Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 39

Waaqayyo Dhiigaaf Ilaalcha Akkamii Qaba?

Waaqayyo Dhiigaaf Ilaalcha Akkamii Qaba?

Dhiigni baayʼee barbaachisaa dha. Dhiiga malee hundi keenya jiraachuu hin dandeenyu. Waaqayyo Uumaa keenya waan taʼeef akkaataa dhiigatti itti fayyadamnu nutti himuuf mirga qaba. Maarree waaʼee dhiigaa maal jedheera? Dhiiga nyaachuun ykn fudhachuu fi kennuun sirrii dhaa? Dhimma kana ilaalchisee murtoo gaarii gochuu kan dandeessu hoo akkamitti?

1. Yihowaan dhiigaaf ilaalcha akkamii qaba?

Yihowaan tajaajiltoota isaa bara duriitti turaniin, “Lubbuun foon akkamii iyyuu dhiiga isaa ti” jedheera. (Leewwota 17:14) Akka ilaalcha Yihowaatti dhiigni lubbuu bakka buʼa. Lubbuun kennaa qulqulluu Waaqayyo biraa argame waan taʼeef dhiignis qulqulluu dha.

2. Waaqayyo dhiigatti akkamitti akka hin fayyadamne dhorke?

Yihowaan gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamuu isaa dura tajaajiltoonni isaa dhiiga akka hin nyaanne dhorkee ture. (Uumama 9:4 fi Leewwota 17:10 dubbisi.) Gumiin Kiristiyaanaa erga hundeeffamee boodas, Yihowaan qaama ol aanaatti fayyadamuudhaan, “Dhiiga irraa . . . fagaadhaa” jechuudhaan irra deebiʼee ajajeera.—Hojii Ergamootaa 15:28, 29 dubbisi.

Dhiiga irraa fagaachuu jechuun maal jechuu dha? Doktarri tokko dhugaatii alkoolii irraa akka fagaattu yoo sitti hime akka hin dhugne beekamaa dha. Haa taʼu malee nyaata dhugaatii alkoolii of keessaa qabu ni nyaattaa? Yookiin karaa hidda dhiiga keetii dhugaatii alkoolii ni fudhattaa? Akkas akka hin goone beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, ajajni Waaqayyo dhiiga irraa akka fagaannu nuuf kenne, dhiiga dhuguu ykn foon dhiigni isaa keessaa hin dhangalaane nyaachuu irraa fagaachuu dabalata. Akkasumas nyaata dhiigni itti dabalame kam iyyuu nyaachuu hin qabnu.

Yaalii fayyaatiif dhiigatti fayyadamuu hoo ni dandeenyaa? Yaaliiwwan fayyaa tokko tokko kallattiidhaan seera Waaqayyoo kan cabsani dha. Kunis dhiiga guutuu fudhachuu ykn kutaalee dhiigaa guguddaa, jechuunis seelii dhiiga diimaa, seelii dhiiga adii, pilaatileetii fi pilaazmaa fudhachuu dabalata. Malawwan yaalii fayyaa kan biroon garuu ifatti seera Waaqayyoo kan cabsan taʼuu dhiisuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, malawwan yaalii fayyaa tokko tokko qoqqoodama xixinnoo kutaalee dhiigaa guguddaa keessaa isa tokko irraa fudhataman fayyadamuu kan dabalatani dha. Malawwan yaalii fayyaa kan biroon immoo dhiiguma nama sanaa fayyadamuu kan dabalatani dha. Filannoowwan jiran irratti yommuu yaannu tokkoon tokkoon keenya murtoo dhuunfaa gochuu qabna. aGalaatiyaa 6:5.

CAALAATTI BARADHU

Yaaliiwwan fayyaa dhiigatti fayyadamuu gaafatan ilaalchisee akkamitti murtoo gochuun akka dandaʼamu qori.

3. Yaalii fayyaa ilaalchisee murtoo Yihowaa gammachiisu godhi

Yaalii fayyaa ilaalchisee murtoo ilaalcha Waaqayyoo wajjin wal simu gochuu kan dandeessu akkamitti? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhachuun barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe mariʼadhaa.

  • Ogummaa argachuuf kadhachuu.—Yaaqoob 1:5.

  • Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu fi akkamitti akka hojii irra oolchitu qorachuu.—Fakkeenya 13:16.

  • Naannoo jiraattutti filannoowwan jiran adda baafachuu.

  • Filannoowwan ati hin fudhanne kamfaa akka taʼan adda baafachuu.

  • Murtoon kee qalbii qulqulluu kan siif argamsiisu taʼuu isaa mirkaneeffachuu.—Hojii Ergamootaa 24:16. b

  • Dhimmoota qalbii wajjin wal qabatan irratti hiriyaa gaaʼelaa kee, jaarsa gumii ykn barsiisaa Kitaaba Qulqulluu kee dabalatee namni kam iyyuu murtoo gochuu qabdu akka sitti hin himne hubachuu.—Roomaa 14:12.

  • Warri kaan akka beekaniif murtoo kee barreeffattee kaaʼuu.

4. Dhugaa Baatonni Yihowaa yaalii fayyaa baayʼee gaarii taʼe argachuu barbaadu

Seera Waaqayyo dhiiga ilaalchisee kenne utuu hin cabsin yaalii fayyaa baayʼee gaarii taʼee fi dhiiga fayyadamuu hin dabalanne argachuun ni dandaʼama. VIIDIYICHA taphachiisaa.

Tiitoo 3:2 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Ogeeyyii yaalii fayyaa wajjin yommuu haasofnu yeroo hundumaa kabajaa fi garraamummaa argisiisuu kan qabnu maaliifi?

Kan hin fudhatamne

Murtoo Kiristiyaanni tokko gochuu qabu

A. Dhiiga pilaazmaa

Qoqqoodama xixinnoo pilaazmaa

B. Seelii dhiiga adii

Qoqqoodama xixinnoo seelii dhiiga adii

C. Pilaatileetii

Qoqqoodama xixinnoo pilaatileetii

D. Seelii dhiiga diimaa

Qoqqoodama xixinnoo seelii dhiiga diimaa

 5. Yaalii fayyaa qoqqoodama dhiigaa xixinnoo fayyadamuu gaafatu

Dhiigni kutaalee guguddaa afur qaba; isaanis seelii dhiiga diimaa, seelii dhiiga adii, pilaatileetii fi pilaazmaa dha. Kutaaleen dhiigaa guguddaan kun kutaalee dhiigaa xixinnoo qoqqoodama dhiigaa jedhaman qabu. c Qoqqoodamni dhiigaa xixinnoon tokko tokko dhukkuba ittisuuf ykn dhiiga dhangalaʼu dhaabuuf hojii irra oola.

Qoqqoodama dhiigaa xixinnoo wajjin haala wal qabateen Kiristiyaanni hundi qalbii isaa isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe irratti hundaaʼuudhaan murtoo dhuunfaa gochuu qaba. Kiristiyaanonni tokko tokko yaalii fayyaa qoqqoodama dhiigaa xixinnootti fayyadamuu gaafatu fudhachuu dhiisuuf murteessu taʼa. Kaan immoo qoqqoodama dhiigaa xixinnoo fudhachuuf qalbiin isaanii isaaniif heyyama taʼa.

Murtoo yommuu gootu gaaffii kana irratti yaadi:

  • Qoqqoodama dhiigaa xixinnoo kanan fudhadhu ykn kanan dhiisu maaliif akka taʼe doktara tokkoof ibsuu kanan dandaʼu akkamitti?

NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Dhiiga fudhachuun dogoggora maalii qaba?”

  • Atoo maal jetta?

MAAL BARATTE?

Yihowaan karaa dogoggoraatiin dhiigatti akka fayyadamnu hin barbaadu.

Irra Deebii

  • Yihowaan dhiigni qulqulluu akka taʼetti kan ilaalu maaliifi?

  • Seerri Waaqayyo dhiiga irraa akka fagaannu kenne dhiiga fudhachuu dhiisuu akka dabalatu akkamitti beekuu dandeenya?

  • Yaalii fayyaa dhiigatti fayyadamuu gaafatu ilaalchisee murtoo gaarii gochuu kan dandeessu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Mala yaalii fayyaa dhiiguma keetti fayyadamuu gaafatu fudhachuuf ykn dhiisuuf murteessuu kee dura maal irratti yaaduu qabda?

“Gaaffii Dubbistootaa” (Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 15, 2000)

Qoqqoodama dhiigaa xixinnoo fudhachuuf yommuu murteessitu maal irratti yaaduu qabda?

“Gaaffii Dubbistootaa” (Masaraa Eegumsaa, Waxabajjii 15, 2004)

Ogeessi fayyaa tokko ilaalchi Yihowaan dhiigaaf qabu sirrii taʼuu isaa amanuuf kan isa kakaase maali dha?

“Ilaalcha Waaqayyo Dhiigaaf Qabu Fudhadheera” (Dammaqaa!, Muddee 8, 2003)

Jaarsoliin Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu keessatti tajaajilan obboloota isaanii fi obboleettota isaanii kan deggeran akkamitti akka taʼe baradhu.

Yihowaan Warra Dhukkubsatan ni Deggera (10:23)

a Barumsa 35⁠ffaa, “Murtoo Gaarii Gochuun kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhu ilaali.

b  Qabxii 5⁠ffaa, “Yaalii Fayyaa Qoqqoodama Dhiigaa Xixinnoo Fayyadamuu Gaafatu” jedhu, akkasumas Ibsa Dabalataa 3, “Yaalii Fayyaa Dhiigatti Fayyadamuu Gaafatu” jedhu ilaali.

c Doktaroonni tokko tokko kutaalee dhiigaa guguddaa arfan kana qoqqoodama dhiigaa xixinnoo akka taʼanitti ilaalu. Kanaafuu, murtoo dhuunfaa dhiiga guutuu ykn seelii dhiiga diimaa, seelii dhiiga adii, pilaatileetii ykn pilaazmaa fudhachuu dhiisuuf goote ibsuun si barbaachisuu dandaʼa.