Nahimiyaa 7:1-73
7 Dallichi akkuma ijaarameen+ balbaloota isaa+ itti nan dhaabe; achiis karra eegdonni,+ faarfattoonnii+ fi Leewwonni+ ni muudaman.
2 Sana booda ani Hanaanii+ isa obboleessa koo taʼee fi Hanaaniyaa isa ajajaa Dallaa Dhagaa+ taʼe Yerusaalem irratti nan muude; sababiin isaas, Hanaaniyaan namoota kaan hundumaa caalaa nama baayʼee amanamaa taʼee fi Waaqa dhugaa sodaatu+ ture.
3 Anis akkana isaaniin nan jedhe: “Karrawwan Yerusaalem hamma aduun hoʼitutti banamuu hin qaban; eegdonni yommuu dhaabbatanii eeganittis balbaloota sana cufuu fi danqaruu qabu. Jiraattonni Yerusaalem muraasni isaanii bakka isaaniif ramadame akka eegan, warri kaan immoo mana isaanii fuuldura akka eegan ramadaa.”
4 Magaalattiin balʼoo fi guddoo yeroo taatu, ishii keessa kan jiraatanis namoota muraasa dha;+ manneen ishii keessa jiranis deebiʼanii hin ijaaramne turan.
5 Haa taʼu malee, guguddoota, bulchitoota gad aanoo fi sabicha akkan walitti qabuu fi akka hidda dhalootaa isaaniitti+ akka galmeeffaman akkan godhu Waaqni koo yaada kana garaa koo keessa ni kaaʼe. Achiis kitaaba galmee hidda dhalootaa warra jalqaba dhufanii qabate nan argadhe; yaanni akkana jedhus achi irratti barreeffamee nan arge:
6 Kanneen kun jiraattota koonyaa sanaa warra boojuudhaa deebiʼan, warra Nebukadnezaar+ mootiin Baabilon boojiʼee fudhatee turee+ fi booda immoo gara Yerusaalemii fi Yihudaatti, gara magaalaa magaalaa isaaniitti deebiʼan turan;+
7 isaan Zarubaabel,+ Yeshuwaa,+ Nahimiyaa, Azaariyaa, Raaʼaamiyaa, Naahaamaanii, Mordekaay, Bilshaan, Misphereet, Bigwaay, Nehuumii fi Baʼaanaa wajjin dhufan.
Lakkoofsi dhiirota Israaʼel kanneen kana kan dabalatu ture:+
8 ilmaan Paarosh 2,172;
9 ilmaan Shefaatiyaa 372;
10 ilmaan Araa+ 652;
11 ilmaan Yeshuwaa fi ilmaan Yoʼaab+ keessaa, ilmaan Paahaat Moʼaab+ 2,818;
12 ilmaan Eelaam+ 1,254;
13 ilmaan Zaatuu 845;
14 ilmaan Zaakaay 760;
15 ilmaan Binuuy 648;
16 ilmaan Bebaay 628;
17 ilmaan Azgaad 2,322;
18 ilmaan Adoniqaam 667;
19 ilmaan Bigwaay 2,067;
20 ilmaan Adiin 655;
21 mana Hisqiyaas keessaa ilmaan Ateer 98;
22 ilmaan Hashuum 328;
23 ilmaan Bezaay 324;
24 ilmaan Hariif 112;
25 ilmaan Gibeʼon+ 95;
26 namoonni Beetaliheemii fi Netoofaa 188;
27 namoonni Anaatot+ 128;
28 namoonni Beet Azmaawet 42;
29 namoonni Qiriyaat Yeʼariim,+ Kefiiraa fi Beʼeerot+ 743;
30 namoonni Raamaa fi Geebaa+ 621;
31 namoonni Mikmaas+ 122;
32 namoonni Beetelii+ fi Aay+ 123;
33 namoonni Neboo isa kan biraa 52;
34 ilmaan Eelaam isa kan biraa 1,254;
35 ilmaan Hariim 320;
36 ilmaan Yerikoo 345;
37 ilmaan Lood, ilmaan Hadiidii fi ilmaan Onoo+ 721;
38 ilmaan Senaaʼaa 3,930.
39 Luboota:+ mana Yeshuwaa keessaa ilmaan Yedaayaa 973;
40 ilmaan Iimer 1,052;
41 ilmaan Paashuur+ 1,247;
42 ilmaan Hariim+ 1,017.
43 Leewwota:+ mana Qaadmiʼel+ keessaa, ilmaan Hodewaa keessaa ilmaan Yeshuwaa 74.
44 Faarfattoota:+ ilmaan Asaaf+ 148.
45 Karra eegdota:+ ilmaan Shaalum, ilmaan Ateer, ilmaan Taalmoon, ilmaan Aquub,+ ilmaan Haxiixaa fi ilmaan Shobaay 138.
46 Tajaajiltoota mana qulqullummaa:*+ ilmaan Zihaa, ilmaan Hasuufaa, ilmaan Taabaaʼot,
47 ilmaan Qeeros, ilmaan Siʼaa, ilmaan Paadoon,
48 ilmaan Lebaanaa, ilmaan Hagaabaa, ilmaan Saalmaay,
49 ilmaan Haanaan, ilmaan Gideel, ilmaan Gaahaar,
50 ilmaan Reʼaayaa, ilmaan Reezin, ilmaan Neqodaa,
51 ilmaan Gaazaam, ilmaan Uuzaa, ilmaan Paaseʼaa,
52 ilmaan Beesaay, ilmaan Meʼuniim, ilmaan Nefushesiim,
53 ilmaan Baaqbuq, ilmaan Haqufaa, ilmaan Harhuur,
54 ilmaan Baasliit, ilmaan Mehiidaa, ilmaan Harshaa,
55 ilmaan Baarqos, ilmaan Siseeraa, ilmaan Temaa,
56 ilmaan Neeziyaa fi ilmaan Haxiifaa.
57 Ilmaan tajaajiltoota Solomoon:+ ilmaan Sootaay, ilmaan Sofereet, ilmaan Periidaa,
58 ilmaan Yaaʼaalaa, ilmaan Daarqon, ilmaan Gideel,
59 ilmaan Shefaatiyaa, ilmaan Haxiil, ilmaan Pokehereet Hazebaayimii fi ilmaan Amoon.
60 Tajaajiltoonni mana qulqullummaa*+ fi ilmaan tajaajiloota Solomoon hundi 392 turan.
61 Warri kanaa gaditti ibsaman Teel Melaa, Teel Harshaa, Keruub, Adoonii fi Iimer irraa kan dhufan taʼus, isaan Israaʼelota taʼuu fi dhiisuu isaanii+ ilaalchisee manneen abbootii isaanii fi sanyii isaanii sirriitti beekuu hin dandeenye:
62 ilmaan Delaayaa, ilmaan Xoobiyaa fi ilmaan Neqodaa 642.
63 Luboota keessaa: ilmaan Habaayaa, ilmaan Haqoozii+ fi ilmaan Baarzilaay isa ijoollee durbaa Baarzilaay+ Giiliyaadichaa keessaa ishii takka fuudhee fi maqaa soddaa isaatiin waamame sanaa.
64 Kanneen kun, hidda dhalootaa isaanii mirkaneeffachuuf galmee keessaa kan barbaadan taʼus, isaan argamuu waan hin dandeenyeef hojii lubummaa irraa ni ittifaman.*+
65 Bulchaan*+ sunis lubni Uuriimii fi Tuumiimiidhaan+ gorsa gaafatu hamma argamutti wantoota hundumaa caalaa qulqulluu taʼan+ irraa nyaachuu akka hin qabne isaanitti hime.
66 Lakkoofsi guutummaa gumichaa walumaa galatti 42,360 ture;+
67 kunis, dhiirotaa fi dubartoota garboota+ taʼan 7,337 hin dabalatu ture; kana malees, isaan dhiirotaa fi dubartoota faarfattoota+ taʼan 245 qabu turan.
68 Fardeen isaanii 736, gaangoliin isaanii 245,
69 gaalonni isaanii 435, harroonni isaanii immoo 6,720 turan.
70 Dura buutonni manneen abbootii tokko tokko hojichaaf buusii ni godhan.+ Bulchaan* sun warqii diraakmaa* 1,000, saaniiwwan golboo 50 fi uffata lubootaa+ 530 mana qabeenyaatiif ni kenne.
71 Dura buutota manneen abbootii keessaa tokko tokkos, warqii diraakmaa 20,000 fi meetii miinaa* 2,200 mana qabeenyaa hojichaatiif ni kennan.
72 Namoonni hafan kaan immoo warqii diraakmaa 20,000, meetii miinaa 2,000 fi uffata lubootaa 67 ni kennan.
73 Luboonni, Leewwonni, karra eegdonni, faarfattoonni,+ sabicha keessaa namoonni muraasni, tajaajiltoonni mana qulqullummaa* fi Israaʼelonni kaan hundi* magaalota isaanii+ keessa jiraatan. Jiini torbaffaan yeroo gaʼettis+ Israaʼelonni magaalota isaanii keessa jiraachaa turan.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Naataaniim.” Kal., “Namoota kennaman.”
^ Ykn., “Naataaniim.” Kal., “Namoonni kennamanii.”
^ Ykn., “akka xuraaʼootti ilaalamanii hojii lubummaa irraa ni ittifaman.”
^ Ykn., “Tirshaataan,” maqaa ulfinaa bulchaa koonyaa Faarsiif kennamu dha.
^ Ykn., “Tirshaataan,” maqaa ulfinaa bulchaa koonyaa Faarsiif kennamu dha.
^ Walumaa galatti daarikii warqii warra Faarsi 8.4 g taʼuu dha. Kun diraakmaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti ibsamee wajjin tokko miti. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti miinaan tokko 570 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Ykn., “Naataaniim.” Kal., “Namoonni kennamanii.”
^ Kal., “guutummaan Israaʼel.”