Bashannana Akkamiin Filachuu Qaba?
BOQONNAA 32
Bashannana Akkamiin Filachuu Qaba?
Dhugaa ykn soba isa jedhurratti mallattoo godhi.
Kitaabni Qulqulluun akka jedhutti . . .
Ispoortiirratti hirmaachuun yeroo hunda dogoggora.
□ Dhugaa □ Soba
Fiilmiiwwanii fi sagantaawwan televizyinii hundi miidhaa qabu.
□ Dhugaa □ Soba
Shubbisni hundi dhorkamaadha.
□ Dhugaa □ Soba
Fakkeenya 20:29) Amma kan barbaaddu bashannanuudha.
TORBAN guutuu ciminaan hojjechaa turte. Harʼammoo barumsi hin jiru. Hojii mana keessaas xumurteetta. Taʼus dargaggeessa waan taateef ammayyuu dadhabbiin sitti hin dhagaʼamu. (Hiriyoonni kee Kitaabni Qulqulluun bashannanuu fi yeroo gaarii dabarsuu akka dhorku isaanitti dhagaʼama taʼa. Garuu kun dhugaadhaa? Mee yaadawwan fuula darberratti ibsaman kaasnee Kitaabni Qulqulluun bashannana ilaalchisee maal akka jedhu haa ilaallu.
● Ispoortiirratti hirmaachuun yeroo hunda dogoggora.
Soba. Kitaabni Qulqulluun, ‘leenjiin qaamaa akka fayyadu’ dubbata. (1 Ximotewos 4:8) Jechi Afaan Giriikii asirratti Phaawulos itti fayyadamee fi “leenjii” jedhamee hiikame ‘leenjii jiminaastikii’ jechuu yeroo taʼu, ispoortiis ni argisiisa. Yeroo harʼaatti saayikilii oofuu, suksukuu, teenisii, kubbaa kaachoo, kubbaa miilaa fi kubbaa saaphanaa dabalatee ispoortiiwwan sochii qaamaatiif gargaaranii fi nama bashannansiisan hedduun jiru.
Kana jechuun garuu of eeggannoo gochuun si hin barbaachisu jechuudhaa? Yaada naannoo caqasa olitti ibsamee jiru ilaali. Phaawulos ergamaan Ximotewos isa dargaggeessa taʼeef gorsa akkana jedhu kenneera: “Leenjiin qaamaa wanta muraasaaf fayyada; Waaqayyoof buluun garuu, jireenya ammaatiifis taʼe jireenya isa dhufuuf abdii waan qabuuf, wanta hundumaatiif fayyada.” Wanti Phaawulos dubbate kun yeroo hundumaa Waaqayyoon gammachiisuuf dursa kennuu akka qabnu nu yaadachiisa. Gaaffilee sadan armaan gadii of gaafachuudhaan yeroo ispoortii tokko filattuttillee Waaqayyoof buluuf dursa akka kennitu argisiisuu ni dandeessa:
1. Ispoortiin kun hammam balaadhaaf nama saaxila? Wanta namoonni waaʼee ispoortii sanaa dubbatan ykn wanta dargaggoonni ispoortii sana jaallatan miiraan dubbatan qofa amanuu mannaa, dhugaa isaa mirkaneeffadhu. Fakkeenyaaf, gaaffilee armaan gadiirratti yaadi: Namoonni ispoortii kanarratti yeroo hirmaatan miidhaman hammam taʼu? Of eeggannoo akkamiitu
godhamuu qaba? Balaan utuu hin gaʼin ispoortii kanarratti hirmaachuuf leenjii fi meeshaalee akkamiitu barbaachisa? Sochii kamirrattiyyuu balaan uumamuu kan dandaʼu taʼus ispoortiin kun balaa cimaadhaaf ykn duʼaaf kan nama saaxiludhaa?Jireenyi kennaa Waaqayyooti; Seerri Yihowaan Israaʼelotaaf kenne namni tokko akka tasaa lubbuu nama kan biraa yoo balleesse adabbii cimaan akka isaaf kennamu ajaja. (Baʼuu 21:29; Lakkoofsa 35:22-25) Sabni Waaqayyoo yeroo sana turan balaan akka hin uumamne akka of eeggatan jajjabeeffamanii turan. (Keessa Deebii 22:8) Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis lubbuudhaaf kabaja akka argisiisan isaanirraa eegama.
2. Ispoortiin kun hiriyoota gaarii horachuuf na gargaaraa? Dandeettii ispoortii yoo qabaatte hiriyoonni kee fi barsiisonni kee garee mana barumsaa tokkotti akka makamtu dhiibbaa sirratti godhu taʼa. Atis affeerraa isaanii fudhachuuf ni qoramta taʼa. Dargaggeessi Kiristiyaana taʼee fi Maarki jedhamu, “Warri koo garee ispoortii mana barumsaatti akkan makamu kan naaf hin heyyamne maaliif akka taʼe naaf hin galu” jedheera. Warri kee ilaalcha kee akka fudhatan isaan amansiisuuf yaaluu mannaa, dhugaawwan armaan gadiirratti yaadi: Sagantaan shaakalaa fi taphni yeroo baayʼee saʼaatii barumsaatiin alatti geggeeffama. Akka gaariitti kan taphattu yoo taʼe ispoortiidhaaf yeroo dabalataa akka ramaddu jajjabeeffamta. Akka gaariitti hin taphattu taanaanimmoo shaakalarratti yeroo dabalataa akka dabarsitu
dhiibbaan sirratti godhama. Kana malees, miseensonni garee tokkoo yeroo mooʼan gammachuu isaanii, yeroo mooʼamanimmoo gadda isaanii waan waliin ibsaniif michummaa cimaa uumu.Kanaafuu, akkana jedhii of gaafadhu: ‘Sochii dargaggoota ulaagaalee ani hordofuun hin geggeeffamne wajjin hiriyummaa cimaa akkan uumu na taasisurratti hirmaachuun koo dhiibbaa gaarii narratti godhaa?’ (1 Qorontos 15:33) ‘Garee ispoortii tokko keessatti taphachuuf aarsaa hammamiin kaffala?’
3. Ispoortiin kun yeroo fi maallaqa hammamii fudhata? Kitaabni Qulqulluun, ‘wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasnee beekuu’ akka qabnu nu gorsa. (Filiphisiyus 1:10) Gorsa kana hojiirra oolchuuf akkana jedhii of gaafadhu: ‘Ispoortii kanarratti hirmaachuun koo yeroon hojii mana barumsaa fi sochiiwwan hafuuraatiif ramade na jalaa fudhataa? Ispoortii kanarratti hirmaachuuf walumaa galatti maallaqa hammamii na gaafata? Baasii kana kaffalachuuhoo nan dandaʼaa?’ Gaaffilee kanaaf deebii kennuun kee wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif dursa kennuuf si gargaara.
● Fiilmiiwwanii fi sagantaawwan televizyinii hundi miidhaa qabu.
Soba. Kitaabni Qulqulluun, “Wanta gaarii taʼe jabeessaa qabadhaa. Hammina akaakuu hundumaa irraa fagaadhaa” jechuudhaan 1 Tasalonqee 5:21, 22) Ulaagaa kana wajjin kan wal faallessu fiilmiiwwan ykn sagantaawwan televizyinii hunda miti. a
Kiristiyaanota ajaja. (Mana fiilmii deemuun hiriyoota kee wajjin yeroo gaarii dabarsuuf mala gaarii taʼuu dandaʼa. Shamarreen Afrikaa Kibbaa jiraattuu fi Lii jedhamtu, “Fiilmii tokko ilaaluu yoon barbaade hiriyaa koo tokkoofan bilbila; achiis hiriyoonni keenya kaanis akka dhagaʼan goona” jetteetti. Yeroo baayʼee dargaggoonni kun guyyaa fiilmii erga ilaalanii booda warri isaanii dhufanii isaan fudhatu; achiis hundi isaanii mana nyaataa deemanii waliin nyaatu.
Fiilmii fi televizyiniin argannoo ammayyaa taʼanis, karaa namoonni bara durii seenaa itti dubbatan wajjin tokkodha. Yesuus seenaawwan garaa namootaa tuqan dubbachuudhaan beekama ture. Fakkeenyaaf, seenaan waaʼee namicha Samaariyaa dubbate warra kaaniif gadduuf kan nama kakaasuu fi barumsa guddaa kan dabarsudha.—Luqaas 10:29-37.
Yeroo harʼaattis namoonni fiilmii qopheessan barumsawwan ilaalcha namootaarratti dhiibbaa godhan barsiisu. Gootni fiilmicharratti mulʼatu yakkamaa, gara jabeessa ykn nama aangoo argachuuf hawwu yoo taʼellee namoonni ilaalan gocha isaarratti akka walii galan gochuuf yaalu. Of eeggachuu yoo baatte yakkamaan fiilmicharratti mulʼatu akka milkaaʼu hawwuu ykn keessa keetti gocha addaggummaa fi gara jabinaa inni raawwaturratti walii galuu dandeessa. Maarree, kiyyoo kanarraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti?
Fiilmii ykn sagantaa televizyinii tokko yeroo filattu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Sagantaan kun gara laafina akkan Efesoon 4:32) ‘Moo badiisa namaatti akkan gammadu dhiibbaa narratti godha?’ (Fakkeenya 17:5) ‘“Wanta hamaa jibbuun” akka natti ulfaatu godhaa?’ (Faarfannaa 97:10) ‘“Namoota hamoo” akkan deeggaru na taasisaa?’—Faarfannaa 26:4, 5.
argisiisu na jajjabeessaa?’ (Fiilmii tokko ilaalchisee yaanni ogeeyyiin kennanii fi beeksisni isaa waaʼee qabiyyee isaa hamma tokko beekuuf si gargaaruu dandaʼa. Garuu gowwummaadhaan “wanta dubbatamu hundumaa” hin amanin. (Fakkeenya 14:15) Maaliif? Wanti ogeeyyiin waaʼee fiilmii tokkoo dubbatan ilaalcha dhuunfaa kan calaqqisiisudha. Beeksisnimmoo wantoota gadhee fiilmicharratti mulʼatan taʼe jedhee dhoksuu dandaʼa. Shamarreen Koonii jedhamtu, “Yeroo baayʼee taatonni guguddaan fiilmicharratti hirmaatan eenyufaa akka taʼan beekuun waaʼee qabiyyee fiilmichaa hamma tokko beekuuf akka gargaaru hubadheera” jetteetti.
Kiristiyaanonni umurii keerratti argamanii fi ulaagaalee Kitaaba Qulqulluutiin geggeeffaman
fiilmiin tokko fudhatama kan qabu taʼuu fi dhiisuu isaa sitti himuu dandaʼu. Garuu yeroo baayʼee namoonni kan sitti himan fiilmii tokkorraa wanta isaanitti tole akka taʼe hin dagatin. Fiilmicharratti wanti gadheen mulʼatu kan jiru taʼuu isaa maaliif hin gaafattu? Adda baasii gaafadhu. Fakkeenyaaf, fiilmicharratti hamminni, saalqunnamtiin ykn gochi hafuurota hamoo kan mulʼatu taʼuu fi dhiisuu isaa gaafadhu. Warri kees gama kanaan gorsa gaarii siif kennuu dandaʼu. Shamarreen Vaaneesaa jedhamtu, “Warra koo nan mariisisa. Fiilmii sana ilaaluun koo rakkina akka hin qabne yoo isaanitti dhagaʼame dhaqeen ilaala” jetteetti.Fiilmii ykn sagantaa televizyinii filachuun dhimma salphaa akka taʼetti hin ilaalin. Maaliif? Sababiin isaas, bashannanni filattu wanti garaa kee keessa jiruu fi wanti iddoo guddaa kennituuf maal akka taʼe argisiisa. (Luqaas 6:45) Filannaan gootu hiriyummaan akkamii akka si gammachiisu, akkasumas dubbii fi saalqunnamtii ilaalchisee ejjennoo akkamii akka qabdu argisiisa. Kanaafuu, of eeggannoodhaan filadhu.
● Shubbisni hundi dhorkamaadha.
Soba. Israaʼelonni loltoota Gibxii jalaa miliqanii Galaana Diimaa yeroo ceʼanitti dubartoonni Miiriyaam duukaa buʼanii gammachuu isaanii shubbisaan ibsanii turan. (Baʼuu 15:20) Fakkeenya Yesuus waaʼee ilma badee dubbaterrattis ilmi badee ture sun yeroo deebiʼu ‘sagalee muuziqaa fi sirbaatiin’ gammachuu isaanii akka ibsan caqasameera.—Luqaas 15:25.
Yeroo harʼaas haalli isaa akkasuma. Aadaa hedduu keessatti Galaatiyaa 5:19-21) Isaayyaas raajichi akkana jedhee barreesseera: “Warra dhugaatii alkoolii dhuguuf ganama bariidhaan kaʼaniif, warra hamma daadhiin wayinii isaan gubutti hamma halkaniitti dhiisifataniif wayyoo! Isaan affeerraa isaanii irratti baganaa fi meeshaa muuziqaa ribuu qabu, dibbee, ulullee fi daadhii wayinii qabu; taʼus gochawwan Yihowaa hin qalbeeffatan.”—Isaayyaas 5:11, 12.
yeroo maatiinii fi hiriyoonni walitti qabaman dargaggoonnis taʼan namoonni guguddaan ni shubbisu. Haa taʼu malee, of eeggannoo gochuun barbaachisaadha. Kitaabni Qulqulluun yeroo gaarii waliin dabarsuu kan hin balaaleffanne taʼus, “gadhiisii” ykn “akka malee nyaachuu, dhuguu fi iyyuu” irraa akka fagaannu nu gorsa. (Affeerraan akkasii “dhugaatii alkoolii” dhuguu fi muuziqaa toʼannaa hin qabne dhaggeeffachuudhaan beekama. Ganama barii jalqabee hamma halkaniitti itti fufa. Namoonni achirratti argamanis Waaqni akka hin jirretti akka yaadan hubadhu. Kanaafuu, Waaqayyo affeerraa akkasii balaaleffachuun isaa nama hin dinqisiisu.
Paartii namoonni irratti shubbisan tokkorratti akka argamtu yoo affeeramte gaaffilee armaan gadii of gaafadhu: ‘Namoonni irratti argaman eenyufaʼi? Maqaa akkamii qabu? Qophii kanaaf itti gaafatamummaa kan fudhatu eenyu? Toʼannaa akkamiitu godhama? Warri koo paartii kanarratti akkan argamu naaf heyyamuu? Shubbisa akkamiitu jiraata?’ Shubbisni hedduun kaayyoon isaanii fedhii saalaa kakaasuudha. Shubbisa akkasiirratti hirmaachuun ykn ilaaluun ‘halalummaarraa baqachuun’ akka sitti ulfaatu hin godhuu?—Naayitkilabii deemtee akka shubbistu yoo affeeramtehoo? Dargaggeessi Shoon jedhamuu fi Kiristiyaana taʼuu isaa dura yeroo baayʼee bakka akkasii deemaa ture maal akka jedhe ilaali. Akkana jedheera: “Yeroo baayʼee muuziqaan banamu kan nama qaanessu, shubbisni isaaniis naamusaan ala kan taʼedha; namoonni achi deeman baayʼeen kaayyoo tokko qabu.” Shoon akka jedhetti kaayyoon isaanii nama wajjin saalqunnamtii raawwatan argachuudha. Shoon Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu erga qoʼatee booda ilaalcha isaarratti jijjiirama godhe. “Iddoowwan akkasii Kiristiyaanotaaf hin taʼan” jedheera.
Dammaqaa Taʼuu kan Qabdu Maaliifi?
Loltuun tokko haleellaadhaaf kan saaxilamu yeroo akkamiitti
sitti fakkaata? Yeroo dirree lolaarra jiruttimoo yeroo hiriyoota isaa wajjin bashannanutti? Yeroo bashannanutti haleellaa ofirraa ittisuu waan hin dandeenyeef balaadhaaf akka saaxilamu ifadha. Haaluma wal fakkaatuun, atis mana barumsaatti ykn bakka hojiitti karaa hafuuraa balaarraa of eeguuf dursitee qophoofta. Balaa si mudachuu dandaʼu dammaqinaan ofirraa ittista. Hiriyoota kee wajjin yeroo bashannantu garuu ejjennoo kee laaffisuuf caalaatti qoramuu dandeessa.Hiriyoonni kee tokko tokko bashannana wajjin haala wal qabateen ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu hordofuu keetti sitti qoosuu dandaʼu. Dargaggoonni maatii Kiristiyaanaa keessatti guddatanillee dhiibbaa sirratti gochuu dandaʼu. Dargaggoonni akkasii qalbiin isaanii hadoodeera. (1 Ximotewos 4:2) Ilaalcha madaalamaa akka hin qabne ykn garmalee qajeelaa akka of gootu dubbatu taʼa. Dhiibbaa hiriyaatiif harka kennuu mannaa, ‘qalbii gaarii qabaadhuu jiraadhu.’—1 Pheexiros 3:16.
Wanti guddaan ilaalcha hiriyoonni kee siif qaban utuu hin taʼin, ilaalcha Yihowaan siif qabudha. Hiriyoonni kee wanta qalbiin kee jedhu akka hordoftu dhiibbaa kan sirratti godhan yoo taʼe hiriyoota haaraa barbaaddachuu qabda. (Fakkeenya 13:20) Yeroo bashannantuttillee ejjennoo kee eeggachuu kan qabu suma akka taʼe hin dagatin.—Fakkeenya 4:23.
WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 37 DUBBISI
Poornoogiraafiin yeroo kamiyyuu caalaa babalʼateera, salphaatti kan argamus taʼeera. Maarree, kiyyoo kanarraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti?
[Miiljalee]
a Odeeffannoo dabalataa argachuuf Jildii 1ffaarraa boqonnaa 36 ilaali.
CAQASA IJOO
“Yaa dargaggeessaa, dargaggummaa keetti gammadi, . . . daandii garaa keetii duukaa buʼi, gara ijji kee si geessus dhaqi; taʼus Waaqni dhugaan wantoota kana hundumaatiif gara murtiitti akka si fidu beeki.”—Lallaba 11:9.
GORSA GAARII
Warri kee jiʼatti yeroo tokko sagantaa dhaabbataa itti televizyinii cuftanii maatiidhaan bashannantan akka baasan gaafadhu.
KANA BEEKTAA?
Shubbisnii fi muuziqaan waaqeffannaa dhugaa Israaʼelonni dhiheessan keessatti iddoo guddaa qaba ture.—Faarfannaa 150:4.
WANTAN GOCHUU YAADE
Garee ispoortii saʼaatii barumsaatiin alatti taphatu tokkotti akkan makamu yoon affeerame akkanan jedha ․․․․․
Hiriyoota koo wajjin fiilmii ilaalaa utuun jiruu wanti sirrii hin taane mulʼachuu yoo jalqabe akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Kiristiyaanonni ispoortiiwwan balaadhaaf nama saaxilanirraa fagaachuu kan qaban maaliifi?
● Fiilmiin tokko gaarii taʼuu fi dhiisuu isaa beekuu kan dandeessu akkamitti?
● Shubbisni fudhatama qabu kan akkamiiti jettee yaadda?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 269rra jiru]
“Shubbisa nan jaalladha; garuu gorsa warra kootii dhagaʼuun faayidaa akka qabu baradheera. Shubbisni wanta jireenya koo keessatti iddoo guddaa qabu akka taʼu hin heyyamu.”—Tiinaa
[Fakkii fuula 268rra jiru]
Loltuun tokko haleellaadhaaf kan saaxilamu yeroo bashannanuttidha; atis yeroo bashannantu karaa naamusaa balaadhaaf saaxilamta