Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 3

Michoota Waaqayyoon Jaallatan Filadhu

Michoota Waaqayyoon Jaallatan Filadhu

“Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa.”—FAKKEENYA 13:20.

1-3. (a) Fakkeenya 13:20 irraa maal baranna? (b) Michoota keenya ogummaadhaan filachuu kan qabnu maaliifi?

 MUCAAN xinnoon tokko warra isaa akkamitti akka ilaalu hubattee beektaa? Dubbachuu jalqabuu isaa dura illee, wanta ilaaluu fi wanta dhagaʼu hundumaa xiyyeeffannaa guddaadhaan hordofa. Yeroo guddachaa adeemu immoo, yaalii tokko malee fakkeenya warra isaa hordofuu jalqaba. Namoonni guguddaanis akka namoonni isaan yeroo dheeraa wajjin dabarsan yaadanitti yaaduu fi wanta isaan raawwatan raawwachuu kan jalqaban taʼuun isaanii nama hin dinqisiisu.

2 Fakkeenyi 13:20, “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa” jedha. As irratti yaanni ‘wajjin deemuu’ jedhu nama tokkoo wajjin yeroo dheeraa dabarsuuf filachuu dabalata. Kun immoo nama tokkoo wajjin taʼuu malees wanta dabalatu qaba. Hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko nama tokkoo wajjin adeemuun nama sana jaallachuu fi isatti dhihaachuu yaada jedhu of keessaa akka qabu dubbataniiru. Namoonni yeroo dheeraa wajjin dabarsinu, keessumaa immoo kan isaanitti dhihaannu yoo taʼe, dhiibbaa guddaa nu irratti godhu.

3 Michoonni keenya dhiibbaa gaarii ykn dhiibbaa gadhee nu irratti gochuu dandaʼu. Fakkeenyi 13:20 itti fufuudhaan, “Namni gowwootaa wajjin walitti dhufeenya qabu garuu rakkina irra buʼa” jedha. Afaan Ibrootaa keessatti nama tokkoo wajjin ‘walitti dhufeenya qabaachuu’ jechuun nama sanatti ‘michoomuu’ argisiisuu dandaʼa. (Fakkeenya 22:24; Abbootii Murtii 14:20) Michoonni Waaqayyoon jaallatan isaaf amanamoo taanee akka jiraannu nu jajjabeessu. Michoota keenya ogummaadhaan filachuuf akka nu gargaaruuf, Yihowaan michoota isaa akka taʼaniif kan filatu namoota akkamii akka taʼe mee haa ilaallu.

MICHOONNI WAAQAYYOO EENYUFAʼI?

4. Michuu Waaqayyoo taʼuun mirga guddaa kan taʼe maaliifi? Yihowaan Abrahaamiin “michuu koo” jedhee kan waame maaliifi?

4 Yihowaan Inni Uumama Cufa Irratti Ol Aantummaa Qabu michoota isaa akka taanu carraa nuuf kenneera. Kun mirga guddaa dha. Yihowaan michoota isaa of eeggannoodhaan filata. Namoota isa jaallatanii fi isa irratti amantii qaban filata. Mee waaʼee Abrahaam yaadi. Inni Waaqayyoof jecha wanta kam iyyuu gochuuf qophaaʼaa ture. Abrahaam amanamaa fi ajajamaa akka taʼe irra deddeebiʼee argisiiseera. Ilma isaa Yisihaaqiin illee aarsaa gochuuf fedhii qaba ture. Abrahaam, “Waaqayyo duʼaa isa [Yisihaaqiin] kaasuu illee akka dandaʼu” amantii qaba ture. (Ibroota 11:17-19; Uumama 22:1, 2, 9-13) Abrahaam amanamaa fi ajajamaa waan tureef, Yihowaan “michuu koo” jedhee isa waameera.—Isaayyaas 41:8; Yaaqoob 2:21-23.

5. Yihowaan warra isaaf amanamoo taʼan akkamitti ilaala?

5 Yihowaan michoonni isaa gatii guddaa akka qabanitti isaan ilaala. Michoonni isaa wanta kan biraa kam iyyuu caalaa isaaf amanamoo taʼuudhaaf iddoo guddaa kennu. (2 Saamuʼel 22:26 dubbisi.) Waan isa jaallataniif amanamoo fi ajajamoo dha. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo warra isaaf ajajamanii wajjin, jechuunis “warra qajeelota taʼanii wajjin . . . michummaa cimaa qaba” jedha. (Fakkeenya 3:32) Yihowaan michoonni isaa “dunkaana” isaa keessatti keessummoota addaa akka taʼan isaan affeera. Akka isa waaqeffatanii fi yeroo kamitti iyyuu kadhannaa akka isatti dhiheessan isaan affeera.—Faarfannaa 15:1-5.

6. Yesuusiin akka jaallannu akkamitti argisiisuu dandeenya?

6 Yesuus, “Namni na jaallatu hundi dubbii koo ni eega; Abbaan koos isa jaallata” jedheera. (Yohaannis 14:23) Kanaafuu, nutis michuu Yihowaa taʼuuf, Yesuusiin jaallachuu fi wanta inni nu barsiise hojii irra oolchuu qabna. Fakkeenyaaf, qajeelfama Yesuus misiraachicha akka lallabnuu fi barattoota akka goonu nuu kenneef ni ajajamna. (Maatewos 28:19, 20; Yohaannis 14:15, 21) Yesuusiin waan jaallannuuf, ‘faana isaa dhiheenyatti hordofna.’ (1 Pheexiros 2:21) Yihowaan dubbii keenyaa fi gocha keenyaan fakkeenya Ilma isaa hordofuuf wanta dandeenyu hunda raawwachaa akka jirru yommuu argu ni gammada.

7. Michoonni keenya michoota Yihowaa taʼuu isaanii mirkaneeffachuu kan qabnu maaliifi?

7 Michoonni Yihowaa amanamoo fi ajajamoo dha, Ilma isaas ni jaallatu. Maarree namoota Yihowaan michoota isaa akka taʼan filate michoota keenya ni godhannaa? Michoonni kee fakkeenya Yesuus kan hordofanii fi waaʼee Mootummaa Waaqayyoo namoota barsiisuudhaan kan qabaman yoo taʼan, nama gaarii fi Yihowaadhaaf amanamaa akka taatu si gargaaruu dandaʼu.

FAKKEENYOTA KITAABA QULQULLUU KEESSA JIRAN IRRAA BARACHUU

8. Michummaa Ruutii fi Naaʼomii gidduu ture ilaalchisee wanti xiyyeeffannaa kee harkise maali dha?

8 Kitaaba Qulqulluu keessatti michummaa ilaalchisee wanti hedduun ibsameera; michummaan Ruutii fi amaatii ishii Naaʼomii gidduu ture kanneen keessaa tokko dha. Dubartoonni kun biyyoota adda addaa irraa kan dhufanii fi haala guddinaa garaa garaa kan qaban taʼuu isaanii irra iyyuu, Naaʼomiin Ruutiin umuriidhaan baayʼee caalti turte. Haa taʼu malee, lamaanuu Yihowaa waan jaallataniif michoota baayʼee walitti dhihaatan taʼaniiru. Naaʼomiin biyya Moʼaab gadhiistee deemuu fi gara Israaʼelitti deebiʼuu yommuu barbaaddu, “Ruut garuu ishii irraa addaan baʼuu diddee itti maxxante.” Naaʼomiidhaan, “Sabni kee saba koo, Waaqni kees Waaqa koo ni taʼa” jetteen. (Ruut 1:14, 16) Ruut Naaʼomiitti gaarummaa guddaa argisiisteetti. Yommuu biyya Israaʼel gaʼanis Ruut michuu ishii deggeruuf jabaattee hojjetteetti. Naaʼomiin Ruutiin baayʼee jaallatti turte, gorsa gaariis ishiidhaaf kenniteetti. Ruutis gorsa ishii kan fudhatte yeroo taʼu, lamaanuu eebba hedduu argataniiru.—Ruut 3:6.

9. Michummaa Daawitii fi Yonaataan gidduu ture ilaalchisee wanti si dinqisiisu maali dha?

9 Daawitii fi Yonaataanis michummaa ilaalchisee fakkeenya gaarii taʼu, lamaanuu Yihowaadhaaf amanamoo turan. Yonaataan Daawitiin umuriidhaan waggaa 30 caala, itti aansee mootii Israaʼel kan taʼus isa ture. (1 Saamu’el 17:33; 31:2; 2 Saamu’el 5:4) Taʼus, Yihowaan Daawit mootii akka taʼu akka isa filate yommuu beeku, isatti hin hinaafne ykn isaan hin morkanne. Kanaa mannaa, Yonaataan Daawitiin deggeruuf wanta dandaʼu hunda godheera. Fakkeenyaaf, Daawit balaadhaaf saaxilamee yeroo turetti, Yonaataan “maqaa Yihowaatiin jajjabina akka argatu” isa gargaareera. Daawitiif jecha lubbuu isaa illee balaadhaaf saaxileera. (1 Saamu’el 23:16, 17) Daawitis michuu amanamaa ture. Maatii Yonaataan kunuunsuuf waadaa galee ture, waadaa gale kanas erga Yonaataan duʼee booda illee raawwateera.—1 Saamu’el 18:1; 20:15-17, 30-34; 2 Saamu’el 9:1-7.

10. Fakkeenya Ibroota sadanii irraa waaʼee michummaa maal baratta?

10 Dargaggoonni Ibrootaa sadan, jechuunis Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoon michoota ijoollummaa isaanitti biyya isaaniitii gara Baabilonitti boojuudhaan fudhataman turan. Maatii isaanii irraa fagaatanii waan turaniif, Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraachuuf wal gargaaraniiru. Erga guddatanii booda immoo, yeroo Nebukadnezaar Mootichi siidaa warqii akka waaqeffatan isaan ajajetti, amantiin isaanii qoramee ture. Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoon, mootichaan, “Nuti waaqolii kee akka hin tajaajille yookiin siidaa warqii ati dhaabde akka hin waaqeffanne beeki” jechuudhaan siidaa warqii sana waaqeffachuu didaniiru. Michoonni sadan kunneen yeroo amantiin isaanii qorametti Waaqayyoof amanamoo taʼanii jiraataniiru.—Daaniʼel 1:1-17; 3:12, 16-28.

11. Phaawulosii fi Ximotewos michoota gaarii akka waliif taʼan akkamitti beekna?

11 Phaawulos ergamaan yeroo Ximotewos isa dargaggeessa turee wajjin wal argetti, Ximotewos Yihowaa akka jaallatuu fi gumichaaf garaadhaa akka yaadu hubatee ture. Kanaafuu Phaawulos, obboloota bakka garaa garaa hedduu jiran akka gargaaruuf Ximotewosiin leenjiseera. (Hojii Ergamootaa 16:1-8; 17:10-14) Ximotewosis jabaatee waan hojjetuuf, Phaawulos, ‘Misiraachicha babalʼisuuf jecha anaa wajjin tajaajileera’ jedheera. Phaawulos, Ximotewos obbolootaaf ‘garaadhaa akka yaadu’ beeka ture. Phaawulosii fi Ximotewos Yihowaa tajaajiluuf dhimmanii yommuu waliin hojjetanitti, michoota gaarii waliif taʼaniiru.—Filiphisiyus 2:20-22; 1 Qorontos 4:17.

MICHOOTA KEENYA AKKAMITTI FILACHUU DANDEENYA?

12, 13. (a) Gumii keessatti illee michoota keenya of eeggannoodhaan filachuu kan qabnu maaliifi? (b) Phaawulos ergamaan akeekkachiisa 1 Qorontos 15:33 irra jiru kan kenne maaliifi?

12 Gumii keessatti obbolootaa fi obboleettota keenya irraa barachuu fi amanamoo taanee jiraachuuf wal gargaaruu dandeenya. (Roomaa 1:11, 12 dubbisi.) Haa taʼu malee, gumii keessatti illee namoota michoota dhihoo godhannu of eeggannoodhaan filachuu qabna. Obbolootaa fi obboleettota gaggaarii, aadaa fi akkaataa guddinaa garaa garaa qaban hedduu qabna. Tokko tokko gumiidhaaf haaraa dha, warri kaan garuu waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilaa kan turani dha. Akkuma firiin tokko bilchaachuuf yeroo fudhatu, hariiroon namni tokko Yihowaa wajjin qabus guddachuuf yeroo fudhata. Kanaafuu, obsaa fi jaalala walitti argisiisuu, akkasumas yeroo hundumaa michoota keenya ogummaadhaan filachuu qabna.—Roomaa 14:1; 15:1; Ibroota 5:12–6:3.

13 Gumii keessatti illee yeroo tokko tokko haalli rakkisaan uumamuu waan dandaʼuuf, of eeggannoo gochuu qabna. Obboleessi ykn obboleettiin tokko wanta Kitaabni Qulqulluun dogoggora akka taʼe ibsu raawwachaa jiru taʼa. Yookiin namni tokko amala gungummii gumii miidhuu dandaʼu qaba taʼa. Jaarraa jalqabaatti illee yeroo tokko tokko gumii keessa rakkinni waan tureef, kun taʼuun isaa nu dinqisiisuu hin qabu. Phaawulos ergamaan, “Hin dogoggorinaa. Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa” jechuudhaan Kiristiyaanota yeroo sana turan akeekkachiisee ture. (1 Qorontos 15:12, 33) Ximotewosiinis namoota michuu dhihoo godhatu ilaalchisee of eeggannoo akka godhu akeekkachiisee ture. Nutis yeroo harʼaa akkasuma gochuu qabna.—2 Ximotewos 2:20-22 dubbisi.

14. Michoota ilaalchisee filannoon goonu hariiroo Yihowaa wajjin qabnu irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?

14 Hariiroo Yihowaa wajjin qabnu eeggachuu qabna. Kun wanta qabnu keessaa isa hunda irra caalu dha. Kanaafuu, nama amantii keenya laaffisuu fi hariiroo kana nu jalaa balleessu kam irraa iyyuu fagaachuu qabna. Akkuma ispoonjii wanta dhangaggaaʼaa taʼe keessa cuuphnee bishaan fuudhee baʼa jennee eeguu hin dandeenye, michoota wanta dogoggoraa raawwatan qabaannee, wanta sirrii taʼe raawwachuun salphaa nuuf taʼa jennee eeguu hin dandeenyu. Namoota michoota dhihoo godhannu of eeggannoodhaan filachuu qabna.—1 Qorontos 5:6; 2 Tasalonqee 3:6, 7, 14.

Michoota gaarii Yihowaa jaallatan argachuu dandeessa

15. Gumii keessatti michoota gaarii qabaachuuf maal gochuu dandeessa?

15 Gumii keessatti namoota dhugumaan Yihowaa jaallatan argachuu dandeessa. Isaan michuu dhihoo siif taʼuu ni dandaʼu. (Faarfannaa 133:1) Namoota umurii kee irratti argaman ykn akkaataa guddinaa sii wajjin wal fakkaatu qaban qofa michoota hin godhatin. Yonaataan Daawitiin umuriidhaan baayʼee akka caaluu fi Ruut immoo Naaʼomiidhaa gad akka taate yaadadhu. Gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Garaa keessan balʼisaa banaa” jedhu hordofuu barbaanna. (2 Qorontos 6:13; 1 Pheexiros 2:17 dubbisi.) Fakkeenya Yihowaa caalaatti hordofaa yoo deemte, namoonni kaan caalaatti michoota kee taʼuu barbaadu.

YEROO RAKKINNI UUMAMU

16, 17. Namni gumii keessa jiru tokko yoo nu mufachiise, maal gochuu hin qabnu?

16 Namoonni maatii hunda keessa jiran amalli, ilaalchii fi akkaataan isaan wanta tokko itti hojjetan tokko miti. Gumii keessattis haalli isaa akkasuma. Adda addummaan kun immoo jireenyi gammachiisaa akka taʼu godha, akkasumas waan hedduu wal irraa barachuu dandeenya. Haa taʼu malee, adda addummaan keenya yeroo tokko tokko obbolootaa fi obboleettota keenya dogoggoraan akka hubannu waan nu taasisuuf, isaanitti mufachuu dandeenya. Yeroo tokko tokko aaruu dandeenya ykn miirri keenya miidhamuu dandaʼa. (Fakkeenya 12:18) Maarree rakkoowwan akkanaa abdii akka nu kutachiisan ykn gumii irraa akka nu fageessan heyyamuu qabnaa?

17 Lakki. Namni tokko karaa taʼe tokkoon yoo nu mufachiise illee, gumii irraa fagaachuu hin qabnu. Kan nu mufachiise Yihowaa miti. Inni jireenya dabalatee wanta hundumaa nuuf kenneera. Isa jaallachuu fi isaaf amanamoo taʼuun keenya kan isaaf malu dha. (Mulʼata 4:11) Gumiin kennaa Yihowaan amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufu nu gargaaruuf nuu kenne dha. (Ibroota 13:17) Namni tokko waan nu mufachiiseef qofa kennaa isaa kana dhiisuu hin qabnu.—Faarfannaa 119:165 dubbisi.

18. (a) Obbolootaa fi obboleettota keenyaa wajjin walii gallee jiraachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? (b) Warra kaaniif dhiifama gochuu kan qabnu maaliifi?

18 Obbolootaa fi obboleettota keenya ni jaallanna; isaanii wajjin walii gallee jiraachuus ni barbaanna. Yihowaan namni kam iyyuu mudaa kan hin qabne akka taʼu hin eegu, nutis eeguu hin qabnu. (Fakkeenya 17:9; 1 Pheexiros 4:8) Hundi keenya dogoggora ni raawwanna, taʼus, jaalalli ‘tola waliif dhiisuu’ keenya akka itti fufnu nu gargaara. (Qolosaayis 3:13) Jaalalli wantoota xixinnoo dogoggoraan wal hubachuun uumu gara rakkina guddaatti akka hin jijjiirre nu eega. Dhugaa dha, namni tokko yommuu nu mufachiisu, wanta sana yaaduu dhiisuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Aaruu fi nama sanatti haaloo qabachuun salphaa dha. Taʼus, kana gochuun gammachuu nu dhabsiisuu fi hammeessuudhaan alatti gatii hin qabu. Gama biraatiin immoo, nama nu mufachiise tokkoof yommuu dhiifama goonu, nagaa sammuu argachuu, gumichi tokkummaa akka qabaatu gochuu fi hunda caalaa immoo, Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu dandeenya.—Maatewos 6:14, 15; Luqaas 17:3, 4; Roomaa 14:19.

YOMMUU NAMNI TOKKO GUMIIDHAA BAAFAMU

19. Nama gumii keessa jiru tokkoo wajjin michummaa qabnu addaan kutuu kan qabnu yoomi?

19 Maatii jaalala qabu tokko keessatti, miseensi maatichaa hundi warra kaan gammachiisuuf gaʼee isaa raawwata. Garuu mee namni tokko jeequmsa akka uume godhii yaadi. Miseensonni maatichaa hundi isa gargaaruuf irra deddeebiʼanii yaalii kan godhan taʼus, inni garuu gargaarsa fudhachuu dide. Ofuma isaatiin mana sana dhiisee baʼuuf murteessa taʼa ykn mataan maatichaa manicha dhiisee akka baʼu isa gaafata taʼa. Gumii keessattis haalli wal fakkaatu uumamuu dandaʼa. Namni tokko wanta Yihowaa gaddisiisu raawwachuu isaa itti fufuu filachuudhaan, gumicha miidhuu dandaʼa. Kana malees, gargaarsa isaaf godhamu fudhachuu diduu fi miseensa gumichaa taʼee itti fufuu akka hin barbaanne gocha isaatiin argisiisa taʼa. Ofuma isaatiin gumii keessaa baʼuuf filata taʼa ykn gumiidhaa baafamuu qaba taʼa. Haalli akkasii yeroo uumamu, Kitaabni Qulqulluun, ‘michummaa isaa wajjin qabnu dhiisuu’ akka qabnu ifatti dubbata. (1 Qorontos 5:11-13 dubbisi; 2 Yohaannis 9-11) Namni kun michuu keenya ykn miseensa maatii keenyaa yoo taʼe kana gochuun baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, haala akkasii keessatti amanamummaan Yihowaadhaaf qabnu, amanamummaa nama kamiif iyyuu qabnu caalaa cimaa taʼuu qaba.—Ibsa Dabalataa 8 ilaali.

20, 21. (a) Gumiidhaa baasuun qophii jaalala irratti hundaaʼe dha kan jedhamu akkamitti? (b) Michoota keenya ogummaadhaan filachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

20 Gumiidhaa baasuun qophii jaalalaa Yihowaa biraa argame dha. Qophiin kun gumichi namoota ulaagaalee Yihowaatiif dantaa hin qabne irraa eegumsa akka argatu godha. (1 Qorontos 5:7; Ibroota 12:15, 16) Akkasumas jaalala maqaa Yihowaa isa qulqulluutiif, ulaagaalee isaa kanneen ol aanaa taʼanii fi Yihowaadhaaf qabnu argisiisuuf nu gargaara. (1 Pheexiros 1:15, 16) Qophiin gumiidhaa baasuu namni miseensa gumii taʼuu dhiise sunis akka jaallatamu argisiisa. Adabni cimaan kun wanti inni gochaa jiru dogoggora taʼuu isaa akka hubatu isa gargaaruu fi jijjiirama gochuuf isa kakaasuu dandaʼa. Namoonni kanaan dura gumiidhaa baafamanii turan hedduun yeroo booda gara Yihowaatti deebiʼaniiru, gumichis miira hoʼaadhaan deebisee isaan simateera.—Ibroota 12:11.

21 Michoonni keenya karaa taʼe tokkoon dhiibbaa nu irratti godhu. Kanaafuu, michoota keenya of eeggannoodhaan filachuun barbaachisaa dha. Namoota Yihowaan jaallatu kan jaallannu yoo taʼe, namoota bara baraaf isaaf amanamoo akka taanu nu gargaaran gidduu jiraanna.