BOQONNAA SHAN
“Dubartii Baʼeettii”
1, 2. (a) Ruut hojii akkamii hojjetti turte? (b) Ruut waaʼee Seera Waaqayyoofi waaʼee sabasaa waan gaarii akkamii baratteetti?
RUUT tuullaa garbuu guyyaa guutuu walitti qabaa oolte bira jilbeenfattee jirti. Naannoo Betlihemitti aduun dhihaa kan jirtu siʼa taʼu, hojjettoonni hedduun suuta jedhanii gara karra magaalaa xinnoo tabbarra jirtu sanaatti deemaa jiru. Ruut ganamaa kaastee hanga galgalaatti hojjetaa waan oolteef, irreenshee akka butute beekamaadha. Haataʼu malee, midhaan buʼaa oolte sana ulee xinnoodhaan dhaʼuushee itti fufteetti. Hojiinsaa ulfaataa yoo taʼeyyuu, hamma yaadde caalaa isheedhaaf guyyaa gaarii ture.
2 Dubartiin abbaan manaa irraa duʼe kun dhumarratti haallishee ni fooyyaʼaa laata? Akkuma mataduree darberratti ibsame, dubartiin kun amaatiishee Naaʼomiitti maxxanuufi Yihowaa isa Waaqa Naaʼomii taʼe Waaqashee godhachuuf waadaa galtee turte. Dubartoonni gaddarra jiran kun lamaan Betlihem kan gaʼan siʼa taʼu, Ruut isheen nama Moʼaab taate utuma baayʼee hin turin, Seerri Yihowaa namoota biyya ormaa dabalatee hiyyeessotaaf qophii gaarii ulfina qabeessa taʼe akka qabate barachuu dandeesseetti. Ammammoo sabni Yihowaa Seericha beekaniifi Seerichaaf ajajaman tokko tokko, gaarummaa isheetti argisiisuudhaan, gaddasheerraa akka jajjabaattu gochuusaanii hubachaa jirti.
3, 4. (a) Boʼaz Ruutiin kan jajjabeesse akkamitti? (b) Haala dinagdee rakkisaa taʼe keessatti fakkeenyi Ruut nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
3 Namoota kana keessaa tokko Boʼaz maanguddicha isa sooressa taʼeefi Ruut maasiisaa keessaa qarmii funaannachaa jirtudha. Harʼa Boʼaz akka abbaatti xiyyeeffannaa isheedhaa kenneera. Ruut Naaʼomii kunuunsuufi qoochoo Yihowaa jalatti kooluu galuu filachuusheetiin kan kaʼe, Boʼaz jechoota gaariidhaan ishee jajuusaa yommuu yaaddu keessasheetti baayʼee gammaddee taʼuu akka qabu beekamaadha.—Ruut 2:11-14 dubbisi.
4 Haataʼu malee, Ruut ammayyuu jireenyishee gara fuulduraa
ishee yaaddessaa jira taʼa. Hiyyeettiin biyya ormaa abbaa manaas taʼe dhala hin qabne kun, ofiisheefis taʼe Naaʼomiidhaaf wanta jireenyaaf isaan barbaachisu akkamitti argachuu dandeessi laata? Qarmii funaannachuu qofti wanta jireenyaaf barbaachisu isaaniif guutuu dandaʼaa? Yeroo dulloomtuhoo Ruutiin eenyutu ishee kunuunsa? Wantoonni akkasii ishee yaaddessanii turan taanaan, kun waanuma eegamudha. Yeroo harʼaas haalli dinagdee rakkisaa waan taʼeef, namoonni baayʼeen dhimmi akkasii isaan yaaddessuu dandaʼa. Ruut amantiinshee rakkina akkasii moʼuuf akkamitti akka ishee gargaare beekuun keenya, fakkeenyashee hordofuuf nu gargaara.Naaʼomiifi Ruut Maatii Jedhamuu Dandaʼuu?
5, 6. (a) Ruut guyyaa maasii Boʼaz keessaa qarmii funaannachaa oolte isa jalqabaatti hangam milkaaʼina argattee turte? (b) Naaʼomiin yommuu Ruutiin argitu maal jette?
5 Ruut midhaan funaanaa oolte walitti qabdee erga dhooftee booda yommuu safartu garbuu eefaa tokko, jechuunis gara liitrii 22 taʼu argatte. Kunis gara kiilogiraama 14 ture. Sana booda, tarii wayyaasheetti naqattee erga hiitee booda baattee dimimmisa keessa gara Betlihem deemte.—Rut. 2:17.
6 Naaʼomiin, haati manaa ilmashee dhufuusheetti kan gammadde siʼa taʼu, tarii baʼaa guddaa Ruut baatte yommuu argitu naasuudhaan afaan bantee taʼuu dandaʼa. Ruut nyaata Boʼaz hojjettootasaatiif qopheesseefi isheerraa hafes fudhattee galuudhaan Naaʼomii wajjin nyaatan. Naaʼomiin, “Harʼa eessaa buʼatte? Eessaa waa barbaaddachaa oolte?” jettee erga gaafattee booda, “Namicha karaa siif yaade Waaqayyo haa eebbisu!” jette. (Rut. 2:19) Naaʼomiin hubattuu waan turteef, namni taʼe tokko dubartii abbaa manaa hin qabne kanaaf xiyyeeffannaa akka kenneefi gaarummaa akka isheetti argisiise midhaan hedduu Ruut fidderraa hubachuu dandeesseetti.
7, 8. (a) Naaʼomiin gaarummaan Boʼaz argisiise eenyu biraa akka dhufe hubatte? Maaliifi? (b) Ruut amaatiishee akka jaallattu caalaatti kan argisiiste akkamitti?
7 Sana booda lamaansaanii haasaʼuu kan jalqaban siʼa taʼu, Ruut gaarummaa Boʼaz isheetti argisiise itti himuu jalqabde. Naaʼomiin gammachuudhaan, “Waaqayyo inni gaarummaa isaa warra jiranii fi warra duʼan irraa hin fudhanne, isa haa eebbisu!” jette. (Rut. 2:20) Naaʼomiin, gaarummaan Boʼaz Ruutitti argisiise Yihowaa isa tajaajiltoonnisaa arjaa akka taʼan kakaasuufi gaarummaa isaan argisiisaniif isaan kiisu biraa akka dhufetti ilaalteetti. *—Fakkeenya 19:17 dubbisi.
8 Naaʼomiin, Ruut dargaggoonni midhaan haaman akka ishee hin rakkisneef, gorsa Boʼaz gara maasiisaa dhuftee dubartoota miseensa maatiisaa taʼan biraa funaannachuushee akka itti fuftu isheedhaaf kenne hojiirra akka oolchitu ishee jajjabeessite. Ruutis gorsa kana hojiirra oolchiteetti. Kana malees, ‘amaatii ishee wajjin jiraachuushee’ itti fufteetti. (Rut. 2:22, 23) Kunis Ruut amala addaa, jechuunis jaalala guddaa akka qabdu kan argisiisudha. Fakkeenyi Ruut maatii keenyaaf iddoo guddaa akka kenninu, akkasumas akkuma barbaachisummaasaatti deggersaafi gargaarsa barbaachisu isaaniif gochaa jiraachuufi dhiisuu keenya akka of qorru nu kakaasa. Yihowaan jaalala akkasii matumaa utuu hin hubatin hin hafu.
Fakkeenyi Ruutiifi Naaʼomii maatii qabnu akka dinqisiifannu nu yaadachiisa
9. Maatii ilaalchisee Ruutiifi Naaʼomiirraa maal barachuu dandeenya?
9 Ruutiifi Naaʼomiin maatii jedhamuu dandaʼuu? Namoonni tokko tokko “dhugumaan” maatii kan jedhamu, abbaa manaa, haadha manaa, ilma, intala, akaakayyuufi kan kana fakkaatan kan qabate yoo taʼedha jedhanii yaadu. Haataʼu malee, fakkeenyi Ruutiifi Naaʼomii, tajaajiltoonni Yihowaa garaasaanii banuudhaan maatii miseensa xinnoo qabu keessattillee, miirri hoʼaan, gaarummaaniifi jaalalli akka jiraatu gochuu akka dandaʼan nu yaadachiisa. Atoo maatiikee ni dinqisiifattaa? Yesus namoonni maatii hin qabnellee gumii Kiristiyaanaa keessaa maatii argachuu akka dandaʼan duuka buutotasaa hubachiiseera.—Mar. 10:29, 30.
‘Inni Isa Barcuma Qajeelchudha’
10. Naaʼomiin Ruutiin gargaaruu kan barbaadde karaa kamiini?
10 Ruut jiʼa Eblaa yeroo garbuun haamamuu kaasee hamma jiʼa Waxabajjii yeroo qamadiin haamamutti maasii Boʼaz keessaa funaannachuushee itti fufteetti. Yeroon darbaa yommuu deemu Naaʼomiin haadha manaa ilmasheetiif maal gochuu akka dandeessu Rut. 1:11-13) Amma garuu yaadashee jijjiiruu jalqabde. Kanaaf Ruutitti dhihaattee, “Mana akka godhattuuf uffee jettees sitti akka toluuf, karaa siif barbaaduun ana irra jira mitii ree?” jetteen. (Rut. 3:1) Bara sanatti warri ijoolleesaaniitiif hiriyaa gaaʼelaa barbaaduun baramaa kan ture siʼa taʼu, Ruutis Naaʼomiidhaaf intala dhugaa turte. Naaʼomiin, Ruut ‘mana uffee itti jettu akka godhattu,’ jechuunis nageenyaafi eegumsa manniifi abbaan manaa argamsiisu akka argattu ishee gargaaruu barbaadde. Haataʼu malee, Naaʼomiin maal gochuu dandeessi?
caalaatti yaaddoftee akka taʼu beekamaadha. Yeroo Moʼaab turtetti Ruut abbaa manaa akka argattu matumaa gargaaruu akka hin dandeenye isheetti dhagaʼamee ture. (11, 12. (a) Naaʼomiin, Boʼaz “barcuma kan qajeelchu” taʼuusaa yommuu dubbattu qophii Seera Waaqayyoo keessa jiru isa kam caqasuushee ture? (b) Ruut gorsa amaatiinshee isheedhaa kenniteef deebii akkamii kennite?
11 Yeroo Ruut jalqaba waaʼee Boʼaz dubbattu, Naaʼomiin “Namichi kun fira nutti dhiʼaatu, barcumas kan qajeelchuu dha” jettee turte. (Rut. 2:20) Kana jechuun maal jechuudha? Seerri Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne maatiiwwan hiyyooman ykn michootasaanii duʼaan dhabaniif qophii jaalalarratti hundaaʼe qaba ture. Dubartiin tokko utuu dhala hin godhatin yoo abbaan manaashee irraa duʼe, maqaan abbaa manaasheefi sanyiinsaa qomoosaa keessaa waan baduuf baayʼee gadditi turte. Haataʼu malee, Seerri Waaqayyoo namni tokko yoo duʼe, haati manaasaa mucaa maqaa nama duʼe sanaa waamsisuufi qabeenya maatichaa kunuunsu akka godhattuuf, obboleessi nama duʼe sanaa akka ishee fuudhu qophii godheera. *—Kes. 25:5-7.
12 Naaʼomiin qophii Ruutin heerumsiisuuf goote isheedhaaf ibsite. Yommuu amaatiinshee yaada kana dubbattu Ruut hangam naasuudhaan akka ishee ilaaltu yaaduu dandeenya. Seerri Israaʼelootaa Ruutiif ammayyuu haaraa siʼa taʼu, aadaasaanii hedduu wajjinis akka gaariitti wal hin barre. Taʼus, Naaʼomii baayʼee waan kabajjuuf, waan isheen dubbattu hunda of eeggannoo guddaadhaan dhaggeeffatti turte. Gorsi Naaʼomiin isheedhaaf kennite rakkisaa ykn kan nama qaanessuufi kan nama salphisu fakkaatus Ruut gorsa isheen kenniteef fudhatteetti. Gad of deebisuudhaan, “Waan hundumaa akkuma ati jette nan godha!” jettee deebiste.—Rut. 3:5.
13. Gorsa maanguddootaa fudhachuu ilaalchisee Ruutirraa maal barachuu dandeenya? (Akkasumas Iyoob 12:12 ilaali.)
13 Yeroo tokko tokko dargaggoonni gorsa maanguddoonniifi namoonni muuxannoo qaban isaaniif kennan fudhachuun isaanitti ulfaata. Maanguddoonni rakkoowwan dargaggootarra gaʼan hubachuu hin dandaʼan jedhanii yaaduun wanta baramedha. Fakkeenyi Ruut, gorsa maanguddoonni nu jaallataniifi nuu yaadan kennan gad of deebsuudhaan fudhachuun baayʼee nu kiisuu akka dandaʼu argisiisa. (Faarfannaa 71:17, 18 dubbisi.) Haataʼu malee, gorsi Naaʼomiin isheedhaaf kennite maal ture? Ruutoo gorsa kana hojiirra oolchuunshee ishee kiiseeraa?
Ruut Oobdiirratti Yommuu Midhaan Dhooftu
14. Oobdiin maalidha? Maal gochuuf gargaara?
14 Ruut qarmii buʼachaa erga ooltee booda galgala iddoo oobdii midhaan itti dhaʼamuufi itti qulleeffamutti geessite. Iddoon oobdiidhaaf filatamu yeroo baayʼee maddii ykn fiixee tulluu siʼa taʼu, iddoon akkasii keessumaa gara galgalaa qilleensa cimaa qaba. Hojjettoonni, midhaan dhaʼan habaqii ykn qolasaarraa gargar baasuuf qoorbii ykn muka akaafaa fakkaatuun qilleensatti kan darbatan siʼa taʼu, yommuu qilleensi habaqiisaa keessaa fudhatu midhaan qulqulluun gara lafaatti deebiʼa.
15, 16. (a) Boʼaz galgala erga hojiisaa xumuree booda haala oobdiisaa keessa ture ibsi. (b) Boʼaz Ruut miillasaa jala ciisuushee akkamitti hubate?
15 Ruut galgala yommuu hojjettoonni hojiisaanii xumuran hubattee ilaalaa turte. Boʼaz midhaansaa isa qulleeffamee tuulame xiyyeeffannaadhaan ilaalaa jira. Achiis erga nyaatee quufee booda tuullaa midhaaniisaa keessaa isa tokko bira ciise. Midhaan qulleeffame sana hattoota ykn saamtotarraa eeguuf akkas gochuun baramaa akka ture haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Ruut Boʼaz hirribni cimaan akka isa fudhate hubatte. Yeroon kun yeroo isheen gorsa Naaʼomii hojiirra itti oolchitu ture.
16 Ruut qaxxistee itti dhihaachaa yommuu adeemtu, lapheenshee garmalee rukutuu jalqabe. Namichi hirriba cimaa keessa akka jiru mirkaneessiteetti. Kanaaf akkuma Naaʼomiin ishee gorsite gara miillasaa jalaa dhaquudhaan, miillasaarraa wayyaa soqoltee ciifte. Achiis eeguu jalqabde. Haala kanaan saʼaatii hedduun kan darbe siʼa taʼu, Ruutiif garuu kun waggaa dheeraa isheetti fakkaattee taʼuu dandaʼa. Dhumarratti gara halkan walakkaa Boʼaz sosochoʼuu jalqabe. Miillasaatti waan qorreef, tarii itti uwwifachuu barbaadee taʼuu dandaʼa gara fuulduraatti hiixate. Haataʼu malee, namni tokko miillasaa jala akka jiru hubate. Seenaansaa, “Dubartiin tokko gara miilla isaa jalaan utuu ciiftuu arge” jedha.—Rut. 3:8.
17. Namoonni gochi Ruut dogoggora akka ture dubbatan, dhugaa jiru kam lamaan hin hubanne?
17 Boʼaz, “Eenyu ati?” jedhee ishee gaafate. Ruut tarii sagaleenshee hollachaa, “Ana Ruut hojjettuu kee ti; aantiin barcuma Rut. 3:9) Namoonni Macaafa Qulqulluurratti yaada kennan tokko tokko, wanti Ruut gooteefi akkaataan isheen itti dubbatte saalqunnamtii raawwachuuf gaaffii dhiheessuushee argisiisa jedhu. Haataʼu malee jechisaanii kun dhugaa jiru lama xiyyeeffannaa keessa kan galche miti. Tokkoffaa, Ruut kana kan goote aadaa biyya sanatti baramaa turee wajjin haala walsimuun siʼa taʼu, nutimmoo yeroo harʼaa kana guutummaatti hubachuu hin dandeenyu. Kanaaf, ilaalcha dogoggoraa namoonni yeroo harʼaa saalqunnamtiidhaaf qabanirratti hundaaʼanii ishee madaaluun sirrii miti. Lammaffaa, deebiin Boʼaz kenne Ruut amala qulqulluu akka qabduufi gochishee guddaa kan galateeffatamu akka taʼe kan argisiisudha.
qajeelchu si waan taʼeef, amma golgaa kee hojjettuu kee irra diriirsi!” jettee deebisteef. (18. Boʼaz Ruutiin jajjabeessuuf maal jedhe? Jaalala guddaa isheen argisiiste lamaan kam caqase?
18 Boʼaz sagalee gaarummaa argisiisuun dubbachuunsaa Ruutiin jajjabeessee akka ture beekamaadha. Boʼaz, “Waaqayyo si haa eebbisu, intalo! Hiyyeessotas haa taʼanii, sooressootas haa taʼanii, ati warra dargaggoota duukaa hin buune; kanaan isa dura argisiifte caalaa gaarii gochuu kee argisiifteetta” jedhe. (Rut. 3:10) Yaanni “isa dura” jedhu, jaalala guddaa Ruut Naaʼomii wajjin gara Israaʼelitti deebiʼuufi ishee kunuunsuudhaan ibsite kan argisiisudha. Inni boodaammoo isa amma argisiisaa jirtudha. Boʼaz dubartiin akka Ruut tokko sooressaafi hiyyeessa utuu hin jedhin, dargaggoota keessaa abbaa manaa barbaaddachuu akka dandeessu beeka ture. Ruut garuu Naaʼomiitti qofa utuu hin taʼin, maqaansaa biyyasaa keessatti akka itti fufuuf jecha, abbaa manaa Naaʼomii isa duʼettis gaarummaa argisiisuu barbaaddee turte. Boʼaz dubartii ofittummaarraa walaba taate kana kan jaallate maaliif akka taʼe hubachuun ulfaataa miti.
19, 20. (a) Boʼaz yeruma sana Ruutiin kan hin fuune maaliifi? (b) Boʼaz, Ruutitti gaarummaa kan argisiiseefi isheedhaafis taʼe maqaasheetiif of eeggannoo kan godhe akkamitti?
19 Boʼaz itti fufuudhaan, “Ammas hin sodaatin yaa intalo! Ati dubartii baʼeettii taʼuu kee namni karra mandara kanaatiin ol galu hundinuu waan beekuuf, anis waanuma ati dubbatte siif nan godha” jedheen. (Rut. 3:11) Ruutiin fuudhuu barbaadee waan tureef, tarii barcuma akka qajeelchu gaafatamuunsaa guutummaatti haaraa isatti hin taane. Taʼus Boʼaz qajeelaa waan taʼeef, nama filannaasaa qofarratti hundaaʼee tarkaanfii fudhatu hin turre. Kanaaf, firri isa caalaa maatii abbaa manaa Naaʼomii isa duʼetti dhihaatuufi ishee fuudhuu dandaʼu akka jiru Ruutitti hime. Kanaan kan kaʼes, jalqaba nama sana bira dhaquudhaan Ruutiin akka fuudhu carraa isaaf kenneera.
Ruut namootatti gaarummaafi kabaja waan argisiisteef maqaa gaarii argatteetti
20 Boʼaz, Ruut deebitee hamma lafti bariʼutti akka ciiftuufi utuu namni ishee hin argin akka deemtu itti hime. Namoonni wanta sirrii hin taane raawwataniiru jedhanii dogoggoraan yaaduu waan dandaʼaniif, maqaashees taʼe maqaasaa eeguu barbaadee ture. Ruut, Boʼaz gaaffiishee gaarummaadhaan waan isheedhaa deebiseef, tarii caalaatti tasgabbaaʼuudhaan deebitee miillasaa jala ciifte. Achiis utuu lafti hin bariʼin kaate. Boʼaz garbuu hedduu wayyaashee isa irra keessatti uffattutti kan isheedhaa naqe siʼa taʼu, isheenis gara Betlihemitti deebite.—Ruut 3:13-15 dubbisi.
21. Ruut “dubartii baʼeettii” akka taatu kan godhe maalidha? Nutoo fakkeenyashee hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
21 Ruut, “dubartii baʼeettii” taʼuunshee namoota hunda biratti akka beekamu yaada Boʼaz dubbaterratti xiinxaluunshee baayʼee ishee gammachiisee taʼuu qaba. Maqaa gaarii akka qabaattu kan godhe Yihowaa beekuufi isa tajaajiluuf hawwii guddaa qabaachuushee akka taʼe hin shakkisiisu. Akkaataa jireenyaafi aadaa hin beeknee wajjin wal baruuf fedhii qabaachuudhaanis, Naaʼomiifi saba Naaʼomiitti gaarummaafi jaalala guddaa argisiisteetti. Nutis fakkeenya Ruut kan hordofnu yoo taʼe, akkaataa jireenyaafi aadaa namoota kaanii kabajuu barbaanna. Kana yoo goone nutis maqaa gaarii akka qabaannu beekamaadha.
Mana Ruut Uffee Itti Jettu
22, 23. (a) Kennaan Boʼaz Ruutiif kenne ergaa maalii kan dabarsu taʼuu dandaʼa? (Miiljalees ilaali.) (b) Naaʼomiin Ruut maal akka gootu gorsite?
22 Yommuu Ruut mana geessu, Naaʼomiin “Intala ko attam taate?” jettee gaafatteen. Naaʼomiin akkas kan jette tarii Ruut ammayyuu qulqulluu taʼuushee ykn nama abbaa manaa isheedhaaf taʼu argachuufi dhiisuushee beekuu barbaaddee taʼu dandaʼa. Ruut yeruma sana wanta isheeniifi Boʼaz walitti dubbatan hunda amaatiisheetti himte. Kana malees, garbuu hedduu Boʼaz, Naaʼomiidhaaf erge itti kennite. *—Rut. 3:16, 17.
23 Naaʼomiin, Ruut guyyaa sana qarmii funaanuuf gara maasii deemuu mannaa mana akka ooltu ishee gorsuunshee sirrii ture. “Namichi kun harʼa dubbii kana utuu hin raawwatin hin Rut. 3:18.
boqotu” jechuudhaan Ruutiif mirkaneessiteetti.—24, 25. (a) Boʼaz nama qajeelaafi ofittummaarraa walaba taʼe akka ture kan argisiise akkamitti? (b) Ruut eebba kan argatte karaawwan kamiini?
24 Wanti Naaʼomiin waaʼee Boʼaz dubbatte sirrii ture. Boʼaz balbala magaalichaa bakka jaarsoliin yeroo baayʼee itti walgaʼan dhaquudhaan, hamma namichi inni fira dhihoo taʼe sun darbutti eege. Boʼaz dhugaa baatota duratti, namichi sun Ruutiin fuudhuudhaan barcuma akka qajeelchu carraa isaaf kenne. Namichi sun garuu kana gochuun, dhaalasaa akka isa jalaa balleessu dubbachuudhaan dide. Achiis Boʼaz namoota dhugaa baatota taʼan duratti, lafa abbaa manaa Naaʼomii, Eliimelek bituufi Ruut ishee haadha manaa Maahiloon ilma Naaʼomii taate fuudhuudhaan barcuma akka qajeelchu beeksise. Boʼaz kana gochuunsaa, ‘maqaan nama duʼe sanaa iddoo dhaala isaatiitti akka deebiʼu’ kan godhu taʼuusaa ibse. (Rut. 4:1-10) Boʼaz dhugumaan nama qajeelaafi ofittummaarraa walaba taʼe ture.
25 Dhumarrattis Boʼaz Ruutiin fuudhe. Seenaansaa sana booda, “Waaqayyo ishee eebbisee in ulfoofte, ilmas in deesse” jedha. Ruut Naaʼomiidhaaf ilmaan torba kan caaltu waan taateef, dubartoonni Betlihem Ruutiin kan jajan siʼa taʼu, Naaʼomiis eebbisaniiru. Akkuma beekamu yeroo booda, ilmi Ruut akaakilii Daawit Mootichaa taʼeera. (Rut. 4:11-22) Daawitimmoo akaakilii Yesus Kiristos taʼeera.—Mat. 1:1. *
26. Fakkeenyi Ruutiifi Naaʼomii maal nu yaadachiisa?
26 Ruut eebba kan argatte siʼa taʼu, Naaʼomiinis mucicha akkuma kan ofiisheetti guddisuudhaan eebba argatteetti. Jireenyi dubartoota kanaa, Yihowaan namoota gad of deebisuudhaan wanta maatiisaaniitiif barbaachisu dhiheessaniifi sabasaa filatamoo taʼanii wajjin amanamummaadhaan isa tajaajilan hundaaf xiyyeeffannaa akka kennu nu yaadachiisa. Inni namoota akka Boʼaz, Naaʼomiifi Ruut amanamoo taʼan hunda ni kiisa.
^ key. 7 Akkuma Naaʼomiin jette Yihowaan namoota lubbuudhaan jiranitti qofa utuu hin taʼin, namoota duʼanittis gaarummaa ni argisiisa. Naaʼomiin abbaa manaasheefi ilmaanshee lamaan duʼaan dhabdeetti. Ruutis abbaa manaashee dhabdeetti. Taʼus dubartoonni lamaanuu namoota duʼan sadan kana baayʼee akka jaallatan beekamaadha. Gaarummaan Naaʼomiifi Ruutitti argisiifamu kamiyyuu, gaarummaa dhiirota dubartoonni kun akka kunuunfaman barbaadan sanatti argisiifamudha jechuun ni dandaʼama.
^ key. 11 Dubartii abbaan manaa irraa duʼe tokko fuudhuufis taʼe qabeenyasaa dhaaluuf mirga kan qabu jalqaba obboleessa nama duʼe sanaati; yoo obboleessa hin qabu taʼemmoo nama fira dhihoo taʼedha.—Lak. 27:5-11.
^ key. 22 Boʼaz, Ruutiif garbuu qodaa safaraa jaʼa kenneef. Kana kan godhe tarii akkuma boqonnaan Sanbataa guyyaa hojii jaʼa booda jalqabu, Ruut yeroo mana gaariifi abbaa manaa argachuudhaan rakkinasheerraa “uffee” itti jettu dhihaachuusaa argisiisuuf taʼuu dandaʼa. Yookiin qodaa safaraa jaʼa kan jedhame tarii hamma Ruut baachuu dandeessu, jechuunis midhaan akaafaa jaʼa taʼuu dandaʼa.