BOQONNAA KUDHA AFUR
Karaa Itti Jireenya Maatiikee Gammachiisaa Gochuu Dandeessu
-
Abbaa manaa gaarii ta’uuf maaltu barbaachisa?
-
Dubartiin tokko itti gaafatamummaashee raawwachuu kan dandeessu akkamitti?
-
Haadhaafi abbaa gaarii ta’uun maal dabalata?
-
Ijoolleen maatiin gammachuu akka argatu gochuu kan danda’an akkamitti?
1. Maatii gammachuu qabu argachuuf furtuunsaa maalidha?
YIHOWAAN maatiin kee maatii gammachuu qabu akka ta’u barbaada. Macaafni Qulqulluun ga’ee miseensi maatii raawwachuu qabu ilaalchisee qajeelfama Waaqayyo kenne qabateera. Miseensonni maatii ga’eesaanii qajeelfama Waaqayyo kennee wajjin haala wal simuun kan raawwatan yoo ta’e faayidaa guddaa argatu. Yesus: “Dubbii Waaqayyoo dhaga’anii kan raawwatan haa gammadan!” jedhee dubbateera.
2. Gammachuun maatii maal hubachuu keenyarratti kan hundaa’edha?
2 Maatiin kan argame Yihowaa isa Yesus ‘Abbaa keenya’ jedhee waamerraa ta’uusaa hubachuun keenya, maatiin gammachuu akka argatu gochuurratti shoora olaanaa qaba. (Maatewos 6:9) Maatiin lafarra jiru hundi kan argame Abbaa keenya isa samiirraa waan ta’eef, inni maatiiwwan gammachuu argachuuf maaltu akka isaan barbaachisu beeka. (Efesoon 3:14, 15, NW) Macaafni Qulqulluun ga’ee miseensa maatii ilaalchisee maal barsiisa?
MAATII KAN HUNDEESSE WAAQAYYODHA
3. Macaafni Qulqulluun hundeeffama maatii kan ibsu akkamitti? Kana ilaalchisee yaanni Macaafni Qulqulluun kennu sirriidha kan jennu maaliifi?
3 Yihowaan namoota jalqabaa, jechuunis Addaamiifi Hewwaaniin erga uumee booda abbaa manaafi haadha manaa isaan godhe. Uumama 1:26-28; 2:18, 21-24) Yesus hundeeffama maatii ilaalchisee wanti Seerri Uumamaa dubbatu dhugaa ta’uusaa waan argisiiseef wanti kun asoosama ykn sheekkoo miti. (Maatewos 19:4, 5) Rakkoowwan baay’een kan nu mudataniifi haalli jireenya maatii kaayyoo Waaqayyo jalqaba baaserraa adda ta’us, maatii keessatti gammachuu argachuun kan danda’amu maaliif akka ta’e haa ilaallu.
Dhaaba jannataa miidhagduu keessa erga isaan kaa’ee booda ijoollee akka godhatan isaanitti hime. Yihowaan “Horaa, baay’adhaas, lafa guutaa” isaaniin jedhe. (4. (a) Miseensi maatii gammachuu maatiitiif ga’eesaa raawwachuu kan danda’u akkamitti? (b) Jireenya Yesus qorachuun gammachuu maatiitiif barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
4 Miseensi maatii fakkeenya jaalala Waaqayyo argisiise hordofuudhaan gammachuu maatii sanaatiif ga’eesaa raawwachuu danda’a. (Efesoon 5:1, 2) Haata’u malee, Waaqayyoon arguu waan hin dandeenyeef fakkeenyasaa fudhachuu kan dandeenyu akkamitti? Yihowaan tokkicha Ilmasaa gara lafaatti waan ergeef akkaataa inni jaalala kana itti argisiiserraa barumsa argachuu dandeenya. (Yohannis 1:14, 18) Ilmi Waaqayyoo kun yeroo lafarra turetti fakkeenya Abbaasaa akka gaariitti waan fudhateef, isa arguufi dhaggeeffachuun Yihowaa wajjin ta’uufi isa dhaggeeffachuu wajjin tokkodha. (Yohannis 14:9) Kanaafuu hundi keenya jaalala Yesus argisiiserraa barachuufi fakkeenyasaa hordofuudhaan maatiin keenya gammachuu akka argatu gochuu dandeenya.
ABBOOTII MANAATIIF FAKKEENYA KAN TA’U
5, 6. (a) Haalli Yesus itti gumii Kiristiyaanaa qabe abbootii manaatiif fakkeenya gaarii kan ta’u akkamitti? (b) Dhiifama cubbuu argachuuf maal gochuu barbaachisa?
5 Macaafni Qulqulluun abbootiin manaa haadhotii manaasaanii akka Yesus bartootasaa qabetti qabuu akka qaban dubbata. Qajeelfama Macaafa Qulqulluu kanaa gaditti argamu ilaali: “Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu! . . . Akkasuma immoo abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in ta’aaf; namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata. Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa foon isaa jibbee hin beeku; Kristosis waldaadhaaf akkasuma godhe.”
Yohannis 13:1; 15:13) Haaluma wal fakkaatuunis abbaan manaa: “Haadha manaa kee jaalladhu, ittis hin hammaatin!” jedhameera. (Qolosaayis 3:19) Abbaan manaa tokko keessumaa haati manaasaa gocha sirrii hin taane yeroo raawwattu gorsa kana hojiirra akka oolchu maaltu isa gargaara? Innis akka dogoggoruufi dhiifama argachuuf wanti gochuu qabu akka jiru yaadachuu qaba. Maal gochuu danda’a? Haadha manaasaa dabalatee balleessaa warri kaan isarratti raawwataniif dhiifama gochuu qaba. Isheenis akkasuma gochuu qabdi. (Maatewos 6:12, 14, 15) Namoonni tokko tokko, gaa’elli gaariin tokkummaa namoota dhiifama waliif godhan lamaati jedhanii kan dubbatan maaliif akka ta’e hubatteettaa?
6 Jaalalli Yesus gumii Kiristiyaanaatti argisiise abbootii manaatiif fakkeenya gaarii ta’a. Bartoonnisaa gonkummaa kan hin qabne ta’anis lubbuusaa aarsaa godhee kennuudhaan “hamma dhumaatti jaalala guutuu isaan argisiise.” (7. Wanti Yesus tilmaama keessa galche maalidha? Abbootii manaatiifoo fakkeenya akkamii kaa’eera?
7 Kana malees abbootiin manaa, Yesus yeroo hundaa bartootasaatiif kan yaadu ta’uusaa yaadachuu qabu. Dandeettiisaaniifi wantoota isaan barbaachisaniif xiyyeeffannaa kenna ture. Fakkeenyaaf yeroo dadhabanitti: “Isin duwwaan anaa wajjin gara iddoo qoofniitti ba’aa, takkas boqodhaa!” isaaniin jedheera. (Maarqos 6:30-32) Abbootiin manaas haadhotii manaasaaniitiif akka yaadan argisiisuu qabu. Macaafni Qulqulluun: “Akka gar tokko dhagna keessanii isa dadhabaatti ulfina kennaaf!” jechuudhaan abbootii manaa gorsa. Maaliifi? Abbootiin manaafi haadhotiin manaa “jireenya tolaa” kan argatan qixxee waan ta’eefidha. (1 Phexros 3:7) Namni tokko Waaqayyo duratti jaallatamaa kan ta’u, dhiira ykn durba ta’uusaatti utuu hin ta’in amanamaa ta’uusaatti akka ta’e hubachuu qaba.
8. (a) Abbaan manaa “haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata” kan jedhamu akkamitti? (b) Abbaan manaafi haati manaa “foon tokko” ta’u jechuun maal jechuudha?
8 Macaafni Qulqulluun “namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata” jedha. Sababiinsaas akka Yesus ibsetti, ‘abbaan manaafi haati manaa lama utuu hin ta’in, foon tokko waan ta’aniifidha.’ (Maatewos 19:6) Kanaafuu waliisaanii alatti nama garabiraa kamii wajjiniyyuu saalquunnamtii raawwachuu hin qaban. (Fakkeenya 5:15-21; Ibroota 13:4) Haala ofittummaarraa walaba ta’een waliif kan yaadan yoo ta’e, kana gochuu ni danda’u. (1 Qorontos 7:3-5) Akeekkachiisa akkas jedhuuf xiyyeeffannaa kennuu qabu: “Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa foon isaa jibbee hin beeku.” Abbootiin manaa mataasaanii kan ta’e Yesus Kiristos duratti akka itti gaafataman yaadachuudhaan akka of jaallatanitti haadhotii manaasaanii jaallachuu qabu.
9. Amalli Yesus Filiphisiiyus 1:8rratti ibsame maalidha? Abbootiin manaahoo haadhotii manaasaaniitti amala kana argisiisuu kan qaban maaliifi?
9 Phaawulos waa’ee “Jaalala isa garaa Kristos Yesus keessatti argamu” ibsee ture. (Filiphisiiyus 1:8) Jaalalli Yesus kan nama jajjabeessu waan ta’eef dubartoonni bartootasaa ta’anis amalasaa kanaan isa jaallatanii turan. (Yohannis 20:1, 11-13, 16) Haadhotiin manaas abbootiin manaasaanii akkas akka isaan jaallatan barbaadu.
FAKKEENYA HAADHOTII MANAATIIF TA’U
10. Yesus haadhotii manaatiifi fakkeenya kan ta’u akkamitti?
10 Maatiin jaarmiyaa mataasaa danda’e waan ta’eef, karaa sirrii ta’een akka hojjetu yoo barbaadame nama qajeelfama kennu isa barbaachisa. Yesusillee qaama qajeelfama isaa kennu qaba ture. “Abbaan manaa mataa haadha manaa” akkuma ta’e ‘Waaqayyo mataa Kristosidha.’ (1 Qorontos 11:3) Hundi keenyayyuu mataa bitamuufii qabnu waan qabnuuf Yesus olaantummaa Waaqayyootiif bitamuunsaa fakkeenya gaarii nuuf ta’a.
11. Haati manaa abbaa manaasheetiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabdi? Akkaataan jireenyaasheehoo bu’aa akkamii argamsiisuu danda’a?
11 Dhiironni gonkummaa kan hin qabne waan ta’aniif, yeroo baay’ee itti gaafatamummaasaanii guutummaatti utuu hin raawwatin hafuu danda’u. Kanaafuu haati manaa tokko maal gochuu qabdi? Murtoo abbaan manaashee godhu tuffachuus ta’e itti gaafatamummaasaa irraa fudhachuuf yaalii gochuu hin qabdu. Haati manaa hafuurri garraamummaafi hafuurri gabii Waaqayyoo duratti guddaafi gati-jabeessa ta’uusaa yaadachuu qabdi. (1 Phexros 3:4) Amala akkasii yoo argisiiste haala rakkisaa keessattillee olaantummaa ilaalchisee seera Waaqayyo baaseef bitamuun itti hin ulfaatu. Kana malees Macaafni Qulqulluun: “Haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!” jedha. (Efesoon 5:33) Abbaan manaashee Kiristosiif kan hin bitamne yoo ta’ehoo? Macaafni Qulqulluun haadhotii manaa akkas jechuudhaan gorsa: “Akkasumas isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kaan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo ta’an iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatin, amala isin warri haadhota manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka mo’amanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa! Isaan amala keessan isa qullaa’aa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu.”
12. Haati manaa yaadashee karaa ulfina qabuun ibsuunshee dogoggora kan hin taane maaliifi?
12 Haati manaa tokko, abbaan manaashee hidhata amantiishee ta’us ta’uu baatus yaada qabdu karaa sirrii ta’eefi karaa ulfina qabuun ibsuunshee dogoggora jechuu miti. Yaannishee sirrii ta’uufi abbaan manaashees yaadashee yoo fudhate maaticha kan fayyadu ta’uu danda’a. Abrahaam haati manaasaa Saaraan rakkina maaticha keessatti uumameef furmaata sirrii ta’e yeroo dhiheessitetti, yaadashee fudhachuun itti ulfaatus Waaqayyo: “Waanuma Saaraan sitti himtu dhaga’i!” isaan jedheera. (Uumama 21:9-12) Murtoon abbaan manaa godhe hamma seera Waaqayyoo wajjin wal hin faallessinetti, haati manaasaa murtoosaa kana deggeruudhaan akka isaaf abbomamtu argisiisti.
13. (a) Tiitoos 2:4, 5 dubartoonni heeruman maal akka godhan gorsa? (b) Macaafni Qulqulluun gargar ba’uufi wal hiikuu ilaalchisee maal jedha?
13 Haati manaa tokko itti gaafatamummaa maatiishee kunuunsuuf qabdu karaa gara garaatiin raawwachuu dandeessi. Macaafni Qulqulluun dubartoonni heeruman maal gochuu akka qaban ilaalchisee akkas jedha: “Akkasitti abbaa manaa, ijoollees akka jaallataniif, dubartoota warra gara ijoollee in gorsu. . . warra of qaban, warra gaa’ela isaaniitti amanaman, warra mana isaaniitiif ba’eessa godhanii eeggatan, warra abbaa manaa isaaniif abboomaman akka ta’an haa gorsan!” (Tiitoos 2:4, 5) Haati manaa akkas gootu yeroo hundaa jaalalaafi ulfina maatiishee argatti. (Fakkeenya 31:10, 28) Haata’u malee, gaa’elli hidhata namoonni gonkummaa hin qabne lama gidduutti godhame waan ta’eef, haalawwan rakkisoo ta’an tokko tokko sadarkaa gargar ba’uu ykn wal hiikuu geessisuu danda’u. Macaafni Qulqulluun sababii gargar ba’uun itti danda’amu tokko tokko dubbata. Macaafni Qulqulluun gargar ba’uu ilaalchisee: “Haati manaa abbaa manaa isheettii gargar hin ba’in! . . . abbaan manaas haadha manaa isaa hin baasin!” waan jedhuuf haalli kun akka waan salphaatti ilaalamuu hin qabu. (1 Qorontos 7:10, 11) Akkasumas Macaafni Qulqulluun wanti wal hiikuuf sababii ta’uu danda’u lamaansaanii keessaa tokko yoo ejja raawwate qofa ta’uusaa dubbata.
WARRAAF FAKKEENYA GAARII KAN TA’U
14. Yesus ijoollee akkamitti qaba ture? Ijoolleen warrasaaniirraa maal barbaadu?
14 Haalli itti Yesus ijoollee qabe warraaf fakkeenya gaarii ta’a. Yesus namoonni kaan ijoolleen garasaatti akka hin dhufne yeroo dhowwuuf yaalii godhanitti: “Lakkisaa mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa!” Itti fufees, “mucooliis ammatee harka isaas mataa isaanii irra kaa’ee isaan eebbises” jedha. (Maarqos 10:13-16) Yesus ijoollee wajjin erga yeroo dabarsee atoo ijoollee kee wajjin yeroo dabarsuu hin qabduu? Ijoollee keetiif yeroo muraasa qofa utuu hin ta’in yeroo dheeraa ramaduu qabda. Yihowaan warri ijoolleesaanii akka barsiisan qajeelfama waan kenneef, ijoollee kee barsiisuuf yeroo ramaduu qabda.
15. Warri ijoolleesaanii eeguuf maal gochuu danda’u?
15 Biyyi lafaa kun yeroo kamiyyuu caalaatti yeroo hamminaan Yohannis 13:33; 18:7-9) Abbaa waan taateef malawwan Diiyaabilos ijoollee keerra miidhaa geessisuuf itti yaalu dammaqinaan eeguu si barbaachisa. Dursitee akeekkachiisa kennuufii qabda. * (1 Phexros 5:8) Miidhaan karaa qaamaa, karaa hafuuraafi karaa amalaatiin isaanirra ga’u, haala kanaan dura argamee hin beekneen babal’ateera.
guutamaa adeemu kanatti ijoolleen, warrisaanii namoota isaan miidhan jechuunis namoota ijoollee xixinnoo gudeedanirraa isaan eeguu barbaachisa. Yesus bartootasaa warra jaalalaan kaka’ee “yaa ijoollee ko” isaaniin jedheef eegumsa akkamii akka godhe ilaali. Yeroo qabameefi yeroo duutisaa ga’etti karaa bartoonnisaa itti milquu danda’an isaaniif qopheesseera. (16. Warri haala Yesus itti balleessaa bartootasaa sirreessuuf yaalii godherraa barumsa maalii argatu?
Luqaas 22:24-27; Yohannis 13:3-8) Abbaa ykn haadha yoo taate ijoolleekee sirreessuu ilaalchisee, fakkeenya Yesus akkamitti akka hordofuu qabdu hubatteettaa? Ijoollee adabuun barbaachisaa akka ta’e beekamaadha; adabni kun garuu ‘qajeelummaadhaan malee aariidhaan [“garmalee,” NW]’ ta’uu hin qabu. Dubbii gar-malee dubbatamu dubbachuudhaan ‘akka billaa nama waraanuu’ ta’uu hin barbaaddu. (Ermiyaas 30:11; Fakkeenya 12:18) Haalli ati itti ijoolleekee adabdu, yeroo booda adabni kun sirrii ta’uusaa kan isaan hubachiisu ta’uu qaba.
FAKKEENYA IJOOLLEEDHAAF TA’U
17. Yesus ijoolleedhaaf fakkeenya gaarii kan ta’e karaa kami?
17 Ijoolleen Yesusirraa barumsa argachuu ni danda’uu? Eeyyee ni danda’u! Akkaataa jireenyasaatiin ijoolleen akkamitti warrasaaniitiif ajajamuu akka qaban argisiiseera. ‘Ani isa abbaan na barsiisen dubbadha.’ Akkasumas ‘Ani yeroo hundumaa kan isa gammachiisun hojjedha’ jedheera. (Yohannis 8:28, 29) Yesus Abbaasaatiif abboomamaa ture; Macaafni Qulqulluun ijoolleenis warrasaaniitiif akka abboomamuu qaban dubbata. (Efesoon 6:1-3) Yesus nama gonkummaa qabu ta’ee warrasaa warra gonkumaa hin qabne Maariyaamiifi Yoseefiif abboomameera. Kunis miseensa maatii Yesus kan ta’an hundaaf gammachuu argamsiiseera!
18. Yesus yeroo hundumaa Waaqayyoof kan ajajamu maaliifi? Ijoolleen warrasaaniitiif yeroo abboomaman kan gammadu eenyu?
18 Karaan ijoolleen caalaatti Yesusiin fakkaachuudhaan warrasaanii itti gammachiisuu danda’an jiraa? Al tokko tokko ijoolleen warrasaaniitiif abboomamuun isaanitti ulfaachuu danda’a. Haata’u malee Waaqayyo ijoolleen warrasaaniitiif akka abboomaman barbaada. (Fakkeenya 1:8; 6:20) Yesus haala rakkisaa ta’e keessattis yeroo hundumaa Abbaasaatiif ni abboomama ture. Jaalala Waaqayyoo raawwachuuf wanta ulfaataa ta’e tokko akka raawwatu yeroo isarraa barbaadametti Yesus: “Xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru [wanta akka inni raawwatuuf isarraa barbaadamu] kana ana irraa fuudhi” jedhee ture. Haata’u malee, Yesus wanti caalaatti barbaachisaa ta’e maal akka ta’e Abbaansaa akka beeku waan hubateef, wanta Waaqayyo isa gaafate raawwachuurraa duubatti hin jenne. (Luqaas 22:42) Ijoolleen ajajamuudhaan warrasaaniifi Waaqayyoon gammachiisuu ni danda’u. *
19. (a) Seexanni ijoollee akkamitti qora? (b) Amalli gadheen ijoolleen argisiisan warrasaaniirratti gadda akkamii geessisuu danda’a?
19 Seexanni Yesusiin akkuma qore, ijoollees wanta dogoggora ta’e akka hojjetan gochuudhaan akka qoru mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. (Maatewos 4:1-10) Seexanni dhiibbaa hiriyyootaa ulfaataa ta’een gargaarama. Kanaafuu ijoolleen namoota gocha gadhee raawwatan hiriyoomfachuurraa fagaachuunsaanii baay’ee barbaachisaadha! (1 Qorontos 15:33) Intalli Yaaqoob Dhineen namoota Yihowaa hin waaqeffanne hiriyoomfachuunshee miidhaa guddaa geessiseera. (Uumama 34:1, 2 ) Miseensa maatii keessaa namni tokko ejja yoo raawwate maatichi hammam akka gaddu mee yaadi!
GAMMACHUU MAATIITIIF WANTA FURTUU TA’E
20. Jireenya maatiisaa gammachiisaa gochuuf miseensi maatii maal gochuu danda’a?
20 Gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun rakkoo maatii gidduutti uumamu hiikuuf gargaara. Maatiin gammachuu argachuu yoo barbaade gorsa kana hojiirra oolchuu qaba. Abbootiin manaa haadhotii manaa keessan jaalladhaa, akkuma Yesus gumii kunuunse isinis isaan kunuunsaa. Haadhotiin manaammoo, abbootii manaa keessaniif abboomamuudhaan haadha manaa Fakkeenya 31:10-31rratti ibsamte hordofaa. Isin warra nana ijoollee keessan leenjisaa. (Fakkeenya 22:6) Abbootiin manaa ‘warra manaa keessan ba’eessa godhaa bulchaa.’ (1 Ximotewos 3:4, 5; 5:8) Ijoolleenis warra keessaniif abboomamaa. (Qolosaayis 3: 20) Miseensa maatii keessaa namni gonkummaa qabu waan hin jirreef hundinuu dogoggora hojjechuu akka danda’an hubadhaa. Kanaafuu gad of qabuudhaan dhiifama wal gaafadhaa.
21. Fuuldura keenyaa abdii gammachiisaa akkamiitu nu eega? Yeroo ammaatti jireenya maatii keenyaa gammachiisaa gochuu kan dandeenyu akkamitti?
21 Dhugumayyuu, Macaafni Qulqulluun gorsaafi qajeelfama baay’ee qabateera. Kana malees, Waaqayyo akka addunyaa haaraa fiduufi lafti kun jannata taatee namoota gammadoo Yihowaa waaqeffataniin akka guutamtu nu barsiisa. (Mul’ata 21:3, 4) Fuuldura keenyaa yeroo gammachiisaa akkamiitu nuu eega? Yeroo ammaattillee qajeelfama Waaqayyoo hojiirra oolchuudhaan jireenya maatii keenyaa kan gammachuu qabu gochuu dandeenya.
^ KEY. 15 Yaadawwan ijoolleef eegumsa gochuuf gargaaran, kitaaba Barsiisaa Guddicharraa Barachuu jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e boqonnaa 32rraa argachuu dandeessa.
^ KEY. 18 Ijoolleen warrasaaniitiif ajajamuu kan didan, warrisaanii abboommii Waaqayyoo akka cabsan yoo isaan gaafatan qofadha.