Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yeroo Hundumaa Dhufa Guyyaa Waaqayyoo Eeggadhaa

Yeroo Hundumaa Dhufa Guyyaa Waaqayyoo Eeggadhaa

Boqonnaa Digdama

Yeroo Hundumaa Dhufa Guyyaa Waaqayyoo Eeggadhaa

1. Yeroo jalqabaatiif rakkina sirni kun geessiserraa yeroon itti walaba baanu dhihaachuusaa yommuu baratte maaltu sitti dhaga’ame?

 YIHOWAAN lafa kana guutummaatti jannata gochuuf kaayyoo akka qabu jalqaba Macaafa Qulqulluurraa baratteetta. Addunyaa haaraa sana keessatti waraanni, yakki, hiyyumni, dhukkubni, rakkinniifi duuti hin jiraatu. Namoonni du’anillee ka’anii jireenya argatu. Abdii gammachiisaatu nu eega! Kiristos bara 1914 jalqabee haala ijaan hin argamneen Mootii ta’ee bulchaa jiraachuunsaafi ragaawwan yeroo sanaa kaasee guyyoota gara dhumaa keessa akka jirru argisiisan abdiiwwan kun dhihaachuusaanii mirkaneessu. Guyyoonni gara dhumaa yeroo raawwatamanittis Yihowaan sirna hamaa kana balleessuudhaan addunyaa haaraa abdachiifame fida.

2. “Guyyaan Waaqayyoo” maalidha?

2 Macaafni Qulqulluun guyyaa badiisaa dhiheenyatti dhufu kana ‘Guyyaa gooftaa’ jedhee waama. (2 Phexros 3:​10) Guyyaan kun ‘guyyaa dheekkamsi Waaqayyoo’ guutummaa biyya lafaa isa bulchiinsa Seexanaa jala jirutti itti dhufudha. (Sefaniyaa 2:3) Guyyaan kun “lola guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa danda’u . . . , iddoo afaan Ibrootaatti ‘Armaagedoon’ jedhamutti” kan raawwatamu yeroo ta’u, bakka kanattis ‘mootonni guutummaa biyya lafaa’ ni balleeffamu. (Mul’ata 16:14, 16) Akkaataan jireenyaakee “Guyyaan Waaqayyoo” kun dhihoo ta’uusaa akka amantu ni argisiisaa?​—Sefaniyaa 1:​14-​18; Ermiyaas 25:33.

3. (a) Guyyaan Waaqayyoo yoom dhufa? (b) Yihowaan ‘guyyicha ykn yericha sana’ ibsuu dhiisuunsaa faayidaa maalii qaba?

3 Macaafni Qulqulluun guyyaa Yesus Kiristos sirna Seexanaa kanarratti firdii Yihowaa raawwachiisuuf itti dhufu nutti hin himu. Kana ilaalchisee Yesus akkas jedheera: “Guyyicha sana yookiis yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beekan.” (Maarqos 13:32) Namoonni dhugumaan Yihowaa hin jaallanne, guyyaa Yihowaa fageessanii ilaaluudhaan dhimma dhuunfaasaanii raawwachuutti garagalu. Namoonni dhugumaan Yihowaa jaallatan garuu, guyyaan dhumaa yoomiyyuu yoo dhufe garaa guutuudhaan isa tajaajilu.​—Faarfannaa 37:4; 1 Yohannis 5:3.

4. Yesus akeekkachiisa akkamii kenne?

4 Yesus: “Akeekkadhaa, dammaqaas! Yerichi sun yoom akka ga’u hin beektan” jechuudhaan namoota Yihowaa jaallatan akeekkachiiseera. (Maarqos 13:33-​37) Nyaataafi dhugaatiitti ykn ‘yaaddoo jireenyaatti’ qabamuudhaan yeroon kun ariifachiisaa ta’uusaa akka hin daganne nu akeekkachiiseera.​—Luqaas 21:34-​36; Maatewos 24:37-​42.

5. Akka Phexros ibsetti guyyaa Waaqayyootti maaltu ta’a?

5 Phexrosis akkas jechuudhaan akeekkachiisa kenneera: “Dhufa guyyaa Waaqayyoo in eeggattu . . . Guyyaa sanaafis bantiiwwan waaqaa ibiddaan gubatanii wal in gad dhiisu; ijoon uumama lubbuu hin qabne hundinuus ho’a ibiddaatiin in baqa.” “Bantiiwwan waaqaa” jechuunis bulchiinsi ilmaan namootaa hundi, ‘lafaafi’ ‘ijoo uumama lubbuu hin qabne’ kan jedhaman hundi ni balleeffamu. Yaanniifi hojii hamaan biyyi lafaa hordofu jechuunis Waaqayyorraa adda ba’anii jiraachuun, akkasumas akkaataan jireenyaa amala addaggummaatiin guutameefi qabeenyaaf bakka guddaa kennu ni balleeffama. Wantoonni kunis “bantiiwwan waaqaa haaraa” jechuunis [Mootummaa Waaqayyoo isa samiifi] “lafa haaraa” jechuunis [bulchiinsa ilmaan namootaa haaraa] ‘warra qajeelummaan keessa buufatuun’ bakka buufama. (2 Phexros 3:​10-​13) Wantoonni biyya lafaa hunkuran kun dingata guyyaafi sa’aatii hin yaadamnetti raawwatamuu danda’u.​—Maatewos 24:44.

Milikkiticha Dammaqinaan Eeggadhu

6. (a) Gaaffii bartoonnisaa gaafataniif deebiin Yesus kenne dhuma sirna Yihudootaarratti raawwiisaa kan argate hanga maaliitti ture? (b) Deebii Yesus kenne keessaa wantoota bara 1914 asitti raawwatamanirratti kan xiyyeeffatan maalfa’i?

6 Haala yeroo keessa jirrurraa ka’uudhaan, milikkitoonni “dhuma barichaa” keessa akka jirru argisiisan hunda hubachuu qabna. Gaaffii bartoonnisaa Maatewos 24:3⁠rratti isa gaafataniif deebiin Yesus lakkoofsa 4-22⁠rratti kenne tokko tokko, Yihudoota Dh.K.B. bara 33 hamma 70 turanirratti hanga tokko raawwii akka argatan yaadadhu. Haata’u malee, raajiin kun raawwiisaa isa guddaa kan argate bara 1914 jalqabee, jechuunis guyyaa ‘dhufa [argamuu, NW] Kiristosittiifi dhuma barichaattidha.’ Maatewos 24:23-​28 Dh.K.B bara 70 kaasee hanga argamuu Kiristositti maaltu akka ta’u nutti hima. Raajiin Maatewos 24:⁠29–25:46⁠rratti ibsaman raawwiisaanii kan argatan bara dhumaa kana keessadha.

7. (a) Hundi keenyayyuu wantoonni yeroo ammaatti raawwatamaa jiran raawwii milikkitichaa akka ta’an hubachuu kan qabnu maaliifi? (b) Milikkitoonni kun bara 1914 asitti akkamitti akka raawwatamaa jiran ibsuudhaan, gaaffiiwwan dhuma keeyyatichaarra jiran deebisi.

7 Hundi keenyayyuu wantoota yeroo ammaatti raawwii milikkitichaa ta’an xiyyeeffannaadhaan hordofuu qabna. Wantoota kana raawwii raajii Macaafa Qulqulluu wajjin wal qabsiisnee ilaaluun keenya, yeroo hundumaa dhufa guyyaa Waaqayyoo akka eeggannu nu gargaara. Akkasumas guyyaan kun dhihaachuusaa haala amansiisaa ta’een namoota kaanitti akka himnu nu dandeessisa. (Isaayaas 61:​1, 2) Kana sammuutti qabachuudhaan, raawwii milikkitichaa kan ta’an Maatewos 24:7 fi Luqaas 21:10, 11⁠rratti hundoofnee gaaffiiwwan kanatti aansanii jiran haa qorannu.

 Raajiin ‘sabni sabarratti mootummaanis mootummaarratti’ ka’uusaa dubbatu bara 1914 jalqabee haala adda ta’een raawwiisaa kan argate akkamitti? Waraanaa wajjin haala walqabateen wanti yeroo sanaa asitti raawwatame maalidha?

 Bara 1918⁠tti dhukkubni Waraana Addunyaa Tokkoffaa caalaa lubbuu namoota hedduu galaafate maalidha? Namoonni dhukkuba hedduudhaaf qoricha kan argatan yoo ta’ellee, dhukkuboonni namoota miliyoonaan lakkaa’aman ajjeesaa jiran maalfa’i? (Brooshuura Dammaqinaan Eegaa! jedhu, fuula 4, keeyyata 4 ilaali.)

 Waggoota dhibba darbanitti gama saayinsiitiin guddinni yoo jiraatellee, hanqinni nyaataa ilmaan namootaa hammam miidheera?

 Raajiin 2 Ximotewos 3:​1-5, 13⁠rratti argamu durumaa kaasee kan ture utuu hin ta’in, guyyoota gara dhumaa kanatti wantoonni gadheen caalaatti babal’achaa dhufuusaanii kan argisiisudha jettee akka amantu kan si godhu akkamitti?

Namoota Gargar Fo’uu

8. (a) Maatewos 13:24-​30, 36-​43⁠rratti wanti Yesus haala dhuma barichaa wajjin wal qabsiisee ibse garabiraan maalidha? (b) Fakkeenyi Yesus hiika maalii qaba?

8 Yesus dhuma barichaa wajjin wal qabsiisuudhaan wanta dubbate garabiraas qaba. Wantoota kana keessaa inni tokko hojii “ilmaan mootummaa” fi “ilmaan isa hamaa” gargar fo’uuti. Yesus waa’ee diina maasii qamadii keessa inkirdaada facaasee fakkeenya yeroo dubbatetti wanta kana ibseera. Fakkeenyasaa keessatti “qamadiin” Kiristiyaanota dibamoo warra dhugaa kan argisiisu yeroo ta’u; ‘inkirdaadnimmoo’ namoota Kiristiyaana ofiin jedhaniifi biyya lafaa isa Seexanni seerratu kanatti cichanii jiraachuusaaniitiin “ilmaan isa hamaa” ta’uusaanii argisiisanidha. Namoonni kun “ilmaan mootummaa [Waaqayyoorraa]” adda waan ta’aniif badiisaaf kan qophaa’anidha. (Maatewos 13:24-​30, 36-​43) Hojiin gargar fo’uu kun dhugumaan raawwatameeraa?

9. (a) Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda hojii namoota Kiristiyaana ofiin jedhan gargar fo’uu akkamiitu raawwatame? (b) Kiristiyaanonni dibamoon tajaajiltoota Mootummichaa warra dhugaa ta’uusaanii kan mirkaneessan akkamitti?

9 Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda, hojiin namoota Kiristiyaanota ofiin jedhan bakka lamatti gargar fo’uu hojjetamaa tureera. Isaanis (1) Lubootaafi hordoftootasaanii warra sabboonummaadhaaf falmaa, Waldaa Mootummoota Addunyaa (isa yeroo ammaatti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii) jedhamu kan deggeran (2) Kiristiyaanota dhugaa waraanawwan sana dura turaniifi saboota biyya lafaa kanaa utuu hin ta’in Mootummaa Waaqayyoo isa Masiihichaan geggeeffamu guutummaatti akka deggeran kan argisiisanidha. (Yohannis 17:16) Namoonni kun ‘wangeela mootummaa’ kana guutummaa biyya lafaatti lallabuudhaan, tajaajiltoota Mootummaa Waaqayyoo warra dhugaa ta’uusaanii mirkaneessaniiru. (Maatewos 24:14) Kana gochuunsaanii bu’aa akkamii argamsiiseera?

10. Bu’aan ergaa Mootummaa kana lallabuurraa argame inni jalqabaa maalidha?

10 Dura, namoota Kiristosii wajjin samiirratti mootota ta’uuf hafuura Waaqayyootiin dibaman sassaabuutu jalqabame. Namoonni kun saboota adda addaa keessatti tamsa’anii kan argaman yoo ta’anillee, jaarmiyaa tokko jalatti walitti qabamaniiru. Yeroo ammaatti hojiin namoota kanarratti mallattoo gochuu xumuramuu ga’eera.​—Mul’ata 7:3, 4.

11. Yeroo ammaatti hojiin walitti qabuu akkamii raawwatamaa jira? Kun raawwii raajii isa kamiiti?

11 Achiis, qajeelfama Kiristos jalatti hojii “tuuta sonaan baay’ee, saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan” walitti qabuutu jalqabame. Namoonni “hoolota kan biraa” ta’an kun “warra rakkina guddaa keessaa ba’anii” addunyaa haaraa Waaqayyo fidutti galanidha. (Mul’ata 7:​9, 14; Yohannis 10:16) Dhumni dhufuusaa dura hojiin waa’ee Mootummaa Waaqayyoo lallabuu itti fufa. Hoolonni biraan tuuta sonaan baay’ee ta’an yeroo ammaatti lakkoofsisaanii miliyoonaan kan lakkaa’amu yeroo ta’u, hojii ergaa Mootummichaa lallabuurratti amanamummaadhaan dibamtoota gargaaraa jiru. Ergaan kun biyyoota hundumaatti dhaga’amaa jira.

Gara Fuulduraatti Maaltu Ta’a?

12. Guyyaan Waaqayyoo utuu hin dhufin dura hojiin lallabaa hammam hojjetamuu qaba?

12 Wantoonni olitti ibsaman hundi guyyoota gara dhumaa keessa jiraachuu keenyaafi guyyaan Waaqayyoo dhihaachuusaa argisiisu. Haata’u malee, guyyaan Waaqayyoo inni sodaachisaan utuu hin jalqabin dura raajiiwwan raawwatamuu qaban garabiraan jiruu? Eeyyee jiru. Haala Mootummaa Waaqayyoo wajjin wal qabateen hojiin raawwatamaa jiruufi namoota gargar fo’uu ammayyuu hin xumuramne. Biyyoota waggoota dheeraadhaaf hojii kana mormaa turanitti yeroo ammaatti lakkoofsi bartoota haaraa dabalaa jira. Bakka namoonni misiraachoo kana dhaga’uu didanittillee, dhugaa ba’uu keenyaan araarri Yihowaa mul’achaa jira. Kanaafuu, misiraachoo kana lallabuu keessan itti fufaa! Yeroo hojichi raawwatu dhumni akka dhufu Yesus dubbateera.

13. 1 Tasaloniiqee 5:​2, 3⁠rratti akka ibsametti, wanti guddaan gara fuulduraatti raawwatamu maalidha? Kun maal nu hubachiisa?

13 Raajiin Macaafa Qulqulluu hiika guddaa qabuufi gara fuulduraatti raawwatamu kaanimmoo akkas jedha: “‘Nagaa dha, gabii dhas’ utuma jedhanii, badiisi itti hin yaadamin akka ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufutti isaan irra in ga’a; kana jalaa ba’uunis hin jiru.” (1 Tasaloniiqee 5:​2, 3) Labsiin “nagaa dha, gabii dhas” jedhu kun akkamiitti akka raawwatamu gara fuulduraatti kan ilaalamu ta’a. Kana jechuun garuu bulchitoonni biyya lafaa rakkoowwan ilmaan namootaatiif furmaata argataniiru jechuu miti. Namoonni yeroo hundumaa dhufa guyyaa Waaqayyoo eeggatan labsii kanaan hin gowwoomsaman. Labsii sana booda dingata badiisni akka dhufu beeku.

14. Yeroo rakkina guddaatti wantoota akkamiitu raawwatama? Kun kan raawwatamu akkamitti?

14 Yeroo rakkinni guddaan jalqabu, mootonni biyya lafaa dhaabbata amantii sobaa kan taate Baabilon Guddittiirratti ka’uudhaan ishee balleessu. (Maatewos 24:21; Mul’ata 17:15, 16) Sana booda saboonni namoota olaantummaa Yihowaa deggeranirratti ka’u. Achiis Yihowaan mootummoota siyaasaafi warra isaaniin deggeranirratti ka’ee guutummaatti isaan balleessa. Rakkinni guddaanis karaa kanaan Armaagedoonitti raawwiisaa argata. Sana booda Seexanniifi hafuuronni hamoon gara lafa jalaatti waan darbatamaniif ilmaan namootaarratti dhiibbaa gochuu hin danda’an. Guyyaan Waaqayyoo karaa kanaan kan raawwatamu yeroo ta’u, kunis Maqaan Yihowaa akka ol ol ta’u godha.​—Hisqi’el 38:18, 22, 23; Mul’ata 19:⁠11–​20:3.

15. Dhufni guyyaa Waaqayyoo ammayyuu fagoodha jennee yaaduun sirrii kan hin taane maaliifi?

15 Guyyaan dhuma sirna kanaa yeroo Yihowaan murteessetti dhufa. Hin turu. (Anbaaqom 2:3) Badiisni Yerusaalemirra Dh.K.B bara 70⁠tti ga’e, yeroo Yihudoonni guyyichi darbeera jedhaniifi hin eegnetti dingata akka isaanitti dhufe yaadadhu. Baabilon ishee duriirra badiisni kan ga’ehoo akkamitti? Gamoowwan dhedheeroodhaan kan marfamte, humna guddaa kan qabduufi sodaa tokko malee kan jiraattu turte. Haata’u malee halkanuma tokkotti kufteetti. Haaluma wal fakkaatuun sirna hamaa kanarrattis badiisni dingata ni dhufa. Kanaafuu, yeroo hundumaa dhufa guyyaa Waaqayyoo eeggachuudhaan waaqeffannaa dhugaatti tokko taanee haa argamnu.

Maree Irra Deebii

• Yeroo hundumaa dhufa guyyaa Waaqayyoo eeggachuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

• Hojiin namoota gargar fo’uu yeroo ammaatti raawwatamaa jiru kan nu tuqu akkamitti?

• Dhufa guyyaa Waaqayyoo dura wantoota akkamiitu raawwatamuu qaba? Kanaafuu dhuunfaatti maal gochuu qabna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 180rra jiru]

Guyyoonni gara dhumaa badiisa yeroo dhihootti sirna Seexanaarra ga’uun xumuramu