Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jijjiiramnin Qaama Koorratti Argu Maalidha?

Jijjiiramnin Qaama Koorratti Argu Maalidha?

BOQONNAA 6

Jijjiiramnin Qaama Koorratti Argu Maalidha?

“Yeroo gabaabaa keessatti baayʼeen dheeradhe. Kunis dhukkubbiin akka natti dhagaʼamu godheera. Guddachuun koo kan na gammachiise taʼus, miila koorratti dhukkubbiin natti dhagaʼama ture. Kunimmoo baayʼee na aarse.”—Pool.

“Qaama keerratti jijjiirama argaa jirta, jijjiirama kana garuu namni kan biraan hin hubatu jettee yaadda taʼa. Haa taʼu malee, namni tokko ‘Tafni kee balʼateera’ siin jedha; yaanni akkasii baayʼee nama dhiphisa.”—Shaaneel.

MAATII kee wajjin naannoo jireenyaa keessan jijjiirtanii beektuu? Naannoo haaraatti baruun salphaa miti. Mana kee, mana barumsaa kee fi hiriyoota kee dabalatee wantoota beektu hundumaa dhiistee deemta. Naannoo haaraatti baruun yeroo sitti fudhachuu dandaʼa.

Saal-lammessoon umurii qaamni kee gara gaʼeessummaatti itti guddatudha; kun jijjiirama guddaadha. Karaa kan biraatiin haalli isaa akkuma waan naannoo haaraa jiraachuu jalqabuuti. Jijjiiramni kun namatti tolaa? Eeyyee. Jijjiiramni yeroo gara gaʼeessummaatti guddachaa deemtu si mudatu garuu miirri kee akka jijijjiiramu gochuu dandaʼa; kanatti baruun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Yeroo kanatti jijjiirama akkamiitu si mudata?

Jijjiirama Shamarran Mudatu

Umuriin dargaggummaa yeroo itti jijjiiramni hedduun nama mudatudha. Jijjiiramoonni tokko tokko qaama keerratti mulʼatu. Fakkeenyaaf, hoormonoonni naannoo qaama saalaa keetti rifeensi akka biqilu godhu. Kana malees, harmi kee, tafni kee, gudeedni kee fi teessumni kee guddachaa akka jiru hubachuu dandeessa. Suutuma suuta ijoollummaarraa gara durba geessuutti guddachaa deemta. Kun jijjiirama shamarran hundi keessa darban waan taʼeef si yaaddessuu hin qabu. Kana malees, jijjiiramni kun ragaa qaamni kee dhala godhachuu akka dandeessuuf of qopheessaa akka jiru argisiisudha.

Umurii saal-lammeessoo keessa erga galtee yeroo muraasa booda, laguu arguu eegalta. Akka gaariitti hin qophoofne taanaan jijjiiramni kun si sodaachisuu dandaʼa. Shamarreen Samaantaa jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroon laguu arguu jalqabetti of hin qopheessinen ture. Akkan xuraaʼe natti dhagaʼame. Guutummaan qaama kootii waan na jibbisiiseef qaama koo sirriitti rigee dhiqachuun jalqabe. Waggoota sana booda jiranitti jiʼa jiʼaan laguu akkan argu yaaduun koos na sodaachise.”

Marsaan laguu ragaa qaamni kee dhala godhachuu akka dandeessuuf of qopheessaa akka jiru argisiisu akka taʼe dagachuu hin qabdu. Yeroo kanatti haadha taʼuuf qophaaʼaa taʼuu baattus yeroo booda durba geessuu taata. Taʼus, laguu arguun kee si dhiphisuu dandaʼa. Shamarreen Keelii jedhamtu akkana jetteetti: “Wanti baayʼee natti ulfaate jijjiirama gama miiraatiin na mudate ture. Guyyaa guutuu gammadaa oolee galgaluma sana kanan booʼu maaliif akka taʼe beekuu dhiisuun koo na aarsa ture.”

Miirri akkasii sitti dhagaʼamaa jira taanaan obsi. Yeroo booda jijjiirama si mudate wajjin wal barta. Shamarreen waggaa 20 Aneet jedhamtu akkana jetteetti: “Jijjiiramni kun durba geessuu taʼuuf barbaachisaa akka taʼee fi Yihowaan dandeettii dhala godhachuu akka naaf kenne amaneen fudhadhe. Jijjiirama kana amananii fudhachuun yeroo gaafata, shamarran tokko tokkoofimmoo baayʼee ulfaataadha. Taʼus, yeroo booda jijjiirama si mudate amantee fudhatta.”

Jijjiirama olitti ilaalle tokko tokko ofirratti arguu jalqabdeettaa? Jijjiirama si mudachaa jiru ilaalchisee gaaffii qabdu kamiyyuu sarara armaan gadiirratti barreessi.

․․․․․

Jijjiirama Dhiirota Mudatu

Umuriin saal-lammeessoo bifa dhiirotaarratti jijjiirama guddaa fida. Fakkeenyaaf, gogaan kee cululuquu isaatiin kan kaʼe finniisnii fi xuqaan gugurraachi fuula keerratti baʼuu dandaʼa. a Dargaggeessi waggaa 18 Maat jedhamu akkana jedheera: “Finniisni kun hundi yeroo namatti baʼu baayʼee nama aarsa. Ofirraa balleessuun carraaqqii cimaa gaafata. Sirraa baduu isaa ykn godaannisa kan sirratti hambisu taʼuu isaa hin beektu; ilaalchi namoonni yeroo fuula kee argan siif qabaatanis si yaaddessa.”

Jijjiiramni qaama keerratti mulʼatu hundi kan si miidhu miti. Fakkeenyaaf, qaamni kee guddachaa fi cimaa akka jiru, akkasumas gateettiin kee balʼachaa akka jiru hubachuu dandeessa. Kana malees, umurii saal-lammeessootti luka keerratti, qoma keerratti, fuula keerrattii fi bobaa kee jalatti rifeensi biqiluu dandaʼa. Baayʼinni rifeensa qaama keerratti biqiluu dhiirummaa wajjin kan wal qabatu miti; kanaa mannaa wanta sanyiidhaan dhaaltudha.

Kutaan qaamaa kee hundi wal faana waan hin guddanneef hamma tokko qaaniin sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Duwaan akkana jedheera: “Akka waan lafee hin qabneetti sitti dhagaʼama. Ergaan sammuun koo erge miilaa fi harka koo bira kan gaʼu torbee tokko booda fakkaata ture.”

Walakkeessa umurii waggoota kurnaniirra yeroo geessu sagaleen kee suutuma suuta furdachaa deema. Yeroo tokko tokko garuu sagaleen kee akkuma tasaa gidduutti qalʼatee si qaanessuu dandaʼa. Taʼus, haalli kun si dhiphisuu hin qabu. Yeroo booda sagaleen kee jijijjiiramuu ni dhiisa. Hammasitti garuu kolfitee bira darbuun kee qaanii sitti dhagaʼamu siif hirʼisa.

Qaamni kee sadarkaa sirna wal hormaataatiif yeroo gaʼu qaamni saalaa kee ni guddata, akkasumas naannoo qaama saalaa keetti rifeensi ni biqila. Kana malees, qaamni kee sanyii oomishuu jalqaba. Dhangalaʼaan kunis miʼoo ijaan hin mulʼannee fi miliyoonaan lakkaaʼamu qabateera; dhangalaʼaan kun yeroo saalqunnamtiin raawwatamutti ni yaaʼa. Miʼoon tokko hanqaaquu dhalaa yoo argate daaʼimni akka uumamu gochuu dandaʼa.

Dhangalaʼaan kun qaama kee keessatti oomishama. Yeroo tokko tokko ofuma isaatiin bada, yeroo tokko tokkommoo halkan yeroo raftu dhangalaʼuu dandaʼa. Kun waanuma jirudha. Haalli akkasii Kitaaba Qulqulluu keessattillee caqasameera. (Leewwota 15:16, 17) Kun taʼuun isaa sirni wal hormaataa kee akka hojjetuu fi gara gaʼeessummaatti guddachaa akka jirtu argisiisa.

Jijjiirama olitti ilaalle tokko tokko ofirratti arguu jalqabdeettaa? Jijjiirama si mudachaa jiru ilaalchisee gaaffii qabdu kamiyyuu sarara armaan gadiirratti barreessi.

․․․․․

Miira Haaraa Dandamachuu

Dhiironnis taʼan shamarran sirna wal hormaataatiif yeroo gaʼan saala faallaatiif miira kanaan dura hin qabne qabaachuu jalqabu. Maat akkana jedheera: “Yeroon umurii saal-lammeessoorra gaʼu akkuma tasaa shamarran babbareedoo taʼan hedduun akka jiran nan hubadhe. Taʼus, hamman guddadhutti shamarree kamiyyuu wajjin hariiroo jaalalaa jalqabuu akkan hin dandeenye yeroon beeku nan aare.” Boqonnaa 29​ffaa kitaaba kanaarratti dhimma kana ilaalchisee ibsi balʼaan kennameera. Ammaaf garuu fedhii saalaa kee toʼachuu barachuun kee barbaachisaa akka taʼe hubachuu qabda. (Qolosaayis 3:5) Ulfaataa akka taʼe yoo sitti dhagaʼameyyuu of toʼachuuf filachuu ni dandeessa.

Umurii saal-lammeessoorratti miirawwan dandamachuun si barbaachisu kan biroonis jiru. Fakkeenyaaf, salphaatti ilaalcha gad aanaa ofiif qabaachuu dandeessa. Kophummaan sitti dhagaʼamuu fi yeroo muraasaaf dhiphinni si mudachuu dandaʼa. Yeroo haalli akkasii si mudatutti warra kee ykn nama gaʼeessa amantu kan biraa haasofsiisuun kee gaariidha. Maqaa nama gaʼeessa miira sitti dhagaʼamu itti himuu dandeessu tokkoo barreessi.

․․․․․

Guddina Baayʼee Barbaachisaa Taʼe

Guddinni baayʼee barbaachisaa taʼe dheerina kee, boca qaama keetii ykn bifa fuula keetii miti; kana mannaa, guddina karaa sammuu, karaa miiraa fi hundumaa caalaammoo karaa hafuuraa gootudha. Phaawulos ergamaan akkana jedheera: “Yeroon ijoollee turetti, akka ijoolleetti nan dubbadha, akka ijoolleetti nan yaada, akka ijoolleetti nan xiinxalan ture; amma garuu nama guddaa waanan taʼeef, amala ijoollummaa dhiiseera.” (1 Qorontos 13:11) Yaanni isaa ifadha. Nama gaʼeessa fakkaachuun qofti gaʼaa miti. Akka nama gaʼeessaatti hojjechuu, dubbachuu fi yaaduu barachuu qabda. Hamma keessa namummaa kee dagattutti waaʼee jijjiirama qaama keerratti mulʼatuu hin yaaddaʼin.

Waaqayyo kan ilaalu “garaa namaa” akka taʼe hin dagatin. (1 Saamuʼel 16:7) Kitaabni Qulqulluun Saaʼol Mootichi dheeraa fi miidhagaa akka taʼe dubbata; taʼus akka mootiittis taʼe akka nama tokkootti milkaaʼina hin arganne. (1 Saamuʼel 9:2) Faallaa kanaatiin Zakkewoos “gabaabaa” taʼus, akkaataa jireenyaa isaa jijjiiruu fi barataa Yesuus taʼuuf cimina keessaa qaba ture. (Luqaas 19:2-10) Kanaafuu, wanti baayʼee barbaachisaa taʼe namummaa keenya isa keessaa akka taʼe ifadha.

Waaʼee waan tokkoo mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya: Saffisa guddina qaama keenyaa dabaluus taʼe hirʼisuu hin dandeenyu. Kanaafuu, jijjiirama qaama keerratti argitu jibbuu ykn sodaachuu mannaa, gammachuudhaan jijjiirama si mudate amanii fudhadhu. Umuriin saal-lammeessoo dhibee miti; umurii kana keessa kan darbus si qofa miti. Haala rakkisaa yeroo kanatti si mudatu dandamachuu ni dandeessa. Umurii saal-lammeessoo keessa yeroo darbitu nama gaʼeessa taata.

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Daawwitiidhaan yeroo of ilaaltu wanta argitu hin jaallattu yoo taʼe hoo? Bifa keetiif ilaalcha madaalamaa qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

[Miiljalee]

a Haalli akkasii shamarraniinis ni mudata. Yeroo baayʼee rakkina kana gogaadhaaf kunuunsa gochuudhaan toʼachuun ni dandaʼama.

CAQASA IJOO

Karaa dinqisiisaa taʼeen tolfamuun koo sodaadhaan waan na guutuuf sin jajadha.Faarfannaa 139:14.

GORSA GAARII

Qaamni kee guddachuu yeroo jalqabu uffata fedhii saalaa kakaasu akka hin uffanne of eeggadhu. Yeroo hunda “karaa kabaja qabuu fi hubannaadhaan” uffadhu.—1 Ximotewos 2:9.

KANA BEEKTAA?

Umuriin saal-lammeessoo dursee, jechuunis waggaa saddeetitti ykn turee naannoo walakkeessa umurii waggoota kurnaniitti jalqabuu dandaʼa.

WANTAN GOCHUU YAADE

Gara gaʼeessummaatti guddachaa yeroon deemu amalan caalaatti fooyyeffachuu barbaadu ․․․․․

Karaa hafuuraa guddina gochuuf akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

Jijjiirama qaamaa fi miiraa umurii saal-lammeessoorratti mudatu dandamachuun baayʼee ulfaataa kan taʼe maaliifi?

Jijjiirama kana ilaalchisee wanti baayʼee sitti ulfaate maalidha?

Umurii saal-lammeessoorratti jaalalli Waaqayyoof qabdu qabbanaaʼuu kan dandaʼu maaliifi? Kun akka hin taane gochuu kan dandeessu hoo akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 61rra jiru]

Umurii dargaggummaarratti sodaan nutti dhagaʼamuu dandaʼa; jijjiirama qaamni kee godhu beekuu dhiisuu dandeessa. Yeroo guddachaa deemtu garuu jijjiirama si mudatu fudhachuu barachaa deemta.’’—Aneet

[Saanduqa fuula  63, 64rra jiru]

Warra Koo Wajjin Waaʼee Saalqunnamtii Haasaʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

“Waaʼee saalqunnamtii gaaffii yoon qabaadhes warra koo hin gaafadhu.”—Beet.

“Waaʼee kanaa kaasuuf ija jabina hin qabu.”—Deeniis.

Atis akkuma Beetii fi Deeniis sitti dhagaʼama yoo taʼe haala baayʼee ulfaataa taʼe keessa jirta jechuudha. Waaʼee saalqunnamtii beekuu barbaadda; warri kee deebii isaa kan beekan taʼus ati garuu isaan gaafachuu hin barbaaddu. Wantoonni si yaaddessan baayʼeen jiru taʼa:

Waaʼee koo maal yaadu?

“Akka na shakkan waanan hin barbaanneef waaʼee kanaa isaan hin gaafadhu.”—Jeesiikaa.

“Yeroo hundumaa ijoollee fi homaa kan hin beekne taatee akka jiraattu barbaadu; waaʼee saalqunnamtii isaanitti yoo kaaste garuu, sana booda ilaalcha akkasii siif hin qabaatan.”—Beet.

Deebii akkamii naaf kennu laata?

“Warri koo dubbadhee utuun hin fixin ofuma isaaniitiin xumura tokkorra gaʼanii gorsa hedduu naa kennuu jalqabu jedheen sodaadha.”—Gilooriyaa.

“Warri koo miira isaanii dhoksuun isaan rakkisa; kanaafuu, waaʼee kanaa yeroon isaanitti kaasu fuula isaaniirratti miira gaddaa yoon arge hoo jedheen sodaadha. Abbaan koommoo utuman dubbadhuu gorsa akkamii akka naa kennu yaada taʼa.”—Paam.

Sababiin itti gaafadhe dogoggoraan hubatuu laata?

“Tarii naasuudhaan, ‘Saalqunnamtii raawwachuuf qoramtee turtemoo?’ ykn ‘Hiriyoonni kee dhiibbaa sirratti gochaa jirumoo?’ jedhanii si gaafachuu dandaʼu. Ati garuu kan gaafatte beekuuf qofa taʼuu dandaʼa.”—Liisaa.

“Abbaan koo yeroon waaʼee dhiira tokkoo kaasu hundatti ni dhiphata. Achiis yeruma sana waaʼee saalqunnamtii natti himuu jalqaba. Anis keessa kootti akkanan jedha: ‘Aabbaa, ani gurbaan kun akka bareedu qofan dubbadheem. Waaʼee gaaʼelaa ykn waaʼee saalqunnamtii homaa hin dubbanne.’”—Isteesii.

Akkuma ati waaʼee saalqunnamtii warra kee wajjin haasaʼuun si qaanessu warri kees waaʼee kanaa si wajjin haasaʼuun isaan qaanessuu akka dandaʼu beekuun kee si jajjabeessa taʼa. Gabaasa warri dhibbeentaa 65 taʼan ijoollee isaanii wajjin waaʼee saalqunnamtii akka haasaʼan ibsu tokkorratti ijoolleen marii akkasii akka godhan yaadatan dhibbeentaa 41 qofa taʼuun isaa warri waaʼee kanaa mariʼachuun akka isaan qaanessu argisiisa.

Warri kee waaʼee saalqunnamtii si wajjin haasaʼuurraa duubatti jedhu taʼa. Tarii kana kan godhan warri isaanii waaʼee kanaa matumaa isaaniitti kaasanii waan hin beekneef taʼuu dandaʼa. Sababni isaa maaliyyuu yoo taʼe warra kee dirqisiisuuf hin yaalin. Tarii waaʼee kanaa kaasuuf dursa fudhachuun kee lamaan keessaniyyuu fayyaduu dandaʼa. Akkamitti?

Marii Jalqabuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Warri kee saalqunnamtii ilaalchisee gorsa ogummaarratti hundaaʼe siif kennuu dandaʼu. Sirraa kan eegamu marii jalqabuu qofadha. Akkana gochuuf yaali:

1 Waaʼee kanaa kaasuun si sodaachisus ifatti haasaʼuu akka barbaaddu dubbadhu. “. . . jettanii akka hin yaanne waanan sodaadheef waaʼee kanaa kaasuun xinnoo natti ulfaata.”

2 Achiis warra kee haasofsiisuu kan barbaadde maaliif akka taʼe isaanitti himi. “Garuu gaaffii tokkon qaba, nama kan biraa gaafachuurra isinuma gaafachuun barbaada.”

3 Achiis gaaffii kee ifatti dubbadhu. “Gaaffiin koo . . . ”

4 Dhuma marii keessaniirratti gara fuulduraattis deebitee isaan haasofsiisuuf haala mijeessi. “Gaaffii kan biraa yoon qabaadhe deebiʼee isin haasofsiisuu nan dandaʼa mitii?”

Warri kee tole akka siin jedhan kan beektu taʼus deebii isaanii dhagaʼuun kee gara fuulduraatti isaan haasofsiisuu yeroo barbaaddu bilisummaan akka sitti dhagaʼamu godha. Kanaafuu, yaadawwan kana hojiirra oolchuuf yaali. Yaada shamarreen waggaa 24 Tiriinaa jedhamtu kenniterratti walii galuun kee hin oolu. Akkana jetteetti: “Haadha koo wajjin yeroo haasaʼaa turretti waaʼeen kanaa utuu kaʼuu baatee jedhee hawwee akkan ture nan yaadadha. Amma garuu haati koo waaʼee kanaa ifatti na haasofsiisuun ishii na gammachiiseera. Eegumsa guddaa naaf godheera.”

[Fakkii fuula 59rra jiru]

Umurii ijoollummaa keessaa baʼuun akkuma waan naannoo jireenyaa dhiisanii deemuuti; taʼus jijjiirama kanatti baruun ni dandaʼama