Abbaa
Abbaan tokko itti gaafatamummaa akkamii qaba?
Kes 6:6, 7; Efe 6:4; 1Xi 5:8; Ibr 12:9, 10
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 22:2; 24:1-4—Abrahaam ilma isaa Yisihaaqiin baayʼee waan jaallatuuf, ilmi isaa kun haadha manaa Yihowaa waaqeffattu akka argatuuf carraaqqii cimaa godheera
Mat 13:55; Mar 6:3—Yesuus “ilma anaaxichaa” fi “anaaxicha” waan jedhameef Yoseef ogummaa akka isa barsiise hubachuu dandeenya
Gaʼee abbaan tokko maatii keessatti qabuuf iddoo guddaa kennuu fi kabajuu kan qabnu maaliifi?
Dabalataanis Mat 6:9 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Hos 11:1, 4—Yihowaan fakkeenya gaarii isaaniif taʼuudhaan abbootii akka kabaju argisiiseera. Akkuma abbaan tokko ijoollee isaaf godhu, Yihowaan saba isaa ni barsiisa akkasumas ni kunuunsa
Luq 15:11-32—Yesuus yeroo barsiisu, fakkeenya Yihowaan abbaa jaalala qabeessa cubbamoota yaada geddarataniif dhiifama godhu taʼuu isaa argisiisu tokko dubbachuudhaan abbootii akka kabaju argisiiseera