Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA TOKKO

Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu Maaliif Heyyame?

Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu Maaliif Heyyame?
  • Rakkina addunyaarratti argamu kan fide Waaqayyodhaa?

  • Gaaffiin dhaaba Eeden keessatti ka’e maalidha?

  • Waaqayyo rakkina ilmaan namootaarra ga’aa jiru kan hambisu akkamitti?

1, 2. Yeroo har’aatti rakkoowwan akkamiitu namootarra ga’aa jira? Kunoo baay’eensaanii gaaffiiwwan akkamii akka gaafatan godheera?

BIYYA waraanaan hunkuramaa turte tokko keessatti waraanni suukanneessaan erga godhamee booda, dubartoonniifi ijoollee xixinnoon kumaatamaan lakkaa’amaniifi waraana sanarratti hin hirmaannes waraana sanaan erga ajjeefamanii booda, hundisaaniiyyuu boolla awwaalchaa mallattoo fannootiin marfame tokko keessatti awwaalaman. Tokkoon tokkoon mallattichaarratti gaaffiin: “Maaliif?” jedhu barreeffameera. Al tokko tokko namoonni dhiphina guddaa isaanirra ga’een gaaffii akkasii gaafatu. Namoonni yeroo waraanni, balaan, dhukkubni, ykn yakki namoota isaan jaallatan ajjeesu, manasaanii jalaa barbadeessu, ykn rakkinni hangana hin jedhamne yeroo isaanirra ga’u, baay’ee gaddaa gaaffii akkasii gaafatu. Haalli gaddisiisaan akkasii maaliif akka isaanirra ga’u baruu barbaadu.

2 Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif heyyame? Yihowaan humna guddaa, jaalalaafi ogummaa kan qabuufi murtoo kan hin jal’isne erga ta’ee, biyyi lafaa jibbaafi jal’inaan kan guutamte maaliifi? Waa’ee wantoota kanaa yaaddee beektaa?

3, 4. (a) Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif akka heyyame gaafachuun dogoggora akka hin taane kan argisiisu maalidha? (b) Hammeenyaafi rakkina ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhaga’ama?

3 Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif heyyame jedhanii gaafachuun dogoggoradhaa? Namoonni tokko tokko gaaffiiwwan akkasii gaafachuunsaanii Waaqayyorratti amantii akka hin qabne ykn akka isaaf ulfina hin qabne kan argisiisudha jedhanii yaadu. Haata’u malee, yeroo Macaafa Qulqulluu dubbistutti namoonni amanamooniifi Waaqayyoon sodaatan gaaffiiwwan akkasii akka gaafatanii turan hubatta. Fakkeenyaaf, Anbaaqom raajichi akkas jedhee Yihowaa gaafateera: “Balleessuu fi humnaan nama irratti ka’uu waanan arguuf, gargar ba’uunii fi lolli ka’aa waan jiraniif, maaliif wanta jal’aa na argisiifta? Maaliifis yommuu namni gad nama qabu cal jettee ilaalta?”Anbaaqom 1:3.

Yihowaan rakkoowwan hundumaa ni balleessa

4 Anbaaqom gaaffiiwwan akkasii gaafachuusaatti Yihowaan isatti dheekkameeraa? Lakki. Kanaa mannaa, gaaffii Anbaaqom garaa qulqulluudhaan gaafate Macaafa Qulqulluu keessatti akka galmeeffamu godheera. Kana malees, Waaqayyo sababii wantoonni kun itti ga’an ilaalchisee hubannaa sirrii ta’e akka argatuufi amantiinsaa akka jabaatu isa gargaareera. Yihowaan siifis akkasuma gochuu barbaada. Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo ‘akka siif yaadu’ kan barsiisu ta’uusaa yaadadhu. (1 Phexros 5:7) Waaqayyo, hammeenyaafi rakkina sababii hammeenyaatiin ga’u nama kamiyyuu caalaatti jibba. (Isaayaas 55:8, 9) Erga akkas ta’ee, rakkinni biyya lafaarratti garmalee kan baay’ate maaliifiree?

RAKKINNI KAN BAAY’ATE MAALIIFI?

5. Ilmaan namootaarra rakkoon kan ga’u maaliif akka ta’e ibsuuf al tokko tokko sababii akkamiitu kennama? Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun maal barsiisa?

5 Namoonni amantii adda addaa keessatti argaman, rakkinni kan baay’ate maaliif akka ta’e geggeessitootaafi barsiistota amantiisaanii gaafatu. Yeroo baay’ee deebiin isaan argatanis, rakkinni kan ga’u fedha Waaqayyootiin akka ta’e, akkasumas balaawwan nama suukanneessan dabalatee wanti lafa kanarratti raawwatamu hundi wanta Waaqayyo duraan dursee murteessedha kan jedhudha. Karaan Waaqayyo itti waa hojjetu iccitii akka ta’e, ykn isaa wajjin samiirra akka jiraataniif jecha, ijoollee xixinnoo dabalatee namoota kaanirratti akka du’a fidu itti himama. Haata’u malee, akkuma kanaan dura barattetti Yihowaan waan hamaa hin hojjetu. Macaafni Qulqulluun: “Jal’inni Waaqayyo irraa, dabaa hojjechuunis isa hundumaa danda’u irraa haa fagaatu!” jedha.Iyoob 34:10.

6. Namoonni baay’een rakkina addunyaa kanarra ga’uuf Waaqayyoon kan yakkan maaliifi ?

6 Namoonni rakkina biyya lafaarra ga’uuf Waaqayyoon kan yakkan maaliif akka ta’e beektaa? Yeroo baay’ee, Waaqayyoon kan yakkan biyya lafaa kana kan bulchaa jiru isadha jedhanii waan yaadaniifidha. Dhugaa barbaachisaa ta’eefi salphaatti Macaafni Qulqulluun barsiisu tokko hin beekan. Waa’ee dhugaa kanaa Boqonnaa 3rratti baratteetta. Biyya lafaa kana kan bulchu Seexanadha.

7, 8. (a) Biyyi lafaa amala Seexanaa kan argisiisaa jiru akkamitti? (b) Gonkummaa dhabuun, “yerooniifi walitti dhufuun” rakkina namootarra ga’aniif sababii ta’uu kan danda’an akkamitti?

7 Macaafni Qulqulluun: “Guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala akka jiru beekna” jechuudhaan dubbata. (1 Yohannis 5:19) Kun dhugaa sitti hin fakkaatuu? Amalli biyyi lafaa kun argisiisu, amala qaamni hafuuraa ijaan hin argamneefi “guutummaa biyya lafaa wallaalchisu” argisiisudha. (Mul’ata 12:9) Seexanni jibbaan kan guutame, kan nama gowwomsuufi gara-jabeessadha. Kanaafuu, biyyi lafaa inni to’annaasaa jalatti argamus, jibbaan, gowwomsaafi gara-jabinaan kan guutamedha. Sababii rakkinni itti baay’ate keessaas inni tokko isa kanadha.

Sababii rakkinni itti baay’ate inni lammaffaanimmoo, Boqonnaa 3rratti akka ibsametti ilmaan namootaa dhaaba Eeden keessatti erga Waaqayyorratti ka’anii kaasee, gonkummaa kan hin qabneefi cubbamoota waan ta’aniifidha. Ilmaan namootaa cubbamoota ta’an warra kaanirratti aboo qabaachuuf carraaqqii gochuunsaanii waraana, cunqursaafi rakkina geessisaa jira. (Lallaba 4:1; 8:9) Sababiin rakkinni itti baay’achuu danda’e inni sadaffaanimmoo, balaa “yerooniifi walitti dhufuun” geessisuun hubamuudha. (Lallaba 9:11 1899) Addunyaa Waaqayyoon ala jiraatuufi isaaf hin bitamne keessatti, namoonni yeroo gadheetti iddoo hin taanetti argamuunsaanii rakkinaaf isaan saaxiluu danda’a.

9. Yihowaan ilmaan namootaarra rakkinni ga’uusaa akka itti fufu heyyamuuf sababii ga’aa waan qabuufidha jechuu kan dandeenyu maaliifi?

9 Rakkoo ilmaan namootaarra ga’uuf sababiinsaa Waaqayyo akka hin taane beekuun keenya nu jajjabeessa. Waraana, yakka, hacuuccaafi balaawwan uumamaa ilmaan namootaa rakkina guddaadhaaf saaxilaa jiraniif kan yakkamu Waaqayyo miti. Haata’u malee, ammayyuu sababii Yihowaan rakkinni kun hundi akka jiraatu itti heyyame beekuu barbaanna. Inni Waaqa waan hundumaa danda’u erga ta’ee, humna rakkoowwan kana itti hambisuu danda’u qaba jechuudha. Erga humna akkasii qabaatee tarkaanfii kan hin fudhanne maaliifiree? Waaqni jaalala qabeessa ta’e kun sababii ga’aa hanga yoonaatti tarkaanfii itti hin fudhanne qaba jechuudha.1 Yohannis 4:8.

GAAFFII BAAY’EE BARBAACHISAA TA’E TOKKOTU KA’E

10. Seexanni maalirratti gaaffii kaase? Akkamitti?

10 Sababii Waaqayyo rakkinni akka jiraatu itti heyyame beekuuf, yeroo rakkinni itti jalqabe gara duubaatti deebinee ilaaluun nu barbaachisa. Seexanni, Addaamiif Hewwaan Waaqayyorratti akka ka’an yeroo godhetti, gaaffii baay’ee barbaachisaa kaaseera. Seexanni humna Waaqayyoorratti gaaffii hin kaasne. Humna Waaqayyoo homtinuu akka daangessuu hin dandeenye beeka. Kanaa mannaa, gaaffii kan inni kaase mirga Yihowaan uumamasaa bulchuuf qaburrattidha. Seexanni, Waaqayyo uumamnisaa wanta gaarii akka hin arganne kan barbaaduufi sobduudha jechuudhaan bulchaa gadheedha jedhee isa yakke. (Uumama 3:2-5) Seexanni akkas jechuunsaa, ilmaan namootaa bulchiinsa Waaqayyoorraa walaba ta’anii yoo ofiin of bulchan gaariidha jedhee dubbachuusaa ture. Kunis mormii olaantummaa Yihowaafi mirga inni uumamasaa bulchuuf qaburratti ka’edha.

11. Yihowaan namoota Eeden keessatti isarratti ka’an yeruma sana balleessuu kan dhiise maaliifi?

11 Addaamiif Hewwaan Yihowaarratti ka’an. Kana gochuunsaanii: ‘Yihowaan akka nu bulchu hin barbaannu, wanta gaariifi gadhee ta’e ilaalchisee ofuma keenyaa murtoo gochuu dandeenya’ jechuusaanii ture. Yihowaan wanta kanaaf furmaata kan kennu akkamitti? Ergamoonnis ta’an namoonni, warri isarratti ka’an akka dogoggoraniifi karaan isaa garuu hunda caalaa gaarii akka ta’e akka hubatan gochuu kan danda’u akkamitti? Namoonni tokko tokko warra isarratti ka’an yeruma sana balleessee namoota garabiraa uumuu qaba ture jedhanii yaadu. Haata’u malee, Yihowaan lafti sanyii Addaamiifi Hewwaaniin akka guutamtu kaayyoosaa akka ta’eefi lafa jannata taatu keessa akka jiraatan kan barbaadu ta’uusaa ibsee ture. (Uumama 1:28) Yihowaan yeroo hundumaa Waaqa kaayyoosaa galmaan ga’udha. (Isaayaas 55:10, 11) Kana malees, namoota Eeden keessatti isarratti ka’an balleessuun gaaffii mirga inni uumamasaa bulchuuf qaburratti ka’eef deebii ta’uu hin danda’u.

12, 13. Yihowaan, Seexanni bulchaa biyya lafaa akka ta’uufi ilmaan namootaa ofiisaaniitiin akka of bulchan kan heyyame maaliif akka ta’e fakkeenyaan ibsi.

12 Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Barsiisaan tokko barattootasaatti herrega tokko akkamitti hojjechuu akka danda’an itti hima. Haata’u malee, barattootasaa keessaa dandeetti kan qabuu tokko barsiisicharratti ka’uudhaan karaan barsiisaan kun herrega kana itti hojjete sirrii akka hin taane dubbata. Barataan kun barsiisaansaa ga’eessa akka hin taane ibsuudhaan, inni herregicha karaa sirrii ta’een hojjechuu akka danda’u falma. Barattoonni tokko tokkos yaadni barataan kun dhiheesse sirriidha jedhanii yaaduudhaan barsiisicharratti ka’u. Yeroo kanatti barsiisaan kun maal gochuu qaba? Barattoota isarratti ka’an kutaadhaa yoo ari’e barattoota warra hafanitti maaltu dhaga’ama? Tarkaanfii akkasii fudhachuunsaa, barataan barsiisaasaarratti ka’eefi warri isaa wajjin hiriiran sirriidha jedhanii akka yaadan isaan hin godhuu? Barattoonni kutaa keessatti hafan hundi, barsiisaan kun kan akkas godhe dogoggorasaa dhoksuufidha jedhanii yaaduudhaan barsiisaa sanaaf ulfina kennuu dhiisuu danda’u. Haata’u malee, barsiisichi barataan sun herregicha karaa kamiin hojjechuu akka yaade barattootatti akka argisiisu isaaf heyyame.

Barataan barsiisaasaa caalaatti ga’eessa ta’uu ni danda’aa?

13 Wanti Yihowaan godhes wanta barsiisaan kun godhee wajjin kan wal fakkaatudha. Namoota dhaaba Eeden keessatti Waaqayyorratti ka’anii alatti ergamoonni miliyoonaan lakkaa’amanis mormii kana ilaalaa akka turan yaadadhu. (Iyoob 38:7; Daani’el 7:10) Haalli Yihowaan rakkoo uumame hiikuuf tarkaanfii itti fudhatu, ergamoota kana hundaa yeroo boodammoo uumamawwan yaaduu danda’an hundaa kan tuqu ture. Kanaafuu, Yihowaan maal godheree? Seexanni ilmaan namootaa akkamitti bulchuu akka danda’u akka argisiisu heyyameef. Kana malees, Waaqayyo ilmaan namootaas bulchiinsa Seexanaa jalatti akka wal bulchan isaaniif heyyame.

14. Yihowaan namoonni akka ofiin of bulchan heyyamuunsaa faayidaa maalii qaba?

14 Barsiisaan fakkeenya keenyarratti caqasame barataan isarratti ka’eefi barattoonni isaa wajjin hiriiran akka dogoggoran beeka ture. Yaannisaanii sirrii ta’uusaa akka mirkaneeffatan heyyamuunsaa barattoota hafaniif faayidaa akka argamsiisus beeka. Barattoonni barsiisaasaaniirratti ka’an hojiinsaanii akka sirrii hin taane beekamuunsaa, barattoonni amanamoo ta’an hundi barumsa kana barsiisuuf ga’eessa kan ta’e barsiisicha qofa ta’uusaa hubatu. Sana booda, barsiisichi barataa isarratti ka’u kamiyyuu kutaa keessaa maaliif akka ari’u isaanii gala. Haaluma wal fakkaatuun Yihowaanis, namoonniifi ergamoonni yaada qajeelaa qaban, Seexanniifi warri isaa wajjin hiriiran hundi sirrii akka hin taaneefi namoonnis ofiin of bulchuu akka hin dandeenye arguunsaanii akka isaan gargaaru beeka. Isaanis akkuma Ermiyaas, dhugaa barbaachisaa ta’e kana sirriitti akka hubatan isaan gargaara: “Yaa Waaqayyo! Namni akeeka jireenya isaatii of harka galfachuu, karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin dandeenye ani beeka.”Ermiyaas 10:23.

YIHOWAAN RAKKINNI YEROO DHEERAADHAAF AKKA JIRAATU KAN HEYYAME MAALIIFI?

15, 16. (a) Yihowaan rakkinni yeroo dheeraadhaaf akka jiraatu kan heyyame maaliifi? (b) Yihowaan yakkawwan nama suukanneessan akka hin geenye ittisuu kan dhiise maaliifi?

15 Haata’u malee, Yihowaan yeroo dheeraa hanganaatiif rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliifi? Wantoonni gadhee ta’an akka hin geenye ittisuu kan dhiisehoo maaliifi? Wantoota barsiisaan fakkeenyicharratti ibsame hin goone lamaan ilaali. Jalqabarratti, barataan isarratti ka’e furmaata ni ta’a jedhee yaadu akka hin dhiheessine isa hin goone. Lammaffaarrattimmoo, yeroo baratichi herrega kana karaa mataasaatiin hojjechuuf yaalii godhutti isa hin gargaarre. Haaluma wal fakkaatuunis, wantoota Yihowaan gochuurraa of qusate lamaan ilaali. Jalqabarratti Waaqayyo, Seexanniifi kan isaa wajjin ta’uu barbaadan hundi sirrii ta’uusaanii mirkaneessuuf yeroo yaalii godhan isaan hin dhowwine. Kun akka ta’u gochuufimmoo yeroo kennuun barbaachisaadha. Ilmaan namootaa seenaa waggoota kumaan lakkaa’amaniif dabarsanitti, ofiin of bulchuuf sirna bulchiinsa hundumaa yaalaniiru. Gama saayinsiifi wantoota garabiraadhaan guddina kan argisiisan ta’us, jal’inni murtoo, hiyyumni, yakkiifi waraanni yeroo kamiyyuu caalaatti babal’achaa adeemeera. Bulchiinsi ilmaan namootaa rakkinasaaniitiif furmaata akka hin kennine amma ifatti mul’ateera.

16 Lammaffaarrattimmo, Yihowaan yeroo Seexanni biyya lafaa kana bulchu isa hin gargaarre. Waaqayyo, yakkawwan nama suukanneessan akka hin geenye utuu ittisee, warra isarratti ka’an deggaruusaa hin ta’uu? Waaqayyo utuu akkas godhee, namoonni ilmaan namootaa rakkina tokko malee ofiin of bulchuu ni danda’u jedhanii akka yaadan isaan hin godhuu? Yihowaan tarkaanfii akkasii utuu fudhateera ta’ee soba deggaruu ta’a ture. Haata’u malee, ‘Waaqayyo matumaa hin sobu.’Tiitoos 1:2.

17, 18. Yihowaan miidhaa bulchiinsa ilmaan namootaafi dhiibbaa Seexanaatiin ga’erratti tarkaanfii akkamii fudhata?

17 Haata’u malee, ilmaan namootaa Waaqayyorratti erga ka’anii booda, jaarraawwan dheeraadhaaf rakkoowwan isaanirra ga’an ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhaga’ama? Yihowaan Waaqa hundumaa danda’u ta’uusaa yaadachuu qabna. Kanaafuu, rakkoowwan ilmaan namootaarra ga’an hundaa balleessu ni danda’a. Akkuma kanaan dura barannetti, badiisni lafa kanarra ga’e sirreeffamuudhaan lafti kun gara Jannataatti jijjiiramti. Miidhaan cubbuun geessise amantii namoonni qajeeloon aarsaa furii Yesusirratti qabaniin kan balleeffamu yeroo ta’u, miidhaan sababii du’aatiin dhufes qophii du’aa ka’uutiin balleeffama. Waaqayyo Yesusiin gargaaramuudhaan “hojii Seexanaa diiga.” (1 Yohannis 3:8) Yihowaan wantoota kana hundumaa kan raawwatu yeroo sirrii ta’ettidha. Yihowaan dafee tarkaanfii fudhachuu dhiisuusaatti gammaduu qabna; sababiinsaas dhugaa baruufis ta’e isa tajaajiluuf carraa argachuu kan dandeenye inni waan obseefidha. (2 Phexros 3:9, 10) Hamma tarkaanfii fudhatutti garuu, Waaqayyo namoota garaa qajeelaadhaan isa waaqeffatan barbaadaa kan ture yeroo ta’u, namoota kanas addunyaa jeequmsaan guutame kana keessatti rakkina isaanirra ga’u akka mo’an isaan gargaaraa tureera.Yohannis 4:23; 1 Qorontos 10:13.

18 Namoonni tokko tokko Waaqayyo, Addaamiif Hewwaan akka isarratti hin kaane godhee utuu uumeera ta’ee rakkoon kun hundi hin hafu turee? jedhanii gaafatu ta’a. Deebii gaaffii kanaa argachuuf, jalqaba kennaa guddaa Yihowaan sii kenne yaadachuu qabda.

KENNAA WAAQAYYORRAA ARGATTETTI AKKAMITTI GARGAARAMTA?

Waaqayyo rakkina sirra ga’u akka mootu si gargaara

19. Yihowaan kennaa guddaa akkamii nuu kenneera? Kennaa kana akka waan guddaatti ilaaluu kan qabnuhoo maaliifi?

19 Boqonnaa 5rratti ilmaan namootaa mirga filannaa gochuuf isaan dandeessisu qabaatanii akka uumaman ibsameera. Kennaan kun kennaa guddaa ta’uusaa hubatteettaa? Waaqayyo bineensota lakkoofsisaanii hangana hin jedhamne kan uume yeroo ta’u, bineensonni kun kan socho’an kennaa uumamaan argataniinidha. Namoonni konkolaataa shufeeriin gara barbaadetti oofu hojjetaniiru. Waaqayyo akkas godhee utuu nu uumeera ta’ee gammadoo ta’uu dandeenya turree? Matumaa gammaduu hin dandeenyu; kanaa mannaa, nama akkamii ta’uu, jireenya akkamii jiraachuu, hiriyyummaa akkamii akka barbaannuufi wantoota kanaa wajjin wal fakkaatanitti filannoo mataa keenyaa gochuu keenyatti ni gammanna. Namoota waan taaneef, mirga filachuuf nu dandeessisu argachuu barbaanna; Waaqayyos mirga akkasii akka qabaannu barbaada.

20, 21. Kennaa guddaa filannaa gochuuf nuu kennameen karaa bu’a-qabeessa ta’een gargaaramuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuuf fedhii qabaachuu kan qabnuhoo maaliifi?

20 Yihowaan tajaajila dirqamaan dhihaatutti hin gammadu. (2 Qorontos 9:7) Wanta kana fakkeenyaan ilaaluuf: Abbaaniif haati tokko, mucaansaanii garaasaatii kaka’ee “Isinan jaalladha” utuu isaaniin jedheemmoo, dirqamee utuu isaaniin jedhee gammadu? Kanaafuu, mirga Yihowaan filannaa akka gootuuf siif kenneen akkamitti ittiin gargaaramuu qabda? gaaffii jedhu kaasuun barbaachisaadha. Seexanni, Addaamiifi Hewwaan mirga filannoo gochuuf isaaniif kennameen karaa sirrii hin taanen gargaaraman. Waaqayyoof abboomamuu didan. Atoo mirga siif kenname kanaan maal goota?

21 Mirga guddaa filannaa gochuuf argatteen karaa bu’a-qabeessa ta’een gargaaramuuf carraa guddaa qabda. Namoota miliyoonaan lakkaa’amaniifi Yihowaa cina hiriiranii wajjin ta’uu ni dandeessa. Namoonni kun, Seexanni sobduu akka ta’eefi carraaqqii inni ilmaan namootaa bulchuuf godhes akka jalaa fashalaa’e mirkaneessuudhaan, ga’ee mataasaanii kan raawwatan waan ta’aniif Waaqayyoon ni gammachiisu. (Fakkeenya 27:11) Atis daandii jireenyaa sirrii ta’e filachuudhaan kana gochuu ni dandeessa. Wanti kun boqonnaa itti aanurratti ibsama.