Maqaawwan Ulfinaa
Kiristiyaanonni maqaawwan ulfinaa dhaabbileen amantaa itti fayyadamanitti fayyadamuu qabuu?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Luq 18:18, 19—Yesuus nama gaarii taʼus gaarii jedhamuu kan qabu Yihowaa qofa akka taʼe dubbachuudhaan maqaa ulfinaa “Barsiisaa Gaarii” jedhuun waamamuu dideera
Kiristiyaanonni maqaawwan ulfina “Abbaa” ykn “Geggeessaa” jedhamaniin namoota waamuu kan hin qabne maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Mat 23:9-12—Yesuus maqaawwan ulfinaa kan akka “Abbaa” ykn “Geggeessaa” jiranitti fayyadamuu dhorkeera
1Qo 4:14-17—Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota hedduudhaaf akka abbaa kan ture taʼus, Aabbaa Phaawulos ykn maqaa kana fakkatuun akka waamame hin ibsamne
Kiristiyaanonni obboloota jedhanii wal waamuu fi akkasitti wal ilaaluu kan qaban maaliifi?
Dabalataanis HoE 12:17; 18:18; Rom 16:1 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Mat 12:46-50—Yesuus barattoonni isaa obbolootaa fi obboleettota hafuuraasaa akka taʼan ifa godheera
Kiristiyaanonni abbootii taayitaa, bulchitoota, abbootii murtii fi warra aangoo qaban kan biroo maqaa ulfinaatiin waamuun isaanii sirrii kan taʼe maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
HoE 26:1, 2, 25—Phaawulos ergamaan bulchitoota kan taʼan Agriiphaa fi Feesxosiin yeroo waametti maqaa ulfinaatti fayyadameera