Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 84

Yesuus Bishaan Irra Deeme

Yesuus Bishaan Irra Deeme

Yesuus namoota dhukkubsatan fayyisuu fi namoota duʼan duʼaa kaasuu qofa utuu hin taʼin, qilleensaa fi bokkaas toʼachuu ni dandaʼa. Gaara tokko irratti kadhannaa erga dhiheessee booda, gara Galaana Galiilaa yommuu gad ilaalu obomboleettii arge. Ergamoonni isaa bidiruu keessa taaʼanii dhiibbaa qilleensaa toʼatanii oofuuf carraaqaa turan. Yesuus gaaricha irraa gadi buʼee bishaanicha irra gara bidiruu isaaniitti deemuu jalqabe. Ergamoonni namni tokko bishaan irraa deemaa gara isaaniitti yommuu dhufu arganii baayʼee sodaatan. Haa taʼu malee, Yesuus “Ana dha. Hin sodaatinaa!” isaaniin jedhe.

Pheexirosis deebisee, ‘Yaa Gooftaa, dhuguma si dha yoo taʼe gara kee akkan dhufu na ajaji’ jedhee gaafate. Yesuusis Pheexirosiin, ‘Gara koo kottu’ jedheen. Kanaaf, Pheexiros bidiruu irraa buʼee obomboleettii sana gidduu gara Yesuusitti deemuu jalqabe. Haa taʼu malee, gara isaatti erga dhihaatee booda qilleensa jabaa sana argee waan sodaateef liqimfamuu jalqabe. Achiis ‘Yaa Gooftaa, na oolchi!’ jedhee iyye. Yesuusis hiixatee harka isaa qabee, ‘Maaliif shakkite? Amantiin kee eessa jira?’ isaan jedhe.

Yesuusii fi Pheexiros bidirichatti ol baʼan, qilleensi jabaan sunis battaluma sanatti dhaabate. Ergamootatti maaltu akka dhagaʼame tilmaamuu dandeessaa? Isaan, “Ati dhuguma Ilma Waaqayyoo ti” jedhan.

Yesuus haala qilleensaa kan toʼate yeroo kanatti qofa miti. Yeroo kan biraatti immoo, Yesuusii fi ergamoonni isaa gara galaanicha gamaatti yommuu deeman, Yesuus kutaa duubaa bidiruu sanaa keessa ciisee ture. Utuu inni rafaa jiruu, akka tasaa qilleensi jabaan qilleensaʼuu jalqabe. Obomboleettiin bidirichatti waan rukutameef bidirichi bishaaniin guutame. Ergamoonni Yesuusiin dammaqsanii, ‘Barsiisaa, dhumuuf jenna, nu oolchi’ jedhanii iyyan. Yesuusis kaʼee galaanichaan, “Cal jedhi!” jedhe. Qilleensichii fi galaanichi battaluma sanatti tasgabbaaʼe. Yesuus ergamoota isaa, ‘Amantiin keessan eessatti bade?’ jedhee gaafate. Isaanis, “Qilleensii fi galaanni illee isaaf ni ajajamu” waliin jedhan. Ergamoonni, guutummaatti Yesuusitti yoo amanan sababiin itti sodaatan tokko illee akka hin jirre hubataniiru.

“Biyya warra jiraatoo sanatti Waaqayyo gaarii ta’uu isaa arguuf akkan jiru nan amanadha.”—Faarfannaa 27:13