BOQONNAA KUDHA LAMA
Waaqnisaa Isa Jajjabeesseera
1, 2. Guyyaa jireenya Eliyaas keessatti iddoo guddaa qabutti maaltu raawwatame?
ELIYAAS bokkaa keessa fiigaa kan jiru siʼa taʼu, samiin duumessaan gurraachaʼeera. Yizreʼel gaʼuuf karaa dheeraan kan isa eeggatu siʼa taʼu, innis yeroo kanatti dargaggeessa hin turre. Taʼus ‘Waaqayyo humnasaa waan isaa kenneef’ fiiguusaa itti fufeera. Jabinni keessasaatti isatti dhagaʼamu isa kanaan dura qaburraa adda akka ture beekamaadha. Eliyaas humna Yihowaa waan argateef, konkolaataa Ahaab Mootichaa fardeeniin harkifamullee dursuu dandaʼeera.—1 Mootota 18:46 dubbisi.
2 Eliyaas amma karaa dheeraa isa eeggatu kanarra kophaasaa fiigaa jira. Wanta guyyaa jireenyasaa keessatti iddoo guddaa qabu kanatti raawwatame yaadaa bokkaa fuulasaatti roobee irraa gad yaaʼu keessa yommuu fiigu sitti haa mulʼatu. Guyyaan kun Waaqa Eliyaas kan taʼe Yihowaafi waaqeffannaa dhugaatiif guyyaa injifannoo guddaan itti argame akka taʼe beekamaadha. Tulluun Qarmelos inni qilleensi itti baayʼatuufi Yihowaan kadhannaa Eliyaasiif deebii kennuudhaan waaqeffannaan Baʼaal soba taʼuusaa argisiisuuf dinqii gurguddaa irratti raawwate bokkaa yandoodhaan waan dukkanaaʼeef hin mulʼatu. Raajonni Baʼaal dhibbaan lakkaaʼaman sobduu taʼuunsaanii kan saaxilame siʼa taʼu, ajjeefamuunsaaniis sirrii ture. Achiis Eliyaas ongeen waggaa sadiifi jiʼa jaʼaaf biyyicha rukutee ture akka dhaabatu Yihowaatti kadhannaa dhiheesse. Bokkaanis ni roobe.—1 Mot. 18:18-45.
3, 4. (a) Eliyaas yommuu gara Yizreʼelitti fiigu wanti hedduun ni raawwatama jedhee abdatee taʼuu kan dandaʼu maaliifi? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?
3 Eliyaas gara Yizreʼel ishee kiiloomeetira 30 fagaattu sanaatti yommuu fiigu wanti hedduun akka raawwatamu abdatee taʼuu dandaʼa. Dhumarratti jijjiiramni guddaan ni dhufa jedhee yaadee taʼuu hin oolu. Ahaab jijjiiramuu qaba. Dinqii kana erga argee booda, waaqeffannaa Baʼaal dhiisuu, haadha manaasaa Iizaabel mootittii dhowwuufi ariʼatama tajaajiltoota Yihowaarra gaʼu dhaabsisuu qaba ture.
Yaq. 5:17) Haataʼu malee, Eliyaas ammayyuu rakkinni hedduun isa eeggachaa jira. Eliyaas saʼaatii muraasa booda, baayʼee sodaatee abdii kutachuudhaan duʼuu hawweera. Wanti uumame maal ture? Yihowaan raajiinsaa kun amantiifi ija jabina qabu deebisee akka argatu akkamitti isa gargaare? Mee haa ilaallu.
4 Wanti hundi akkuma nuti yaanne akka nuu taʼe yommuu nutti dhagaʼamu, gammaduun keenya waanuma jirudha. Jireenyi keenya akka fooyyaʼu, tariimmoo rakkina guddaa keessaallee akka baanu yaanna taʼa. Eliyaas “nama akka keenyaa” waan taʼeef akkas isatti dhagaʼamee ture taanaan, akkas itti dhagaʼamuunsaa sirrii ture. (Haalli Itti Hin Yaadamne Tokko Ni Uumame
5. Ahaab wanta Tulluu Qarmelosirratti raawwatame erga argee booda caalaatti Yihowaa kabajuu barateeraa? Kana akkamitti beekna?
5 Ahaab mana mootummaasaa Yizreʼel jiru yommuu gaʼu jijjiirama akka godhe argisiiseeraa? Seenaansaa, “Ahaab mootichi wanta Eliyaas hojjete hundumaa, attamittis raajota Baʼaal hundumaa billaadhaan akka fixe Iizaabel haadha manaa isaatti in hime” jedha. (1 Mot. 19:1) Ahaab wanta guyyaa sana raawwatame yommuu dubbatu Yihowaa isa Waaqa Eliyaas taʼe akka hin caqasne hubadhu. Nama foonii waan taʼeef, “wanta Eliyaas hojjete” jechuudhaan dinqii guyyaa sana raawwatame hunda akka waan Eliyaas raawwateetti ibseera. Ahaab Yihowaa kabajuu akka hin baranne kanarraa hubachuun ni dandaʼama. Haati manaasaa isheen haaloo baʼuu jaallattuhoo maal goote?
6. Iizaabel Eliyaasitti ergaa akkamii ergite? Kunoo hiika maalii qaba ture?
6 Iizaabel yeroo kanatti aartee bobaate. Kanaaf, “Akkuma ati raajota Baʼaal fixxe, bor yowwana yoon si ajjeesuu dhaabaadhe, waaqayyoliin ana haa ajjeesan” jettee isatti dhaamte. (1 Mot. 19:2) Kun doorsisa isa ajjeessuuf dubbatame ture. Kana jechuun, Iizaabel guyyaa tokko keessatti Eliyaasiin ajjeestee raajota Baʼaaliif yoo haaloo baʼuu baatte, ofiishee duʼuu akka qabdu ofitti kakachuushee ture. Eliyaas halkan bokkaan roobu sanatti mana xinnoo keessa rafaa jiru sanaa dammaqee ergaa Iizaabel isa nama naasisu nama isheen ergiterraa yommuu dhagaʼu wanta isatti dhagaʼame yaadi. Eliyaas yommuu kana dhagaʼu maal godhe?
Abdii Kutachuufi Sodaadhaan Moʼamuu
7. Doorsisni Iizaabel Eliyaasirratti dhiibbaa akkamii geessise? Innoo maal godhe?
7 Eliyaas waraanni waaqeffannaa Baʼaalirratti godhamu akka xumurame yaadee ture taanaan, yaannisaa kun sirrii akka hin taane yeruma sana hubateera. Iizaabel yaadashee hin jijjiirre. 1 Mot. 18:4; 19:3.
Raajonni akkuma Eliyaas amanamoo taʼan hedduun ajajasheetiin kan ajjeefaman siʼa taʼu, ammammoo dabareensaa kan Eliyaas fakkaata. Doorsisni Iizaabel Eliyaasirratti dhiibbaa akkamii geessise? Macaafni Qulqulluun, ‘Eliyaas in sodaate’ jedha. Eliyaas ajjeechaa gara jabinaa Iizaabel isarratti raawwachuuf jettu yaadaa turee laata? Yaada akkasiirratti xiinxalaa ture taanaan, sodaachuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Sanas taʼe kana Eliyaas, “lubbuu isaa oolfachuuf kaʼee in baqate.”—Ija jabina keenya eegnee itti fufuu yoo barbaanne, wantoota nu sodaachisanirratti xiinxaluu hin qabnu
8. (a) Rakkinni Phexrosiifi Eliyaasiin mudate kan wal fakkaatu akkamitti? (b) Eliyaasiifi Phexrosirraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?
8 Nama amantii kan taʼeefi sodaadhaan kan moʼame Eliyaas qofa hin turre. Yeroo dheeraa booda Phexros ergamaanis rakkinni akkasii isa mudateera. Fakkeenyaaf Yesus, Phexros bishaanirra akka deemu yommuu isa godhe, ergamaan kun ‘qilleensi jabaan sun waan isatti dhagaʼameef’ sodaatee liqimfamuu jalqabe. (Maatewos 14:30 dubbisi.) Kanaaf, fakkeenya Eliyaasiifi Phexrosirraa barumsa guddaa arganna. Ija jabina keenya eegnee itti fufuu yoo barbaanne, balaa nu mudachuu dandaʼurratti xiinxaluu hin qabnu. Kanaa mannaa, qaama abdiifi jabina nuu kennurratti xiyyeeffachuu qabna.
“Na Gaʼa”
9. Eliyaas karaa akkamii akka deemeefi yeroo baqachaa turetti maaltu akka isatti dhagaʼame ibsi.
9 Eliyaas garmalee sodaatee, gara magaalaa kiiloomeetira 150 fagaattee kibba daangaa Yihudaatti argamtuufi Ber-Sheebaa jedhamtutti baqate. Achiis hojjetaasaa iddoo kanatti dhiisee kophaasaa gara lafa onaa deemuusaa itti fufe. Seenaansaa “adeemsa guyyaa tokkoo” akka deeme waan dubbatuuf, galaa utuu hin qabatin ganama obboroodhaan akka kaʼe haalasaarraa hubachuu dandeenya. Garmalee dhiphateefi sodaadhaan moʼamee aduu nama waxalu keessa karaa buʼaa baʼii qabu kanarra deemuusaa itti fufe. Aduun nama gubu sun qabbanaaʼaa yommuu adeemuufi galgalaaʼaa yommuu dhufu Eliyaas ni dadhabe. Baayʼee waan dadhabeef, gaaddisa muka dhandhansaa lafa onaa kanatti argamu jala taaʼe.—1 Mot. 19:4.
10, 11. (a) Kadhannaan Eliyaas Yihowaatti dhiheesse hiika maalii qaba? (b) Caqasoota kennamanitti fayyadamuudhaan namoota abdii kutatanii turanitti maaltu akka dhagaʼame ibsi.
10 Eliyaas dhiphachuudhaan kadhannaa dhiheesse. ‘Ani abboota koorra hin wayyu’ jechuudhaan duʼuu akka barbaadu dubbate. Abboonnisaa yeroo sanatti biyyoo waan taʼaniifi lafeensaanii awwaala keessa waan jiruuf eenyuufiyyuu waa gochuu akka hin Lal. 9:10) Eliyaas akkumasaanii gatii akka hin qabne isatti dhagaʼame. Kanaaf, “Na gaʼa” ‘jiraachuunkoo buʼaa maalii qaba?’ jedhee iyyuunsaa kan nama dinqisiisu miti.
dandeenye beeka. (11 Namni Waaqayyorratti amantii qabu tokko garmalee abdii kutachuusaa yoo argine dinqisiifamuu qabnaa? Matumaa. Dhiironniifi dubartoonni amanamoon Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman hedduun, baayʼee akka gaddaniifi duʼa akka hawwan kan ibsame siʼa taʼu, isaan keessaas Ribqaa, Yaaqoob, Museefi Iyoob ni argamu.—Uma. 25:22; 37:35; Lak. 11:13-15; Iyo. 14:13.
12. Garmalee abdii akka kutatte yoo sitti dhagaʼame, fakkeenya Eliyaas hordofuu kan dandeessu akkamitti?
12 Nuyis, ‘guyyoota gara dhumaa sodaachisaa’ taʼan keessa waan jiraannuuf, tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼan dabalatee namoonni hedduun abdii kutachuunsaanii nu dinqisiisuu hin qabu. (2 Xim. 3:1) Haala rakkisaa akkasii keessatti kan argamtu yoo taʼe, fakkeenya Eliyaas hordofuudhaan wanta garaakee keessa jiru kadhannaadhaan Waaqayyotti himi. Kana malees, Yihowaan ‘Waaqa jajjabina hundumaa’ akka taʼe yaadadhu. (2 Qorontos 1:3, 4 dubbisi.) Haataʼu malee, Eliyaasiin jajjabeesseeraa?
Yihowaan Raajiisaa Gargaareera
13, 14. (a) Yihowaan karaa ergamaa tokkoo raajiisaa abdii kutatetti jaalala kan argisiise akkamitti? (b) Yihowaan humna keenya dabalatee waaʼee hunda keenyaa akka beeku hubachuun kan nama jajjabeessu maaliifi?
13 Yihowaan raajiinsaa inni jaallatamaan muka lafa onaa keessa jiru tokko jala taaʼee duʼuuf yommuu kadhatu arguusaatti maaltu kan isatti dhagaʼame sitti fakkaata? Deebii kanaa tilmaamuun nu hin barbaachisu. Eliyaas erga hirribni isa fudhatee booda, Yihowaan ergamaasaa tokko garasaatti erge. Ergamichi suuta jedhee tuttuqee Eliyaasiin dammaqsuudhaan, “Kaʼiitii nyaadhu” jedheen. Eliyaas bixxillee hoʼaafi bishaan ergamaan kun gaarummaadhaan isaaf kenne nyaatee dhugeera. Eliyaas ergamaa kana galateeffateeraa? Seenaansaa raajichi nyaatee dhugee deebiʼee akka rafe qofa ibsa. Kana kan godhe baayʼee dallanee waan tureefidhaa laata? Sanas taʼe kana ergamichi tarii ganama barii lammata isa dammaqse. Ammas “Kaʼiitii nyaadhu” jechuudhaan Eliyaasitti dubbate; itti dabaluudhaanis, ‘Karaa fagoo adeemta’ jedheen.—1 Mot. 19:5-7.
14 Ergamichi, Waaqayyo hubannaa waan isaa kenneef Eliyaas Faarfannaa 103:13, 14 dubbisi.) Eliyaas nyaata sanarraa faayidaa kan argate akkamitti?
garamitti akka deemu beekee ture. Kana malees, iddoon Eliyaas deemu fagoo waan taʼeef, humnasaa qofaan iddoo kana gaʼuun akka isatti ulfaatu beeka. Waaqa galma keenyaafi humna keenya nu caala beeku tajaajiluun kan nama jajjabeessu mitii? (15, 16. (a) Eliyaas nyaanni Yihowaan isaaf kenne maal akka godhu isa gargaareera? (b) Akkaataa Yihowaan yeroo harʼaa tajaajiltootasaa itti gargaaru dinqisiifachuu kan qabnu maaliifi?
15 Seenaansaa, “Eliyaas yommus kaʼee in nyaate, in dhuges; humna nyaatichi kenneefiinis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama hamma Siinaa tulluu Waaqayyootti in adeeme” jedha. (1 Mot. 19:8) Eliyaas akkuma Musee isa waggaa 600 isa dura tureefi Yesus isa gara waggaa 1,000 isa booda turee guyyaa 40fi halkan 40 soomeera. (Bau. 34:28; Luq. 4:1, 2) Nyaanni sun rakkinasaa hunda kan hin balleessine taʼus, dinqiidhaan isa jiraachiseera. Maanguddoon kun lafa onaa daandii hin qabne kana keessa gara jiʼa tokkoofi walakkaadhaaf yommuu adeemu sitti haa mulʼatu.
16 Yihowaan yeroo harʼaas dinqiidhaan nyaata kennuudhaan utuu hin taʼin, karaa kanarra caalaa barbaachisaa taʼeen tajaajiltootasaa ni gargaara. Tajaajiltootasaatiif wanta karaa hafuuraa barbaachisu ni kenna. (Mat. 4:4) Karaa Dubbiisaafi karaa barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanii waaʼee Waaqayyoo barachuun keenya karaa hafuuraa dammaqoo taanee jiraachuuf nu gargaara. Nyaata hafuuraa akkasii soorachuun keenya rakkina keenya hunda balleessuu baatus, rakkina karaa gara biraa kamiiniyyuu moʼuu hin dandeenye moʼuuf nu gargaaruu dandaʼa. Kana malees, ‘jireenya barabaraa’ nuu argamsiisa.—Yoh. 17:3.
17. Eliyaas eessa dhaqe? Iddoon sun seena qabeessa kan ture maaliifi?
17 Eliyaas Tulluu Siinaa gaʼuuf gara kiilomeetira 320 deemeera. Yihowaan waggoota hedduu dura huxxii bobaʼu keessaa Museetti kan mulʼate iddoo kanatti waan tureefi yeroo boodas Israaʼelootaa wajjin kakuu kan gale iddoo kanatti waan tureef, iddoon kun seena qabeessadha. Eliyaas holqa dhagaa tokko keessa jiraachuu jalqabe.
Yihowaan Raajiisaa Kana Kan Jajjabeesse Akkamitti?
18, 19. (a) Ergamaan Yihowaa Eliyaasiif gaaffii akkamii dhiheesse? Eliyaasoo deebii akkamii kenne? (b) Wantoonni Eliyaas abdii akka isa kutachiisan dubbate sadan maalfaʼi?
18 Siinaatti sagaleen Yihowaa tarii karaa ergamaa tokkoo taʼuu dandaʼa, “Yaa Eliyaas asii maal hojjetta?” jechuudhaan gaaffii salphaa isa gaafate. Eliyaas miirasaa akka ibsu akka afeerame waan 1 Mot. 19:9, 10) Wanti Eliyaas dubbate yoo xinnaate wantoota abdii isa kutachiisan sadii ibsa.
isatti dhagaʼameef, gaaffiin kun gaarummaadhaan kan dhihaate taʼuu hin oolu. Kanaaf, waan isatti dhagaʼamu hunda dubbateera. Innis deebisee, “Sabni Israaʼel kakuu siif galan dhiisanii iddoo aarsaa kee diiganii raajota kees billaadhaan waan fixaniif, si Waaqayyo gooftaa maccaatiif baayʼee nan hinaafan ture; raajota kee keessaa anuma duwwaatu hafe, anuma iyyuu immoo ajjeesuu in barbaadu” jedhe. (19 Tokkoffaa, Eliyaas hojiinsaa gatii akka hin qabne isatti dhagaʼameera. Waggoota hedduudhaaf ‘hinaaffaa guddaadhaan’ Yihowaa tajaajilaa, maqaa Waaqayyoofi waaqeffannaasaa isa qulqulluudhaaf iddoo guddaa kennaa kan ture taʼus, wantoonni hundi caalaatti mancaʼaa waan deeman fakkaatu turan. Waaqeffannaan sobaa babalʼachaa kan jiru siʼa taʼu, namoonni sun ammayyuu amantii kan hin qabneefi hamoo turan. Lammaffaa, Eliyaas kophaa akka taʼe isatti dhagaʼameera. “Anuma duwwaatu hafe” jechuudhaan biyya sana keessatti Yihowaa tajaajilaa kan jiru isa qofa akka taʼe godhee dubbateera. Sadaffaa, Eliyaas sodaatee ture. Raajonni akkasaa hedduun kan ajjeefaman siʼa taʼu, ammammoo dabareen kansaa akka taʼe yaadee ture. Eliyaas miirasaa kana baasee dubbachuun salphaa kan hin turre taʼus, koorri ykn qaaniin dhimma kana dubbachuurraa duubatti akka jedhu isa hin goone. Wanta garaasaa keessa jiru kadhannaadhaan Waaqayyotti himuudhaan namoota amanamoo taʼan hundaaf fakkeenya gaarii taʼeera.—Far. 62:8.
20, 21. (a) Wanta Eliyaas holqa Tulluu Siinaarra jiru balbala dhaabatee arge ibsi. (b) Karaawwan Yihowaan humnasaa itti argisiise Eliyaasiin maal barsiisan?
20 Yihowaan wantoota Eliyaasiin sodaachisaniifi yaaddessaniif furmaata kan kenne akkamitti? Ergamichi Eliyaas balbala holqichaarra akka dhaabatu itti hime. Eliyaas wanta raawwatamuuf jedhu beekuu baatus ajajameera. Achiis qilleensi jabaan ni qilleensaʼe. Qilleensichi jabaa taʼuusaatiin kan kaʼe, tullootaafi kattaawwan waan dadayyaaseef sagalee guddaa dhageessisee taʼuu qaba. Eliyaas qilleensa isatti bubbisurraa of eeguuf wayyaasaa isa furdaa rifeensarraa hojjetame yommuu fuulasaatti haguuggatu sitti mulʼataa? Achiis sochoʼa lafaa naannoo sanatti gaʼeen lafti isa jala jiru waan jalaa babbaqaqeef iddoo dhaabatu argachuuf asiifi achi jechuun isa barbaachisee ture. Ibidda cimaa tokkorraa hamma xinnoof kan oole siʼa taʼu, hoʼa ibiddaa sanarraa baqachuufis gara holqichaatti deebiʼuuf dirqameera.—1 Mot. 19:11, 12.
21 Seenaansaa, yeroo kana hundatti Yihowaan humnoota 1 Mot. 8:27) Kun hundi Eliyaasiin kan gargaare akkamitti? Fakkeenyaaf, Eliyaas sodaatee akka ture yaadadhu. Haataʼu malee, Waaqni akka Yihowaa, inni humna guddaa qabu utuu isa cina jiruu, Eliyaas Ahaabiifi Iizaabeliin sababii itti sodaatuuf qabaa?—Faarfannaa 118:6 dubbisi.
uumamaa dinqisiisaa taʼan kana keessa akka hin turre ibsa. Eliyaas Yihowaan waaqa uumamaa akka Baʼaal isa waaqeffattoonnisaa ‘duumessa gulufa’ ykn bokkaa roobsa jedhanii amanuudhaan gowwoomfamanii akka hin taane beeka. Yihowaan humna gurguddaa uumamaa keessa jiru hunda kan uume taʼus, wantoota uume hundarra baayʼee caala. Samiin inni mulʼatullee isa baachuu hin dandaʼu. (22. (a) ‘Sagaleen hasaasu’ sun Eliyaas iddoo guddaa akka qabu kan isaaf mirkaneesse akkamitti? (b) ‘Sagaleen hasaasu’ sun kan eenyuu taʼuu dandaʼa? (Miiljalee ilaali.)
22 Ibiddichi erga darbee booda, gabii guddaan kan taʼe siʼa taʼu, Eliyaas ‘sagalee hasaasu’ dhagaʼe. Sagalichi Eliyaas wanta isa yaaddesse akka dubbatu yeroo lammataatiif kan isa gaafate siʼa taʼu, innis dubbateera. *Kana gochuunsaa boqonnaa dabalataa isaaf argamsiisee taʼuu dandaʼa. Yaanni ‘sagaleen hasaasu’ sun ittaansuudhaan dubbate Eliyaas caalaatti akka tasgabbaaʼu godhee taʼuu hin oolu. Yihowaan, Eliyaasiif bakka guddaa akka kennu isaaf mirkaneesse. Akkamitti? Waaqayyo waraana waaqeffannaa Baʼaal Israaʼel keessa jirurratti geggeeffamu ilaalchisee kaayyoo qabu balʼinaan isaaf ibse. Waaqayyo waaqeffannaa Baʼaalirratti tarkaanfii waan fudhatuuf hojiin Eliyaas gatii dhabee akka hin hafne ifadha. Kana malees, Yihowaan kaayyoosaa wajjin haala wal qabateen hojicha akka hojjetu qajeelfama tokko tokko isaaf kennuudhaan deebisee waan isa ergeef, Eliyaas kaayyoo Waaqayyoo kana keessatti iddoo guddaa qaba.—1 Mot. 19:12-17.
23. Yihowaan kophummaa Eliyaasitti dhagaʼameef karaa akkamii lamaan furmaata kenne?
23 Yihowaan kophummaa Eliyaasitti dhagaʼameef furmaata 1 Mot. 19:18) Dhugumayyuu Eliyaas kophaasaa hin turre. Namoonni amanamoon Baʼaaliin waaqeffachuu didaniifi kuma hedduutti lakkaaʼaman akka jiran dhagaʼuunsaa baayʼee isa gammachiisee taʼuu qaba. Yeroo rakkisaa taʼe sanatti amanamummaadhaan tajaajiluusaanii itti fufuuf fakkeenyi Eliyaas Yihowaadhaaf amanamaa taʼuudhaan kaaʼe isaan barbaachisee ture. Eliyaas karaa ergamaa Yihowaa isa ‘sagalee hasaasuun’ dubbatu sanaa jechoota kana dhagaʼuunsaa baayʼee isa gammachiisee taʼuu qaba.
akkamii kenne? Kana ilaalchisee Yihowaan waan lama godheera. Tokkoffaa, Yihowaan Elsaaʼi isa yeroo booda bakkasaa raajii taʼu akka dibu isatti hime. Namni umriidhaan isaa gad taʼe kun waggoota dheeraadhaaf michuufi gargaaraa Eliyaas taʼee tajaajileera. Kun baayʼee kan isa jajjabeessu ture. Lammaffaa, “Saba Israaʼel keessaa jilba isaaniitiin jilbeenfatanii Baʼaaliif kan hin sagadin, afaan isaaniitiinis kan isa hin dhungatin namoota kuma torba guutuu hambifadheera” jechuudhaan oduu nama gammachiisu isatti hime. (Yeroo harʼaa Macaafni Qulqulluun akka nu geggeessu yoo heyyamne akka ‘sagalee hasaasu’ sanaatti nu gargaaruu dandaʼa
24, 25. (a) Yeroo harʼaatti ‘sagalee’ Yihowaa isa ‘hasaasu’ dhaggeeffachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Eliyaas jajjabina Yihowaan isaaf kenne fudhateera jechuu kan dandeenyu maaliifi?
24 Nutis akkuma Eliyaas humnoota uumamaa gurguddaa taʼan dinqisiifachuun keenya sirriidha. Uumamni humna Uumaan qabu akka gaariitti mulʼisa. (Rom. 1:20) Yihowaan yeroo harʼaas tajaajiltootasaa gargaaruuf humnasaa isa guddaatti fayyadama. (2 Sen. 16:9) Haataʼu malee Waaqayyo caalaatti karaa Dubbiisaa jechuunis karaa Macaafa Qulqulluu nutti dubbata. (Isaayaas 30:21 dubbisi.) Kana jechuun, yeroo harʼaa Macaafni Qulqulluun akka nu geggeessu yoo heyyamne, akka ‘sagalee hasaasu’ sanaatti nu gargaaruu dandaʼa jechuudha. Yihowaan Macaafa Qulqulluutti fayyadamee nu sirreessa, nu jajjabeessa, akkasumas jaalalasaa nuuf mirkaneessa.
25 Eliyaas jajjabina Yihowaan Tulluu Siinaarratti isaaf kenne fudhateeraa? Eeyyee fudhateera! Raajii amanamaan hammeenya waaqeffannaa sobaa mormu kun utuma baayʼee hin turin gara hojiisaatti deebiʼuuf jedha. Nutis “jajjabina caaffanni qulqullaaʼoon nuuf kennan” yoo fudhanne fakkeenya Eliyaas hordofuu ni dandeenya.—Rom. 15:4.
^ key. 22 ‘Sagaleen hasaasu’ kun, ergamaa Yihowaan 1 Mootota 19:9rratti ‘Dubbiisaa’ akka dabarsu itti fayyadamee wajjin tokkodha. Lakkoofsa 15rratti hafuurri kun ‘Waaqayyo’ akka taʼe ibsameera. Yaanni kun ergamaa Yihowaan Israaʼeloota lafa onaa keessa geggeessuuf itti fayyadameefi ‘Maqaan koo isa keessa in jiraata’ jedhe nu yaadachiisa. (Bau. 23:21) Eenyummaa qaama olitti ibsame kanaa ilaalchisee mirkanaaʼoo taʼuu baannus, Yesus nama taʼee dhalachuusaa dura ‘sagalee,’ jechuunis tajaajiltoota Yihowaatiif Sagalee Dabarsituu addaa taʼee tajaajilaa akka ture beekna.—Yoh. 1:1.