Filannaa Dhuunfaa

Tajaajila gaarii akka argattu si gargaaruuf kuusyaadannoo (cookies) fi teeknoolojiiwwan walfakkaatanitti fayyadamna. Kuusyaadannoon tokko tokko weebsaayitiin keenya akka hojjetu gochuuf waan barbaachisaniif irratti walii galuun dirqama. Kuusyaadannoowwan dabalataa itti fayyadama kee fooyyessan fudhachuu ykn diduu ni dandeessa. Daataa kana matumaa hin gurgurru ykn daldalaaf itti hin fayyadamnu. Odeeffannoo dabalataatiif Global Policy on Use of Cookies and Similar Technologies dubbisi. Filannaa kee yeroo kamittiyyuu Filannaa Dhuunfaa keessaa sirreessuu ni dandeessa.

Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 31

Museefi Aaron Fara’oon Duratti Dhihaatan

Museefi Aaron Fara’oon Duratti Dhihaatan

MUSEEN biyya Gibxiitti yommuu deebi’u waa’ee dinqiiwwan sana hundaa Aaronitti hime. Achiis, Museeniifi Aaron dinqiiwwan sana warra Israa’elitti yommuu argisiisan, namoonni hundinuu Yihowaan isaanii wajjin ta’uusaa hubatan.

Achiis Museeniifi Aaron Fara’oon bira dhaqanii: ‘Waaqni Israa’el Yihowaan, “Sabni koo lafa onaatti akka na waaqeffataniif guyyaa sadiif isaan gadhiisi”’ jedha jedhanii isatti himani. Fara’oon garuu: ‘Ani Yihowaatti hin amanu. Israa’elootas hin gadhiisu’ jedhe.

Sabni Israa’el, hojii dhiisee Yihowaa Waaqeffachuu waan barbaadeef Fara’oon aaree ture. Kanaafuu, hamma kanaan dura hojjetan caalaatti akka hojjetan isaan dirqisiise. Warri Gibxii Israa’elootatti caalaatti waan hammaataniif, Israa’eloonni Musee komatan; innis baay’ee gadde. Yihowaan Museedhaan: ‘Ani, Fara’oon saba koo akka gadhiisu nan godha hin dhiphatin’ jedheen.

Museefi Aaron ammas Fara’oon bira dhaqan. Amma dinqii itti argisiisan. Aaron uleesaa lafatti yeroo darbatu bofa guddaa ta’e. Haata’u malee, beektonni Fara’oonis uleewwan lafatti darbatan; uleewwan sunis bofa ta’an. Garuu ilaali! Bofti Aaron, bofoota beektota sanaa liqimsaa jira. Ammayyuu Fara’oon Israa’eloota hin gadhiisne.

Amma Yihowaan Fara’ooniif barumsa kennuuf jedha. Kana kan godhe akkamitti akka ta’e beektaa? Dha’icha 10 fidee biyya Gibxiirratti rakkoo guddaa geessisuudhaani.

Dha’ichi baay’een erga itti dhufee booda Fara’oon Museetti ergee: ‘Dha’ichi nurraa haadhaabatu, warra Israa’el nan gadhiisa’ jedhe. Haata’u malee, yommuu dha’ichichi isaanirraa deebi’u, Fara’oon yaadasaa jijjiire. Israa’eloota hin gadhiisne. Dhumarratti garuu, erga dha’ichi 10⁠ffaan irra ga’ee booda, Fara’oon Israa’eloota gadhiise.

Dha’ichi kurnan kun maal maal akka ta’an beektaa? Fuula itti aanu baasiitii waa’eesaanii haa barannu.