Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 47

Yihowaan Eeliyaasiin ni Jabeesse

Yihowaan Eeliyaasiin ni Jabeesse

Iizaabel wanta raajota Baʼaal irra gaʼe yommuu dhageessu baayʼee aarte. Kanaaf, ‘Bor atis akkuma raajota Baʼaal ni ajjeefamta’ jettee Eeliyaasitti ergaa ergite. Eeliyaasis baayʼee waan sodaateef, gara lafa onaatti baqate. Achiis, ‘Yaa Yihowaa, ani kana caalaa hin dandaʼu. Akkan duʼu godhi’ jedhee kadhate. Eeliyaas baayʼee dadhabee waan tureef muka tokko jala ciise.

Maleekaan tokko isa dammaqsee, sagalee laafaadhaan, ‘Kaʼiitii nyaadhu’ isaan jedhe. Eeliyaasis daabboo dhagaa hoʼaa irra kaaʼamee fi miʼa bishaan qabate tokko arge. Innis erga nyaatee fi dhugee booda deebiʼee rafe. Maleekaan sun ammas isa dammaqsee, ‘Nyaadhu. Karaa waan deemtuuf jabina argachuu qabda’ isaan jedhe. Kanaaf, Eeliyaas ammas ni nyaate. Achiis hamma Gaara Horeeb gaʼutti guyyaa 40 fi halkan 40 deeme. Achittis Eeliyaas rafuuf gara holqa tokkoo seene. Yihowaan garuu ‘Eeliyaas, asii maal hojjetta?’ jedhee isa gaafate. Eeliyaasis akkana jedhee deebise: ‘Israaʼelonni waadaa siif galan cabsaniiru. Iddoowwan aarsaa kee diiganiiru; raajota kees ajjeesaniiru. Kunoo amma immoo ana ajjeesuuf yaalaa jiru.’

Yihowaan garuu, ‘Dhaqiitii gaara sana irra dhaabadhu’ isaan jedhe. Jalqaba, bubbeen cimaan holqicha bira darbe. Achiis, lafti ni sochoʼe, itti aanee immoo ibiddi ni mulʼate. Dhuma irrattis, Eeliyaas sagalee laafaa suuta jedhee dubbatu tokko dhagaʼe. Fuula isaa uffata isaatiin haguugee holqicha ala dhaabate. Achiis Yihowaan maaliif akka baqate isa gaafate. Eeliyaasis, ‘Ana qofatu hafe’ jedhe. Yihowaan garuu, ‘Ati qofaa kee miti. Israaʼel keessa namoonni amma iyyuu ana waaqeffatan 7,000 jiru. Dhaqiitii bakka kee Eelsaaʼiin raajii godhii muudi’ isaan jedhe. Eeliyaasis yeruma sana wanta Yihowaan itti hime raawwachuuf deeme. Ati hoo Yihowaan wanta inni akka gootu barbaadu yommuu raawwattu, waan si gargaaru sitti fakkaataa? Eeyyee, inni si gargaara. Mee wanta bara ongee sanatti raawwatame tokko haa ilaallu.

“Waan hundumaa ilaalchisee kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa.”—Filiphisiyus 4:6