Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jijjiiramoota Si Mudatan

Jijjiiramoota Si Mudatan

KUTAA 2

Jijjiiramoota Si Mudatan

Akkaataan qaamni kee itti guddachaa jiru sitti hin toluu?

□ Eeyyee □ Lakki

Jijjiiramni umurii saal-lammeessoorratti si mudate kophummaan ykn sodaan akka sitti dhagaʼamu godheeraa?

□ Eeyyee □ Lakki

Waaʼee saala faallaa yaaduudhaan saʼaatii dheeraa ni dabarsitaa?

□ Eeyyee □ Lakki

Gaaffilee oliitiif “Eeyyee” isa jedhurratti mallattoo gooteetta taanaan hin dhiphatin; kun rakkina akka qabdu kan argisiisu miti. Dhugaan isaa kanadha: Jijjiiramni qaamaa fi miiraa umurii dargaggummaarratti si mudatu gammachuu fi dhiphinni, akkasumas miirri garaa garaa akka sitti dhagaʼamu godha. Yeroo hundumaa gaʼeessa taʼuu akka barbaaddu beekamaadha; taʼus amma adeemsi gara gaʼeessummaatti geessu jalqabeera; tarii adeemsi kun sodaachisaa taʼuu dandaʼa. Boqonnaan 6-8 jijjiiramoota jireenya kee keessatti si mudatan dandamachuuf si gargaara.

[Fakkii guutuu fuula 56, 57rra jiru]