Lakkoofsa 11:1-35

  • Gungummiin Waaqa biraa ibiddi akka buʼu godhe (1-3)

  • Sabichi foon argachuuf booʼe (4-9)

  • Museen gaʼumsa akka hin qabne itti dhagaʼame (10-15)

  • Yihowaan jaarsolii 70f hafuura ni kenne (16-25)

  • Eldaadii fi Meedaad; Iyyaasuun Museedhaaf ni hinaafe (26-30)

  • Simbirroonni ni dhufan; sabichi sassata isaatiif ni adabame (31-35)

11  Yeroo kanatti sabichi Yihowaa duratti akka malee gungumuu jalqabe. Yihowaanis yommuu kana dhagaʼutti aariin isaa ni bobaʼe; ibiddis Yihowaa biraa dhufee isaan irratti bobaʼuu fi qarqara buufatichaatti namoota tokko tokko nyaachuu jalqabe.  Sabichi yommuu gara Museetti iyyuttis, inni Yihowaatti wawwaannaa ni dhiheesse;+ ibiddichis ni dhaame.  Ibiddi Yihowaa biraa dhufe isaan irratti bobaʼee waan tureef, maqaan iddoo sanaa Taaberaa* jedhamee moggaafame.+  Achiis uummanni walitti makamee*+ fi isaan gidduu ture sun fedhii ofittummaa qabu ni ibse;+ Israaʼelonnis akkana jedhanii booʼuu jalqaban: “Foon nyaannu eenyutu nuuf kenna?+  Qurxummiin biyya Gibxii keessatti gatii utuu hin kaffalin nyaachaa turre sun, akkasumas buqqeen dheedhii nyaatamu, habaabiin, qullubbii baaroon, qullubbii diimaanii fi qullubbii adiin sun ija keenya dura deema!+  Amma garuu kunoo, dhumaa jirra. Mannaa kana malee wanta arginu tokko illee hin qabnu.”+  Mannaan+ akka firii dimbilaalaa ture;+ bifti isaas haphee urgaaʼu fakkaata ture.  Sabichis gad baʼee isa funaanee, dhagaa daakuutiin isa daaka yookiin mooyyeetti isa tuma ture. Achiis distiitti isa affeelu yookiin bixxillee godhanii isa tolchu turan;+ dhandhamni isaas akka bixxillee miʼaawaa zayitiidhaan tolfamee ture.  Fixeensi halkan keessa yommuu buufaticha irratti buʼu, mannaan sunis isa irratti ni buʼa ture.+ 10  Museenis sabichi maatii maatiidhaan taʼanii, tokkoon tokkoon isaanii balbala dunkaana isaanii duratti yommuu booʼan ni dhagaʼe. Yeroo kanatti Yihowaan akka malee aare;+ Museenis baayʼee gadde. 11  Achiis Museen Yihowaadhaan akkana jedhe: “Ati tajaajilaa kee kan miitu maaliifi? Si duratti fudhatama kanan dhabee fi baʼaa saba kana hundumaa ana irratti kan feete maaliifi?+ 12  Saba kana hundumaa anatu garaatti baatee? Ati gara biyya abbootii isaaniitiif kennuuf kakattetti+ akkan isaan geessuuf, ‘Akkuma tajaajilaan* tokko daaʼima harma hodhu baatutti, qoma keetti isaan baadhu’ kan naan jettu anatu isaan daʼee? 13  Foon saba kana hundumaatiif kennamu eessaan argadha? Kunoo isaan, ‘Foon nyaannu nuuf kenni!’ jedhanii natti booʼaa jiru. 14  Ani saba kana hundumaa kophaa koo baachuu hin dandaʼu; humna kootii oli dha.+ 15  Ati akkana kan na gootu erga taʼee, maaloo ammuma na ajjeesi.+ Si duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, kana booda rakkina akkan argu hin godhin.” 16  Yihowaanis deebisee Museedhaan akkana jedhe: “Jaarsolii Israaʼel keessaa namoota jaarsolii fi abbootii taayitaa sabichaa+ taʼuu isaanii beektu* 70 walitti naaf qabi; achiis gara dunkaana walgaʼiitti isaan fidiitii sii wajjin achi akka dhaabbatan godhi. 17  Anis gad buʼee+ achitti sii wajjin nan dubbadha;+ hafuura isa si irra jiru irraa muraasa fuudhees+ isaan irra nan kaaʼa; isaanis ati kophaa kee akka hin baanneef, baʼaa sabichaa baachuu irratti si gargaaru.+ 18  Sabichaan immoo akkana jedhi: ‘Isin dhugumaan foon waan nyaattaniif boruuf of qulqulleessaa;+ sababiin isaas isin utuma Yihowaan dhagaʼuu, “Foon nyaannu eenyutu nuuf kenna? Biyya Gibxii keessa yommuu jirru nuuf wayya ture”+ jettanii boossaniittu.+ Yihowaan dhugumaan foon isiniif ni kenna; isinis ni nyaattu.+ 19  Isin kan nyaattan guyyaa tokko yookiin guyyaa 2 yookiin guyyaa 5 yookiin guyyaa 10 yookiin guyyaa 20 miti; 20  kanaa mannaa, isin Yihowaa isa isin gidduu ture waan tuffattaniif, akkasumas “Biyya Gibxii keessaa kan baane maaliifi?” jettanii isa duratti waan boossaniif,+ hamma funyaaniin isin baʼuttii fi hamma isin nuffisiisutti+ jiʼa tokko guutuu ni nyaattu.’” 21  Achiis Museen akkana jedhe: “Sabichi ani gidduu isaatti argamu dhiirota lafoo 600,000+ qaba; ati garuu, ‘Ani foon isaaniif nan kenna; isaanis jiʼa tokko guutuu hamma isaan gaʼu ni nyaatu!’ jetteetta. 22  Utuma bushaayeewwanii* fi loon hundi qalamanii illee isaaniif ni gaʼaa? Yookiin utuma qurxummiin galaanaa hundi qabamee illee isaaniif ni gaʼaa?” 23  Achiis Yihowaan Museedhaan, “Harki Yihowaa gabaabaa dhaa?+ Wanti ani jedhe siif kan raawwatamu taʼuu fi dhiisuu isaa amma argita” jedhe. 24  Kanaafuu, Museen gad baʼee wanta Yihowaan dubbate sabichatti hime. Achiis jaarsolii sabichaa gidduudhaa namoota 70 walitti qabee naannoo dunkaanichaa isaan dhaabbachiise.+ 25  Yihowaanis duumessicha keessaan gad buʼee+ isatti dubbate;+ sana booda hafuura isa irra ture sana irraa muraasa isaa fuudhee+ tokkoon tokkoon jaarsolii 70 sana irra kaaʼe. Hafuurichi akkuma isaan irra buʼeen isaan akka raajotaa taʼuu* jalqaban;+ sana booda garuu akkana hin taane. 26  Yeroo kanatti namoonni lama buufaticha keessa jiru turan. Maqaan isaanii Eldaadii fi Meedaad jedhama ture. Isaan warra maqaan isaanii galmeeffame keessaa waan turaniif hafuurichi isaan irras buʼuu jalqabe; isaan garuu gara dunkaanichaa hin deemne turan. Kanaafuu, isaan buufaticha keessatti akka raajotaa taʼuu jalqaban. 27  Dargaggeessi tokkos fiigee dhufee, “Eldaadii fi Meedaad buufaticha keessatti akka raajotaa taʼaa jiru!” jedhee Museetti hime. 28  Achiis Iyyaasuun+ ilmi Nuun inni ijoollummaa isaatii jalqabee tajaajilaa Musee ture deebisee, “Yaa gooftaa koo Musee, isaan dhowwi!”+ jedhe. 29  Museen garuu, “Ati anaaf hinaaftee? Sabni Yihowaa hundi raajota utuu taʼanii, Yihowaanis hafuura isaa utuu isaan irra buusee nan gammadan ture!” isaan jedhe. 30  Boodas Museen jaarsolii Israaʼelii wajjin gara buufatichaatti deebiʼe. 31  Achiis bubbeen tokko Yihowaa biraa dhufee galaanicha irraa simbirroota* oofee fidee naannoo buufatichaatti akka bubuʼan godhe;+ simbirroonni sun gama tokkoon gara adeemsa guyyaa tokkoo, gama kan biraatiinis gara adeemsa guyyaa tokkoo guutummaa naannoo buufatichaa bubbuʼanii turan; lafa irras gara dhundhuma* lamaa ol tuulamanii turan. 32  Kanaafuu, sabichi guyyaa sana guutuu, halkan sana guutuu fi guyyaa itti aanu guutuu simbirroota sana walitti qabachaa oole. Namni homeerii* kudhanii gad walitti qabate hin jiru ture; isaanis guutummaa naannoo buufatichaatti isaan ni afan. 33  Haa taʼu malee, foonichi alanfatamuu isaa dura, utuma ilkaan isaanii gidduu jiruu aariin Yihowaa sabicha irratti ni bobaʼe; Yihowaanis sabicha gidduudhaa namoota hedduu fixuu jalqabe.+ 34  Isaan namoota fedhii ofittummaa argisiisan+ sana achitti waan awwaalaniif, maqaa iddoo sanaa Qibroot Hataawaa*+ jedhanii moggaasan. 35  Namoonni sun Qibroot Hataawaa irraa kaʼanii gara Hazeroot deemanii achuma Hazeroot keessa ni turan.+

Miiljaleewwan

“Kan Gubatu” jechuu dha; kunis, kan bobaʼu taʼuu isaa argisiisa.
Kun warra Israaʼelota hin taanee fi isaan gidduu jiraatan kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “dhiirri guddiftuu taʼe.”
Ykn., “taʼuun isaanii si biratti beekamu.”
Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.
Ykn., “raajii dubbachuu.”
Simbira xinnoo furdoo taatee fi 18 cm dheerattu. Foon ishii kan nyaatamu.
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Homeeriin tokko 220 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
“Iddoowwan Awwaalchaa Dharraa.”