni hedduun, namoonni araada dhugaatii alkoolii qaban garmalee dhuguurraa of to’achuu hin danda’an jedhanii akka dubbatan qalbeeffachuun barbaachisaadha; “daangaan” namoota akkasii dhugaatii alkoolii dhuguu dhiisuudha.