Lakkoofsa 31:1-54

  • Miidiyaan irratti haaloo baʼuu (1-12)

    • Balaʼaam ni ajjeefame (8)

  • Qajeelfama wantoota yeroo waraanaatti saamaman ilaalchisee kenname (13-54)

31  Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe:  “Israaʼelotaaf Miidiyaanota+ irratti haaloo baʼi.+ Sana booda gara saba keetti walitti ni qabamta.”*+  Kanaafuu Museen akkana jedhee sabichatti dubbate: “Miidiyaan irratti Yihowaadhaaf haaloo baʼuuf isin gidduudhaa dhiirota Miidiyaaniin lolan hidhachiisaa.  Gosoota Israaʼel hundumaa keessaa tokkoon tokkoon gosaa keessaa namoota 1,000 gara raayyaa waraanaatti ergaa.”  Kanaafuu, Israaʼelota kumaan lakkaaʼaman keessaa+ tokkoon tokkoon gosaa keessaa namoonni 1,000 ni ramadaman; akka kanaan namoonni 12,000 waraanaaf ni hidhatan.  Achiis Museen tokkoon tokkoon gosaa keessaa namoota 1,000 gara raayyaa waraanaatti ni erge; isaanii wajjinis raayyaa waraanaa sanaaf Finahaas+ ilma Eleʼazaar lubichaa isa miʼawwan qulqulluu fi malakata+ waraanaa harka isaatti qabate sana ni erge.  Isaanis akkuma Yihowaan Musee ajajetti Miidiyaan irratti waraana ni banan; dhiira hundumaas ni ajjeesan.  Warra ajjeefaman kaan malees, mootota Miidiyaan shanan jechuunis Eewii, Reeqem, Zuur, Huurii fi Reebaa ni ajjeesan. Balaʼaam+ ilma Beʼoriinis goraadeedhaan ni ajjeesan.  Haa taʼu malee, Israaʼelonni dubartootaa fi ijoollee Miidiyaan boojiʼanii fudhatan. Kana malees, isaan bushaayeewwan isaanii hundumaa, beeladoota isaanii hundumaa fi qabeenya isaanii hundumaa ni saaman. 10  Magaalota isaanii warra keessa jiraachaa turan hundumaa fi buufatawwan* isaanii hundumaa ibiddaan ni guban. 11  Isaan namas taʼe horii wantoota boojiʼamanii fi saamaman hundumaa ni fudhatan. 12  Achiis wanta boojiʼame, wanta saamamee fi wanta qabame sana gara Musee, gara Eleʼazaar lubichaa fi gara guutummaa yaaʼii Israaʼelitti, gara buufata isa gammoojjii Moʼaab+ isa Yerikoo gamatti Yordaanos biratti argamu keessa jiruutti fidan. 13  Yeroo kanatti Museen, Eleʼazaar lubichii fi ajajjoonni yaaʼichaa hundi buufatichaa alatti isaan argachuuf gad baʼan. 14  Haa taʼu malee, Museen dhiirota raayyaa waraanaa sana irratti muudaman, jechuunis ajajjoota kumaa fi ajajjoota dhibbaa warra duula waraanaa sana irraa deebiʼaa turanitti ni dheekkame. 15  Akkana isaaniin jedhe: “Isin dubartoota hundumaa lubbuudhaan ni oolchitanii? 16  Pheʼorii wajjin haala wal qabateen+ dubbii Balaʼaam dhagaʼanii Israaʼelonni Yihowaadhaaf amanamoo akka hin taane kan isaan dogoggorsanii+ fi kanaan kan kaʼes, yaaʼii Yihowaa irratti dhaʼichi akka dhufu kan godhan isaan turan.+ 17  Ammas ijoollee keessaa dhiira hundumaa fi dubartii dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwattee beektu hundumaa ajjeesaa. 18  Haa taʼu malee shamarran dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwatanii hin beekne hundumaa lubbuudhaan dhiisuu dandeessu.+ 19  Guyyaa torbaafis buufatichaa ala buufadhaa. Isin keessaas taʼe warra boojitan keessaa, namni nama* ajjeesee fi namni reeffa namaa tuqe+ kam iyyuu guyyaa sadaffaattii fi guyyaa torbaffaatti of haa qulqulleessu.+ 20  Uffata hundumaa, miʼa gogaa irraa tolfame hundumaa, wanta rifeensa reʼee irraa tolfame hundumaa fi miʼa muka irraa tolfame hundumaa qulqulleessaa.”* 21  Achiis Eleʼazaar lubichi namoota raayyaa waraanaa sana keessa jiranii fi gara waraanaa dhaqanii turan sanaan akkana jedhe: “Seerri Yihowaan Musee ajaje kana dha: 22  ‘Warqii, meetii, sibiila diimaa, sibiila, qorqorroo fi sibiila irsaasii 23  warra ibidda dandamachuu dandaʼan qofa ibidda keessa akka darban godhaa; isaanis qulqulluu ni taʼu. Taʼus, wantoonni kun bishaan qulqulleessuuf ooluun qulqulleeffamuu qabu.+ Wanta ibidda dandamachuu hin dandeenye hundumaa bishaanicha keessa dabarsaa. 24  Isinis guyyaa torbaffaatti uffata keessan miiccadhaatii qulqullaaʼaa; achiis gara buufatichaatti seenuu dandeessu.’”+ 25  Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 26  “Eleʼazaar lubichaa fi dura buutota manneen abbootii yaaʼichaa wajjin taʼiitii wanta saamame lakkaaʼi; namootaa fi horiiwwan boojiʼamanis lakkaaʼi. 27  Namoota raayyaa waraanaa keessa jiran warra gara waraanichaa dhaqanii fi namoota yaaʼicha keessatti argaman kaan hundumaatiif akka hiramuuf wanta saamame sana bakka lamatti qoodi.+ 28  Yihowaadhaaf gibira akka taʼuuf, loltoota gara waraanaa dhaqan irraa namoota, loon, harrootaa fi hoolota keessaa 500 keessaa lubbuu* tokko fudhadhu. 29  Yihowaadhaaf buusii akka taʼutti walakkaa isa isaaniif kenname keessaa kana fudhadhuutii Eleʼazaar lubichaaf kenni.+ 30  Walakkaa isa Israaʼelotaaf kenname keessaa immoo namoota, loon, harroota, hoolotaa fi beelada akaakuu hundumaa keessaa 50 keessaa tokko fuudhiitii Leewwota+ warra godoo qulqulluu Yihowaa wajjin haala wal qabateen itti gaafatamummaa qaban raawwataniif+ kenni.” 31  Kanaafuu, Musee fi Eleʼazaar lubichi akkuma Yihowaan Musee ajaje ni godhan. 32  Boojuunii fi wantoonni namoonni gara duulaa dhaqan sun saaman kaan walumaa galatti hoolota 675,000, 33  loon 72,000, 34  akkasumas harroota 61,000 turan. 35  Shamarran dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwatanii hin beekne+ walumaa galatti durboota* 32,000 turan. 36  Gaʼee walakkaan namoota gara waraanaa dhaqanii walumaa galatti hoolota 337,500 ture. 37  Hoolota keessaa gibirri Yihowaadhaaf kenname walumaa galatti 675 ture. 38  Loon 36,000 kan turan yeroo taʼu, isaan keessaa gibirri Yihowaadhaaf kenname 72 ture. 39  Harroonni 30,500 kan turan yeroo taʼu, isaan keessaa gibirri Yihowaadhaaf kenname 61 ture. 40  Akkasumas namoonni* 16,000 kan turan yeroo taʼu, isaan keessaa gibirri Yihowaadhaaf kenname namoota* 32 turan. 41  Achiis Museen akkuma Yihowaan isa ajajetti gibira sana buusii Yihowaadhaaf kennamu godhee Eleʼazaar lubichatti ni kenne.+ 42  Walakkaan inni kan Israaʼelotaa, inni Museen gaʼee namoota waraana irratti hirmaatanii turan irraa isaaniif hire kana ture; 43  walakkaan kun hoolota 337,500, 44  loon 36,000, 45  harroota 30,500, 46  akkasumas namoota 16,000 ture. 47  Achiis Museen walakkaa isa Israaʼelotaaf kenname keessaa, namootaa fi horiiwwan keessaa 50 keessaa tokko fuudhee akkuma Yihowaan isa ajajetti Leewwota+ warra godoo qulqulluu Yihowaa wajjin haala wal qabateen itti gaafatamummaa qaban raawwataniif+ ni kenne. 48  Achiis raayyaa waraanaa kumaatama keessaa namoonni muudaman,+ jechuunis ajajjoonni kumaa fi ajajjoonni dhibbaa sun gara Musee dhufanii 49  akkana isaan jedhan: “Nuti tajaajiltoonni kee namoota waraana dhaqanii turanii fi ajaja keenya jala jiran lakkoofneerra; nu keessaa tokko illee hin hirʼanne.+ 50  Kanaafuu, Yihowaa duratti araara akka ittiin argannuuf, tokkoon tokkoon keenya wanta arganne, jechuunis miʼawwan warqii, albuuwwan,* bitawoowwan,* qubeellaawwan chaappaa, lootiiwwanii fi faayawwan kan biroo Yihowaadhaaf kennaa goonee haa dhiheessinu.” 51  Kanaafuu, Musee fi Eleʼazaar lubichi warqicha, jechuunis faayawwan sana hundumaa isaan irraa ni fuudhan. 52  Warqiin ajajjoonni kumaa fi ajajjoonni dhibbaa Yihowaadhaaf buusii godhan hundi walumaa galatti sheeqilii* 16,750 ture. 53  Namoonni raayyaa waraanaa sana keessa turan tokkoon tokkoon isaanii wanta saaman sana irraa gaʼee ofii isaanii fudhatanii turan. 54  Musee fi Eleʼazaar lubichi warqii sana ajajjoota kumaa fi ajajjoota dhibbaa irraa fuudhanii Yihowaa duratti saba Israaʼeliif yaadannoo akka taʼutti gara dunkaana walgaʼiitti fidan.

Miiljaleewwan

Kun jechama duʼa argisiisuuf oolu dha.
Ykn., “buufatawwan dallaa dhagaa.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “cubbuu irraa qulqulleessaa.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuuwwan namootaa.”
Jechuunis, faaya miilaa.
Jechuunis, faaya harkaa.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.