Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 26

Wanta Gaarii Raawwachuun Ulfaataa Kan Ta’e Maaliifi?

Wanta Gaarii Raawwachuun Ulfaataa Kan Ta’e Maaliifi?

SAAʼOL wanta gadhee yommuu raawwate kan gammade eenyudha?— Seexana isa Diiyaabilos jedhamudha. Yeroo kanatti geggeessitoonni amantii Yihudiis gammadanii turan. Sana booda yeroo Saaʼol duuka buutuu Barsiisaa Guddichaa taʼeefi maqaan Phaawulos jedhu kennamuuf, geggeessitoonni amantii kun isa jibbuu jalqaban. Namni duuka buutuu Yesus taʼe tokko wanta gaarii raawwachuun maaliif akka isatti ulfaatu amma hubattee?—

Phaawulos wanta gaarii gochuusaatti rakkina akkamiitu irra gaʼe?

Yeroo tokko angafa lubootaa kan ture Anaaniyaas, namoonni Phaawulosiin kaballaadhaan akka rukutan ajaje. Anaaniyaas Phaawulosiin hiisisuufillee yaalii godhee ture. Phaawulos yommuu duuka buutuu Yesus taʼu rakkinni hedduun isarra gaʼeera. Fakkeenyaaf, namoonni Phaawulosiin erga reebanii booda bakka inni kufetti dhagaa gurguddaadhaan rukutanii ajjeesuuf yaalii godhaniiru.—Hojii Ergamootaa 23:1, 2; 2 Qorontos 11:24, 25.

Namoonni hedduun wanta Waaqayyoon gaddisiisu akka raawwannu gochuuf yaalu. Kanaaf akkas jennee of gaafachuu qabna: Wanta gaarii taʼe hangamin jaalladha? Namoonni kaan yoo na jibbanillee wanta gaarii taʼe raawwachuu nan jaalladhaa? Kana gochuun garuu ija jabina gaafata mitii?—

Tarii, ‘Wanta gaarii taʼe raawwachuu keenyatti namoonni maaliif nu jibbu? Kanaa mannaa gammaduu hin qabanii?’ jettee gaafatta taʼa. Wanta akkasiitti gammaduu qabu turan jettee yaaduunkee sirriidha. Yesus wantoota gaggaarii waan raawwatuuf, yeroo baayʼee namoonni isa jaallatu turan. Yeroo tokko, namoonni magaalaa tokko keessa turan hundi balbala mana Yesus keessa ture tokkoorratti wal gaʼan. Bakka kana kan dhufan, Yesus namoota dhukkubsatan fayyisaa waan tureefidha.—Maarqos 1:33.

Yeroo tokko tokko garuu namoonni wanta Yesus barsiisu ni jibbu turan. Inni yeroo hunda wanta sirrii taʼe kan barsiisu taʼus, wanta dhugaa taʼe waan dubbatuuf namoonni tokko tokko baayʼee isa jibbu turan. Haalli kun yeroo tokko magaalaa Naazireet ishee Yesus keessatti guddatetti raawwatamee ture. Gaaf tokko Yesus gara mana sagadaa Yihudoonni waaqeffannaadhaaf itti walgaʼan tokko dhaqe.

Achittis Yesus Caaffata Qulqullaaʼoorraa caqasuudhaan haasaa gaarii kenne. Jalqabarratti namoonni barumsa kanatti gammadanii turan. Jechoota gaggaarii afaansaa keessaa baʼanitti ni dinqisiifaman. Dargaggeessi kun nama magaalaasaaniitti guddate taʼuusaa amanuun isaanitti ulfaatee ture.

Haataʼu malee, Yesus wanta garabiraa tokko isaanitti hime. Yesus Waaqayyo kanaan dura namoonni Yihudoota hin taane Yihowaa biratti fudhatama akka argatan gochuusaa itti hime. Yeroo Yesus wanta kana dubbatu, namoonni mana sagadaa keessa turan sun baayʼee aaran. Maaliif akka taʼe beektaa?— Namoonni kun Waaqayyo biratti fudhatama kan argatan isaan qofa akka taʼan waan itti dhagaʼamuuf ture. Isaan namoota kaanirra akka caalan godhanii yaadu turan. Kanaaf, wanta kana waan dubbateef Yesusiin jibban. Sana booda maal isa gochuuf yaalii akka godhan beektaa?—

Macaafni Qulqulluun, “Kaʼanii Yesusin daddarbachaa, gara gubbee gaara mandarri isaanii irratti ijaarametti ol isa baasan; kana gochuun isaaniis fittee sana irraa haʼanii, gad isa darbachuudhaaf ture. Inni garuu isaanuma gidduu darbee karaa isaa irra buʼe” jedha.—Luqaas 4:16-30.

Namoonni kun Yesusiin ajjeesuuf yaalii gochaa kan jiran maaliifi?

Wanti akkasii utuu sirra gaʼee, waaʼee Waaqayyoo isaanitti himuuf deebitee namoota kana bira dhaqxa turtee?— Kana gochuun ija jabina gaafata mitii?— Yesus garuu gara waggaa tokkoo booda deebiʼee gara Naazireet dhaqeera. Macaafni Qulqulluun, “Mana sagadaa isaanii keessatti isaan barsiise” jedha. Yesus namoota Waaqayyoon hin jaallanne sodaatee waaʼee dhugaa dubbachuusaa hin dhiisne.—Maatewos 13:54.

Yesus guyyaa Sanbataa tokko utuu mana sagadaa keessa jiruu namicha harkisaa naafate tokkoo wajjin wal arge. Yesus nama kana akka fayyisuuf Waaqayyo humna isaaf kenneera. Haataʼu malee, namoonni achi turan tokko tokko Yesusirratti rakkina uumuuf yaalii gochaa turan. Yeroo kanatti Barsiisaa Guddichi maal godhe?— Jalqaba, ‘Isin hoolaan keessan guyyaa Sanbataatti boolla keessatti yoo kufe qabdanii achi keessaa hin baaftanii?’ jedhee isaan gaafate.

Eeyyee, isaan guyyaa Sanbataattillee, jechuunis guyyaa itti boqochuu qabanitti hoolaa tokkoof jedhanii wanta akkasii godhu turan. Kanaaf Yesus, ‘Namni hoolaarra waan caaluuf, nama tokko guyyaa Sanbataatti gargaaruun caalaatti barbaachisaadha’ jedheen. Fakkeenyi kun, Yesus nama kana fayyisuudhaan isa gargaaruun barbaachisaa akka ture akka gaariitti ifa godheera.

Yesus namichi harkasaa akka diriirsu itti hime. Harkisaas yeruma sana ni fayyeef. Namichi kun baayʼee gammadee akka ture beekamaadha. Namoonni kaanoo gammadanii turanii?— Hin gammanne. Kanaa mannaa, caalaatti Yesusiin jibban. Kanaan kan kaʼes, manicha keessaa gad baʼanii karaa itti Yesusiin ajjeesan barbaaduu jalqaban.—Maatewos 12:9-14.

Yeroo harʼaattis wanti akkasii ni raawwatama. Wanta fedheyyuu yoo goone, matumaa namoota hunda gammachiisuu hin dandeenyu. Kanaaf eenyuun gammachiisuu akka barbaannu murteessuu qabna. Yihowaafi Yesus Kiristosiin gammachiisuu barbaanna taanaan, yeroo hunda wanta isaan nu barsiisan hojiirra oolchuu qabna. Kana yommuu goonu garuu eenyutu nu jibba? Qaamni wanta gaarii gochuun rakkisaa akka nutti taʼu godhuhoo eenyu?—

Eeyyee Seexanadha. Isa maleehoo eenyutu nu jibba?— Namoonni Seexanni wanta gadheetti akka amanan gowwoomses nu jibbu. Yesus namoota bara sanatti geggeessitoota amantii turaniin, “Isin kan abbaa isa tokkoo, kan Seexanaa ti; kajeellaa hamaa isa kan abbaa keessaniis gochuu in feetu” jedheera.—Yohannis 8:44.

Seexanni namoota jaallatu hedduu qaba. Yesus namoota kana “biyya lafaa” jedhee waameera. Asirratti “biyya lafaa” yeroo jedhu maal jechuusaati?— Mee amma deebiisaa Yohannis boqonnaa 15, lakkoofsa 19⁠rraa haa ilaallu. Achirratti Yesus, akkas jedhee dubbateera: “Kan biyya lafaa utuu taatanii, biyyi lafaa akka kan isaatiitti isin in jaallata ture; amma garuu anatu biyya lafaa keessaa isin foʼate malee, isin kan biyya lafaa waan hin taʼiniif, biyyi lafaa isin in jibba.”

Kanaaf, biyyi lafaa duuka buutota Yesusiin jibbu kun, namoota duuka buutotasaa hin taane hunda kan argisiisudha. Biyyi lafaa duuka buutota Yesusiin kan jibbu maaliifi?— Mee waaʼee kanaa yaadi. Biyya lafaa kana kan bulchu eenyu?— Macaafni Qulqulluun, ‘Guutummaan biyya lafaa harka isa hamaa jala jira’ jedha. Inni hamaan kunimmoo Seexanadha.—1 Yohannis 5:19.

Wanta gaarii hojjechuun maaliif ulfaataa akka taʼe amma hubattee?— Seexanniifi biyyi lafaa inni bulchu kana gochuun rakkisaa akka nutti taʼu godhu. Haataʼu malee, wanti kana gochuun rakkisaa akka nutti taʼu godhu garabiraanis jira. Wanti kun maal akka taʼe ni yaadattaa?— Hundi keenya cubbuu dhaallee akka dhalanne Boqonnaa 23ffaa kitaaba kanaarratti baranneerra. Maarree cubbuun, Seexanniifi biyyi lafaa inni bulchu baduunsaanii nama hin gammachiisuu?—

Biyyi lafaa yommuu darbu, namoonni wanta gaarii raawwatan maal argatu?

Macaafni Qulqulluu, “Biyyi lafaa . . . in darba” jechuudhaan abdii kenna. Kana jechuun, namoonni duuka buutota Barsiisaa Guddichaa hin taane hundi ni balleeffamu jechuudha. Namoonni kun barabaraaf akka jiraatan hin heyyamamuuf. Barabaraaf kan jiraatan namoota akkamii akka taʼan beektaa?— Caqasichi itti fufuudhaan, “Namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata” jedha. (1 Yohannis 2:17) Eeyyee, addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa barabaraaf kan jiraatan namoota wanta gaarii, jechuunis “fedha Waaqayyoo” raawwatan qofadha. Maarree kana gochuun rakkisaa taʼuyyuu wanta gaarii gochuu barbaanna mitii?—

Caqasawwan wanta gaarii gochuun salphaa akka hin taane ibsan kana waliin haa dubbisnu: Maatewos 7:13, 14; Luqaas 13:23, 24 fi Hojii Ergamootaa 14:21, 22.